Gaa’ilaa Islaamaa-Lakk.2

Offline dubbisuf

Kutaa darbee keessatti gaa’ilaa fi faaydaalee isaa ilaalle turre. Gaa’illi funyoo cimaa dhiiraa fi dubartii walitti hidhuudha. Funyoon kuni yoo cite sanyiin ni cita. Tolee, dubbiin yoo akkana ta’e gaa’illi namoota hundarratti dirqama ta’uu danda’aa? Kuni murtii qorannoo barbaachisuudha. Kanaafu, murtiin gaa’ilaa maal fa’aa? Jalqaba murtii ykn hukmii yommuu jennu wanta tokkoon, “Kuni waajib (dirqama) ykn muharram (dhoowwamaa) ykn mubah (hayyamamaa) ykn mustahabb (jaallatamaa) ykn makruuh (jibbamaa)” jennee irratti murteessu keenya. Kanaafu, gaa’illi yeroo, haala fi bakka irratti hundaa’e murtiiwwan kanniin kan of keessatti qabatuudha.

Murtii (Hukmii) Gaa’ilaa

Gaa’illi Eenyurratti Waajiba (dirqama) ta’aa?
Namni fuudhu irratti dandeetti qabuu fi yoo fuudha dhiise zinatti nan kufa jedhee yoo sodaate, fuudhun isarratti dirqama. Wal-qunnamtii irratti dandeetti yoo qabaate fi qabeenya ittiin ofii fi haadha warra horatu yoo qabaate, fuudhun isarratti dirqama (waajiba). Sababni isaas, lubbuu ofii haraama ykn zinaa irraa eegun isarratti dirqama waan ta’eef. Yoo kan qabeenya hin qabne ta’ee fi fedhiin garmalee itti jabaate, hanga Rabbiin balbala fuudhaa isaaf banuu obsu qaba. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

“Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin, hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti kabaja ofii haa eeggatan.” Suuratu An-Nuur 24:33
Dheebu fedhii hir’isuuf sooma haa baay’isu ykn baay’istu.

Gaa’illi Eenyurratti muharram (dhoowwamaa) ta’aa?
Namni wal-qunnamtii irratti dandeetti hin qabnee fi qabeenya haadha warraa irratti baasu hin qabne, akkasumas, wanti gara fuudhaatti isa dhiibu fi kakaasu yoo kan hin jirre ta’e, fuudhun isarratti dhowwamaadha. Yoo fuudhe, qabeenya karaa dhoowwaman argachuuf kan dirqamu yoo ta’e, haala kana keessatti gara fuudhaatti tarkaanfachuu hin qabu. Namni kuni yoo fuudhe haqa niiti isaas hin guutu, ofiifis wanta dhoowwamaatti seena. Kanaafu, hanga sababni isaaf laafuu fi Rabbiin murtii isaaf murteessu haa obsuu.

Gaa’illi Eenyuf jaallatamaa (mustahabb) ta’aa?
Namni qabeenya haadha warraa irratti baasu fi wal-qunnamtii irratti dandeetti qabu garuu nafsee ofii irratti wanta fokkuutti kufuu kan hin sodaanne yoo ta’e, fuudhun isaaf jaallatamaadha. Namni kuni yoo hin fuudhin zinaa fi wanta zinatti nama geessutti nan kufa jedhee hin sodaatu. Dandeetti fuudhuu yoo qabaatee, ibaada naafilaa (dabalataa) hojjachuu irra fuudhun isaaf jaallatamaadha. Akkuma kutaa darbee keessatti kaasne gaa’illi faaydaa baay’ee waan qabuuf.

Gaa’illi Eenyurratti jibbamaa ta’aa?
Dubartii irratti wanti badaan kan hin dhufnee fi ishiin wal-qunnamtif fedhii cimaa tan hin qabne yoo taate, ibaadaan ykn beekumsaan of ko’oomsuun isaaf irra gaariidha.

Namni gaa’ila irratti dandeetti qabu tabattula irraa ni dhoowwama
Tabattula jechuun gaa’ila (fuudhaa heeruma) dhiisun ibaadatti cituudha. Sa’ad bin Abi Waqqaas akkana jedha: Ergamaan Rabbii (SAW) Usmaan bin Maz’uun tabattula irraa ni dhoowwe. Osoo isaaf hayyame, silaa ni kolaafamnaa turre.”   Sahih al-Bukhari 5073
Kana jechuun osoo tabattula hayyamee silaa hanga dhimmi kolaafamu gahuutti ni deemnaa turre.

Xabariin ni jedha: tabattulli Usmaan bin Maz’uun barbaade, dubartoota, shittoo fi wanta namni itti gammadu dhoowwudha.Kanaafi Rabbiin akkana jechuun buuse:  

5:87

Yaa warra amantan! Wantoota gaggaarii Rabbiin isiniif hayyame haraama hin godhinaa, daangaas hin darbinaa. Dhugumatti Rabbiin warra daangaa darban hin jaallatu.” Suuratu Al-Maa’ida 5:87

Hajjii dura gaa’ila raawwachuu?

Namoonni hin fuune gariin yommuu maallaqa gahaa argatan fuudhutu dursa moo hajjitu dursa jechuun gaafatu. Deebiin isaa akkana ta’a: namni tokko zinatti kufuu yoo sodaate fi fuudhu malee kan of hin eegne yoo ta’e, hajjii dura fuudhun isarratti dirqama. Yoo zinatti kufuu hin sodaatin, gaa’ila dura hajjii hajju danda’a. Haaluma kanaan yoo zinatti kufuu hin sodaatin fardul kifaaya kan akka beekumsaa fi jihaada gaa’ila dura hojjachuu danda’a. Kana jechuun zinatti kufuu yoo hin sodaatin, fuudha dura beekumsa (ilmi) barbaaduu fi karaa Rabbii keessatti qabsaa’u danda’a.

Gaa’ila irraa garagaluu fi Sababa isaa

Gaa’illi wanta garmalee barbaachisaa eenyullee irraa duroomu hin dandeenyedha. Dandeetti dhabuu fi daangaa darbuu malee wanti isarraa nama dhoowwu hin jiru. Akkuma Umar bin Al-Khaxxaab (Radiyallahu anhu) jedhe, “Rahbaniyyaan (moloksummaan) Islaama keessatti bakka hin qabdu.” Gaa’ila irraa garagaluun wantoonni baay’een gaarii ta’an akka nama jala darban taasisa. Kuni hawaasa Musliima namoota fuudhu fi heerumu barbaadan akka wal-fuusisan kan kakaasudha. Garuu faallaa kanaa gufuu karaa irra kaa’anii jiru. Kanarraa kan ka’e, dargaggeeyyi fi shamarran hariiroo haraamaa uumun jireenya ofii diigaa fi balleessaa jiru. Sababoota gurguddoo gaa’ila irraa akka garagalan nama taasisan kanniin eerun ni danda’ama:

1-Mahrii waddachiisu– warri intalaa mahrii humnaa olii gurbaa gaafachuun isaa fi ishii irratti balbala gaa’ilaa cufu.
2-Niitin infaaqa (baasi) baay’ee barbaadu– dargaggeessi baasi baay’ee dheeffaf, gaa’ila irraa garagala. Dubartii qofaa mitii dhiiris akka eebalutti qabeenya yoo hin qabaatin nan salphadha jechuun gaa’ila irraa dheessa.
3-Dubartiin akka feetetti fi ibidda fedhii haala kakaasun gara alaatti bahuun dhiira keessatti shakkii darbee jira. Dhiirri hiriyyaa jireenyaa isaa filachuu keessatti of eeggannoo akka godhuu isaa taasisee jira. Inuma namoonni tokko tokko dubartii itti gaafatamummaa manaa sirnaan baatu yoo hin argatin, gaa’ila ofirraa gata.

Furmaanni kana hundaa gara Islaamatti deebi’uun dargaggootaa fi shamarran aklaaqa Islaama barsiisudha. Bultii jireenya gaa’ilaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa akkamitti akka gaggeessu qaban Islaama handhuura godhachuun barsiisudha.

Miidhaa Osoo hin fuudhin ykn hin heerumin turuu

Gaa’ila malee umrii guutuu turuun miidhaa baay’ee fida. Isaan keessaa:
1-Sababa zinaa (sagaagalumatti) lixuun dhibee adda addaatin rukutamu.

2-Xin-sammuu fi amala gaarii irratti miidhaa fiduu- namni osoo hin fuudhin ykn hin heerumin yeroo dheeraaf yoo turee, sammuu fi nafsee isaa irratti balaan dhufuu guddaadha. Inuma gara saala wal fakkaatan akka wal-fuudhan taasisa. Dhiira fi dhiirri akka wal fuudhan, dubartii fi dubartiin akka walitti heeruman taasisa. Dhibeen kuni warroota qaroominna himatan kanneen akka Ameerikaa fi Ingiliiz keessatti kan babal’ataa jiruudha. Magaalaa Newyork keessa namoonni walakkaa miliyoonatti lakkaawaman dhibee saala wal faakkatuun wal fuudhun kan haleellama jiraniidha. Saalli lamaan wal fakkaatu wal fuudhun badii badaa fi ummanni Luux addunyaa irraa kan ittiin dugugamaniidha.

3- Gaa’ilaa malee turuun hawaasummaa, diinagdee, amantii fi Aakhirah ofii irratti miidhaa baay’ee fida. Zinatti kufuun amantiin isaa akka laamshayuu fi Aakhiratti adabbiif akka saaxilamu ta’a.

Guduunfaa
✂Gaa’illi funyoo cimaa dubartii fi dhiira walitti hidhuudha.
✂Haala namootaa irratti hundaa’e gaa’illi murtiwwan armaan gadii qaba.
✒Namni dandeetti wal-qunnamtii saalaa fi qabeenya haadha warraa ittiin horatu yoo qabaate fi yoo hin fuudhin zinatti nan kufa jedhee yoo sodaate, gaa’illi isarratti dirqama (waajiba). Sababni isaas, kabaja fi amantii ofii badii fi haraama irraa eegun dirqama waan ta’eef.
✒Namni dandeetti wal-qunnamti saalaa hin qabnee fi qabeenya hin qabne, akkasumas, wanti gara fuudhatti isa kakaasu yoo kan hin jirre ta’e, gaa’illi isarratti dhoowwamaadha. Sababni isaas, haqa niiti isaa yoo hin guutin wanta haraamatti kufuu danda’a.
✒Namni dandeetti gaa’ilaa qabaate garuu zinatti hin kufuu jechuun yoo of amanee, fuudhun isaaf jaallatamaadha.
✒Niiti irratti miidhan kan hin dhufnee fi wal-qunnamtiif fedhii cimaa tan hin qabne yoo taate, ibaadaa fi beekumsaan of ko’oomsun isaaf irra gaariidha. Garuu kuni jireenya guutuu akkanitti itti fufuu hin qabu. Kanaan tabattula jennaan. Tabattula jechuun fuudhaa heerumaa irraa dheessun ibaadatti cituudha.
➽Namni osoo dandeetti fuudhu qabuu tabattula raawwachuu hin qabu.
➽Jireenya keessatti fuudhaa heerumaa irraa dheessun baalaa baay’eef nama saaxila. Zinatti akka kufan nama taasisa. Jireenya addummee fi gammachuu hin qabne akka jiraatan karaa bana.
➽Gabaabuumatti, namni fuudhu danda’u haa fuudhu, tan heerumu barbaaddus abbaa manaa gaarii yoo argatte haa heerumtu. Namni fuudhu hin dandeenye immoo hanga Rabbiin sababa fuudhaa isaaf laaffisuu obsuu fi carraaqu qaba. Fedhii isaa hir’isuuf guyyoota akka wiyxataa fi kamisaa haa soomu.
Ammas, dubbiin gaa’ilaa hin dhumne. Eenyun fuudhu ykn eenyutti heerumu akka qabdu, hiriyyaa jireenyaa akkamitti akka filattuu fi kan biroo kutaalee itti aanu keessatti waan ilaalluf tasgabbaa’i.

Kitaabban Wabii
Sahih Fiqhu Sunnaah 3/74-76, Abu Maalik
al-Fiqhul Waadih 2/6-7, Dr.Muhammad Bakr Ismaa’il
Fiqhu Sunnaah 2/130-134, Sayyid Saabiq, Daaru Ibn Kasiir, 2016
Az-zawaajul Islaamiyy Sa’iid Mahmud Masrii, fuula 37-40

Gaa'ilaa Islaamaa-Lakk.3.1
Gaa'ilaa Islaamaa-Lakk.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply