Gaa’ilaa Islaamaa-Lakk.1

Offline dubbisuf

Jireenya tana keessatti lubbuu qabeenyin yommuu cimdiin walitti dhufan wal horu. Osoo cimdiin kuni jiraachu baate silaa wal hormaanni hin adeemsifamu ture. Dhalli namaa uumamtoota biroo irraa adda ta’uun karaa kabajamaa fi jaallatamaa ta’een akka wal horan Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) seera ka’e. Kuni kan agarsiisu kabaja Rabbiin ilma namaatiif kenneedha. Akka horii walitti dhufuun akkuma argan hin ta’an. Karaan seera-qabeessa isaan walitti dhufan karaa gaa’ilaatin. Jechoonni gaa’ila, fuudhaa heeruma, nikaah fi kkf yommuu gurra irra bu’an, dargaggoonni fi shamarran ni mirqaanu. Sababni isaas, fedhii uumamaa keessa isaanii jiru karaa ittiin guuttataniidha. Gaa’illi seera mataa ofii qaba. Akkanumatti lafa olka’anii kan itti deemanii miti. In sha Allah, mata duree gaa’ila Islaamaa jedhu jalatti, hiikni gaa’ilaa, nikaha, aqd, murtii fi seerri isaa maal akka ta’an kan ilaallu ta’a. Hanga xumuraatti akka waliin turru fi barnoota guddaa irraa argannu abdii qabna.

Hiikni Zawaaj,Nikaah fi aqd jedhan maal ta’inna laata?

Zawaaj jechuun qunnamtii shari’aatiin dubartii takka waliin qunnamtii uumudha[1].Jecha biraatin akka shari’aan hayyamuutti dhiirri tokko dubarti takkatti dabalamu ykn qindaa’udha. Hayyoonni lugaa Arabiffaa fi shari’aa nikaaf hiika baay’ee kennanii jiru. Akka lugaatti nikaah jechuun walitti maxxansuu fi walitti qabuudha. Waligalteen beekkamaan dhiira fi dubartii jidduutti adeemsifamu nikaah kan jedhameef niiti fi dhiirsa keessaa tokko tokkoon waan wal-qunnamuufi.[2] (Jecha biraatin niiti fi dhiirsi waan walitti dabalamaniifi). Akka shari’aatti hiikni nikaah irra caalatti ittiin beekkamu “aqdu tazwiij (walii-galtee fuudhaa heerumaa)”ta’a.[3]
Aqd jechuun immoo wal-galtee namoota lamaan jidduutti adeemsifamuudha.

Kanaafu, gara afaan keenyaatti yommuu deebisnu, zawaaj- fuudhaa heerumaa ykn gaa’ila jechuuni dandeenya. Jecha nikaah jedhu immoo hiika bal’aa waan qabuuf nikaah jechuun itti fayyadamna. Afaan Oromootin Muslimoota biratti jechi nikaah jedhu kan beekkameedha. Namoonni amantii biroo jechi kuni haarawa yoo isaanitti ta’e,“Walii-galtee fuudhaa heerumaa” jechuun qabachuu danda’u. Jecha aqd jedhu immoo“Hidhachuu” jechuun itti fayyadamna. Sababni isaas,jechi “aqd” jedhu hiika “hidhuu” fi “guduunfu” of keessaa qaba. Namni dubartii takka niiti godhachuu yoo barbaade “Nikaah hidhachuu” qaba. Jecha “nikaah” jedhu irraa jechi“nikeenyi” jedhus horsifamee jira.

Faaydawwan Fuudhaa Heerumaa (Gaa’ilaa)

1-Sanyii ilma namaa eeguu fi itti fufsiisuf– hanga Qiyaamaan dhaabbattu ilmi namaa dachii tana irra akka turuuf dhaloonni isaa itti fufuu qaba. Karaan dhaloota itti fufsiisan karaa fuudhaa heerumaatini. Dachii irra namoonni kan baay’atan karaa kanaani. Qur’aanni bakka adda addaatti faayda kana kaase jira. Isaan keessaa:

Yaa namootaa! Gooftaa keessan Kan lubbuu takka irraa isin uume, ishii (lubbuu takkatti san) irraa cimdii ishee uumee fi isaan lamaan irraas dhiirotaa fi dubartoota baay’ee facaase sodaadha.” Suuratu An-Nisaa 4:1
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jalqaba Nabii Aadamiin ni uume. Ergasii isarraa niiti isaa Hawwaa ni uume. Isaan lamaan irraa dhiirotaa fi dubartootaa baay’ee dachii keessa facaase. Kunis galma kan gahe sababa fuudhaa heerumaatini. Kanaafu, wanta Inni itti ajaju hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwu dhiisun Rabbii kana hunda hojjate sodaadhaa!

2-Fuudhaa heerumaan hawaasni amala badaa fi fokkuu irraa ni eeggama. Dhiira fi dubartiin karaa seera qabeessan yoo walitti hin dhufin, amalli isaanii baduun rakkoo hangana hin jedhamneef saaxilamu. Garuu yommuu fuudhaa heerumaan walitti dhufan, maatii fi hawaasni amala bareedan faayamu.

3-Hawaasni dhibee irraa tiikfamu– fuudhaa heerumaan hawaasni dhibee daddarboo kanneen akka Eedisii, fanxoo, cophxoo fi kkf irraa ni tiikfamu. Dhibeen hanga ammaa guddaan qoricha hin arganne sababa zinaa (sagaagalummaan) daddarbaa jira. Dhibeen kunis Eedisidha. Furmaanni guddaan hawaasni dhibee kanarraa ittiin baraaramu gaa’ila.

4-Qalbiin namaa tasgabbii argachuu- fuudhaa fi heerumaan jaalalli, rahmanni, walitti dhufeenyi dhiirsa fi niiti jiddu jiru ni badhaadha. Dhiirsi hojii guyyaa nama dadhabsiisu irraa galgala galuun yommuu niiti fi ijoollee isaatiin walitti makamu, boqonnaa fi tasgabbiin itti dhagahama. Ifaaje fi dadhabbiin guyyaa isarraa ka’a. Niitinis hiriyyaa jireenyaa ishiitin yommuu wal qunnamtu boqonnaa fi tasgabbiin itti dhagahama. Haala kanaan lamaan isaanitu gaaddisa walii jalatti hara baafatu, boqonna argatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu akkana jedhu dhuguma dubbate:

30:21

Lubbuma keessan irraa akka gara isaaniitti boqottaniif haadholee manaa isiniif uumuu fi jidduu keessanittis jaalalaa fi mararfannaa gochuun mallattoolee Isaa (Rabbii) irraayyi. Dhugumatti, kana keessa namoota xiinxallaniif mallattooletu jira.” Suuratu Ar-Ruum 30:21

5- Fuudhaa heerumaan wal gargaarun maatii bareedaa ijaaru– namni hanga fedhe qabeenya haa qabaatu, niiti irraa yoo addaan bahe ykn niiti yoo hin fuudhin, jireenyi isaa tartiiba tan hin qabne taati. Garuu yommuu niiti fuudhu, nama itti gaafatamuma qabu ta’uun maatii gaarii ishii waliin ijaaruf tattaafata.

6- Sheyxaana irraa tiikfamu, dheebu fedhii lubbuu kutuu fi ija gadi qabachuu- Abdullah bin Mas’uud(Radiyallahu anhu) akkana jechuun gabaase:
“Yeroo dargagummaa fi qabeenya hin qabne taane Ergamaa Rabbii (SAW) waliin turre. Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan “Yaa tuuta dargaggoota! Namni isin keessaa ba`aa fuudhaa danda’u haa fuudhu. Sababni isaas ija ofii akka gadi qabatuu fi qulqullumaa isaa akka eeguf isa gargaara (kana jechuun zinaa akka hin hojjanne isa gargaara). Namni fuudhuu hin dandeenye haa soomu. Soomun fedhii walqunnamtii saalaa hir’isaati.” Sahiih Al-Bukhaari 5066

7-Du’aan booda ilma du’aayin isaa abbaa fi haadha fayyaddu argachu– yommuu abbaa fi haati du’an ilmoon isaanii gaarii yoo taate, du’aayi isaaniif gooti. Kuni immoo rakkoo fi dhiphinna isaan muudatu isaaniif hir’isa yookiin wanta gaarii akka argatan sababa ta’aaf. Hadiisa Abu Hureeyran gabaase keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu:
“Namni yeroo du’e, wanta sadii malee hojiin isaa irraa cita.[Wantoonni sadan kunninis]: Sadaqaa itti fuftuu yookiin beekumsa itti fayyadaman yookiin ilma gaarii isaaf du’aayi godhu.”  Sahih Muslim 1631

Kana jechuun wanta sadan kanniin keessaa tokko yookiin hundaa yoo qabaate, mindaa hojii itti fufaa isaa ni argata ykn wanti badaan isa irraa deebi’a.

Kanaafi, namoonni gaggaariin Rabbiin irraa ilmoo gaarii akka isaaniif kennu akkana jechuun Isa kadhatu:

25:74

Ammas Isaan (gabroonni ar-Rahmaan), “Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” Jedhaniidha.  Suuratu Al-Furqaan 25:74

Nikeenyi Sunnaah (Karaa) Ergamtootati
Ergamtoonni Rabbii dur irraa kaase hanga Nabiiyyi keenyatti kan fuudhanii fi ijoollee kan horatan turan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti, si dura ergamtootaa erginee jirra. Niitiwwanii fi ilmaan isaaniif taasifnee jira.” Suuratu Ar-Ra’d 13:38
Imaamu Qurxubiin Tafsiira (ibsa) aaya tanaa ilaalchisee akkana jedha: “Aayan tuni nikaatti kakaasu akka qaban agarsiisti. Tabattula (nikaah dhiisu) irraa ni dhoowwiti. Akkuma aayan tuni dubbattu nikeenyi sunnaah Ergamtoota Rabbiiti.”(Tafsiira Qurxubii 9/327)

Gaa’illi (Fuudhaa heerumni) waadaa garmalee cimaa ta’eedha

Rabbiin biratti gaa’illi waadaa cimaa fi kabajamaa ta’eedha. Sababni isaas,wali galtee eenyummaa namaatii fi sanyii isaaniitin wal qabatuudha. Sharxiin (ulaagaan) walii galtee kanaa namoonni lamaan nikaah wal hidhatan walitti gammaduudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wali galteen fuudhaa heerumaa garmalee jabaa fi kabajamaa akka ta’e ibsuuf “Miisaaqan galiizaa” jechuun ibse.

4:21

Gariin keessan garitti seenee osoo jiruu fi waadaa garmalee jabaa isinirraa fudhatanii osoo jiranuu akkamitti isa (mahrii ishiif kennitan) fudhattu?” Suuratu An-Nisaa 4:21

Ibsii kanaa akkana ta’a: Mahrii (kennaa dhiirsi ishiif kennuutin) dura niitin dhiirsa ishii irratti haraama turte. Mahrii erga kenneefi booda ishitti seenu fi ishii waliin wal qunnamuun isaaf halaala taate. Kanaafu, mahriin kuni wanta isarratti haraamaa ture akka isaaf halaala ta’u bakka bu’aa (kafaltii) ta’a. Kanaafu, fedhii ofii erga guutattee fixee booda akkamitti kafaltii kana irraa deebifataa? Kuni dhugumatti zulmii guddaadha. Ammas, yeroo nikaah wal hidhatan wali galtee jabaa fi cimaa waliigalan. Lamaan isaanitu haqa walii akka eegan waadaa walii galan.[5]

Qur’aana keessatti gaa’illi irra deddeebi’ame bakka adda addaatti dubbatame jira. Kanaafu, gaa’illi tapha osoo hin ta’in wali galtee cimaa namni Guyyaa Qiyaamaa irraa gaafatamuudha. Kanaaf, murtiwwan gaa’ilaa, haqa niiti fi dhiirsaa maal akka ta’e, akkamitti jireenya kana fiixan akka baasan beekuf tattaafachu qabna. 

Guduunfaa
Gaa’ila (zawaaj) jechuun wal-qunnamtii niiti fi dhiirsi karaa seera qabeessa ta’een walitti dhufaniidha.
✉Hiikni nikaah irra caalatti shari’aa keessatti itti fayyadaman waligaltee fuudhaa heerumaati.
✉Faaydalee Gaa’ilaa ykn fuudhaa heerumaa haala kanaan tarreessun ni danda’ama:
☛Gaa’illi karaa sanyiin ilma namaa dachii irra itti fuftuudha.
☛Karaa gaa’ilaatin eenyummaan namootaa fi sanyiin isaanii addaan baafamu. Osoo gaa’illi jiraatu baate silaa daa’imni eenyun waamamaa? “Abbaan kee eenyu?” yommuu jedhamu, deebin isaa maal ta’aa?
☛Gaa’illi fedhii uumamaa ofii karaa haraamaan (dhoowwaman) akka hin guuttanne daangeessun karaa hayyamamaan (halaalan) akka guutattan carraa bana.
☛Gaa’ilaan dubartiin qulqullummaa ofii eegdi. Dhiirris akkasuma.
☛Karaa gaa’ilaatin dhiira fi dubartiin walitti dhufun boqonnaa fi tasgabbii argatu.
☛Wal-gargaaranii maatii fi jireenya ofii ijaaru.
☛Ilmoo gaarii argachuun jireenya keessatti akka itti gammadanii fi du’aan booda akka isaaniif du’aayi godhu gaa’illi balbala banaaf. Faaydan gaa’ilaa baay’eedha.Namni faayda kana ilaalun har’uma yoo gaa’ilatti fiige, rakkoo irra bu’uu waan danda’uuf, wanti beeku qabdu ni jiraa tasgabbaa’i jennaan. Har’aaf asirratti nu gaha. Wa billahi tawfiiq


Kitaabban Wabii
[1] https://www.almaany.com/ar/dict/ar-ar/%D8%B2%D9%88%D8%A7%D8%AC/
[2]Ahkaamu Zawaaj– Umar Suleymaan Ashqar, fuula 10
[3] http://fiqh.islammessage.com/NewsDetails.aspx?id=4058
[4] Az-zawaajul Islaamiyy Sa’iid Mahmud Masrii, fuula 15-27
[5]Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Fuula 185 Abdurahmaan Naasir Sa’dii

Gaa'ilaa Islaamaa-Lakk.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply