Gaa’ila Islaamaa-3.2

Offline dubbisuf

Muharramaat-(Dubartoota Fuudhun Haraama ta’an)-kutaa-2ffaa
Kutaa darbe keessatti dubartoota fuudhun haraama ta’an bakka gurguddaa lamatti qoonne turre. Isaanis; yeroo hundaa fuudhun haraama kan ta’anii fi yeroo muraasaaf (murtaa’aaf) haraamaa kan ta’aniidha. Yeroo hundaa fuudhun haraama kan ta’an hariiroo isaanii irratti hundaa’un bakka saditti ramadamu. Isaaniis, dhiigan haraama kan ta’an, hoosisuun haraama kan ta’anii fi soddummaan haraama kan ta’an. Lamaan jalqabaa waan ilaallef har’a In sha Allah soddummaa fi yeroo muraasaf haraamaa kan ta’an ilaalla.

C. Dubartoota soddummaan haraama ta’an
Soddummaa yommuu jennu hariiroo ykn firummaa sababa fuudhaa heerumaatin uumamee jechuudha.[1] Fakkeenyaf, dhiirri tokko dubartii yoo fuudhe, warri gurbaa fi intalaa soddaa walii ta’u. Sababa soddummaattin dubartoonni fuudhun haraama ta’an afur. Isaanis:

1-Niiti abbaa- abbaan dubartii takka yoo nikaah hidhate, ilmaan isaa irratti dubartii tana fuudhun haraama. Abbaan dubartii tanatti seenee dhiisee, nikaah hidhachuu qofaan ilmaan irratti haraama taati. Akkasumas, ilmaan ilmaanii irratti haraama.

Yeroo Jaahiliyyaa dubartii takka dhiirsi yoo irraa du’e, ilmi isaa qabeenya isaatii fi ishii walitti qabee dhaalaa ture. Yoo fedhe nama biraatti heerumsiisa, yoo fedhe immoo ofumaa fuudha. Isaan keessaa namoonni gamna ta’an fuudhaa heeruma akkanaa garmalee jibbuu turan. Kanarraa kan ka’e, nikaahul muqt (gaa’ila dallansuu fi abaarsaa) jechuun waamu. Yommuu Islaamni dhufu gaa’ila kana ni balleesse[2]. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

4:22

Wanta darbe malee dubartoota abbootin keessan fuudhan hin fuudhinaa. Dhugumatti, inni fokkataa, jibbamaa fi karaan isaa hamaa ta’ee jira.” Suuratu An-Nisaa 4:22

Kana jechuun wanta yeroo darbe raawwatame malee fuudhaa heeruma akkanaa irraa fagaadha. Hojiin fokkuun akkanaa raawwatamee jira. Garuu isin kana booda gonkumaa itti hin deebi’inaa. Dhugumatti, dubartii abbaan keessan nikaha hidhate fuudhun ykn wal-qunnamtii raawwachuun hojii fokkataadha. Namni kana raawwatu Rabbiin biratti jibbamaadha. Akkasumas, abbaan isa jibba. Namni yommuu niiti abbaa fuudhu, wal jibbaa fi diinummaan ni uumama. Sababa kanaan, hariiroon firummaa ni cita. Karaan isaa hamaa fi badaa ta’ee jira.

2- Haadha niitii- haadha niitii fi akkawoowwan ishii fuudhun haraama. Akkawoowwan-haadha abbaa fi haadha haadhaa. Aaya (keeyyata) suuratu Nisaa itti fufuun Rabbiin (Azza wa jalla) akkana waan jedhuuf,

“…Haawwan niitiwwan keessanii…[isin irratti haraama godhamanii jiru].” Suuratu An-Nisaa 4:23

3-Intala niitii inni itti seenee– kana jechuun dhiirri tokko dubartii intala qabduu yoo fuudhee fi dubartii tana waliin wal-qunnamtii saalaa yoo raawwate, intala ishii fuudhu hin danda’u. Garuu yoo wal-qunnamti saalaa hin raawwatin fuudhu ni danda’a. Ragaan kanaa keeyyata suuratu Nisaa itti fufuun:

Intaloota isin guddiftanii gola keessan keessa jiran, kan niitiwwan keessan itti seentan irraa dhalatan [fuudhun haraama godhamanii jiru]. Yoo isaanitti hin seenin, isin irra badiin homaatu hin jiru.” Suuratu An-Nisaa 4:23

Kana jechuun intaloota (shamarran) niitiwwan keessan irraa dhalatanii fi gola keessan keessa jiran fuudhun isin irratti haraama, yoo haadha ishiitti kan seentan (wal-qunnamtii raawwattan) taatan. Garuu namtichi haadha nikaah erga hidhatee booda, osoo ishitti hin seenin dubartiin tuni yoo duute ykn hiike, intala ishii fuudhu ni danda’a.

Fakkeenyaf, Faaxuman tana dura nama biraatti heerumtee intala takka argachuun nama sanirraa addaan baate haa jennu. Maqaan intala ishii “Caaltu” haa jennuun. Amma, Ziyaadi fi Faaxumaan nikaah wal hidhatan. Ziyaad Faaxumatti yoo seene, Caaltu fuudhu hin danda’u. Garuu Ziyaad Faaxumatti seenun dura, Faaxumaan yoo duute ykn yoo wal hiikan, Ziyaad Caaltu fuudhu ni danda’a.

4-Niiti ilmaa dugda isaatirraa ta’ee– kana jechuun niiti ilmaa inni dhalchee fuudhun isarratti haraama. Akkuma ilmi niiti abbaa hin fuune, abbaanis niiti ilmaa hin fuudhu. Keeyyata armaan olii itti fufuun:

Niitiwwan ilmaan keessanii kanneen dugda keessan irraa ta’anii…[fuudhun isin irratti haraama godhamanii jiru].” Suuratu An-Nisaa 4:23

Garuu niiti ilma guddifachaa fuudhun haraamaa miti. Sababni isaas, aaya armaan olii keessatti “kanneen dugda keessan irraa ta’an” waan jedheef. Ilmi guddifachaa ilma inni dhalchee waan hin taanef dugda isaatirraa kan ta’ee miti.

2. Yeroo Murtaa’af (Muraasaaf) Dubartoota Fuudhun Haraama Ta’an

Kana jechuun sababni fuudha dhoowwu hanga isaan waliin jiruutti dubartoota kanniin fuudhun haraama. Garuu sababni fuudha dhoowwu yoo ka’e, isaan fuudhun ni danda’ama. Ramaddii dubartootaa kanniinis haala armaan gadiitiin ilaalu dandeenya:

1-Obboleetti niitii (obboleetiwwan lama yeroo tokkotti fuudhu)- dhiirri tokko dubartii takkaa fi obboleetti ishii yeroo tokko keessatti fuudhu hin danda’u. Garuu yoo niitin isaa duute yookiin wal hiikan, obboleetti ishii fuudhu ni danda’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aayah armaan olii irraa itti fufuun akkana jedha:

Wanta darbe malee obboleettiwwan lamaan walitti qabuun [isin irratti haraama].” Suuratu An-Nisaa 4:23

Kana jechuun wanta yeroo darbe raawwatame malee fuudhaa heeruma akkanaa irraa fagaadha. Araboonni Islaamni dhufuun dura obboleetiwwan lamaan altokko fuudhu turan. Ergasii, Islaamni dhufuun gocha akkanaa irraa isaan dhoowwe. Asitti obboleetti garaa ta’ii, obboleetti gara abbaatin ta’ii, dubartii ishiin harma waliin hoote altokko fuudhun hin danda’amu. Dubartiin yeroo daa’imummaa harma waliin hodhan obboleeyyan waan walii ta’aniif altokko fuudhun hin ta’u.

Faaydaa: Namtichi tokko dubartii takka erga fuudhee booda, ergasii obboleetti ishii yoo fuudhe, fuuti lammataa baaxila (kan sobaati). Garuu kan jalqabaa guutuu (sahiihadha). Kanaafu, tan lammataa irraa addaan bahuu qabu. Haa ta’uu malee, lamaan isaanitu yeroo tokko keessatti nikaah yoo hidhate, nikeenyi lamaanu isaanitu bade. Sababni isaas, takka tan biraa irraa wanti adda ishii godhu hin jiru.[3].

2-Niitii fi Adaadaa ishii ykn ishii fi haboo ishii altokko fuudhu– Dhiirri tokko dubartii takkaa fi adaadaa ishii ykn dubartii takkaa fi haboo ishii altokko fuudhu hin danda’u. Adaadaa jechuun obboleetti abbaa ishii, haboo jechuun obboleetti haadhaa. Hadiisa Abu Hureeyran gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
لاَ يُجْمَعُ بَيْنَ الْمَرْأَةِ وَعَمَّتِهَا، وَلاَ بَيْنَ الْمَرْأَةِ وَخَالَتِهَا
“Dubartiin takkaa fi adaadan ishii walitti hin qabaman yookiin dubartiin takkaa fi haboon ishii walitti hin qabaman.” Sahiih Al-Bukhaari 5109
Kana jechuun yeroo tokko keessatti dhiirri tokkichi isaan lamaan hin fuudhu.

Karaan salphaan kana itti qabatan: Dubartiin takkaa fi firoonni ishii kan hariiroo dhiigummaa ykn hoosisuu qaban yeroo (waqtii) tokko keessatti dhiira tokkoof wal bira niitii hin ta’an.[4] Sababni isaas, yeroo baay’ee masaanun waan wal hinaafaniif diinummaan isaan jidduutti uumama. Firoota jidduutti immoo diinummaa uumuu fi raahimummaa kutuun wanta dhoowwameedha.

Fakkeenyaf, Kadiir dubartii maqaan ishii Hawwaa jedhamtu fuudhe haa jennu. Hawwaan niiti Kadiir taatee osoo jirtuu, Kadiir obboleetti Hawwaa ykn adaadoota ykn haboowwan Hawwaa fuudhu hin danda’u. Garuu yoo Hawwaan duute ykn addaan bahan, Kadiir obboleetti ykn adaadaa Hawwaa fuudhu ni danda’a.

Guduunfaa
Sababa soddummaatin yookiin fuudhaa heerumaatin haraama ta’an afur. Isaanis:
➨Niiti abbaa ofii, niiti ilma ofii, haadha niiti fi intala niiti itti seenanii (wal-qunnamtii raawwatanii). Kunniin afran yeroo hundaa haraama.
➤Dhiirsi irraa du’e dhiisee, hariroon fuudhaa heerumaa uumamnaan yeroo hundaa haraama. Fuudhun gonkumaa hin danda’amu.
➤Garuu wanti asirraa adda ta’u, intala niitii itti hin seenini. Dubartii takka nikaah hidhatanii ergasii yoo ishitti hin seenin (wal-qunnamtii hin raawwatin), intala ishii fuudhun haraamaa miti.
Dubartoonni yeroo murtaa’af haraama ta’an, sababni isaan fuudhu irraa nama dhoowwu yoo ka’e halaala namaaf ta’u. Garuu yoo sababni hin ka’in isaan fuudhun hin danda’amu.
➤Dubartoonni gosa kana gara ramaddi saddeetu jira. Isaan keessaa:
➨obboleettiwwan lama wal bira fuudhun hin danda’amu.
➨Dubartii takkaa fi adaadota ishii wal bira fuudhun dhoowwadha.
➦Garuu yoo niitin isaa duute ykn addaan bahan, obboleetti ykn adaadaa ishii fuudhu ni danda’a.
In sha Allah kutaa itti aanu keessatti dubartoota yeroo muraasaf (murtaa’aaf) haraama ta’an itti fufna. Wa billahi tawfiiq


Kitaabban Wabii
[1] al-Fiqhul Waadih – Jiildi 2-fuula 78, Dr.Muhammad Bakr Ismaa’il
[2] Madda olii
[3] Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3 -fuula-89, Abu Maalik
[4] Madda Olii-fuula 90
Concise Presentation of the Fiqh– fuula 395

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.3.3
Gaa'ilaa Islaamaa-Lakk.3.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply