Aakhiratti amanuu-kutaa 3ffaa

Offline dubbisuf

Dhalli namaa guyyaa guyyaan ni du’u, akkasumas, ni dhalatu. Namoonni dhibbaatamatti lakkaawaman gara addunyaa yommuu dhufan, namoonni biroo immoo bakka isaanii gadi furuun gara Barzakh godaanu. Barzakh jechuun maal jechuudhaa? Barzakh jechuun wanta addunyaa tanaa fi Qiyaamaa jidduu jiruudha. Akka lugaatti barzakh jechuun girdoo (cufaa) wantoota lama addaan baasudha. Kanaafu, namoonni erga du’anii booda qabrii (awwaalcha) keessatti awwaalamu. Qabriin tuni barzakh isaaniif taati. Hanga Qiyaamaan dhaabbattu namoonni du’an gara addunyaa akka hin deebine isaan dhoowwiti. Qur’aana keessatti waa’ee barzakha akkana jechuun dubbata:

“Yeroo tokkoon isaaniitti duuti dhuftu ni jedha, “Gooftaa kiyya! Na deebisi. Waaniin dhiise keessatti hojii gaarii hojjachuun kajeela.” Lakki! Ishiin kuni jecha inni jedhu qofa. Hanga guyyaa kaafamaniitti isaan duuba barzakha (cufaatu) jira.” Suuratu Al-Mu’minuun23:99-100

Kana jechuun nama daangaa darbee fi Rabbiif ajajamuu dide yommuu duuti isatti/ishitti dhuftu, akkana jedha,“Rabbii kiyya gara addunyaa na deebisi. Hojii gaggaarii duraan hojjachuu dhiise hojjadhaati.” Rabbiinis ni jedha, “Lakki!” Kana jechuun gara addunyaa deebi’uun hin jiru. Jechi inni “Rabbii kiyya na deebisi” jedhu kuni, jecha inni arrabaan jedhu qofa, faayda homaatu hin qabdu. Gaabbi fi gadda malee homaa hin dabaltuuf. Hanga qiyaamaan dhaabbattu isaan duubaa fi fuundura barzakha jira. Barzakh kana keessa tursifamu. Barzakha kana keessatti gariin ni qanani’u, gariin ni azzabamu (ni adabamu). 654

Du’aan booda wantoota taasifaminitti amanuun wanta Aakhiratti amanuun wal qabatuudha. Ilmaan namaa hunduu ni du’u. Kuni Murtii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa murteessedha. Garuu hanga Qiyaamaan dhaabbattu qabrii (awwaalcha) keessa ni tursifamu. Yeroo qabrii keessa turan adabbii ykn qananii wayii ni dhandhamu. Adabbii Kanaan azaabul qabr jennaan. Qananiin immoo ni’matul qabr jennaan. Namni adabamuun ykn qananii dhandhamuun dura fitnaan (qormaanni) isa qunnama. Mee amma sadan kanniin haala armaan gadiitiin haa ilaallu:

1-Fitnatul qabr (qormaata qabrii)

kuni namni erga awwaalameen booda gaafi malaykoonni gaafataniidha.“Man Rabbuka (Gooftaan kee eenyu)?, Maa diinuka (Amantiin kee maaliidha)?, Namticha isin keessatti ergamee ilaalchise maal jettaa?” Jechuun isa gaafatu. Rabbiin namoota amananii fi hojii gaggaarii hojjataa turan ni jabeessa. Gooftaan kiyyaa Rabbii (Allah) dha, amantiin kiyya Islaama, Nabiyyiin kiyya Muhammad (SAW) jedha. Kaafirri, “Haa haa! Laa adrii (Haa, haa hin beeku)” Munaafiqa ykn nama shakkuu yoo ta’e immoo: Hin beeku, namoonni wanta tokko kan jedhan dhagahe,anis ni jedhe.

2-Azaabul Qabr (Adabbii qabrii)

Kuni adabbii kaafirootaa fi munaafiqoota irraa zaalimootaaf ta’uudha. Rabbiin ni jedha:

Yeroo miidhaa hojjattoonni (zaalimoonni) haguuggi du’aa keessa ta’anii malaykoonni harka isaanii diriirsuun “Lubbuu keessan baasaa; Rabbiin irratti dhugaan ala wanta biraa waan dubbataa turtanii fi keeyyattoota isaa irraa [waan] boonaa turtaniif har’a jazaan keessan adabbii salphisaa ta’a.” jedhan osoo argite, [wanta rifachiisaa argitaa turte].” Suuratu Al-An’aam 6:93

Kana jechuun machaa fi rakkoon du’aa zaalimootatti yommuu dhuftu, malaaykonni harka isaanii diriirsuun rukuttaa cimaa rukutu. Akkuma malaykota kanniin ijaan hin agarre, yommuu nama kana rukutaniis hin agarru. Kuni wanta geeybi (ijaan hin mul’anneeti). Rukuttaa cimaa rukutaa “Lubbuu keessan baasaa; Rabbiin irratti dhugaan ala wanta biraa waan dubbataa turtanii fi keeyyattoota isaa irraa [waan] boonaa turtaniif har’a jazaan keessan adabbii salphisaa ta’a.” jedhuun. Zaalimooni kunniin, “Rabbiin ilma qaba; wanta akka Rabbiin buuse anillee nan buusa” jechuun Rabbiin irratti dhugaan ala kijiba dubbataa turan. Ammas, keeyyattoota fi Ergamtoota Isaatti ni boonan. Kana jechuun itti hin bulan, hin masakamaniif. (295) ibn-kasiir 3/302

Kuni raga cimaa adabbii qabrii agarsiisudha. Adabbiin qabrii qabrii qofa keessatti osoo hin ta’in, battalaa du’aa irraa jalqabuun qabrii keessattis hanga Rabbiin fedhetti adabbii itti fufuudha. Ragaan lammataa adabbii qabrii agarsiisu, waa’ee Fira’awn fi hordoftoota isaa ilaalchisee Rabbiin akkana jedha:

40:46

“Ibidda ganamaa fi galgala ishii irratti fidamantu [isaan marsee]. Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, “Ummata Fira’awna adabbii akkaan cimaa seensisaa.” [jedhama].” Suuratu Ghaafir 40:46

Ruuhin ykn nafseen isaanii ibidda irratti fidamuun ni azzabamti (ni adabamti). Guyyaa Qiyaamaa ruuhi fi qaamni walitti seenun, “Ummata Fira’awna adabbii akkaan cimaa seensisaa.” Jedhama.

Ammas, Hadiisa sahiih ta’an keessatti azaaba qabrii Ergamaan Rabbii (SAW) ni dubbatu.
Zayd ibn Saabit akkana jedha, “Ganda Bani Najjaar keessa Ergamaan Rabbii (SAW) gaangee yaabbatanii osoo deemanu gaangeen isaan utaalun kufisutti yommuu dhiyaattu nuti isa waliin turre. Ganda san keessatti qabrii jaha, shan ykn afur arge. Ergamaan Rabbis (SAW) ni jedhan, “Namoota qabriwwan tanniin keessatti awwaalaman eenyutu beekaa?” Namtichi tokko ni jedhe, “Ana” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “Isaan kun yoom du’an?” Innis ni jedhe, “Osoo Rabbiin waliin wanta biraa gabbaranuu du’an.” Ergamaan Rabbis ni jedhan, “Namoonni kunniin qabrii isaanii keessatti qoramaa jiru. Sababa azaaba qabrii dhagahuun wal awwaalu kan hin dhiisne osoo ta’ee, silaa azaaba qabrii ani dhagahu akka isin dhageessisu Rabbiin nan kadhaa ture.” Ergasi fuula isaatin nutti garagalee akkana jedhe, “Azaaba qabrii irraa Rabbiin tiikfamaa.” Isaanis ni jedhan,“Azaaba qabrii irraa Rabbiin tiikfamna.” Innis ni jedhe, “Fitnaa irraa waan ifa bahee fi waan dhokataa Rabbiin tiikfamaa.” Isaanis ni jedhan, “Fitnaa (qormaata cimaa) irraa waan ifa bahee fi waan dhokataa Rabbiin tiikfamna.” Innis ni jedhe, “Fitnaa Dajjaal irraa Rabbiin tiikfamaa.”  Isaanis, “Fitnaa Dajjaal irraa Rabbiin tiikfamna.” Jedhan.” SahiihMuslim 2867

Dabalaatan Hadiisni biraa azaaba qabrii ni mirkaneessa: Ibn Abbaas akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) qabriiwwan lama bira darban. Ergamaa Rabbii (SAW) ni jedhan, “Isaan lamaan kunniin azzabamaa jiru, [dhiisuf] wanta guddaaf kan azzabamanii miti. Tokkoffaan jettee jettee ol gadiin deema, lamaffaan, fincaan irraa of hin eegu.” Sahiih Al-Bukhaari fi Sahiih Muslim

3- Qananii qabrii

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota dhugaan amanan yommuu du’aan akkana jechuun isaan gammachiisa:

41:30

“Dhugumatti, isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, [yeroo isaan du’an] Malaaykonni isaan irratti bubbu’uun “Hin sodaatinaa, hin gaddinaas; Jannata waadaa isiniif galameen gammadaa.” [jedhuun]” suuratu al-Fussilat 41:30

Ammas, haala nama du’uu fi du’aan booda wanta isa eeggatu haala armaan gadiitin ibsa:

Yeroo [nafseen] kokkee geessu,[maaliif hin deebifnee?]
Yeroo san isin kan ilaaltan taatanii osoo jirtanuu
Isin hin argitanii malee Nuti isin caalaa gara isaatti dhiyoodha.
Yoo [kaafamtanii] kan galata hin galfamne taatan [nafsee san deebisaa]
Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebifnee?” SuuratuAl-Waaqi’a 56:83-87

Kana jechuun yeroo namni tokko du’u yommuu nafseen bahuuf kokkee geessu, isin osoo ilaaltanii fi bira jirtanuu maaliif nafsee san qaama keessatti hin deebisnee?  “Nuti Guyyaa Qiyaamaa hin kaafamnu, hin qoratamnu, hin mindeefamnu” jettanii kan yaaddan yoo taatan, nafsee tana maaliif hin deebifnee? Hiikni isaa “Gooftaa Guyyaa Qiyaamaa isin kaasee isin qoratu fi jazaa (mindaa ykn adabbii) isiniif kafalu itti amanuu yoo diddan, nafsee tana maaliif hin deebisne? Yoo kan hin deebisne ta’e, dhimmi harka keessan osoo hin ta’in harka Rabbii akka jiru beekaa. Akkuma nafsee teessan baasu, Guyyaa Qiyaamas qaamatti akka deebisu beekaa. (1394)

Namni “Kan na too’atu, na ajjeesu, na kaasu hin jiru” jedhee kan yaadu yoo ta’e, mee yeroo duuti itti dhuftu san nafsee ofii qaamatti haa deebisu. Gonkumaa deebisu hin danda’u. Kanaafu, Kan isa too’atu, ajjeessu, kaasu, ajaju fi dhoowwu jiraachu qabu. Innis Rabbii olta’aadha. Yeroo fedhetti ni ajjeessa, yeroo fedhetti ni kaasa. Kanaafu, namni Rabbii isa uumee isa ajjeessu, Guyyaa Qiyaamaas isa kaasuf haa ajajamu. 
Yeroo duuti dhuftu namoonni bakka saditti qoodamu:

Yoo namni du’u suni namoota Rabbitti dhiyeefaman irraa ta’e
[Isaaf] haara galfii, gammachuu fi Jannata qananiitu jira.
Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo
Warra mirgaa irraa waan taateef nageenyi siif haa ta’u.” [isaan jedhama].
Yoo [namni du’u] sobsiftoota jallattoota irraa ta’e immoo
[Isaaf] affeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira.
Jahiim (Ibidda) seenutu isaaf jira.
Dhugumatti inni kuni haqa mirkanaa’adha.” Suuratu Al-Waaqi’a56:88-95

Guduunfaa
➡Ilmi namaa dur irraa kaasee hanga guyyaa qiyaamatti dhalachuu fi du’uu itti fufu.
➡Namni erga du’ee Barzakh seena. Barzakh jechuun girdoo ykn cufaa addunyaa tanaa fi Qiyaamaa addaan baasudha.
➡”Dur irraa kaase namni du’e tokkochu hin deebine. Kanaafu, Qiyaaman hin jirtu.” warra jedhaniif kuni deebii gahaa ta’aaf. Namni Barzakh keessa seennan hanga Guyyaa Qiyaamaa addunyaa tanatti hin deebi’u. Kuni murtii Rabbiin murteessedha. Osoo addunyaa tanatti kan deebi’an ta’e silaa dachiin tuni isaan hin geessu. 
➡Yommuu Qiyaamaan dhaabbattu dachii keessaa falafalamanii ol yaa’u.
➡Namni qabrii keessatti awwaalamee dhiise, galaana keessatti bade, bineensi isa nyaatee, azaabni ykn qananiin qabrii isa qunnama. Azabul qabr ykn ni’matul qabr kan jedhameef namoonni du’an irra caalaan qabrii keessatti waan awwaalamaniifi.
➡Qabrii keessatti qananiin ykn adabbiin kuni ruuhi fi qaama isaa ni dhaqqaba. Ruuhin (nafseen) erga qaaman addaan baate booda tan qananiifamtu ykn azzabamtu taate ni turti. Garuu yeroo garii ruuhin qaaman wal qunnamuun qananiin ykn adabbiin isaan lamaanu dhaqqabu danda’a. Guyyaa Qiyaamaa guutumaan guututti ruuhin gara qaamaa deebi’uun qabrii keessaa kaafamu. [2]
➡Namni qabrii keessatti yommuu adabamuu ilmi namaa arguu fi dhagahu hin danda’u.
➡Rabbiin sababa garagaraatif namoota irraa adabbii qabrii dhokse. Isaan keessaa;
(A) Osoo namoonni adabbii kana dhagahanii silaa naasu fi sodaa irraa kan ka’e wal hin awwaalan.
(B)Osoo adabbiin nama du’ee dhagahamee silaa warri isaa ni salphatu, halkanii guyyaa dhiphinna keessa jiraatu.
(C)Iimaana namootaa qoru-adabbiin qabrii geeybi irraa waan ta’eef eenyutu amanaaf hin amanuu addaan baasuf.
In sha Allaah azaaba fi qananii qabrii ilaalchise shubahaata (fafakeessa fi shakkii)  namoota irratti darbamu gara fuunduraatti ni ilaalla. wa billahi tawfiiq

Kitaabban Wabii
Sharih Usuuli salaasa Fuula103-104 Ibn Useymiin
Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Fuula 654, 295 Abdurahmaan Naasir Sa’dii
Tafsiir bn-kasiir 3/302
Zaadil masiir-Ibn Jawzi-fuula 1394-Daru Ibn Hazm
[2] Kitaabu Ruuh-Imaamu ibn al-Qayyim fuula 149

Qiyaamaa mormitotaaf deebii Kenname-1
Aakhiratti amanuu-kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.