Ibsaa Jireenyaa-Lakk.10

Offline dubbisuf

HUMNA GARA BADIITTI NAMA DHIIBU TOO’ACHUUF
Namni tokko yommuu qophaa jiru, humni guddaan gara baditti isa dhiibu keessa isaatti ni dhooya. Yeroo interneetin babal’ate kanatti, dargaggeessi adda jiru wanta badaa ilaalun jireenya ofii ni balleessa. Yommuu interneeti irratti waan badaa ilaalu akka waan wanta nama macheessu dhugee sammuun isaa ni laamshofti,salphatti waa dagata. Tasgabbii fi nageenya hin argatu. Kanaafu furmaanni kanaa maali ree?Yommuu adda jiran humna guddaa gara baditti nama harkisu too’achuuf maloota kanniin fayyadamuuun ni danda’ama:


1. Miira, “Rabbiin na argaa jira.” jedhu of keessatti uumuu- wanti Rabbiin irraa dhokatu tokkollee hin jiru. Namni, “Rabbiin wanta ani hojjadhu hunda ni arga. Adabbii hamaa na adaba…” jedhee yommuu yaadu, wanta badaa irraa na fagaata.
2. Qisaasessu sammuu fi yeroo itti xinxalluu- namni wanta badaa addatti yommuu yaadu ykn hojjattu, sammuu fi yeroo ofii ni qisaasessa. Halkan hanga wanta badaa ilaalun hirriba ofirraa ari’u osoo rafee, sammuu fi qaamni isaa boqonnaa argata. Guyyaa sirnaan hojii hojjatuun nama bu’a-qabeessaa fi milkaa’u ta’a. Yommuu humni keessaa gara baditti isa dhiibu akkana ofiin jechuu danda’a, “Kuni wanta badaa sammuu fi yeroo kiyya qisaasessu malee wanta homaa na hin fayyanneedha.Kanaafu maaliif wanta akkanaa hojjadhaa ykn yaadaa? A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim.”
3. Kabajaa dhabuu fi salphinni nama haguugu itti yaadu- namni yommuu wanta badaa dhoksatti hojjatu bu’aan wanta sanaa yoosu mul’ata. Qalbii namootaa keessatti kabaja dhaba. Keessa isaattis salphinni ni dhagahama. Kanaafu, namni tokko kabaja argachuu fi salphinna irraa baraaramu yoo barbaade, dhoksaa fi ifatti wanta badaa hojjachuu irraa dheessu qaba.

Mi’aa milkaa’innaa obsaa fi carraaqqi waliin dhandhaman. Namni milkaa’innaaf tarkaanfi jalqabe ni carraaqa. Namni carraaqu immoo ni obsa. Namni obse immoo In sha Allah ni milkaa’a.

Amaloota dubartii kabajaa fi iffaa(qulqullummaa) ofii tiikfattu keessaa:
1) Hayaa’a (saalfannaa)- dubartiin kabaja ofii tiikfattu saalfannaa qabdi. Namuma argite waliin haasawu fi akka feete ta’uu hin barbaadu. Dhiirota alagaatti makamuun waliin hin kokkolfitu.
2)Hijaaba sirnaan uffatti
3) salaata sirnaan salaatti.
4) Yoo tan heerumte taate,qabeenya abbaa manaa ni tiiksiti, ofiis badii irraa ni tiiksiti. Dhiirsa ishii hin kaaddu (hin gantu)
5) Jireenya keessatti kaayyoo ol’aanaa qabdi- kaayyoon ishii Jaalala Rabbii argachuu fi Jannata seenudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf hojii badaa irraa ni dheessiti, hojii gaarii ni hojjatti.

Amaloota Dhiira gaarii keessaa:
1. Hayaa’a(saalfannaa)-hayaa’a (saalfannaa) jechuun “Rabbiin na arga yookiin namni maal naan jedha?” jedhanii hojii badaa dhiisu ykn hojii gaarii hojjachuudha. Saalfannaa bakka lamatti qoodu dandeenya. Isaanis: hojii badaa hojjachuu irraa saalfachu fi hojii gaarii dhiisu irraa saalfachuudha. Fakkeenyaf,namni hojii badaa akka zinaa raawwachu, alkooli dhuguu irraa “Rabbiin olta’aan na arga.” jedhee ni saalfata. Saalfannaa akkanaa yoo qabaate, hojii badaa kanniin hin hojjatu. Akkasumas, salaata dhiisu ni saalfata. Yeroo baay’ee saalfannaan dubartii qofaaf jennee yaanna. Kuni dogongora. Dhiirris saalfannaa qaba. Saalfannaan jireenya qalbiiti. Sababni isaas, hojii badaa hojjachuu fi hojii gaarii dhiisu irraa yoo saalfate qalbiin isaa ni jiraatti.
2. Gadi of qabuu (tawaadu’u)- of-tuulu fi dhaadachuun amala fafeedha. Faallaa kanaa, namni of tuulu fi wanta qabuun dhaadachu yommuu dhiisu, Rabbiin birattii fi qalbii namootaa keessatti jaalala argata.
3. Badii irraa of qulqulleessu-eeti namni tokko dogongoraan badii hojjachuu danda’a. Garuu akkuma dogongora ofii bareen dafee gara Rabbii deebi’uun araarama yoo kadhatee fi hojii gaarii hojjate, badii irraa of qulqulleessun nama gaarii fi kabajamaa ta’a.”Dhugumatti Rabbiin warroota baay’isanii tawbatanii fi of qulqulleessan ni jaallata.” Suuratu Al-Baqaraa 2:222

Waadaa Namoota Amananii fi Rabbiin Sodaataniif Galamee

Dhagayaa! Dhugumatti, Awliyaa’ota Rabbii irra sodaan hin jiruIsaan hin gaddanis
Isaan warra amananii fi Rabbiin sodaachaa turaniidha. 
Jireenya addunyaa keessattis ta’ee kan Aakhiraa keessatti gammachutu isaaniif jira. Jechoota Rabbitiif Jijjiraan hin jiru. Suni isumatu milkii guddaadha.” Suuratu Yuunus 10:62-64


Awliyaa’oota Rabbii jechuun namoota Rabbiin jaallatu fi hojii gaggaarii hojjachuun Isatti dhiyoo ta’aniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa awliyaa’onni kunniin hojiwwan isaanii, amaloonnii fi mindaan isaanii maal akka ta’e ni ibsa. Ni jedha: “Dhagayaa! Dhugumatti, Awliyaa’ota Rabbii irra sodaan hin jiru.” kana jechuun gara fuunduraatti wanta isaan qunnamuuf hin sodaatan. “Isaan hin gaddanis” kana jechuun wanta darbeef hin gaddan. Kanaafu, yommuu sodaan isaan irra hin jirree fi kan hin gaddine yoo ta’an,nageenyi, gammachuu fi wanti gaariin lakkoofsa hin qabne isaaniif mirkanaa’a. Ergasii amalli isaanii maal akka ta’e ni dubbate: “Isaan warra amananii fi Rabbiin sodaachaa turaniidha” Awliyaa’onni Rabbii warra Rabbitti,Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti fi Qadaratti amananiidha. Imaana isaanii taqwaa fayyadamuun ni dhugoomsan. Taqwaa (Rabbiin sodaachu)-jechuun wanta Rabbiin itti ajajee ni hojjatan, wanta Inni irraa dhoowwe ni dhiisan. Namni mu’mina ta’e (dhugaan amanee) fi taqwaa qabu hundi Awliyaa Rabbii ta’a. Warra kanaaf, “Jireenya addunyaa keessattis ta’ee kan Aakhiraa keessatti gammachutu isaaniif jira.” Addunyaa keessatti gammachuun isaaniif jiru maqaa gaariin faarfamu, qalbii namoota amananii keessatti jaalala argachuu, abjuu gaarii arguu, hojii gaarii akka hojjatanii fi amala gaarii akka qabaatan Rabbiin isaaniif laaffisuu fi wanta badaa isaanirraa deebisuudha. Aakhiratti immoo gammachuun isaaniif jiru, ruuhin isaanii yommuu qabamtu (du’an) irraa jalqaba. Malaaykonni isaan irratti bu’uun “hin sodaatinaa, hin gaddinaa Jannata waadaa galamtaniin gammadaa.” Isaaniin jedhu. Qabrii keessattis, jaalala Rabbii fi qananii itti fufaan gammachifamu. Guyyaa Murtii immoo Jannata seenu fi adabbii (azaaba) irraa baraaramuun gammachuun isaaniif guuttama. “Jechoota Rabbitiif Jijjiraan hin jiru.” Kana jechuun wanti Rabbiin waadaa galee dhugaadha. Jijjiruu fi geeddaruun hin danda’amu. Sababni isaas, Rabbiin Qulqullaa’an olta’e dubbii Isaa keessatti dhugaa dubbata. Wanta Inni murteesse eenyullee faallessu fi diigu hin danda’u.”Suni isumatu milkii guddaadha.” Sababni isaas, wanta sodaatamu irraa baraaramu fi wanta barbaadan argachuu of keessatti hammate. Madda: Tafsiir Abdurahmaan sa’diyyi-fuula 423 Akka hubachiisatti awliyaan nama qarshii namarraa nyaatu fi namoonni itti deeman osoo hin ta’in, nama dhugaan amanee fi taqwaa qabuudha.

Namni yeroo isaatin dura wanta tokkotti jarjare, wanta san dhabuun adabama.” Fakkeenyaf namni tokko fuudhaa heerumaan dura hariiroo haraamaa yoo uume, nama san dhabuun adabama. Ammas, namni tokko qabeenya nama biraa dhaaluf nama tokko haqa malee yoo ajjeese, ajjeesan kuni nama haqa malee ajjeese kana hin dhaalu. Gabaabumatti, namni wanta tokko argachuuf karaa haraamatin jarjare, wanta san dhabuun ykn gadda cimatti seenun adabama. 

Ibsaa Jireenyaa-Lakk.11
Ibsaa Jireenyaa-lakk.9
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.