Gaa’ilaa Islaamaa-Lakk.3.1

Offline dubbisuf

Muharramaat-(Dubartoota Fuudhun Haraama ta’an)-kutaa-1
Akkuma kutaa darbee keessatti jenne gaa’illi funyoo cimaa dhiiraa fi dubartii walitti hidhuudha. Garuu funyoon gaa’ilaa kuni dubartii fi dhiira hunda walitti hin hidhu. Kana jechuun dubartoonni hundi dhiira hundaaf niiti hin ta’an. Dubartoota keessaa dhiira irratti fuudhun haraama (dhoowwaa) kan ta’antu jiru. Tarii ummanni Oromoo harki caalu gosaan waan wal fuudhaniif dubartoonni isaan fuudhan haraama ta’uu irraa fagaachu danda’u. Oromoo Arsii biratti gosa tokko keessatti namoonni wal hin fuudhan. Fakkeenyaf, gosti Garjeeda jedhamtu keessatti dhiirri Garjeeda ta’ee fi dubartiin Garjeeda taatee wal hin fuudhan.

Garuu yeroo ammaa, akkuma namoonni gara magaalotaatti godaananiin, gosa ofii dagachaa jiru. Kanaafu, gosaan wal fuudhun yeroo keessa ni dagatamaa jechuudha. Nuti dhaloonni ammaa wanti nurraa eeggamu shari’aa (seera) Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) beekne jireenya keessatti hojii irra oolchudha. Wanti abbootin keenya hojjatan shari’aa waliin yoo deeme, suni tole, ni hordofna. Ta’uu baannan, abbooti keenya akkeessun shari’aa faalleessu hin qabnu. Wanta Rabbiin haraamaa hin goone, haraamaa jechuun zulmii (miidhaa) guddaa waan ta’eef. Mee har’a dubartoota nurratti fuudhun haraama ta’an haa ilaallu.

Dubartoota fuudhun haraama ta’e bakka lamatti qoodun ni danda’ama. Isaaniis: Yeroo hundaa haraamaa kan ta’anii fi yeroo murtaa’af (muraasaaf) haraama kan ta’an.

1-Yeroo Hundaa Haraama Kan ta’an

Dhiirri dubartoota akkanaa fuudhun yeroo hundaa isaaf hin hayyamamu. Fkn, haadha fi obboleetti ofii fuudhun yeroo hundaa isaaf hin hayyamamu. Dubartoonni kunniin bakka saditti ramadamu. Dhiigan haraama kan ta’an, hoosisuun haraama kan ta’anii fi soddummaan haraama kan ta’an.

A. Dhiigan haraama kan ta’an
Dhiigan yommuu jennu dhaloota dhiigaatin kanneen wal qunnamaniidha. Dhiigan haraama kan ta’an torba. Isaaniis;

1-Haawwan– Haadha ofii, haadha abbaa (Akkawoo), haadha haadha fi akkawo akkawoo…
2-Intaloota– kunniin dubartoota dhalootan abbatti hidhannaa qabaniidha. Kanneen akka intala inni dhalchee, intala ilmaan isaa, intala intala isaa.
3-Obboleettiwwan– jihaa (karaa) hundaan obboleetti isaa. Kanneen akka obboleettii abbaa fi haati tokko ta’anii, obboleettii abbaa qofa irraa, obboleetti haadha qofa irraa. Kanniin fuudhun isarratti haraama.
4-Adaadota- kunniin obboleettiwwan abbootiti. Obboleetti abbaa ofii, adaadaa abbaa gara abbaatin (obboleetti akakaayyuu), adaadaa haadhaa gara abbaatin of keessatti qabata.
5-Haboowwan– kunniin obboleettiwwan haawwanii of keessatti qabata. Kanneen akka obboleetti haadha ofii, adaadaa haadhaa gara haadhatin, adaadaa abbaa gara haadhatin.
Karaan salphaan kana itti qabatan, dubartiin dhiira tokkoof adaada taate ykn abbaa fi haadha isaatiif adaadaa taate fuudhun isarratti dhoowwadha.

6-Intala obboleessa isaa– jihaa hundaan intala obboleessaa fuudhun hin ta’u.
7- Intala obboleetti isaa– karaa hundaan intala obboleetti fuudhun hin ta’u.
Qur’aana keessatti kunniin torban haala kanaan eeraman:

Haawwan keessan, intaloonni keessan, obboleettiwwan keessan, adaadonni keessan, haboowwan keessan (obboleetti haadhaa), intaloonni obboleessaa, intaloonni obboleetti… isin irratti haraama godhamanii jiru.”  Suuratu An-Nisaa 4:23

Gosoota dubartootaa torban kanniin keessaa kamiyyuu fuudhun dhiira irratti haraama. Karaan salphaan kanniin itti qabatan kana: dhiigan kan walitti firooman dhiira irratti haraama, kanniin afran malee. Isaaniis; intala abbeeraa isaa, intala eessuma isaa, intala adaadaa isaa, intala haboo isaa (intala obboleetti haadhaa)[1]. Kanniin afran fuudhun isarratti haraamaa miti. (Ragaan kanaa Suuratu al-Ahzaab 33:50 keessatti argachuun ni danda’ama).

B.Hoosisuun haraama kan ta’an
Dubartii harma nama hoosistee fi dubartii hoosisaan obboleetti taate fuudhun haraama. Ragaan kanaa aayaa (keeyyata) armaan olii irraa kan itti fufeedha:

Haawwan keessan kan isin hoosisanii fi obboleettiwwan keessan kan hoosisa irraa ta’an…[isin irratti haraama godhamanii jiru].” Suuratu An-Nisaa 4:23

Dubartii nama hoosiste qofa osoo hin ta’in haawwan ishii, intaloonni ishii, obboleetiwwan ishii, adaadonni ishii, haboowwan ishii fi kkf fuudhun hin ta’u. Gabaabumatti wanti dhiigan haraama ta’e hoosisaanis haraama ta’a. Ragaan kanaa hadiisa Ergamaa Rabbii (SAW) irraa dhufeedha:

الرَّضَاعَةُ تُحَرِّمُ مَا تُحَرِّمُ الْوِلاَدَةُ 
Wanta dhiigni haraama godhu hoosisuunis haraama ni godha.Sahih al-Bukhari 5099

Dubartii nama hoosiste akka haadha ofiitti ilaalun, firoonni ishii kan dhiigan walitti dhufan haraama ta’u. kanaafu, namni dubarti takka irraa harma hodhe, dubartoota kanniin hin fuudhu:
1-Dubartii nama hoosistee fi haawwan ishii
2-Intala dubartii nama hoosistee, akkasumas, intala intala ishii
3-Obboleetti dubartii nama hoosistee
4-Haadha dhiirsa dubartii nama hoosiste (soddaati ishii)
5-Obboleetti dhiirsa dubartii nama hoosiste (isaaf adaadaa waan taatuuf)
6-Intala ilma dubartii nama hoosistee (isaaf intala obboleessaa waan taatuf).

7-Obboleetti hoosisa irraa taate– kana jechuun dubartii haati tee harma hoosisteedha. Akkasumas, dubartii niitin abbaa keeti hoosistedha[2]. Kanaafu, dubartii haati ofii ykn haati biddeenaa hoosiste fuudhun hin danda’amu. Yookiin haadha biraa irraa dubartii waliin hodhan fuudhun hin ta’u.

Karaan gabaaban kana itti qabatan: dhiirri tokkoo fi dubartiin takka harma dubartii takkaa hoonan isaan lamaan wal hin fuudhan. Obboleeyyan waan walii ta’aniifi. Ragaan kanaa hadiisa Bukhaarin gabaasedha:
“Uqbaa bin Haaris dubartii maqaan ishii Umm Yahya bin Abi Ihaab jedhamtu fuudhe. Ergasii dubartiin gurraattin takka dhufuun akkana jette, “Isin lamaanu hoosisee jira.” Uqbaan ni jedhe, “Waa’ee kanaa Ergamaa Rabbii (SAW) itti ni hime. Innis narraa garagalee.  Ergasii gara biraatin itti dhufuun waa’ee kanaa itti hime. Ergamaan Rabbis ni jedhe, “[Dubartittiin] isin lamaanu hoosise osoo jettu akkamitti [niiti tee akka niititti ishii qabattaa].” Kanaafu, Ergamaan Rabbii (SAW) akka ishii hiiku ajaje.” Sahih al-Bukhari 2659

Faaydaa: Sababa hoosisuutin wanti haraama ta’e dhiira hodhe san qofarratti kan daangeefamuudha. Gara firoota isaatti kan babal’atu miti. Fakkeenyaf, Ahmad haadha Faaxumaa irraa aannan hodhe haa jennu. Garuu obboleessi Ahmad aannan haadha Faaxuma hin hoone. Asitti Ahmadi fi Faaxumaan obboleeyyan walii ta’u. Garuu obboleessi Ahmad Faaxumaaf obboleessa hin ta’u. Sababni isaas, Obboleessi Ahmadii fi Faaxumaan harma tokkorraa waan hin hodhiniif. Kanaafu, Faaxumaan obboleessa Ahmadiif ajnabiyyaadha. Faaxumaan obboleessa Ahmaditti heerumu ni dandeesse. Bu’uurri hoosisuu kana: “Namoonni harma tokko irratti wal gahan obboleyyan ta’u[3] Kana jechuun namoonni harma dubartii takkaa hodhan obboleeyyan ta’u.

Sharxii Hoosisuu
Kana jechuun namni tokko harma dubartii takkaa yeroo hodhuu ulaagaa akkamii yoo guutee hoosisni kuni isaa fi dubartii jidduu wal fuudhu irraa dhoowwaa?

1-Yeroo meeqa hoosifamaa?
Gaafii, “Yeroo meeqa yoo hoosifamee dubartiin inni hodhee fi firoonni ishii isarratti haraama ta’an?” jedhuuf aalimota jidduu garaagarummaa yaadatu jira. Gariin isaanii si’a tokko yoo hodhe, dubartiin haraama isarratti taati jedhu. Gariin immoo si’a sadii fi sanii oliin haraama taati. Gariin immoo si’a shaniin haraama taati jedhu. Garuu kanniin keessaa madaala kan kaasu, si’a sadii fi sanii ol yoo hodhe dubartiin isarratti haraama taati[4]. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu:

 ‏ ‏ لاَ تُحَرِّمُ الْمَصَّةُ وَالْمَصَّتَانِ
“Hoosisni tokko yookiin hoosisni lama [gaa’ila] haraama hin godhu.” Sahiih Muslim 1450

2-Umrii itti hoosifamuu
Umriin nama hoosifamuu yeroo daa’imummaa isaatti waggaa lama yeroo turetti ta’uu qaba. Kana jechuun wagga lama keessatti harma gu’uun dura dubartii tana kan hodhee ta’uu qaba. Rabbiin ni jedha:

Nama yeroo hoosisaa guutuu fedheef haadholiin ilmaan isaanii waggaa lama guutuu hoosisu.” Suuratu Al-Baqara 2:233
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
‏ لاَ يُحَرِّمُ مِنَ الرَّضَاعَةِ إِلاَّ مَا فَتَقَ الأَمْعَاءَ فِي الثَّدْىِ وَكَانَ قَبْلَ الْفِطَامِ ‏”‏
Gu’uun dura osoo harma irra jiruu wanta mar’imaa seene malee hoosisuu irraa wanti haraama godhu hin jiru.”  Jaami’a At-Tirmizii 1152

Sayyid Saabiq ni jedha: “Yeroo kana keessatti namni hoosifamuu xiqqaa waan ta’eef aannan isa gaha. Aannan kanaan foon isaa ni marga. Sababa kanaan kutaa dubartii isa hoosiste irraa ta’a. Wanti ijoolle ishii irratti haraama ta’e isarrattis haraama ta’a.”[5]

3-Akkaataa itti hoosifamee
Harma irraa hodhuun sharxii ni ta’aa?
Harki caalaan aalimotaa yaada kana qabatanii jiru: “Daa’imni aannan harma irraa haa hodhu yookiin meeshaa keessatti isaaf elmamuun haa dhugu yookiin afaan isaatti haa qicamu yookiin akkaataa kamiinu aannan dubartii yoo garaa gahee beelaa fi dheebu irra yoo kutee fi foon margee fi lafeen isaa jabaate, dubartiin tuni isarratti haraama taati.[6]

Of Eeggannoo Hoosisaa
Tarii namoonni baay’een murtii (hukmii) hoosisaa waan hin beeknef akkuma argan ijoolle hoosisu. Ergasii ijoollen tuni wal fuudhun haraamatti kufu. Tarii erga wal fuudhanii ijoolle horatanii booda waliif obboleeyyan hoosisaa ta’uu yommuu baran akkam ta’uu? Addaan bahuutu dhufa. Ijoollen isaan horatan kunis addaan faca’u. Kanaafu, of eeggannoo guddaa barbaachisa. Nama itti heeruman ykn dubartii fuudhan harma tokko hodhuu ykn hodhuu dhiisu mirkaneefachuun barbaachisaadha.

Guduunfaa
➦Dubartoota fuudhun haraama ta’an bakka lama gurguddaatti qoodun ni danda’ama:Yeroo hundaa fuudhun haraama kan ta’anii fi yeroo muraasaf haraama kan ta’an.
➦Yeroo hundaa fuudhun haraama kan ta’an bakka saditti ramadamu.Isaaniis: dhiigan haraama kan ta’an, hoosisuun haraama kan ta’anii fi soddummaan (fuudhaa heerumaan) haraama kan ta’an.
➦Dhiigan haraama kan ta’an torba: Haawwan, obbollettiwwan, intaloota, adaadota, haboowwan, intala obboleessaa fi intala obboleetti ofii. (Haboowwan jechuun obboleettiwan haadhaa jechuudha.)
➦Hoosisuun haraama kan ta’an, dubartii nama hoosistee fi dubartii waliin harma tokko hodhan. Dubartiin nama hoosiste akka haadhatti ilaallamti. Kanaafu, ishii fi firoota dhiigaa ishii fuudhun hin danda’amu.
➦Dubartiin harma tokkorraa waliin hodhan obboleetti namaaf taati. Kanaafu, ishii fuudhun hin danda’amu. Yoo nama dura harma tokko hoote ykn nama booda hoote ykn altokkotti waliin hodhan obboleetti namaaf taati. Bu’uurri Hoosisuu kana: “Namoonni harma dubartii takkaa hodhan obboleeyyan ta’u.”
➦Garuu hoosisni yeroo daa’imumma gu’uun dura wagga lama keessatti kan adeemsifame ta’uu qaba.
In sha Allah kutaa itti aanu keessatti dubartoota soddummaan haraama ta’an ni ilaalla. Wa billahi tawfiiq.


Kitaabban Wabii
[1] Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 77-78 , Abu Maalik
[2] Tafsiira Qurxubi 6/185
[3] Sahiih Fiqhu sunnaah, jiildi 3, fuula 82, Abu Maalik
[4] al-Fiqhul Waadih -J.2,fuula 76, Fiqhu sunnaah-fuula 2/186
[5] Fiqhu sunnaah 2/189, Sayyid Saabiq
[6] Sahiih Fiqhu sunnaah 3/88
Concise Presentation of the Fiqh– fuula 392

Gaa'ila Islaamaa-3.2
Gaa'ilaa Islaamaa-Lakk.2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply