Qiyaamaa Mormitotaaf deebii kenname-2

Offline dubbisuf

Addunyaan tuni iddoo qormaataa haqni guutuun keessatti hin mirkanoofnedha. Eenyullee taanan haqa guutuu addunyaa tana keessatti nan argadha jedhee osoo carraaqe, haqa guutuu hin argatu.Sababni isaas, gufuwwan baay’een wanta kana akka hin hojjanne isa taasisu. Fkn, mootummaan abbaa irree tokko namoota kumaatamatti lakkaawaman ni ajjeessa. Mootummaan abbaa irree kuni osoo mana murtiitti haqaaf hin dhiyaatin ni du’a. Kanaafu, warroonni mirgi isaanii sarbame osoo haqa guutuu hin argatin addunyaa irraa boqotanii jiru jechuudha. Garuu gaafin kuni sammuu namaa qaxxaamura:“Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) namoota uumee osoo haqa guutuu isaaniif hin kennin akkanumatti ni dhiisaa? Zaalimman (cunqursitoonni) akkanumatti badanii ni hafuu?” Deebiin isaa “Rabbiin Mootii haqaa waan ta’eef namoonni yommuu akkanatti wal miidhan haqaan isaan jidduutti osoo hin murteessin hin dhiisu. Guyyaan Murtii kunis Guyyaa Qiyaamaa ta’a.” Kanaafu, namoonni murtiif lamuu kaafamu qabu jechuudha. Kutaa darbe keessatti yaadota sobaa warri Qiyaamaa kijibsiisu itti fayyadamu deebii isaa waliin ilaalle turre. Har’as yaadota hafan ni ilaalla.

Yaada sobaa 3ffaa

Wanti tokko yommuu adeemsifamu ijaan waan hin arginiif gara fuunduraatti hin adeemsifamu. Nama du’ee kaafame ijaan hin argine. Kanaafu, namoonni gara fuunduraatti hin kaafaman jechuudha.
Deebiin namoota kanniniif kennamu karaa baay’een ta’a.

1ffaa- wanta gara fuunduraatti dhalatu wallaalu– ilmi namaa hanga fedhe beekumsa haa qabaatu, wanta gara fuunduraatti dhalatu ykn uumamu hin beeku. Karaan wanta gara fuunduraatti dhufu itti beekan karaa beeksisa (wahyii) Rabbiin irraa nama dhaqqabeetini. Rabbiin wanta gara fuunduratti raawwatamu hunda waan beekuf, wanta gara fuunduraatti dhalatan muraasa isaanii ilma namaatti beeksisee jira. Isaan keessaa Qiyaamaan tokko. Mee warroota Qiyaamaa kijibsiisan haa gaafannu, “Wanta gara fuunduraatti uumamu hunda ni beektu?” Inuma mee haa gaafannu, xiyyaarri samii irra balila’u kuni argamuun dura osoo lubbuun jiraattanii akkana isiniin jedhame, ni amantu moo ni dhiistu? “Yeroo Murtaa’aa booda geejjibni samii irra balali’u ni argama. Namoota sa’aati muraasa keessatti biyya irraa biyyatti geessa.” Odeefannoon kuni odefannoo Rabbiin beeksise osoo ta’ee fi geejjibni (xiyaarri) kuni akkuma jedhame yoo argame, namoonni geejjibni akkanaa hin argamu jechuun kijibsiisaa turan maal ta’uu? Yoo san, hangam kijibdoota akka ta’anii fi odefannoo Rabbiin irraa nama dhaqqabetti amanuu akka qaban ni beeku. Qiyaamaanis haaluma kanaani. Rabbiin ni jedha:

Kakuu isaanii kan daangaa gahe, “Rabbiin nama du’e hin kaasu” jechuun Rabbitti kakatan. Lakkisaa [isin kaasaa]; Waadaa Isa irratti dhugaa ta’e [Rabbiin seenee jira]. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.
[Sababni du’a irraa isaan kaasuuf] wanta isaan keessatti wal dhaban isaaniif ibsuu fi warri kafaran kijibdoota ta’uu isaanii akka beekaniifi
.” Suuratu An-Nahl 16:38-39

2ffaa- Wal-bira qabuu (Qiyaasa)– wal-bira qabuu jechuun wantoota lama amaloota wal fakkaataa qaban wal bira qabuun isaan lamaan keessaa sababni tokko keessatti argame kan lammataa keessattis akka argamu yaadudha. Fkn, biqiltuun guutumaan guututti bishaan yoo dhabde ni gogdi (ni duuti). Namnis yeroo dheeraaf bishaan dhugu yoo dhabe ni du’a. Jiraachu fi du’uun (goguun) amala biqiltuu fi nama wal fakkeessudha. Sababni isaan lamaan walitti fidu dhabamuu fi argamuu bishaaniti. Kanarraa ka’uun mee amma wal-bira qabiinsa biqiltoota fi namootaa Qur’aana keessatti nuuf dhiyaate haa ilaallu:
Inni (Rabbiin) Kan bubbee gammachiisaa taasisuun rahmata Isaa dura erguudha. Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte, gara biyya (lafa) duutetti oofna; bishaan irratti buusun fuduraalee hunda irraa [garii isaanii] baafna. Akka isin gorfamtaniif jecha akka kanatti du’aa kaafna.”  (Suuratu Al-A’araaf 7:57)

35:9

“Rabbiin Kan bubbee erguudha; isheenis duumessa ol kaafti. Ergasii gara lafa duutetti isa oofnee dachii du’a ishiitin booda ittiin jiraachifna. Kaafamni Qiyaamas akkuma kana.” (Suuratu Faaxir 35:9)

Jechoota bakka lamaan armaan olii jiran mee haa hubannu. Jechoonni kunis, “akka kanatti du’aa kaafna” fi “Kaafamni Qiyaamas akkuma kana.”

Biqiltoonni gogoguu fi lafa qonnaa irraa haamamun akka du’a namootatin wal fakkaata. Sanyiin miidhanii gogogaan kuni yommuu facaafamu biyyeen walitti makama. Yeroo muraasan booda yommuu roobni itti roobu ni biqila. Kanaafu, du’aa irraa gara jiraatti jijjiramee jiraa jechuudha. Haaluma wal fakkaatun, namni yommuu du’uu lafeen isaa biyyee keessa bittinoofti. Ergasii Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa lafee eegee irraa qaama namaa guutuu biqilcha.

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti ilma namaa keessa lafee gonkumaa ardiin (biyyeen) hin nyaannetu jira. Guyyaa Qiyaamaa ishii irraa [qaamni ilma namaa] lamuu ijaarrama.” Namoonni ni jedhan, “Lafee tami (kami) Yaa Ergamaa Rabbii?” Innis ni jedhe, “Ajbu az-zanabi (lafee eegee)” Sahih Muslim 2955 c (Lafeen eegee tuni lafee gara taa’a irratti argamtuudha. Fakkii ishii barruu tana irraa ilaalu dandeessu GUYYAA QIYAAMAA MAALTU ADEEMSIFAMAA?-KUTAA 1)

Rabbiin (azza wa jalla) akkuma sanyii midhaanii ykn firii mukaa xiqqoo sanirraa jirma, mataa fi damee biqilche, qaamolee namaa guutuus lafee xiqqoo irraa ni biqilcha. Firiin miidhanii lakkaawame hin dhumne addunyaa irratti ni faca’u. Rabbiin dandeetti Isaatin firiwwan lakkoofsa hin qabne kanniin ni biqilcha. Ilmaan namaas dur irraa kaase hanga Guyyaa Qiyaamatti lakkoofsa isaanii Rabbiin malee eenyullee hin beeku. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkuma firii miidhanii biqilche, namoota lakkoofsan garmalee baay’atanis Guyyaa Qiyaamaa ni kaasa. Kuni wanta Rabbiin irratti ulfaatu miti. Wanta tokko hojjachuu yoo fedhe, “Ta’i” jedhan. Wanti sunis yoosu ta’ee argama.

3ffaa-seenaa keessatti namoota du’anii kaafaman yaadachisuu-seenaa keessatti namoonni erga du’anii booda kaafaman baay’eedha. Qur’aanni iddoo adda addaatti nuuf hima. Fkn,

“Yookiin namticha ganda [manneen ishii] mataa ishii irratti kukkuftee osoo jirtuu irra darbee, “Du’a ishiitin booda akkamumatti Rabbiin tana jiraachisaa?” jedhe, [hin ilaallee?]. Rabbiinis waggaa dhibba isa ajjeesee isa kaasun, “Hangam turte?” jedheen. Innis, “Guyyaa tokko yookiin cinaa guyyaa ture.” Jedhe. [Rabbiinis] ni jedhe, “Ati waggaa dhibba turte. Mee gara nyaataa fi dhugaati keeti ilaali; hin jijjiramne. Gara harree keetis ilaali. Namootaaf mallatoo si taasisuuf [kana goone]. Gara lafees ilaali akkamitti akka walitti qabnu fi ergasii foon itti uwwifnu.” Yeroma ifa isaaf ta’u, “Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aa ta’uu nan beeka.” Jedhe.” (Suuratu Al-Baqarah 2:259)

Namtichi tokko ganda manneen ishii kukkuftee fi jiraattonni keessatti dhuman biraan darbe. Kana ajaa’ibsifachuun “Rabbiin namoota du’an kanniin akkamitti jiraachisa?” jechuun gaafate. Ergasii Rabbiin isa ajjeessun waggaa dhibba tursiise. Waggaa dhibba kana keessatti, nyaanni fi dhugaatin isaa hin jijjiramne. Garuu harreen isaa lafee ta’uun addaan bittinoofte. Rabbiin waggaa dhibba booda namticha kana kaasun mallatoolee sadii isaa fi namoota birootti agarsiise. 1ffaa: namticha mataa isaa waggaa dhibba erga tursiise booda kaasu. 2ffaa, nyaanni fi dhugaatin osoo homaa hin jijjiramiin akkasumatti tursiisu. Kuni Qudraa (Dandeetti) Rabbii (Subhaanahu wa ta’aala) agarsiisa. 3ffaa: Harree duute fi lafeen ishii bittinoofte fuula namtichaa fuunduratti kaasu. “Akkamitti akka walitti qabnuu fi ergasii foon itti uwwifnu gara lafee ilaali” Jedheen. Dhumarratti wanta jedhe itti haa xinxallinu. “Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aa ta’uu nan beeka” Kanaafu, Rabbiin nyaata fi dhugaati osoo hin jijjiramin tursiisu fi lafee bututte deebisee kaasu irratti danda’aadha. Kuni kaafama ijaan mul’atu fi gurraan dhagahamuudha.

4ffaa- Hirriba ofii ilaalu– hirribni obboleessa du’aati jedhama. Sababni isaas, isaa fi du’a jidduu wal fakkeenya baay’etu jira. Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Rabbiin nafsee yeroo du’a ishii ni fudhata; tan duuti hin gahinis hirriba ishii keessatti [ni fudhata]. Ergasii, tan du’a itti murteesse ni qaba (ni hanbisa). Tan biraa (tan du’a irratti hin murteessine) immoo hanga beellama beekkamaatti gadi dhiisa. Dhugumatti, kana keessa warra xinxallaniif mallatooleetu jira.” Suuratu Az-Zumar39:42

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo du’aa fi hirribaa nafsee namaa tana ni fudhata. Tan yeroo du’aa fudhate hanga Guyyaa Qiyaamaa qaamatti hin deebisu. Tan yeroo hirriba fudhate immoo gosa lama. Tan du’a itti murteesse, ni hanbisa -hanga Qiyaamaa gara qaamaa hin deebisu. Namoonni osoo rafanu du’an fakkeenya nuuf ta’u. Tan du’a irratti hin murteessin immoo hanga guyyaan du’aa gahuu qaamatti ni deebisa. “Dhugumatti, kana keessa warra xinxallaniif mallatooletu jira.” Kuni dandeetti Rabbii kan agarsiisu fi du’aan booda kaafamun akka jiru mallattoo agarsiisudha. Hanga dammaqutti namni rafee fi du’e wanta naannoo isaatti raawwatamu hin beeku. Namni rafe akka nama du’eeti. Yommuu nafseen qaama isaatti deebitu ni dammaqa. Haaluma kanaan namni du’es yommuu nafseen isaa itti deebitu bakka itti awwaalame keessaa dammaqa. Qur’aanni dhugaa kana akkana jechuun ibsa:

Xurumbaan ni afuuffama, yoosu isaan awwaalcha keessaa gara Gooftaa isaanii bahu.
Ni jedhu, ‘Yaa badii keenya! Bakka hirribaa keenya irraa eenyutu nu dammaqsee?’ ‘Kuni waan Rahmaan waadaa galeedha, Ergamtoonnis dhugaa dubbatanii jiru.” [jedhama].” (suuratu Yaasin 36:51-52)
Walfakkeenya du’aa fi hirriba jidduu jiru sirritti itti xinxallaa, ajaa’iba argituuti.

5ffaa-Iimaanni geeybitti amanuu irratti kan ijaarrame ta’uu– Osoo Rabbiin yeroo hundaa nama du’e kaase silaa iimaanni geeybitti amanuu osoo hin ta’in wanta ijaan arganitti amanuu ta’a. Du’aan booda kaafamun wanta ammatti ijaan hin mul’annee fi gara fuunduraatti adeemsifamuudha. Kanaan geeybi (wanta ammatti ijaan hin mul’anne) jennaan. Iimaanni wanta ijaan arganitti amanuu osoo hin ta’in wanta Rabbiin irraa nama gahe kan ijaan hin mul’annetti amanuu irratti kan hundaa’edha. Namni wanta tokko ijaan argee yoo amane kuni iimaana hin jedhamu. Kanaafi, Guyyaa Qiyaamaa namoonni duraan kafaran, “Rabbii keenya! Argine, dhageenye. Kanaafu, hojii gaarii hojjannaa nu deebisi. Dhugumatti, nuti amma dhugaan amannee jirra.” Jedhu. (Suuratu As-Sajdah 32:12) Garuu kuni homaa isaan hin fayyadu. 

Guduunfaa
➥Ilmaan namaa erga du’anii booda osoo kaafamuu baatanii silaa haqni isaanii achumaan bada. Sababni isaas, namoonni wal-cunqursanii haqa osoo hin argatin du’an lakkofsa hin qaban.
➥Rabbiin Mootii Haqaa ta’ee isaan jidduutti haqaan murteessuf Guyyaa Qiyaamaa isaan kaasa.
➥Namoonni “Wanti ammatti ijaan hin argine gara fuunduraatti hin dhufu” jechuun Qiyaamaa morman, hanqinna beekumsa isaanii mul’isaa malee ragaan Qiyaamaan jiraachu agarsiisu dhabameeti miti. Deebiin isaaniif kennamu:
➥Odefannoo Rabbiin irraa yoo hin argatin ilmi namaa wanta gara fuunduratti raawwatamu hin beeku. Fkn, yoomi fi eessatti akka du’u ni beekaa? Kanaafu, odeefannoo haqaa Rabbiin irra namatti dhufe fudhatanii itti amanuu fi hordofuun wanta adabbii irraa nama baraarudha.
➥Sanyii miidhanii gogdee fi lafee namaa wal bira qabuun namni lamuu akka kaafamu beekun ni danda’ama.
➥Seenaa keessatti namoota kaafaman yaadachuun du’aan booda kaafamni akka jiru amanuun ni danda’ama.
➥Yommuu rafan qaamni namaa akka reeffaa ta’a. Nafseen yommuu itti deebitu dhaabbatee deema. Haaluma kanaan guyyaa Qiyaamas, nama du’etti nafseen isaa yommuu itti deebitu awwaalcha keessaa bahuun gara iddoo namoonni walitti qabamaniitti fiiga.
➥Guyyaa Qiyaamaa namoonni akka kaafaman amanuun wanta ijaan hin mul’anne (geeybi) irraa ta’eedha. Iimaanni immoo geeybitti amanuu irratti kan hundaa’edha. Odefannoon haqaa Rabbiin irraa erga nama gahee, amanuu fi harka kennu malee mormuun wanta nama baasu miti.

Kitaaba wabii:
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 578-580

Qiyaamaa Mormitootaaf Deebii Kenname-3
Qiyaamaa mormitotaaf deebii Kenname-1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.