Ibsaa Jireenyaa-Lakk.11

Offline dubbisuf

Tarkaanfi Gara Fuudhaa Heerumaa
Yeroo amma dargaggoonni fi shamarran gariin wal fuudhu yoo barbaadan maatii osoo hin mari’achiisin waluma jiddutti fixu. Ergasi rakkoo hangana hin jedhamneef saaxilamu. Dhiirri tokko dubartii takka erga jaallate fi fuudhu barbaade booda,kadhaa fi nikahaaf maatii ishiitti himu ykn nama itti ergu dhiisee dubartii saniin wal-qunnamuun wanta badaa garagaraatti seenu. Kanaafu furmaanni maaliree?


1. Dhiirri dubartii takka erga jaallate fi fuudhu barbaade, maatii ishitti fuudhaf akka barbaadu itti himu qaba.
2. Nikahaan dura takkaa erga wal-laallatanii booda walitti deddeebi’u dhiisu- dubartiin tole erga jettee booda nikahaan dura walitti deddeebi’uun kophaa waliin ta’uun badii guddatti nama geessa. Ibn Useymiin akkana jedhamuun gaafatame, “Ani dubartii takka nan kadhadhe (kaadhimadhe). Narratti juuza 20 ni haffaste. Osoo namni ishii fuudhu hin dandeenye (mahramni) ishii waliin jiruu ishii waliin nan taa’a. Hijaaba sirnaan uffatti. Taa’umsa keenya keessatti waa’ee diinii haasawu ykn Qur’aana qara’u malee wanta biraa hin hojjannu. Akka shari’aatti kana keessa rakkoon ni jiraa?” Ibn Useyminiis akkana jechuun ni deebise, “Kuni hin ta’u (haazaa laa yanbaghi). Sababni isaas, dhiira bira namni taa’u dubartii inni kadhate yoo taate kuni yeroo baay’ee shahwa (fedhii fooni) qabsiisa (kakaasa). Fedhiin foonii haadha manaatiin ala irratti kan qabatu yoo ta’e haraama. Wanti haraamatti nama geessu immoo haraama.” (Fataawa muhimmati li-nisaa’al ummati-fuula 14)
3. Ammas nikahaan dura telefoonan haala ibidda fedhii qabsisuun waliin haasa’u irraa of qusachuu- haajaa tokko malee telefoonan nikahaan dura waliin haasawuun badii hangana hin jedhamnetti nama geessa. Dubartiin sagalee ishii bareechisuun dhiira qorti. Ergasii suutuma suutan badii hangana hin jedhamnetti taruu. Namoota meeqatu sababa telefoonatiin addaan bahe. Kanaafu, hanga nikaha wal hidhatanii yoo obsan gara fuunduraatti jireenya mi’aawaa waliin jiraatu.
4. Hanga danda’ameen yeroo gabaaba keessatti nakaha hidhachuu.
Kitaaba wabii: Aadaabul khixbati wa zafaafi By Amr Abdul Mun’im saliim-fuula 26-27

Of-Gowwoomsu Moo Warra Gowwoomsudhaa?
Jireenya dargagumma fi shamarrummaa keessatti qormaata gurguddoo nama muudatan keessaa tokko “Fedhii Lubbuuti.” Marsaa dargaggummaatti lubbuun (nafseen) namaa tuni wanta ishiin hin dharraane hin jiru. “Dhugumatti nafseen baditti nama ajajji; nama Gooftaan kiyya rahmata godheef malee.” Ijoolleen yommuu maatii isaanii jala jiran, nafsee isaanitiif ajajamuun warra karaa adda addaatin gowwoomsu danda’u. Fakkeenyaf, Intalli umriin ishii waggaa kurnan ykn digdamman keessa jirtu, hiriyyoota badoo waliin bakka badaa deemu yoo barbaadde, warraan wanta hin taane jettiin. “Barsiisan akkana godhaa nun jedhe,” jechuun warra gowwoomsiti. Akka fakkeenyatti, shamarri takka mana dhiira fi dubartiin walitti makamanii akka fedhan ta’an hiriyyaa ishii waliin deemu barbaadde. Haadha ishii sossobde shamarri tuni bakka badaa kana ni deemte. Ergasii, halkan yommuu gara manaa deebitu, konkolaatan ishiin garagaluun qaamni ishii ni miidhame. Haala kanaan fedhii lubbuu fi hiriyyaa hordofuun of miite. Kanaafu, dargaggoonni fi shamarran kunniin warra kan gowwoomsan osoo hin ta’in mataa ofii gowwoomsaa jiru. Jireenya fuunduraa ofii ofitti dukkaneessan. Kanaafu furmaanni maali?
1.Obboleessa koo /obboleetti tiyya! Warri kee bakka gaarii akka geessuf siif jedhanii dafqa xuruurratu. Isaan gowwoomsun yommuu baditti lixxu, hangam akka rifatanii fi si abaaran beektaa? Kanaafu, abaarsa fi dallansuu isaanii jalaa bahuuf isaan gowwoomsu irraa of qusachuun jireenya boruutif ifaa siif ta’a. Mee namoota daraaraa keessa jiraatan haa ilaallu. Baay’een isaanii haadha abbaaf tola hin oolan.
2.Hiriyyaa badaa hordofuu dhiisu- tarii dargaggoonni kunniin dhiibbaa hiriyyaa irraa kan ka’e, maatii ofii gowwoomsu. Namoota meeqatu sababa hiriyyaatin ykn niititin haadha abbaa ofii naasisa ykn salphisa. Hiriyyaaf jedhanii haadha abbaa nama guddisan salphisuun dhugumatti of salphisuudha.
3.Haadha abbaa gowwoomsu fi salphisuun jireenya heegere (fuunduraa) gadadoo fi dararatti darbuu akka ta’e yaadachu- Kana hubachuuf namoota naannoo keenya irraa haadha abbaa ofii dararanii ergasii dhumti isaanii maal akka ta’e ilaalun ni danda’ama. 4. Badii armaan olitti namni tare yoo jiraate, Rabbiin irra aaraaramu kadhachuu, warraa isaa/ishii dhiifama gaafachu fi isaaniif tola oolun, adabbi gara fuunduraatti isa/ishii eeggatu jalaa baraaramu danda’a/dandeessi.

Laa darara walaa diraara– “Dararuu fi wal-dararuun hin jiru.”Kana jechuun nama kamiyyuu haqa malee miidhun (dararuun) hin danda’amu. Ammas,nama nama miidhe hanga inni nama miidhe caalaa daangaa itti darbuu fi haala badaan isa dararuun hin danda’amu. Fakkeenyaf, osoo beekanuu niiti ofii jechaa fi uleen dararuun (miidhun) wanta shari’aadhaan dhowwamee fi namni kana hojjatu lubbuu ofii nama miidhedha.

Bu’uura Fiqhii (Qawaa’idul Fiqhiyyah)

“Yommuu wantoonni gaggaariin baay’atan, isaan keessaa kan irra caalu ni durfama. *Mustahabba (wanta jaallatamaa) irra Waajibaf (wanta dirqama) ta’eef dursi kennama. Dhimmoonni lamaan carraa ta’uu (fudhatama argachuu) yoo qabaatan, kan irra madaala kaasutu fudhatama argata. **Wantoonni babbadoon yommuu baay’atan, isaan keessaa tokko hojjachutti yoo dirqisifaman,badiin isaa xiqqaa kan ta’e dursi kennamaaf.”

Kuni bu’uuraalee fiqhi keessaa tokko waan ta’eef salphatti hubachuun isinitti ulfaachu danda’a. Dhugumatti kana yoo sirritti hubanne rakkoolee nu muudatan salphatti furra. Mee fakkeenyan hubachuuf haa yaallu. *Fakkeenyaf, yeroon salaata subii darbuuf dhiyaate haa jennu. Aduun bahuu heddi. Yeroo kanatti namni salaata yerootti hin salaanne, salaata dirqama ta’ee (waajiba) salaata moo salaata sunnaah salaataa?Salaata sunnaa dhiisee salaata waajiba salaatu qaba. Sababni isaas, waqtiin salaataa waan darbaa jiruuf waajibaaf dursa kenna.

*Ajaja namootaa irra ajaja Rabbiitif dursi kennama. Fkn, maatiin saalaata waajibaa, hajjii, hijaaba uffachuu fi wantoota dirqamaa kan biroo irraa kan nama dhoowwan yoo ta’an, isaaniif ajajamuun hin jiru.Sababni isaas, Laa xaa’ata li makhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Uumamtootaf ajajamanii Kaaliqa faallessuun hin jiru) Ammas, sadaqaa nama firaa rakkataaf kennutu caala moo nama rakkataa fira hin taanef kennutu caalaa? Nama rakkataa firaatif kennutu caala. Sababni isaas, firaaf sadaqaa kennuun waa lama qabata. Ajrii sadaqaa argachuu fi firummaa sufuudha (silaahu rahiim).
**Ammas, wantoonni badaan yoo bakka tokkotti dhufan, badiin isaa xiqqaa kan ta’e ni filatama.Fakkeenyaf, namni osoo soomuu, namni biraa bishaaniin kan nyaatamu yoo arge fi baraaru yoo barbaade, akkam godhaa? Bishaan keessaa isa baraaruf humna yoo dhabe  sooma hiiku qaba. Sooma waajibaa hiikun badiidha, lubbuun namaas darbuun badiidha. Garuu badiin lamaan kunniin wal hin qixxaatan. Lubbuun namaa darbuun badii irra guddaadha. Kanaafu, namtichi sooma hiikee lubbuu san baraaru qaba.
Kitaaba wabii: Al-qawaa’idu wa usuulul jaami’ati- Shekh Abdurahmaan sa’diyy fi ibn usyemiin-fuula 150-153

Ibsaa Jireenyaa-Lakk.10
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.