Qiyaamaa Mormitootaaf Deebii Kenname-3

Offline dubbisuf

Wanti dhalli namaa jireenya keessatti barbaadu guddaan gammachuu guutuu gaddaa fi dhiphinnaan walitti hin makamne argachuudha. Akkasi miti ree? Jireenya keessatti gonkumaa wanta gaddaa fi dhiphinna jedhamu hin barbaadan. Garuu addunyaa tana keessatti fedhiin isaanii kuni guuttamuu danda’aa? Abadan! Hin guuttamu. Jireenyi addunyaa tanaa iddoo qormaataa waan taatef gammachuu guutuu gadda irraa bilisa ta’e argachuun hin jiru. Sababni isaas, namni qormaata keessa yommuu darbu rakkoo fi dhiphinna baay’ee dhandhama. Kanaafu, eessatti gammachuu guutuu argataa?

Gammachuu guutuu argachuuf addunyaa tanarraa addunyaan adda taate jiraachu qabdi. Addunyaa ykn biyya adda taate tanaan biyya ykn ganda Aakhirah jennaan. Namni amanee fi waan gaarii addunyaa keessatti hojjate, ganda Aakhiraatti gammachuu guutuu gadda fi dhiphinnaan walitti hin makamne argata. Namoonni addunyaa tana malee Aakhiraan hin jirtu jedhenii morman immoo gammachuu guutuu kana hin dhandhaman. Sababni isaas, hawwii fi abdii isaanii addunyaa tana qofarratti waan gabaabsaniif wanti gaariin Aakhiraaf jedhanii hojjatan hin jiru. Guyyaa Qiyaamaa harka qullaa Rabbiin qunnamu. Kutaalee darbee keessatti yaadota sobaa warri Qiyaamaa mormuu itti fayyadamu deebii isaanii waliin ilaalle turra. Har’as, In sha Allah kutaa dhumaa ni ilaalla.

Yaada sobaa Afraffaa: “Fedhiin Khaaliqa jireenya tana jalqabuudha malee jireenya tanaan alatti gara biraatti kan darbuu miti. Ogummaan (Hikmaan) Isaa hundii jireenya tana qofa keessatti guuttama. Jireenya tanaan ala jireenyi biraa wanti jedhamtu hin jirtu. Ni nyaanna, ni dhugna, ni duuna. Dubbiin asirratti dhumate. Aakhirah wanti jedhamu hin jiru.”
Yaada kijibaa kanaaf karaa adda addaatin deebii kennuun ni danda’ama.

1-Ilma namaatiif wanta inni barbaadu hundii uumameefi akkamitti akka itti fayyadame yoo irraa hin gaafatamin, uumamni isaa tapha ta’a-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaatiif wanta isaan barbaadan hunda uumeef. Ni jedha:

Akkamitti Rabbitti kafartuu? Du’aa turtan, Inni isin jiraachise. Ergasii isin ajjeesa; ergasii isin jiraachisa. Ergasii gara Isaatti deebifamtu. Inni wanta dachii keessa jiru hunda Kan isiniif uumedha.” Suuratu Al-Baqara 2:28-29

Kana jechuun Rabbittii akkamitti amanuu diddan ykn Isa waliin wanta biraa akkamitti gabbartuu? Du’aa taatanii osoo jirtanuu isin jiraachise. Kana jechuun namni dhalachuun dura maniyyi (bishaan saalaa) du’aa ture. Wanta du’aa ykn lubbuu hin qabne kanarraa Rabbiin isin jiraachise. Ergasii isin ajjeesa. San booda Guyyaa Qiyaamaa lamu isin jiraachisuun isin kaasa. Isin addunyaa tanatti dhufuun dura wanta lubbuu hin qabne turtan. Kanaafu, akkamitti Rabbiin du’aa hin kaasu jechuun mormituu?

Rabbiin ilmaan namaa erga uumee booda wanta dachii keessa jiru hunda isaaniif uume. “Inni wanta dachii keessa jiru hunda Kan isiniif uumedha.” Wanta dachii keessa jiru qofaa miti wanta samii irra jiran kan akka aduu, ji’a, urjiilee fi kan biroo ilmaan namaa akka tajaajilaniifi uume. Amma gaafi of haa gaafannu, “Ilmaan namaa akka Isa qofa gabbaraniif Rabbiin ni uume. Wanta samii fi dachii irra jiran immoo ilmaan namaatiif uume. Kanaafu, wanta barbaadan erga dhiyeessefi booda itti gaafatamumma isaanii akkamitti akka bahan osoo isaan hin gaafatin ni dhiisaa?” Lamuu isaan kaasun yoo isaan hin gaafatin, ilmaan namaati fi wantoota samii fi dachii irra jiran taphaaf uumamanii jechuudha. Kuni immoo wanta Rabbii Qulqullaa’a Olta’eef hin malleedha. Rabbiin ni jedha:

Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin deebifamne ta’uu ni yaaddu?
Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e. Isa malee Kan haqaan gabbaramu hin jiru. Inni Gooftaa Arshii kabajamaati.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:115-116

Aaya tanarraa barnoota baay’ee baasu dandeenya. Garuu barreefamni waan dheeratuf wantuma lama haa ilaallu. 1ffaa- “Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e.” Rabbiin Mootii Haqaa ta’e osoo ilmaan namaa jidduutti haqaan hin murteessin akkanumatti badanii ni hafuu? Kanaafu, Inni Mootii Haqaa waan ta’eef Guyyaa Qiyaamaa isaan kaasun isaan jidduutti haqaan murteessa. 2ffaa- “Isa malee Kan haqaan gabbaramu hin jiru.” Ilmaan namaa kan uumamaniif Rabbiin qofa akka gabbaraniifi. Itti gaafatamummaa kana bahu ykn bahuu dhiisu isaanii osoo isaan hin gaafatin akkanumatti isaan ni dhiisaa?

Motummaan biyya tokko bulchuuyyu hojjatoota isaa itti gaafamummaa ni kennaaf. Itti gaafatamummaa isaanii bahuu ykn bahuu dhiisu isaanii osoo isaan hin gaafatin ni dhiisaa? Gaafi malee akkunamatti mindaa ni kafalaafi?
Wanta kaafironni yaadanii fi xumura isaanii Qur’aanni haala kanaan ibsa:

Ni jedhan, “Jireenya addunyaa teenya tana malee [jireenyi biraa] hin jirtu; nutis [du’a booda] hin kaafamnu.” Yeroo Gooftaa isaanii fuunduratti dhaabbaman osoo argitee, [waan rifachiisaa argita ture]. Inni (Rabbiin) ni jedha, “Sila inni kuni (kaafamu fi mindaa argachuun) dhugaa mitii?”  Isaaniis ni jedhu, “Eeyyeen! Gooftaa keenyaan kakanne!” Innis ni jedha, “Waan kafaraa turtaniif adabicha dhandhamaa!” (Suuratu Al-An’aam 6:29-30)

2- Zulmii (miidhaa) namoonni raawwatan– dhalli namaa dur irraa kaase hanga ammaatti wal miidhaa fi cunqursaa jiru. Kan cunqurfamee fi miidhame haqa guutuu isaaf maluu argachaa hin jiru. Zaalimnis (namni namoota miidhus) mana murtiitti dhiyaachuun adabbii isaaf maluu adabamaa hin jiru. Osoo mana murtiitti hin dhiyaatin du’aan addunyaa irraa boqota. Ajaa’iiiib! Mee amma haa gaafannu: “Zaalimni kuni xiqqoomallee taatu osoo hin adabamiin addunyaa irraa du’a. Warri miidhamaniis haqa isaanii hin arganne. Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa osoo akkanatti wal cunqursanuu isaan jidduutti murteessu malee ni dhiisaa?” Akkuma Aaya (keeyyata) armaan olii keessatti eerame, Rabbiin mootii haqaa waan ta’eef isaan jidduutti osoo hin murteessin hin dhiisu. Guyyaan Murtii kunis Guyyaa Qiyaamaati. Zaalimoota badii hojjatan ilaalchisee Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

“Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni (Zaalimonni) raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf Guyyaa isa keessa ijji sodaadhan bobaastudha. [Gara waamichaatti] fiigaa mataan isaanii kan olka’u ta’a, ijji isaaniis gara isaaniitti hin deebitu. Qalbiin isaanis duwwaadha.” Suuratu Ibraahim: 42-43

[Guyyaa san] ijji isaanii sodaan guuttamtee awwaalcha (qabrii) keessaa bahanii akka hawwaanisa faca’e fakkaatu. Garaa Lallabaatti fiigu. Kaafironni ni jedhu, “Kuni Guyyaa garmalee ulfaataa ta’eedha.” Suuratu Al-Qamar 54:7-8

Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa namoonni qabrii keessaa yaa’un murtiif dachii wal-qixxooftu irratti walitti qabamu.

Waa’ee gaarreenii si gaafatu. “Gooftaan kiyya faffaacasu isaan faffacaasa” jedhiin. Lafa wal qixxaataa biqilaa hin qabne taasisee dachii dhiisa. Ishii keessattis bu’aa bahii homaa hin agartu. Guyyaa san Lallabaa hordofu; asi achii isarraa dabuun hin jiru. Sagaleen hunduu Rahmaaniif gadi jetti. Shokoksaa malee homaa hin dhageessu.” (Suuratu Xaahaa 20:105-108)

Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa gaarri gurguddaan kunniin maal ta’u jechuun si gaafatu. Jedhiin, “Gooftaan kiyya bakka isaaniiti isaan buqqisuun akka ashawaa ykn biyyee ta’uu. Ergasii daaraa ta’uun addaan bittineessa. Dachiidhaan wal qixxeessa. Dachiis lafa wal qixxooftu biqilaa hin qabne godhee dhiisa. Bu’aa bayii homaatu keessatti hin argitu. Dachiin akka gogaan diriiruutti ilma namaatiif diriirti. Guyyaa Qiyaamaa yommuu qabrii keessaa kaafaman Lallabaa gara iddoo ilmaan namaa hundii walitti qabamaniiti isaan waamu hordofu. Asi achi waamicha isaatirraa goruun isaaniif hin jiru. Rabbal Aalamiina fuunduratti erga walitti qabamanii, sagaleen isaanii hunduu gadi jetti. Sagalee olkaasun hin jiru. Shokoksaa malee wanti dhagahamu hin jiru. Hundii isaaniitu cal’isaa fi sodaan Murtii Rahmaan eegu.*

3-Hojii gaarii namoonni hojjatan- akkuma zaalimoonni badii hojjachuuf carraaqan, namoonni hojii gaggaarii hojjachuuf carraaqaniis baay’eedha. Hojii gaggaarii isaanii kanaaf kafaltii homaatu namoota irraa hin barbaadan. Kanaafu, osoo Qiyaamaan jiraachu baatte, silaa mindaa warra hojii gaarii hojjatu ni badaa ture. Kanarraa kan ka’e, namni badii hojjatu fi gaarii hojjatu kan wal qixxaa’u ta’a. Namni aqlii qabuu, “Namni gaarii hojjatuu fi namni badaa hojjatu wal qixa jedhee ni yaadaa?” Rabbiin (Azza wa jalla) ni jedha:

38:28

Sila isaan amananii fi toltuu hojjatan akka warra dachii keessatti balleessaa dalaganii ni goonaa? Warra Rabbiin sodaatanis akka warra yakkamtoota ni goonaa?” Suuratu Saad 38:28

Kanaafu, Guyyaan namni gaarii hojjatu gaarummaa ofiitin itti mindeefamu, namni badaa hojjatu badummaa isaatiin itti adabamu jiraachu qaba. Innis, Guyyaa Qiyaamaati.

Guduunfaa
➱Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa akka Isa qofa gabbaraniif uume. Wantoota dachii fi samii keessa jiran immoo ilmaan namaatiif uumee. Rabbiin gabbarrii isaanii irraa faaydaa hin argatu, Inni dureessa waan ta’eef. Kana irra,yoo isaan Isa gabbaran Jannata isaan seensisa. Yoo Isa didan immoo Jahannam isaaniif jirti.
➱Kanaafu, ilmaan namaa taphaaf hin uumamne jechuudha.
➱Osoo jireenya tana malee jireenyi biraa jiraachu baatte silaa namoonni cunqurfaman haqa osoo hin argatin badu. Mee ilaalaa seenaa keessattii fi wanta yeroo ammaa raawwatamaa jiru! Namoonni miliyoonatti lakkaawaman balleessaa tokko malee ajjeefamu. Zaalimni isaan fixus mana murtiitti dhiyaataa hin jiru. Kanaafu, kunniin hundii Murti osoo hin argatin akkanitti ni hafuu?
➮Namni Qiyaamaan akka dhuftu amanu, yeroodhaan hojii gaggaarii hojjachuun of qopheessa. Dabalataan, waa’ee Qiyaamaa ilaalchise, linkii kanarraa argachuun ni danda’ama: https://www.sammubani.com/category/qiyaamaa/

Kitaaba wabii:
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 578-580
*Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Fuula 597-598, Abdurahmaan Naasir Sa’dii

Jiraachu Azaabaa fi Qananii Qabrii
Qiyaamaa Mormitotaaf deebii kenname-2
Offline dubbisuf

Leave a Reply

Leave a Reply

  Subscribe  
Notify of