Ibsaa Jireenyaa-lakk.9

Offline dubbisuf

Iimaanni akkamitti dabala, Akkamitti hir’ataa?
Akka lugaa Arabiffaatti iimaana jechuun tasdiiq (dhugoomsu) fi iqraar(mirkaneessudha). Akka shari’aatti immoo iimaana jechuun qalbiin amanuu fi wanta qalbii keessa jiru dubbii fi hojiin dhugoomsudha. Kanaafu,  iimaanni hojii fi dubbii of keessatti hammata. Hojii gaarii hojjachuun ni dabala, hojii badaa hojjachuun ni hir’ata. Akkamitti? Kana hubachuuf “hojii” fi “dubbiin” maal akka ta’an haa ilaallu. Hojii fi dubbii bakka shanitti qoodu dandeenya.


1. Dubbii qalbii- kuni dhugoomsu fi yaqiina (shakkii tokko malee dhugaan amanuu) of keessatti hammata. Fakkeenyaf, Tokkichummaa Rabbitti amanuu, Guyyaa Qiyaamatti amanuu.
2. Dubbii arrabaa-Kuni shahaadateyn dubbachuudha. “Ashahadu an laa ilaah illaAllah wa ashahadu anna Muhammadan Rasulullah” jechuun labsuu. Hiikni isaa, “Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa nan baha.” 
3.Hojii qalbii-Kuni immoo niyyaa, iklaasa, jaalala, gara Rabbii deebi’u fi Isaaf buluu, Isarratti hirkachuu, obsuu, galata galchuu, Isa sodachuu fi kkf of keessaa qaba. 
4. Hojii arrabaa- Kuni hojii arrabaan malee wanta biraatin bakka gahuu kan hin danda’amneedha. Kanneen akka Qur’aana qara’u, zikrii fi kkf.
5. Hojii qaamaa-kuni hojii qaaman malee wanta biraatin hojjatamu kan hin dandeenyedha. Kanneen akka ruku’a bu’uu, sujuuda, gara Masjiidaa deemu, hajjii deemu, karaa Rabbii irratti qabsaa’u fi kkf.

Kanaafu imaanni wantoota shanan armaan oli waan of keessatti qabatuuf akka dabaluuf ykn hir’atuuf sababni yoo argame, ni dabala yookiin ni hir’ata. Fakkeenyaf, namni tokko beekumsa sirrii yoo barbaade, dubbii fi hojiin qalbii ni dabalamaaf. Kana jechuun yaqiinni fi sodaan ykn tawakkulni ni dabalamaaf. Kanaan wal qabatee hojiin arrabaa fi qaamaa ni dabalu. Fakkeenyaf salaata sirnaan salaata. Haala kanaan iimaanni isaa ni dabala. Faallaa kanaa badii yoo hojjate, dubbii fi hojiin qalbii ni hir’ata. Yaqiinni qalbii keessa jiru ni dadhaba. Akkasumas, arrabaa fi qaaman hojii gaarii hojjachuun ni hir’ata. Fakkeenyaf,salaata irraa duubatti harkifata. Haala kanaan iimaanni hir’ate jedhama.
Kitaaba wabiiZiyaadatu İmaanii wa nuqsaanihi-fuula 37-40, Abdurazzaq bin AbdulMuhsin Badri 

Balleessa wayii yommuu raawwattu ykn namaan wal-loltu maal gootaa?
Namni yommuu waa balleessu ykn namaan wal-lolu keessi isa/ishii ni jeeqama. Halkan hirriba malee bula, guyyaa sammuun isaa jeeqamaa oola. Kanaafu falli maali?
A. Wanti ati balleessite ykn badiin ati hojjatte, namoonni kan hin argine yoo ta’e, waa lama hojjachuu dandeessa.
1ffaa-gara salaata fiigun raka’a lama kushu’aan ykn sirnaan salaati. Ergasii hidda onnee jalaa Rabbiin irraa araarama kadhadhu. “Yaa Rabbii! lubbuu tiyya miidhe naaf araarami; balleessa kiyya naaf haguugi.” jechuu dandeessa.
2ffaa-harkaan, arrabaan ykn sammuun waan gaarii hojjachu dandeessa. Fakkeenyaf, sadaqaa kennu, waan gaaritti namoota ajaju fi waan badaa irraa dhoowwu, zikrii gochuu fi kkf.
B. Balleessan ati hojjatte haqa namootatiin kan wal-qabatu yoo ta’e, kanas karaa lamaan furuun ni danda’ama.
1ffaa– qabeenya isaanii jalaa fudhachuun yoo ta’e, qabeenya san dhoksaanis ta’i ifaan ifatti isaaniif deebisu. Qabeenyi suni yoo bade ykn namoonni naannoo sani yoo deemanii fi isaan argachuu yoo kan hin danda’amne ta’e, qabeenya san ykn gatii qabeenya sani tilmaamanii sadaqaa kennu.
2ffaa– kabaja isaanitiin kan wal qabatu yoo ta’e, takkaa dhiifama isaan gaafachu takkaa immoo du’aayi isaaniif gochuu fi bakka isaan hin jirretti maqaa gaariin kaasudha. Fakkeenyaf, nama tokko yoo hamanne fi ergasii dhiifame yoo gaafanne, kan nutti mufatu fi hariiroo kan addaan kutu yoo ta’e, karaan gaariin araarama Rabbiin irraa isaaf kadhachuudha. Fkn, “Yaa Rabbii eebaluuf araarami.” jechuu. Ammas, ifaan ifatt kan wal-arrabsinuu fi walitti mufannu yoo taane,dhiifama wal gaafachu fi irra walii darbuu dandeenya. Yoo dogongortee isa/ishii irratti daangaa darbite,”Anatu dogongore dhiifama naaf godhi.” jechuu hin sodaatin. Akkasumas, namni tokko dhiifama yommuu si gaafatu dhiifama godhiif qalbiin tee tasgabbii argattiiti.

Guyyaan ati hirribaa gaarii itti raftuu fi tasgabbii itti argattu guyyaa badii irraa dheessitee fi hojii gaarii hojjachaa ooltedha. Akkasi miti ree? Halkan hirribaa gaarii yoo dhabde, sababni guddaan badii fi cubbuu akka ta’e hin dagatin.

SUNTURUU fi DIRIIRUU Qalbii
Qalbiin ilma namaa tuni amala sunturuu fi diriiru qabdi. Sunturuu yommuu jennu walitti kontonfachuu fi dhiphachuudha. Diriruun immoo faallaa kanaati. Qalbiin ni sunturtii yommuu jennu dhiphachuu, jeeqamuu, shakkuu fi hurriin (dhama’iinsi) itti bu’uudha. Ni diriirti yommuu jennu immoo gammachu, nageenya fi tasgabbii argachuudha. Hundii keenya miironni kunniin nutti dhagahamu. Tolee, yommuu qalbiin teenya sunturtu maal goonaa? Furmaata kanaa tarreessun dura sababa qalbiin akka sunturtu taasisan beekun qoricha salphatti akka argatan nama taasisa. Sababoonni qalbiin akka sunturtu taasisan kanniini:
(1) badii raawwachuu,
(2) hojii gaggaarii hojjachuu dhiisu
(3) gaflaa (daguu) keessa ta’uu
(4) Boqonnaa malee yeroo hundaa hojii tokko hojjachuu.
(5) nyaata, dhugaati, namootan walitti makamuu baay’isuu, (6) waanyu,jibbuu, dallanuu fi kkf

Furmaanni immoo:
(1)-Hojii badaa irraa buqqa’uu
2- Salaata sirnaan salaatu fi Istighfaara (araarama Rabbiin irraa kadhachuu) baay’isuu
3- Boqonnaa fudhachuu- fakkeenyaf jabeenya qaamaa hojjachuu, rafuu,
4- hojii gaggaarii gosa garagaraa addunyaa fi Aakhiratti nama fayyadu jijjiranii hojjachuu.
5- Sheyxaana Rabbitti maganfachuu fi obsuu- Sheyxaanni nama gadduu yommuu argu wanta badaa qalbii isaatti darbuun akka abdii kutuu fi baditti lixu isa taasisa. Yeroo kanatti sheyxaana Rabbitti maganfachuu fi obsuun furmaata hunda caaludha.

Namni qabeenya qisaasessu, liqatti seena. Namni liqatti seene immoo namaaf gabra ta’a.” Fakkeenyaf, namni ji’atti mindaa qarshii 4000 argatu yoo sirnaan itti hin fayyadamiin liqatti seena. Qarshii tana ofii fi maatii isaa irratti sirnaan baasu dhiisee caati, sigaaraa,uffataa fi nyaata baay’ee bitu, fi amaloota fafee biroo irratti yoo baase, liqatti tara. Namni liqatti yoo seene akkuma nama isaaf liqeesse san arguun,qalbiin isaa ni dhiphatti. Namni suni isatti taphata. Kanaafu, liqaadhaan dhiphatanii jiraachu irra qabeenya qaban sirnaan itti fayyadamuun gamnummaadha. 

Ibsaa Jireenyaa-Lakk.10
Ibsaa Jireenyaa-lakk.8
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.