Jiraachu Azaabaa fi Qananii Qabrii

Offline dubbisuf

Barruu “Aakhiratti amanuu” yommuu ilaallu Azaaba fi qananii qabrii ilaalle turre. Azaabni fi qananiin qabrii dhugaa akka ta’e ragaalee Qur’aanaa fi hadiisa irraa dhiyeessinee turre. Azaabni fi qananiin qabrii wanta geeybi irraa waan ta’eef nafseen /ruuhiin nama du’e qofti akka beektu fi namoonni biroo ijaan arguu akka hin dandeenye kaasne jirra. Namoonni gariin wanta ijaan hin mul’annee (geeybi) kana ijaan arguu yommuu barbaadan, qabrii banuun yaalan. Garuu azaaba fi qananii qabrii jedhame hin argine. “Qabrii bal’attuu fi dhiphattu hin argine, qaamni nama du’ee akkuma duraatti jira. Meeti ree azaabni qabrii?” Kana bu’uura godhachuun azaabni fi qananiin qabrii hin jiru jechuun ofillee dhamaasanii namallee dhamaasu. Har’a In sha Allah shakkii fi dhama’iinsa kana saaquf ni yaalla.

Azaabni fi qananiin qabrii jiraachuu karaa afuriin mirkaneessun ni danda’ama:

1-Shari’i– kana jechuun Qur’aanni fi Hadiisni Nabiyyii (SAW) azaabni fi qananiin qabrii akka jiru beeksiisanii jiru. Yeroo darbee Aakhiratti amanuu kutaa 3ffaa keessatti bal’innaan ilaalle turre. https://www.sammubani.com/Aakhiratti Amanuu-kutaa 3ffa. Yaadachisaaf hadiisa tokko kaasun ni danda’ama:
Ibn Abbaas akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) qabriiwwan lama bira darban. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Isaan lamaan kunniin azzabamaa jiru, [dhiisuf] wanta guddaaf kan azzabamanii miti. Tokkoffaan jettee jettee olii gadiin deema, lamaffaan, fincaan irraa of hin eegu.” Sahiih Al-Bukhaari 1361 fi Sahiih Muslim 292

2-Hiss (wanta namni ijaan arguu fi qaamota miirotaatin hubatamuu)– Namni rafuu kamiyyuu abjuu ni arga. Tarii abjuu isaa keessatti qananii isa gammachisu keessa ta’uu danda’a. Osoo rafuu nyaata mi’aawa nyaata, bakka bal’aa fi bareedaa seena. Faallaa kanaa, namni biraa immoo osoo azzabamuu (adabamuu) abjuun ni arga. Tarii osoo bofni isa ari’u, ibiddi isa gubuu, iddoo dhiphaa seenun osoo rakkatu ni arga. Inuma adabbii fi rakkoo kana irraa kan ka’e yeroo hirriba keessaa itti dammaqutu jira. Akkasumas, adabbiin kuni yeroo qaama isaa irratti mul’atutu jira.

Namoonni nama rafu kana siree (algaa) irra jiraachu isaa ni beeku. Garuu osoo inni rafuu adabbii inni adabamaa jiru hin argan. Yeroo hirribaa ruuhin ykn nafseen ni adabamti. Tarii adabbiin kuni gara qaamattis ce’uu ni danda’a. Hirribni obboleessa du’aati. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala “hirriba” wafaat (du’a) jechuun moggaase.

Rabbiin nafsee yeroo du’a ishii ni fudhata; tan duuti hin gahinis hirriba ishii keessatti [ni fudhata]. Ergasii, tan du’a itti murteesse ni qaba (ni hanbisa). Tan biraa (tan du’a irratti hin murteessine) immoo hanga beellama beekkamaatti gadi dhiisa. Dhugumatti, kana keessa warra xinxallaniif mallatooleetu jira.” Suuratu Az-Zumar39:42

Gola Seenaa Irraa
Gaafa tokko dubartiin harkii ishii naafa taa’e (laamshaye) gara Aa’ishaa (radiyallahu anhaa) dhufte. Dubartoonni achi jiran xiyyeefannoo itti kennu jalqaban. Ergasii dubartiin tuni Aa’ishaan akkana jetteen, “Harka kiyya kanaaf malee homaafu si bira hin dhufne. Abbaan kiyyaa nama arjaa ture. Hirriba osoo rafuu abjuun kuusaa bishaanii irra namoota meeshaa dhugaatii harkaa qaban arge. Nama gara isaanii dhufe ni obaasu. Abbaa kiyya argee akkana jedheen, “Haati tiyya eessa jirtii?” Innis ni jedhe, “Ilaali!” Anis nan ilaale. Yommuu ilaalu, haadha tiyya irra dasee (uffata cittuu takka) malee homaa ishii irra hin jiran. Abbaan kiyya ni jedhe, “Dasee tanaa fi sa’a qalan irraa cooma takka malee ishiin gonkuma sadaqattee hin beektu.” Haati tiyya “Waa axashaa (Ee Dheebu kiyya!)” osoo jettuu coomni tuni baqfamuun ittiin reebamti. Ani meeshaa bishaanii fuudhun ishii obaase. Namni tokko dhufee akkana jedhe, “Eenyutu ishii obaase, harka isaa Rabbiin haa gogsu!” Kunoo akkuma argitu kana harki kiyya akkana ta’e.[1]

Dubartii tana qofaa mitii, warri keenyaa fi namoonni naannoo keenya jiran nama erga du’ee booda azzabamu abjuun ni argu. Namni kuni yeroo addunyaa irra jiraatu badii adda addaa kan hojjatu fi Rabbiif kan hin ajajamnedha.

Wanti asirraa barannu azaabni qabrii dhugaa akka ta’ee fi ruuhin (nafseen) tuni erga qaaman addaan baate akka azzabamtuu ykn qanani’ooftudha. Akkasumas, wanta badaa hojjachuu fi Rabbiif ajajamuu diduun azaaba qabriitti akka nama geessu ni baranna. Seenaa armaan olii caalaa dhibbaan dhibbatti dhugaa kan ta’e abjuu Nabiyyiiti. Abjuun Nabiyyoota wahyii (beeksisa) Rabbiin irraa waan ta’eef sobni itti hin seenu. Hadiisa Samurah bin Jundub gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) namoota badii adda addaa hojjachuun adabaman abjuun arganii jiru. Hadiisni dheeraa waan ta’eef hunda isaa asitti hiikun barreefamni waan dheeratuuf, liinki kana irraa dubbisuu dandeessu. https://sunnah.com/bukhari/91/61

3-Aqliin (sammuun)- namni rafuu hirriba keessatti abjuu guyyaa adiin haqa ta’u ni arga. Tarii Nabiyyii (SAW) abjuun amala isaa irratti arguu danda’a. Namni Nabiyyi amala (sifaah) isaa irratti argee dhugaan isa argee jira. Kana waliinu namni rafu, osoo gola isaatii fi siree irra jiruu wanta argee irraa baay’ee fagoodha. Yoo kuni haala addunyaa keessatti kan ta’u ta’e, haala Aakhirah keessatti ta’uu irraa maaltu isa dhoowwaa?

4- Muxannoo namootaa– namoonni hundi nama du’e yeroo adabamuu haa arguu baataniyyuu malee yeroo tokko tokko namoonni gariin adabbii qaama isaa irratti ni argu. Seenaa fi naannoo keenyatti namoonni qaamni isaanii jijjiramee fi qabrii isaanii keessatti bofni argame ni jiru. Kuni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa jedhan kan dhugoomsudha.

Kanaafu, azaabni fi qananiin qabrii dhugaadha. Garuu namoonni dhugaa kanatti hin amanne, “Osoo nama du’e irraa biyyee haane (saaqne), qabrii bal’innaa fi dhiphinnaan jijjiramtu hin arginu.” yaada jedhu irratti hundaa’un azaaba qabrii kijibsiisu. Deebiin kanaa maal ta’inna ree? Deebin isaa karaa baay’eeni. Garuu isaan keessaa:

1ffaa-Shubahaata (fafakeessaa) akkanaatin wanta shari’aan ittiin dhufe faalleessun hin danda’amu. Osoo namni fafakkeessaa kanatti xinxallee, soba akka ta’e ni beeka.
2ffaa-Haalli barzakha (iddoo turtii namoota du’anii) dhimma geeybi ijaan hin mul’anneedha. Osoo ijaan mul’ate silaa faaydan geeybitti amanuu ni dhabamaa ture. Namoonni geeybitti amananii fi namoonni kijibsiisan wal qixxaatu turan.
3ffaa-Azaaba fi qananii qabrii, bal’innaa fi dhiphinna ishii, nama du’ee malee kan biraa hin hubatu. Kuni akka nama hirriba keessa jiruuti. Namni gola keessatti osoo siree irra rafuu abjuun iddoo bal’aa fi gammachiisaa yommuu seenee gammadu ni arga. Ammas, iddoo dhiphaa fi rakkoo yommuu seene rakkatu ni arga. Garuu iddoon inni rafuu hin jijjiramne. Namoonni siree isaa irratti “Qaamni isaa nagaha kan homaa hin jijjiramne ta’uu” beeku. Bakka bal’atu fi dhiphatu hin argan. Kana hunda kan argu nama rafu qofa. Hirribni obboleessa du’aa waan ta’eef namni du’ees haaluma kana. Asitti haalli nama du’ee fi nama rafuu karaa hundaan wal fakkaata jechuu miti. Haala nama du’ee hundarra kan beeku Rabbuma.
4ffaa-Hubannaan ilma namaa hanga Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) isa dandeesisee irratti kan daangeefameedha. Namni wantoota addunyaa irra jiran guutuu hubachuu hin danda’u. Fakkeenyaf sheyxaanaa fi Jinnii ilmi namaa ijaan arguu hin danda’an. Yeroo dachii keessa deemanii fi balleessaa adda addaa raawwatan nuti arguu hin dandeenyu. Namoota Jinniin qabde maal akka ta’an tarii baay’een keenya ni beekna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Yaa ilmaan Aadam! Akka abbaa fi haadha keessan qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf uffata isaanii isaan irraa mulquun Jannata keessaa isaan baasetti sheyxaanni akka isin hin qorre (hin mokkorre). Dhugumatti inni fi gosti isaa iddoo isin isaan hin argine irraa isin argu. Nuti, isaan hin amanneef sheyxaanota jaalalle goonee jirra.” Suuratu Al-A’araaf 7:27

Guduunfaa
➠Qabrii keessatti qananiin ykn adabbiin kuni ruuhi fi qaama isaa ni dhaqqaba. Ruuhin (nafseen) erga qaaman addaan baate booda tan qananiifamtu ykn azzabamtu taate ni turti. Garuu yeroo garii ruuhin qaaman wal qunnamuun qananiin ykn adabbiin isaan lamaanu dhaqqabu danda’a. Guyyaa Qiyaamaa guutumaan guututti ruuhin gara qaamaa deebi’uun qabrii keessaa kaafamu. [2]
➠Namni osoo rafuu waan gaarii arguun ni gammada. Ammas, waan badaa keessa ta’uun ni rakkata. Iddoo dhiphoo seenun yommuu iyyuu fi rakkatu of arga. Garuu iddoon inni rafuu kan dhiphatuu fi bal’atuu miti. Rakkinna yeroo hirribaa inni dhandhamaa jiru namoonni naannoo isaa jiran hin argan.
➠Haaluma kanaan, qananii fi adabbii nama du’ee arguu hin danda’an.
➠ Hirribni obboleessa du’aati.


Kitaabban Wabii:
Sharih Usuuli salaasa Fuula 108-109 Ibn Useymiin
[1] Kitaabu Ruuh-Imaamu ibn al-Qayyim fuula 546-547
[2] Madda oliifuula 149

Aakhiratti amanuu-kutaa 3ffaa
Qiyaamaa Mormitootaaf Deebii Kenname-3
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply