Gaa’ila Islaamaa-Lakk.3.3

Offline dubbisuf

Muharramaat-(Dubartoota Fuudhun Haraama ta’an)-kutaa-3ffaa
Kutaa dabre keessatti dubartoota soddummaan yeroo hundaa haraama ta’anii fi dubartoota yeroo murtaa’af haraama ta’an ilaalle turre. Har’as itti fufuun rammaddi dubartoota yeroo murtaa’af haraama ta’an ni ilaalla. Akka dubbistootaaf salphatuuf wanti hanga ammaa ilaalle gabateen qophaa’e jira. Linkii gara dhumaa jiru tuquun buusun ni danda’ama. Mee itti haa fufnu kutaa darbee irraa…

Yeroo Murtaa’af (Muraasaaf) Dubartoota Fuudhun Haraama Ta’an
3-Niiti nama biraa yookiin dubartii yeroo turtii (iddaa) keessa jirtu
Dubartii nama biraatti heerumtee fi niiti isaa taatee osoo jirtuu fuudhun haraama. Sababni isaas, kabajaa fi bishaan saalaa dhiirsa ishii eeguuf jecha isaan fuudhun dhoowwamaadha. Akkasumas, dubartii hiikkamte iddaa keessa jirtu fuudhun hin ta’u. Iddaa jechuun du’a dhiirsaatiin booda ykn erga wal hiikanii booda, dhiira biraatti heerumuun dura yeroo murtaa’a dubartiin itti turtuudha. Fakkeenyaf, dubartiin hiikkamte nama biraatti heerumun dura heeydi (laguu) sadii arguu qabdi. Kanaafu, dubartiin niiti nama tokkoo taatee osoo jirtu ykn iddaa keessa osoo jirtuu fuudhun ykn nikaah hidhachuun haraama. Rabbiin ni jedha:

Kan harki keessan dhuunfate malee dubartoota irraa kanneen heeruman [isin irratti haraama].” Suuratu Niisa 4:24

Kana jechuun dubartoota heerumanii nikaah ofirraa qaban fuudhun isin irratti haraama. Garuu wanti kanarraa adda ta’uu dubartoota harka keessan keessa jiraniidha. Kana jechuun osoo kaafirotaan walitti duulanuu dubartoota heeruman kan yeroo waraanaa qabaman (booji’amaan) fuudhun dhoowwamaa miti. Dubartoonni yeroo waraanaa qabaman iddaan isaanii yoo xumurame fuudhun ni danda’ama. Iddaan isaanii heeydi (laguu) tokko arguudha. Ragaan kana (Sahiih Musliim 1456 ilaalun ni danda’ama). Asitti gaafin akkana jedhuu ka’uu danda’a. “Dubartoota kaafirootaa heerumanii yeroo waraanaa booji’aman fuudhun akkamitti hayyamamaa? Kuni zulmii hin ta’uu?” jechuun gaafataan gaafachuu danda’a. Deebiin isaa karaa lamaani:

1ffaa– Nama Islaamatti duulu fi karaa Rabbii irraa namoota deebisu ajjeesun hayyamamaadha. Kanaafu, lubbuun isaa akka ajjeefamtu yoo hayyamame niiti isaa fuudhun san caalaa kan hayyamamuudha.
2ffaa– Kaafiroonni dubartoota Musliima yoo booji’an (qaban) wanta badaa irratti raawwachuun isaan miidhu. Kanaafu, haqni haqa waan ta’eef dubartoota kaafirotaas fuudhun wanta Islaamni hayyamuudha

Gocha Irraa dheessu qaban: yeroo ammaa ummata keenya keessa dubartoota nikaah ofirraa qaban fuudhun wanta babal’atee jiruudha. Osoo dhiirsi nikaah irraa hin buusin dubartiin takka dhiira biraatti heerumti. Kuni daangaa Rabbii darbuu fi adabbii cimaaf of saaxiludha. Kanaafu, dhiiraa fi dubartiin gocha akkanaa irraa of qusachuu qaba. Dhiirsi jalqabaa erga nikaah irraa buuse booda nama lammataatti heerumu dandeessi. In sha Allah gara fuunduraatti Xalaaqa (nikaah buusu) keessatti bal’innaan ilaalla.

4-Dubartii si’a sadii hiikkamte– dhiirri niiti isaa si’a tokko hiikee yeroo lammataaf walitti deebi’u danda’u. Ammas yeroo lammaffaaf yoo wal hiikan, walitti deebi’u danda’u. Garuu yeroo sadaffaaf wal hiiknaan, dubartiin suni hanga dhiira biraatti heerumtutti walitti deebi’u hin danda’an. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

2:230

“Yoo [hiikkaa sadaffaa] ishii hiike, san booda hanga dhiirsa biraatti heerumtutti isaaf hin hayyamamtu. Yoo inni (dhiirsi lammataa) ishii hiike, daangaa Rabbii eeguu isaanii yaadnan isaan lamaan yoo walitti deebi’an badiin isaan irra hin jiru. Kuni daangaawwan Rabbii kan Inni ummata beekaniif ibsuudha.” Suuratu Al-Baqarah 2:230

daangaa Rabbii eeguu isaanii yaadnan isaan lamaan yoo walitti deebi’an badiin isaan irra hin jiru” kana jechuun haqa walii ni eegna, wanta badaa duraan akka addaan baanuf sababa ta’e ni jijjira jedhanii yoo yaadan, walitti deebi’u danda’u. Garuu haqa walii kan hin eegnee fi waliin jireenyi akkuma duraanii badaa ni ta’a jedhanii yoo yaadan, walitti deebi’un isaaniif badiidha.

5-Dubartii Mushrika taate hanga Musliima taatu– dubartii mushrika taate fuudhun dhiira Musliimaa irratti haraama. Kana jechuun dubartii taabota gabbartu yookiin sa’a, urjiilee, aduu, ji’aa fi kkf gabbartu. Akkasumas, Jiraachu Rabbiitti tan hin amanne. Tan akka shuyu’iyyiin (Koominist), ateezimii fi tan Islaama irra duubatti deebite (murtaddii) fuudhun hin ta’u[1]. Haaluma wal fakkaatun dubartiin Musliimaa dhiira mushrikaatti hin heerumtu. Rabbiin ni jedha:

Hanga isaan amananiitti dubartoota mushriikaa hin fuudhinaa. Odoma isheen isin gammachiifteeyyuu gabritti mu’iminaatu mushrika caala. Yoo amanan malee dhiira mushrikaattis [dubartii teessan] hin heerumsiisinaa. Odoma inni isin gammachiiseyyuu gabricha mu’minaatu mushrika irra caala. Warri suni gara ibiddaatti waamu; Rabbiin immoo hayyama Isaatiin gara Jannataa fi araaramaatti waama. Akka xinxallaniif jecha aayatota Isaa namootaaf ibsa.” Suuratu al-Baqarah 2:221

6- Dubartii Zinaa raawwatte hanga tawbattuu fi garaan ishii ulfa irraa qulqulluu ta’uu hanga mirkanaa’utti– Dhiirri Musliimaa tokko dubartii zinaa (sagaagalummaa) hojjachuun ishii irratti mirkanaa’e ykn ragaan ishirratti argame ykn sagaagalummaan beekkamte fuudhun isarratti haraama. Akkasumas, dubartiin Musliimaa dhiira zinaa raawwatetti heerumuun hin hayyamamu. Garuu yoo tawbaa dhugaa tawbatan wal fuudhu danda’u. Rabbiin ni jedha:

24:3

Dhiirri zinaa (sagaagalummaa) raawwate dubartii zinaa raawwatte yookiin mushrika taate malee hin fuudhu. Dubartiin zinaa raawwattes dhiira zinaa raawwate yookiin mushrika ta’e malee namni biraa ishii hin fuudhu. Suni warroota amanan irratti dhoorgamee jira.” An-Nuur 24:3

Dubartii zinaa (sagaagalummaa) raawwatte fuudhuf sharxiin (ulaagaaleen) lama guuttamu qabu:
1ffaa– Dubartiin dhugaan zinaa irraa tawbachuu qabdi. Kana jechuun hojii zinaa irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’uu, gaabbu fi gara fuunduraatti hojii gadhee kanatti deebi’u dhiisudha. Bal’innaan “ZINAA IRRAA AKKAMITTI TAWBATANII?” barruu jettu ilaalun ni danda’ama.
2ffaa– Heeydii (marsaa laguu) tokkoon garaan ishii ulfa irraa qulqulluu ta’uu mirkaneefachu. Kana jechuun hojii fokkuu kana booda dhiiga heeydi arguun ulfa irraa qulqulluu ta’u. Yoo kanniin lamaan guutte fuudhun ni danda’ama.

