Ibsaa Jireenyaa-lakk.8

Offline dubbisuf

Yeroo Akkamitti saganteessu dandeenyaa?
Saganteessu (scheduling) jechuun hojii hojjataniif sa’aati qoodudha. Muxannoo irraa wanti yeroo kiyya baay’ee naaf qusate keessaa tokko yeroo saganteessudha. Guyyaa yeroo hin saganteessine, yeroon kiyyaa ni qisaasa’a. Osoo firii gaarii hin buusinii fi jeeqame oola. Dhugumatti yeroo saganteessun faaydaa hangana hin jedhamne qaba. Tolee yeroo akkamitti saganteessu dandeenyaa? Haala kanaan saganteesun ni danda’ama:


1. Yeroo galgala rafuuf deeman wanta borumtaa hojjatan saganteessu- kana gochuuf waraqaa ykn Google Calander irratti barreessun ni danda’ama.
2. Wanta saganteessan guutumaan guututti hojjachuu baatanis hanga danda’ame hojii irra oolchuf tattaafachu- wanti hadhaawan yeroo saganteessu keessatti na muudate keessaa tokko “guyyaa guyyaan wanta saganteesse hojii irra oolchudha.” Torbaan tokkof wanta saganteesse hojii irra oolchuf nan tattaafadhe. Hadhaa kana cininadhee liqimse. Ergasii torbaan itti aaanu naaf salphate. Yeroo sanitti kaayyon kiyya wanta saganteesse dhibbaan dhibbatti hoji irra oolchu osoo hin ta’in xiqqaate xiqqaatu parsanti (harka) 50 hojii irra oolchudha.
3. Guyyaa guyyaan saganteessun yoo nama jibbisiisee, guyyaa keessaa sa’aati muraasa saganteessu- Fakkeeyaf, barataan barnoota hanga sa’aati 7:00 kan qabu yoo ta’e,mana barnootatti akkuma deebi’een sa’aati 7:00 irraa eegalee hanga galgalaa sa’aati rafuu saganteessu danda’a. Kuni yeroo isaa ni qusata, bu’a qabeessa ta’a.
4. Ammas kana yoo dadhabe, torbaan itti aanu keessa maal hojjachuu akka qabu karoorsu danda’a. Garuu xiqqaatus guddattus guyya guyyaan yeroo saganteessun, bu’aa gaarii akka buusan nama taasisa. Yeroo yommuu saganteessan dhiibban dhiibbatti wanta san hojjachu qaba jedhanii of dhiphisu osoo hin ta’in hanga danda’an hojjachuudha. Sa’aati saganteesse keessatti wanti barbaachisaan isa yoo qunname, wanta saganteesse dhiisee wanta barbaachisaa san hojjata. Fakkeenyaf, haadha abbaan wanta gaarii akka hojjatuuf yoo isa ergatan, isaaniif tole jechuu qaba. Ergasi sagantaa ofiitti deebi’u danda’a.
5. Hojii saganteessan bakka saditti qoodu-isaanis: hojii addunyaa, ibaadaa fi boqonnaa.Sa’aati tokkoof erga hojjatani booda daqiiqaa 15-30f boqonnaa fudhachuun baay’ee nama fayyada.

GOWWOOMSU fi GOWWOOMU
Jireenya keessatti namoonni karaa adda addaatin wal-gowwoomsu. Gowwoomsu jechuun tooftaa adda addaatti fayyadamuun faayda dhuunfaa nama tokko irraa erga argatanii booda nama san rakkoof saaxiluudha. Yeroo ammaa amanamummaan bade kanatti dubartii fi dhiirri garmalee wal gowwoomsu. Keessattu dubartoonni miidhaa guddaaf saaxilamaa jiru. Karaalee gurguddaa dubartoonni rakkoof saaxilaman bakka lamatti qoodun ni danda’ama.Isaanis:  1- Shawha (fedhii foonii) fi 2) Maallaqa
Tarii dubartiin takka nama tokko ni jaallatti ykn dhiirri tokko ishii ni jaallata. Ergasii yoo of hin too’atin suuta suutan gara baditti gahuu. Dhiirri kuni Rabbiin yoo hin sodaatin haajaa ofii erga fixate booda, ishii dhiise biraa deema. Ergasii ishiin rakkoo hangana hin jedhamne dhandhamti. Furmaanni kanaa maalii?
FURMAATA 1FFAA Haala nama sanii qorachuu- dubartiin takka dhiira tokko yoo jaallatte ykn inni ishii yoo jaallate, haala isaa ilaalu qabdi. “Namni kuni fuudhaa heerumaaf na ta’a moo hin ta’u? Amalli (akhlaaqni) isaa akkami? Itti gaafatamummaa fudhachu danda’aa? Salaata sirnaan salaataa? fi kkf ” jechuun of gaafachu dandeessi. Dabalataan, dhiirri suni fuudhaf ammatti qophii yoo hin ta’in, hanga fuudhaf gahu obsuu fi hariiroo haraamaa uumu dhiisu. Dubartoonni gariin jarjaruun dhiira san waliin hariiroo haraamaa uumun waxmadii keessaa hin baanetti seenu. Kana irra hadhaa obsaa liqimsanii obsuun furmaata hunda caaludha.
2. Maallaqaan- yeroo baay’ee kuni dhimma 1ffaa waliin kan walqabateedha. Fakkeenyaf, dubartiin biyya Arabaa deemtee hojii hojjatti. Maallaqa argattu kana kuufachu dhiifte dhiira biyya keessatti jaallatte sanitti ergiti. Ajjireenis maallaqa ishii caati fi wantoota adda addaa irratti fixa. Ergasii dubartiin tuni harka qullatti hafti. FURMAATA 2FFAA: Maallaqa ofii kuufachu fi nama amantu qofatti kennu qabdi.

Jireenya keessatti amala lama qabaadhu. Isaanis:Haqa fudhachuu fi obsuu. Haqa itti amananii fudhachuun shakkii fi jeequmsa irraa nama tiiksa, ofii fi namoota miidhu irraa nama eega. Obsuun immoo wanta haqni namaan jedhu yeroo booda akka argan nama taasisa. Fakkeenyaf, namni tokko osoo akkana nuun jedhe, “Namoonni zollomaman (hacucaman) guyyaa tokko bilisummaa ykn haqa ni argatu.” Seenaa fi muxannoo irraa ilaalle kuni haqa akka ta’etti yoo fudhanne, hanga bilisummaan argamu obsu qabna. Garuu fuggisoo kanaa, namoonni hacucaman gonkumaa bilisummaa ykn haqa hin argatan jennee yoo hacuucne, miidhaa (adabbii) guddaa addunyaa fi aakhiratti dhandhamna. Ammas, namoota dadhaboo haa ilaallu. Namoonni humna qaban yommuu namoota dadhaboo miidhan dhumti cunqursitoota badaadha. Tarii cunqursitoonni kunniin addunyaa irratti osoo hin adabamin du’uu danda’u. Garuu Aakhiratti adabbiin isaanii cimaadha. Kanaafi, Aakhiratti amanuu fi haqa guyyaa san adeemsifamu fudhachuun, nama tasgabbeessa. Hanga Aakhiraan dhuftu obsuun immoo haqa san ijaan akka argan ykn dhandhaman nama taasisa.

Qalbiin Dubartii Yommuu Cabduu
Jireenya dubartii keessatti wanti guddaan ishii yaaddessu keessaa tokko “Abbaa Manaa Gaarii argachuudha.” Yoomuma hiriyyaa jireenyaa kan ta’e dhiirsa gaarii argadhe jireenya gaarii gaggeessa jechuun yaaddi. Garuu wanti yaaddo kana caalu”Namni fuudhaf ishitti dhufee yommuu isatti heerumu didduudha.” Namni gaarii wayi ishitti dhufee yoo isatti heerumu didde, san booda yoo nama gaarii biraa dhabde, gaabbi fi yaaddo cimaa keessa seenti. Kanaafu, furmaanni kanaa maali? Akkamitti dhiphinnaa fi yaaddoo ofii hir’isuu dandeessi. Akka furmaatatti qabxiilee armaan gadii tarreessun ni danda’ama:
1- Amala gaariin of faayu– amala gaariin of faayu jechuun gubbaa qofa of bareechisu osoo hin ta’in qalbii ofii qulqulleessudha. Ati Rabbiif dhugaa (sincere) ta’i argamii, Rabbiin Olta’aan wanta gaarii ati hin yaanne siif kennaati. Rabbiif dhugaa ta’uu jechuun ifaa fi dhoksatti Isa sodaachudha. Gadaa Umar ibn Al-Khaxxaab keessa dubartiin takka aannan gurguraa turte. Gaafa tokko dubartiin tuni dhoksaan aananitti bishaan dabalu barbaadde. Ergasi intalli ishii akkana jetten, “Aananitti bishaan hin dabalin, Umar ni dhoowwaa.” Haatis ni jette,”Umar waan as hin jirreef nu hin argu.” Intallis ni jette, “Umar nu arguu baatus Rabbiin nu arga.” Umar tasa haasawa isaanii kana ni dhagahe. Ergasii taqwa intala tanaa ajaa’ibsiifachuun ilma isaatti heerumsise. Kunoo intalli yoo akkana taate, kabajaa fi ulfinna argatti. (Seenaa kana daa’iwwan baay’een ni haasawu-Beekkama waan ta’eef madda isaa asitti hin dhiyeessine)
2- Abdii kutuu dhiisu– Tarii namni gaariin yeroo darbe si kadhate suni har’a fuudhun jireenya gaarii jiraachu danda’a. Ati kana ilaalun yaaddawu fi gaabbu dandeessa. Garuu wanta darbeef hin yaaddawin, Rabbiin irratti hirkadhu. Abdii kutuun amala mu’iminaa waan hin taanef, gonkumaa abdii hin kutin. Dubartoonni gariin abdi kutuun baditti seenu danda’u. Kuni yaaddo biraa malee wanta biraa hin fidu. Obsuu fi abdi qabaachun wanta yaadan akka argatan nama taasisa. “Man sabara zafara (namni obse injifate)” jette Arabni.
3- Du’aayi gochuu-“Yaa Rabbii nama addunyaa, amantii fi Aakhiraa tiyyaaf ta’uu naaf kenni.” jedhanii du’aayi gochuun yaaddo fi gaabbi ni hir’isa.
4- Iimaana dabalachuu– Akkuma iimaanni namaaf dabalaa adeemun, yaaddo fi sodaan isa/ishiirraa hir’ataa adeema. Namni yoo dhugaan amanee fi hojii gaggaarii hojjate,wanta darbeef hin gaddu wanta dhufuufis hin sodaatu. Eeti, yeroo tokko tokko gaddi fi sodaan nama qunnama. Kuni immoo qormaata waan ta’eef obsu barbaachisa.

“Wanta gaarii barbaadan irratti obsuun aasxaa injifannooti, qormaata irratti obsuun aasxaa rakkoo keessaa bahuuti.” Namni galma tokko gahuuf ni carraaqa. Carraaqqi ykn qabsoo isaa kana keessatti obsa qabaachun mallattoo injifannooti. Akkasumas, namni yommuu qormaanni fi balaan adda addaa itti bu’u obsu, dhiyootti karaa bahiinsaa ni argata.

Ibsaa Jireenyaa-lakk.9
Ibsaa Jireenyaa-Lakk.7
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.