Hundee Iimaanaa-5ffaa

Offline dubbisuf

Aakhiratti Amanuu-Kutaa 1ffaa

Yoomul Aakhirah (Guyyaa Dhumaa)-jechuun guyyaa Qiyaamaa namoonni du’an qorannoo fi mindaaf itti kaafamaniidha.Aakhira jechuun dhuma ykn xumura wanta tokkoo jechuudha. Guyyaan Qiyaamaa guyyaa Aakhirah jedhamee kan waamameef yommuu warri Jannataa Jannata keessa qubatan, warri ibiddaa ibidda keessa seenan isa booda guyyaan biraa waan hin jirreefi.[1]

Hanga ammaatti hundeewwan iimaanaa afur ilaalle jirra. Guyyaa Qiyaamatti seenun dura mee hariiroo Guyyaan Qiyaamaa hundeewwan imaanaa darban waliin qabu haa ilaallu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran kaayyoo malee hin uumne. Nuti beeknes dhiisnes kaayyoo guddaa itti uumeef qaba. Uumamtoota kanniin keessaa gara ilma namaatti yoo dhufne, ilmi namaa uumama kabajamaa fi kaayyoo guddaaf uumameedha.

Khaaliqni dachii fi samii ilmaan namaa dachii keessa isaan gochuun kaayyoo guddaa tokko akka gahaniif marsaa adda addaa keessa akka darban isaan taasise. Namni kaayyoo ykn galma tokko gahuuf qormaataa fi wanta qormaata darbuuf isa gargaaran barbaachisaa miti ree? Qormaata malee kaayyoo tokko gahuun ni danda’amaa? Rabbiin Beekaa fi Ogeessa ta’e ilmaan namaa qormaata keessa darbuun galma tokko akka gahan murteesse. Mee amma wanti ilmi namaa ittiin qoramuu fi gahuumsa (firii qormaata) isaa haa ilaallu.

1.Qormaata (Ibtilaa’a)

Qormaata jechuun wanta gaarii fi badaa, dadhabaa fi jabaa, kijibaa fi dhugaa addaan baasu fi gingilchuuf wanta namni ittiin qoramuudha. Jireenya tana keessatti qormaanni bifa adda addaa qaba. Rabbiin olta’aan ilmaan namaa kaayyoo uumamaniif galmaan akka gahan karaa adda addaatiin isaan qora. Kaayyoon itti uumamaniif Rabbiin qofa gabbaruudha.Rabbiin ni jedha:

51:56

Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56

Rabbiin gabbaruun galma kan gahuu qormaatanii. Ibaadaa ykn gabbarrii jechuun ajaja Rabbiitti buluu fi wanta Inni dhowwe irraa dhowwamuudha. Jecha biraatin dirqamoota Rabbiin itti nama ajaje bakkaan gahuu (hojjachuu) fi haraama (wantoota dhowwamaa) dhiisudha.

Kanaafu, wanti Rabbiin itti ajajuu fi irraa dhoowwu ilma namaatiif qormaata. Fakkeenyaf, karaa Isaa keessatti qabsaa’utti ni ajaja, zinaa fi wantoota fokkuu irraa immoo ni dhoowwa. Namni wanta itti ajajame hojjate fi wanta irraa dhoowwame dhiise, Rabbiin gabbaraa jiraa jechuudha.

Akkuma barataan daree qormaataa yommuu seenu, jabinnaa fi laafinna isaa ilaaluf fuundura isaa waraqaan qormaataa kaa’amu, ilmaan namaa fuunduras dachii tana keessa qormaanni isaaniif kaa’ame jira. Akka ifa ta’uuf, waraqaa qormaataa akka addunyaa tanaatti haa ilaallu. Gaafilee waraqaa qormaataa irra jiran immoo akka wantoota Rabbiin itti ajajee fi irraa dhoowwu haa ilaallu. Gaafilee waraqaa qormaataa irra jiran keessaa wanta barataan jibbitu jira, akkasumas, kan barataan jaallatutu jira.Haaluma kanaan, wantoota Rabbiin itti ajajuu fi irraa dhoowwu keessa wanta nafseen namaa jaallattu fi jibbitutu jira.

Kanaafu, akkuma waraqaa irra gaafileen adda addaa jiran, dachii tana keessas wantoonni nama qoran baay’etu jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

18:7

Dhugumatti, Nuti isaan irraa eenyutu akka tolchee hojjatu qoruuf waan dachii irra jiru isheef miidhaginna taasifne.” Suuratu Al-Kahf 18:7

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota dachii irra jiran kanneen akka nyaataa dhugaati mi’aawaa, mana, konkolaataa, biqiltoota, warqii, meetii, horii fi kkf hunda dachiif miidhaginna godhe. Kan akkana godheef ilma namaa qoruufi. Kayyoon qormaata kanaas eenyutu hojii gaarii akka hojjatu ifa baasufi. Eenyutu fedhii lubbuu ofii caalaa jaalala Rabbii isaa filataa?

Hiika ibaadaa keessaa kan biraa  “Gabbirrii (ibaada) jechuun maqaa walii-galaa dubbii irraa, hojii keessaa(dhoksaa) fi alaa (ifaa) irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduudha. Hojiin gaariin hojii gaarii kan jedhamu yoo Rabbiif jedhame hojjatamee fi sunnaa Nabiyyii Isaa (SAW) yoo hordofaniidha.

Kanaafu, kaayyoon qormaataa ilmaan namaa gabbarri (ibaadaa) galmaan akka gahaniif. Qormaanni kuni bakka lamatti qoodama. Tokko wanta gaggaarii lubbuun jaallattu, lammaffaa wanta badaa lubbuun jibbituudha. Rabbiin wanta gaggaarii namoonni jaallatan isaaniif kennuun galata(shukrii) isaanii ni qora. Kana jechuun yommuu waan gaarii isaaniif kennu “ni galateefatan moo hin galateefatan” jedhee isaan ilaaluf ni qora. Akka fakkeenyatti Nabii Suleymaaniif Rabbiin beekumsa,qabeenya, aangoo fi mootummaa guddaa kenneef. Garuu Suleymaan maal akka jedhe beektu? Akkana jedhe, “Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta’eedha. Akka ani Isa galateefadhuu moo hin galateefanne na qoruuf [qananii kana naaf kenne].Namni Isa (Rabbiin)galateefate, kan inni galateefatu lubbuma ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha]. Dhugumatti Gooftaan kiyya Dureessa Arjaadha.” (Suuratu Al-Naml27:40)

Yeroo Gooftaan keessan [akkana jechuun] labse [yaadadhu], “Yoo Na galateefattan [qananii Kiyya irraa] isiniifin dabala. Yoo Natti kafartan dhugumatti adabbiin Kiyya akkaan hamaadha.” Suuratu Ibraahim 14:7

Lamaffaa wanta badaa namoonni jibban isaanitti buusun sabrii (obsa) isaanii qora. Rabbiin ni jedha:

2:155

Dhugumatti Nuti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hirdhisuun isin mokkorra (qorra). Warra obsan gammachiisi.” Suuraa Al-Baqaraa2:155 

Obsuun, Rabbiin galateefachuun,yeroo rakkoo fi toltu Isa kadhachuun, gara Isaatti deebi’uun, Isarratti hirkachuun hojii keessaa (qalbii) Rabbiin jaallatuudha. Namni wanta badaan yommuu qoramu, Rabbiin ni kadhata, Isaaf gadi of qaba, Isarratti hirkata. Ammas,yommuu badii dalaguu, gara Rabbii deebi’uun araarama kadhata, adabbii Isaa sodaachuun imimaan dhangalaasa. Kunniin hundi ibaadadha. Kanaafu, osoo qormaanni jiraachu baate silaa kaayyoon namni uumameef galma hin gahuu jechuudha. Fakkeenyaf, wanti badaan namni jibbu osoo addunyaa irra jiraachu baate, silaa namni akkamitti Rabbiin kadhata, Isaaf gadi of qabaa? Akkamitti gara Isaatti fiigun Isarratti hirkataa?

2.Qormaata keessa darbuuf wanta isaan gargaaru

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa qajeelcha malee dirree qormaatatti isaan hin dhiisne. Wantoota qormaata kana keessa darbuuf isaan gargaaran karaa adda addaatin isaaniif qopheesse. Isaan keessaa:

Fedhii isaaniif kennuu– fedhii waan gaarii hojjachuu fi waan badaa irraa of qabu isaan keessatti uumee jira. Rabbiin ilmaan namaa waan gaarii ykn badaa akka hojjatan isaan hin dirqisiisu. Garuu fedhii hojii barbaadan hojjachuu isaan keessatti uumee jira.  Sammuu isaaniif kennuu– waan gaarii fi badaa akka addaan baafatan sammuu (aqlii) isaaniif kennee jira.  Dandeetti isaaniif kennuu– wanta filatan akka hojjatan dandeetti (humna) isaaniif kennee jira. Garuu dandeettin namootaa wal-qixaa miti.

Wantoonni armaan oli sadan wanta uumamaan isaan keessatti uumedha. Wantoonni kunniin gahaa waan hin taaneef wantoota lama isaaniif dabale. Isaaniis, Kitaaboota buusu fi Ergamtoota erguudha.

Kaayyoon namni itti uumameef galma gahuuf wantoonni lamaan kunniin barbaachisodha. Duratti, ibaadaa jechuun dubbiifi hojii keessaa alaa Rabbiin jaallattudha jennee jirra. Dubbii fi hojii Rabbiin jaallattu kan ittiin beekan karaa kitaabotaa fi Ergamtootatiin malee karaa biraatin ta’uu danda’aa? Sammuu fi fedhiin namaa wanta Rabbiin jaallatu hunda beeku danda’aa? Dabalataan, akkuma duratti jenne hiikni ibaadaa biroo wanta Rabbiin itti ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisudha. Wanta Rabbiin itti ajajee fi irraa dhoowwe karaa kitaabotaa fi Ergamtootatiin malee karaa biraatin beekun ni danda’amaa?

Gabaabumatti, wanta Rabbiin jaallatu fi jibbu, wanta adabbitti nama geessu fi badhaasa argamsiisu, kitaabban buusufi ergamtoota erguun ibsee jira. Kuni qormaataa dachii keessatti isaaniif dhiyaate akka darban isaan taasisa.

3.Jazaa (mindaa wanta hojjataa turanii= firii Qormaataa)

Akkuma fakkeenya jalqabaa keessatti kaasne, barataan qorumsa qorame firii qormaataa beeku qabaa miti ree? Haaluma kanaan, ilmaan namaa dachii keessatti qoramaniis firii qormaataa beekun dirqama ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota qoree osoo jazaa (mindaa) isaaniif hin kafalin biyyee ta’anii akkanumatti isaan dhiisaa? Subhaanahallah (Rabbiin kanarraa qulqullaa’e)! Guyyaan namni hundi firii wanta hojjataa turee itti beeku Guyyaa Qiyaamaa jennaan.

Guyyaan Qiyaamaa guyyaa ilmaan namaa hundii bakka itti tursifaman keessaa kaafamuun bakka tokkotti walitti qabamaniidha. Bakki itti tursifamaa turan qabrii (awwaalcha). Bakki itti walitti qabamaan dachii wal-qixxaa’a bu’aa bayii homaatu hin qabneedha.Kaayyoon isaan walitti qabamaniif firii ykn mindaa wanta hojjataa turanii beekun takkaa gara Jannataa takkaa gara Jahannam deemudha. Qur’aana keessatti,

Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati.Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera.Jireenyi duniyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Ali-Imraan 3:185)

Addunyaa tana keessatti mindaa wanta hojjatanii guutumaan guututti argachuun hin danda’amu. Sababni isaas, yeroon qormaataa hin xumuramne. Kana jechuun dhumti addunyaa ykn Guyyaan Qiyaamaa hin dhufne. Yeroon qormaataa yoo xumurame Qiyaamaan ni dhaabbatti, ergasii jazaan(mindaan kafaluun) ni jalqabama. Namoonni Qiyaamatti hin amanne dhugaa kana ni kaadu. Rabbiin ni jedha:

64:7

Isaan kafaran [erga duunee booda] hin kaafamnu jechuun odeessan. Jedhi, “Eeyyen! Gooftaa kiyyatti kakadhe! Dhugumatti isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hundi isinitti himama.Sunis Rabbiin irratti laafadha.” (Suuratu at-Taghaabun 64:7)

Gunduunfaa
➦Ilmaan namaa addunyaa tana keessatti kaayyoo uumamaniif galmaan akka gahaniif qormaata adda addaan qoramu.
➦Kayyoon ilmi namaa itti uumameef Rabbiin qofa gabbaruudha.
➦Rabbiin gabbaruu (ibaadah) jechuun wanta Inni ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisudha. Ammas, hiikni biraa,hojii fi dubbii keessaa alaa irraa wanta Rabbiin jaallatuudha.
➦Kaayyoon ilma namaa irraa barbaadame kuni qormaata malee bakka waan hin geenyef wanta gaarii fi badaan ni qoramu.Fakkeenyaf, qabeenya, ijoollee, dhibee, waraana, hiyyummaa fi kkf qormaata ilmi namaa itti qoramuudha.
➦Wanta gaariin qoramuun galata galchu fi galchu dhiisu isaanii ifa baha. Wanta badaan qoramuun obsi isaanii ifa. Galata galchuu fi obsuun immoo ibaadadha. Kanaafu, osoo wanti gaarii fi badaan jiraachu baate silaa ibaadan lamaan kunniin galma hin gahanii jechuudha.
➦Ilmaan namaa qormaata kana darbuuf wanta isaan gargaaran Rabbiin (SW) isaaniif qopheessee jira.
➦Fedhii, sammuu fi dandeetti isaaniif kenne.Qormaanni maal akka ta’e, adabbiin nama qormaata kufee, badhaasni nama qormaata darbee maal akka ta’ee fi akkamitti akka darban kitaabban buusu fi Ergamtoota erguun ibsee jira.
➦Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa qoree akkunamatti waan hin dhiifneef guyyaa firii qormaata isaanii itti beekan qaxaree (beellamee) jira. Guyyaan kunis Guyyaa Qiyaamati.
➦Namoonni Guyyaa Qiyaamaa wanta hojjataa turan takka takkaan erga isaanitti himamee booda, jazaan (mindaan ykn adabbiin) isaaniif kafalama.
➦Namni amanee fi hojii gaarii hojjataa ture garaJanataa, namni kafaree immoo gara Jahannam deema. Kuni gahuumsa ilma namaa isa dhumaati. 

Kitaabban wabii:
[1]Sharih Usuuli salaasa Fuula 100 Ibn Useymiin 
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 509-517 
al-ubudiyata Fuula 6

Aakhiratti amanuu-kutaa 2ffaa
Firii Ergamtootatti Amanuu
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.