Sababni dubartii zinaa irraa hin tawbannee fuudhun dhoowwameef, firaasha dhiirsa ishii balleessu irraa hin gortu. Kana jechuun namuma argite ofitti seensisuun wanta badaa waliin raawwatti. Ergasii ilmi dhalatu sanyii nama biraatin kan walitti makame ta’a. Kuni immoo sanyii balleessudha. Akkasumas, jaalalli fi rahmanni isaan jidduudhaa ni bada. Dhiira zinaa raawwatutti heerumuniis akkasuma badaadha. Rabbiin ni jedha:

Dubartoonni badoon dhiira badoofi, dhiironni badoonis dubartoota badoof ta’u. Dubartoonni gaariin dhiirota gaariif, dhiironni gaariinis dubartoota gaariif ta’u.” Suuratu An-Nuur 24:26

Garuu lamaan isaanitu yoo tawbatan badaa (Khabiisa) ta’uun isaan irraa haaqama. Sababni isaas, tawbachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun hojii badaa darbe namarraa haaqa. Namni suni gaarii ta’a. Akka fakkeenyatti Sahaabota Nabiyyi (SAW) ilaalun ni danda’ama. Isaan keessaa yeroo Jaahiliyyah (Wallaalummaa) nama daa’ima ofii ajjeese fi zinaa raawwate jira. Garuu yeroo Islaamni dhufu tawbachuun dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’anii jiru. Kanaafu, namni hojii fokkuu kana raawwate dhugaan tawbachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun xurii zinaa irraa of qulqulleessu danda’a.

7-Dubartii Muhrim taatee hanga ihraama hiiktutti– kana jechuun dubartiin takka hajjii hajjuuf ihraamatti yoo seente, hajjii xumuruun hanga ihraama hiikkattutti ishii fuudhun hin ta’u. Akkasumas, dhiirri hajjiif ihraamatti yoo seene, hanga ihraama hiikkatutti dubartii takka hin fuudhu. Ragaan kanaa, Hadiisa Usmaan bin Affaan gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
لاَ يَنْكِحُ الْمُحْرِمُ وَلاَ يُنْكحُ وَلاَ يَخْطُبُ 

Muhrimni mataa ofiiti hin fuudhu, hin heerumsisuu, hin kaadhimatus.” Sahiih Muslim 1409
Muhrima jechuun nama sirna Umraa ykn Hajjiitti seenedha. “Hin kaadhimatu” dubartii takka fuudhaf hin kadhatu.

8-Osoo isa jala dubartoonni afur jiranuu tan shanaffaa fuudhu- namni dubarti afur of jalaa qabu, dubartii shanaffaa fuudhu hin danda’u. Rabbiin (Azza wa Jalla) hanga afuri hayyame. Afuri ol fuudhun hin hayyamamu. Nabiyyiin (SAW) afuri ol kan fuudhef waan isaaf qofa hayyamameefi. In sha Allah, gara fuunduratti dubartoota baay’isuu jalatti bal’inaan ilaalla.

Guduunfaa
➥Dubartoonni yeroo murtaa’af haraama ta’an hanga sababni isaan fuudhu irraa nama dhoowwu ka’utti isaan fuudhun haraama. Yoo sababni suni ka’e, isaan fuudhun ni danda’ama. Fakkeenyaf, dubartii nama biraatti heerumte fi nikaah ofirraa qabdu fuudhun haraama. Garuu yoo nama saniin addaan baate fi nikeenyi ishirraa bu’e, ishii fuudhun ni danda’ama.
➥Dubartiin takka dhiira tokkorraa erga hiikkamte booda yeroo muraasaf turuu qabdi. Kunis iddaa jedhama. Hanga yeroo turtii (iddaa) xumurtuutti nama biraatti hin heerumtu.
➥Dubartiin si’a sadii hiikkamte hanga dhiira biraatti heerumtutti dhiirri jalqabaa ishii fuudhu hin danda’u.
➥Dubartiin mushrika taate hanga Musliima taatutti fuudhun hin danda’amu. Mushrika jechuun nama sanama (taabota), urjiilee, aduu fi kkf gabbaruudha.
➥Dubartii zinaa raawwatte hanga zinaa irraa tawbattuu fi garaan ishii ulfa irraa qulqulluu ta’uu hanga mirkanaa’utti fuudhun hin danda’amu. Haaluma wal fakkaatun dhiira zinaa raawwate hanga dhugaan tawbatutti itti heerumuun hin danda’amu.
➥Dubartiin sirna hajjii irra jirtuu hanga hajjii xumurtutti hin heerumtu. Dhiirris sirna hajjii hanga xumurutti hin fuudhu, hin heerumsiisu, hin kadhatu.
➥Osoo dubartoonni afur isa jala jiranuu dubartii shanaffaa fuudhu hin danda’u.


Kitaabban Wabii
[1] al-Fiqhul Waadih – Jiildi 2-fuula 81, Dr.Muhammad Bakr Ismaa’il
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3 -fuula-90-96, Abu Maalik
Concise Presentation of the Fiqh– fuula 395-396

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.4
Gaa'ila Islaamaa-3.2
Offline dubbisuf

3 comments

Leave a Reply