Qiyaamaa mormitotaaf deebii Kenname-1

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti Aakhiratti amanuun maal akka ta’ee fi maal  akka of keessatti qabatu ilaalle turre. Aakhiratti amanuun gammachuu fi milkaa’inna nama tokko kan murteessudha. Sababni isaas, Aakhiraan gahuumsa xumuraa  namoota hundaati. Namni jireenya keessattti gahuumsa ofii yoo hin beekin, garam akka deemu hin beeku. Jireenya tana keessa maaliif akka jiraatu ni wallaala. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa iddoo jireenyaa lama uumee. Tokkoffaan, iddoo jireenyaa gabaabdu taate fi qormaanni itti adeemsifamuudha. Iddoon jireenyaa gabaabdun tunis addunyaa tana. Lamaffaan immoo iddoo jireenyaa yeroo dheeraa turuu fi firiin qormaataa (jazaan) itti mul’atuudha. Kanaafu, umriin iddoo jireenya gabaabdun tuni erga xumurame booda Guyyaan iddoon jireenyaa dheeraan itti jalqabamuu ni dhufa. Kunis Guyyaa Qiyaamaa ta’a. Guyyaa Qiyaamaa kana namoonni du’an kaafamuun gara iddoo jireenyaa lammataatti oofamu.

Seenaa keessatti namoonni dhugaa kana kijibsiisan baay’eedha. Namoonni erga du’anii akkamitti kaafamu? Lafeen isaanii erga bututtee booda eenyutu isaan kaasaa jechuun shakkii ofitti naqu. In sha Allaah shakkii kana har’a hanga dandeenyun qulqulleessuf ni carraaqna. Warroonni Qiyaamaatti amanuu didan yaadota armaan gadii hundee hin qabne irratti amantii isaanii ijaarun Qiyaamaa kijibsiisan. Yaadota isaanii deebii waliin haala armaan gaditiin ni ilaalla:

Yaada sobaa 1ffaa- “Khaaliqni jalqaba namoota uume lamuu deebisuu hin danda’u” jechuun yaadu. Sababni guddaan yaada sobaa kana akka yaadan isaan taasise dandeetti Uumaa fi dandeetti uumamtoota wal qixxeessudha. Uumamtoonni wanta bade deebisuu hin danda’an jedhanii waan yaadaniif Uumaniis wanta bade deebisu hin danda’u jechuun yaadu. Yaada sobaa kana sammuu keessa kaa’un namoonni lamuu hin kaafaman jedhanii mormu. Qur’aanni yaada sobaa isaanii kanaaf karaa lamaan deebii kennaaf.

1ffaa- karaa wal madaalchisuu-Kana jechuun yeroo jalqabaatiif uumuu fi erga badee booda deebisu wal madaalchisu. Hundii keenya wanta duraan hin jirre uumuu irra wanta bade deebisuun akka salphatu ni beekna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa wanta duraan homaa hin turre irraa isaan uume. Jalqaba bishaan saalaa furrii fakkaatu irraa lafee, foon fi qaamolee adda addaa kan baase, akkamitti biyyee erga ta’anii booda isaan deebisuu dadhabaa? Qondaaltoota Makkaa keessaa gariin isaanii lafee shamte fiduun Ergamaa Rabbii (SAW) fuunduratti butuchan. Ergasii ni jedhan, “Yaa Muhammad! Namni du’e ni kaafama jetta. Mee nutti himi; lafee shamtee fi bututte tana eenyutu lamuu kaasa?” Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aayata (keyyatoota) armaan gadi buuse:

Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroma san inni mormaa ifa bahaa ta’ee argama. Fakkeenya Nuuf godhee fi uumama isaa dagatee, “Lafee erga bututtee [booda] eenyutu jiraachisa?” jedha.Kan yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu jiraachisa.” Jedhiin. Inni uumama hundaa Beekaadha.” Suuratu Yaasin 36:78-79

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama Qiyaamaa mormuu fi shakkuun akkana jechuun gaafata: “Sila namni bishaan saalaa irraa akka isa uumne hin arginee?”Kana jechuun namni lamuu kaafamu mormu jalqaba maalirraa Rabbiin akka isa uume hin ilaalu? Bishaan saalaa dadhabaa qaama keessa faca’e bakka tokkotti walitti fiduun isa uume. Bishaan kanarraa, lafee, foon, harka, ija, gurra fi qaamolee biroo akka uumee sila ilaalun lamuu deebifamutti hin amanuu? Bishaan dadhabaa qaama keessa faca’e walitti fiduun kan isa uume, lafee bututtee dachii keessa facaates lamuu akka deebisu haa beeku.

Fakkeenya Nuuf godhee”  Kana jechuun akka uumamtootaa dandeetti kan hin qabnee fi dadhabaatti Nu ilaala. Akkuma namni du’aa deebisuu hin dandeenye, “Rabbiinis nama du’e hin deebisu” jedhee yaada. “uumama isaa dagatee, “Lafee erga bututtee [booda] eenyutu jiraachisa?” jedha.” Kana jechuun jalqaba bishaan du’aa lubbuu hin qabne irraa isa uumuu Keenya dagatee “lafee bututte eenyutu kaasa?” jedha.“Kan yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu jiraachisa.” Jedhiin.

Ilmi namaa akkuma jalqaba bishaan saalaa irraa nama uumuu hin dandeenye, lamuus nama kaasu hin danda’u. Rabbiin Guddaan Olta’e immoo akkuma jalqaba nama bishaan saalaa irraa uume, lamuus ni deebisa. Kanaafu, dandeettin Rabbii fi dandeettin namaa gonkumaa wal hin fakkaatan. Rabbiin wanta hundaa irratti Danda’aadha. Ilmi namaa immoo dadhabaadha. Rabbiin wanta hundaa beekaadha.

Karaa 2ffaa– Dandeetti Rabbii dachii fi samii keessatti mul’atu beeksisuu- namni kaafama mormuu, “nama du’e deebisuun jalqaba uumuu caalaa ni ulfaata” jedhee yoo falme, Qur’aanni ragaa uumamaa namaati fi kaafama caalaa guddaa ta’etti dabarsa. Innis, uumama samii fi dachiiti. Akkuma namni hunduu beeku,uumamni samii fi dachii uumama fi kaafama namaa caala. Kan samii fi dachii garmalee gurguddatan kanniin uume akkamitti nama du’e kaasu dadhabaa? Rabbiin ni jedha:

46:33

Rabbiin Kan samii fi dachii uume, isaan uumuu keessatti kan hin dadhabin du’aa kaasu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee sila? Eeyyen! Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” suuratu Al-Ahqaaf 46:33

Rabbiin samii fi dachii garmalee guddatanii fi bal’atan uume, ilmaan namaa lamuu deebisuun gonkumaa Isarratti hin ulfaatu. Sababni isaas, Inni waan hundaa irratti Danda’aadha. Samii fi dachii uumuu keessatti homaa hin dadhabne. Namoota du’an deebisuu keessattis wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru.

Yaada sobaa 2ffaa- “Namni du’e lafeen isaa bututtee dachii keessa baddi. Suuraa fi amalli isaa hundi ni bada. Kanaafu, Rabbiin nama lafeen isaa bututtee dachii keessatti badde akkamitti deebisaa?” Sababni guddaan yaada sobaa kana akka yaadan isaan taasisee, “Rabbiin lakkoofsa namoota du’anii, lafeen isaanii eessa akka dhaqxuu fi wanta xiqqaaf guddaa hunda hin beeku.” Jedhanii waan yaadaniifi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yaada isaanii kana haala kanaan ifa godha:

32:10

Ni jedhan, “Sila yeroo [duunee] dachii keessa bannee, dhugumatti uumama haarawa keessatti [lamuu ni uumamnaa]? Dhugumatti, isaan qunnamti Gooftaa isaanitti kan kafaraniidha.” Suuratu As-Sajdah 32:10

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa akka beeku isaaniif mirkaneessa. Lakkoofsa namoota du’anii, namoota dhalatanii fi wantoota samii fi dachii keessa jiru hunda takka takkaan beeka. Inuma, wanta nafseen isaanii isaanitti hasaastu fi wanta qalbii keessatti dhoksan hunda beeka. Lafee bututtee dachii keessa badde takka takkaan akka beeku akkana jechuun isaaniif ibsa:

50:4

Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Galmee tiiksatu Nu bira jira.” Suuratu Qaaf 50:4

Kana jechuun lafee, foon, gogaa fi rifeensa isaanii irraa wanta dachiin nyaattu dhugumatti ni beekna. Eessatti qaamni isaanii akka bittinaa’e fi lafeen isaanii bututte takka takkaan ni beekna. Dabalataan galmeen kuni hundi keessatti galmaa’e Nu bira jira. (Ibn Kasiir 7/395)

Warri kafaran, “Qiyaamaan nutti hin dhuftu” jedhan. “Akka isin jettanii miti. Rabbii kiyyaan kakadhe, dhugumatti isinitti ni dhufti. [Rabbiin] Beekaa waan hin mul’anneeti. Wanti hanga madaala atamii, wanti sana irra xiqqaa fi kan sana irra guddaas samii keessaa fi dachii keessatti Isa irraa kan hin miliqne ta’ee kitaaba ifa baasaa ta’e keessa jiraatu malee hin hafu.” Suuratu Saba 34:3

Rabbiin wanta nutti mul’atuu fi hin mul’anne, nuti beeknu fi hin beekne hunda ni beeka. Xiqqeenya irraa kan ka’e, wanti hanga atamii ykn firii xaafii samii fi dachii keessatti Isarraa hin dhokatu. Lafeen hanga feete bututtee daaraa haa taatu, eessatti akka bittinoofte Rabbiin ni beeka. Kanaafu, Kan waan hundaa beeku fi Danda’aa ta’e nama du’e kaasun Isarratti hin ulfaatu.

Wanta nafseen isaanii isaanitti hasaastu beekumsi Isaa akka marsee akkana jechuun Ibsa:

50:16

Dhugumatti, nama uumneerra. Waan lubbuun (nafseen) isaa itti hasaastus ni beekna. Nuti [beekumsa Keenyan] hidda dhiigaa caalaa gara isaatti dhiyoodha.”Suuratu Qaaf 50:16

Guduunfaa
➜Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa copha bishaan saalaa irraa ilmaan namaa uume. Bishaan laafaa kanarraa lafee, foon, harka, gurra, mar’imaa fi qaamoolee biroo uume. Rabbiin malee eenyutu bishaan saalaa kanarraa nama dhaabbatee lukaan deemu uumu danda’aa?
➜Rabbiin ilmaan namaa taphaaf waan hin uumnef iddoo jireenya lama isaaniif taasise. 1ffaa- iddoo jireenya gabaabdu namni itti qoramuudha. 2ffaa iddoo jireenyaa dheeraa namni firii qormaataa (jazaa wanta hojjataa turee) itti arguudha.
➜Namni kaafama nama du’ee shakkuu waa sadii ilaalu danda’a:
1ffaa-Uumama isaa kan jalqabaa. Copha bishaanii dadhabaa irraa Rabbiin isa uume. Copha bishaanii irraa kan isa uume lamuu deebisuun akkamitti itti ulfaata? Yoo kunis isaaf liqimfamu dide, Nabii Aadam (AS) biyyee irraa akka uumame haa yaadatu. Rabbiin akkuma Aadamin biyyee irraa uume ilmaan isaas biyyee erga ta’anii booda ni deebisa.
2ffaa-Dandeetti Rabbii samii fi dachii keessatti mul’atu haa ilaalu. Samii fi dachii garmalee gurguddatanii fi bal’atan kanniin kan uume akkamitti nama du’e kaasun itti ulfaataa?
3ffaa-Dandeetti fi Beekumsi Rabbii kan namootaa irraa garagara akka ta’e haa beeku. Rabbiin wanta hundaa irratti danda’aadha, wanta hundaa ni beeka. Namni immoo wanta hundaa irratti danda’aa miti, wanta hundaa hin beeku. Namoota jalqaba irraa hanga xumuraatti du’an lafeen isaanii eessa akka dhaqxe Rabbiin takka takkaan beeka. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa isaan kaasu irratti danda’aadha.
Ilmi namaa akkuma jalqaba bishaan saalaa irraa nama uumuu hin dandeenye, lamuus nama kaasu hin danda’u. Rabbiin Guddaan Olta’e immoo akkuma jalqaba nama bishaan saalaa irraa uume, lamuus ni deebisa.

Kitaabban wabii: 
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 573-577
Tafsiir Ibn Kasiir 7/395
https://furtusammu.wordpress.com/2018/04/15/who-is-your-lord-no-7/

Qiyaamaa Mormitotaaf deebii kenname-2
Aakhiratti amanuu-kutaa 3ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.