Gaa’ila Islaamaa-Lakk.4

Offline dubbisuf

An-Nikaahul Faasid (Fuudhaa Heeruma Bade)
Fuudhaa Heeruma badee (faasida) jechuun gaa’ila ulaagaalee fi rogoota fuudhaa heerumaa hin guunnedha[1]. Fakkeenyaf, waliyyi malee fuudhu fi kkf. Namoonni gaa’ila akkanaa raawwatan gaa’illi isaanii sirrii (guutuu) hin ta’u. Fuudhaa heerumni akkanaa kan dhoowwameedha. Mee gosoota gaa’ila kanaa haa tarreessinu:

1-Fuudhaa Heerumaa Walgaraa- (An-Nikaahu Shigaar)

Shigaar (walgara) jechuun intala ykn obboleetti ofii nama tokkotti heerumsisuun namni sunis intala ykn obboleetti isaa namatti heerumsiisudha. Fakkeenyaf, Ahmad intala ykn obboleetti isaa Muktaaritti heerumsiisa. Muktaaris intala ykn obboleetti isaa Ahmaditti heerumsiisa. Fuudhaa heerumni akkanaa shari’aan dhoowwe jira. Ragaan kanaa hadiisa Abu Hureeyra fi Jaabir bin Abdullaah gabaasan keessatti “Ergamaan Rabbii (SAW) fuudhaa heerumaa shigaar dhoowwee jira.” Sahiih Muslim 1416. Abdullah bin Umaris akkana jechuun gabaase, “Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
لاَ شِغَارَ فِي الإِسْلاَمِ ‏”‏ ‏.
Shigaarri Islaama keessa hin jiru.” Sahiih Muslim 1415

Nikeenyi akkana miidhaa baay’ee qaba. Isaan keessaa, daangaa Rabbii darbuu, shamarran mahrii malee heerumsisuu. Fedhii shamarranii osoo hin ta’in fedhii ofii guutuun isaan miidhu fi cunqursuudha. Tarii osoo ishiin hin barbaadin nama kanatti akka heerumtu dirqisiisu danda’u. kuni immoo ishii cunqursuudha. Fuudhaa heerumni wal jaalalaa fi rahmata irratti waan hundaa’ef niiti fi dhiirsi yoo wal hin jaallatin akkamitti jireenyaa jaalalaa fi gaarii gaggeessu? Dabalataan, fuudhaa heeruma booda warroota lamaan jidduutti mormii fi wal loluun ni uumama. Sababa kanaan wal diiggaa fi diinummaan ni dhufa. Sababoota kanaa fi kan kana fakkaatan irraa kan ka’e Islaamni nikaah shigaar dhoowwe. Kanaafu, namni jireenya ofii fi dubartiitti taphachuu yoo barbaade malee fuudhaa heeruma gosa akkanaatti dhiyaachu hin qabu.

Eeti, aadaadhaan namoonni wanta akkanaa hojjatan jiru. Aadaan Islaama yoo faallesse gonkumaa bakki kennamuufi hin qabu. Sababni isaas, aadaan sirna itti bulmaata nam-tolcheeti. Islaamni immoo seera Rabbii waan namaaf toluu fi nama miidhu beeku irraa kan dhufeedha. Tarii namoonni aadaa kana lafa kaa’an wallaalummaa irraa ta’uu danda’a. Wallaalummaan dukkana waan ta’eef ifti beekumsaa erga namaaf dhufee akkamitti dukkana wallaalummaa hordofanii?

2-Nikaah Halaaleessaa (An-Nikaahu Muhallil)

Nikaah halaaleessaa jechuun dubartiin takka yeroo sadii erga hiikkamtee booda nama jalqabaatiif halaala gochuuf jecha ishii fuudhudha. Fakkeenyaf, Jamaal niiti isaa Muniiraa yeroo sadii hiike haa jennu. Amma Muniiraan hanga nama biraatti heerumtutti Jamaalatti deebi’u hin dandeessu. Dhiirri tokko Muniiraan Jamaalif halaala akka taatuf ishii ni fuudha. Ergasii Dhiirri kuni Muniiraa ni hiika. Ishiinis Jamaalitti heerumti. Fuudhaa heerumni akkanaa dhoowwadha. Kaayyoon nama kanaa Muniiraa jaallatee osoo hin ta’in Jamaalitti akka deebituuf ykn Jamaalif halaala akka taatuf qofa fuudha.

Kuni Kabaa’ira zunuub (badii gurguddaa) keessa tokkoodha. Nama kana hojjatuu fi isaaf hojjatamu Ergamaan Rabbii (SAW) abaaranii jiru. Hadiisa Abdullah ibn Mas’uud gabaase keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) nama dubartii dhiirsa jalqabaatiif halaala godhuu (muhallil) fi nama wanti kuni hojjatamuuf (muhallil lahu) abaaree jira.” Sunan An-Nisaa’i 3416, Jaami’a Tirmizi 1120

Namtichi yeroo nikaah hidhatu niyyaa (yaada) nama jalqabaaf dubartii tana halaala gochuu yoo qabaate, nikeenyi akkanaa faasida (sirrii miti). Ammas, yommuu nikaah hidhatu nama jalqabaatiif halaala gochuuf ishii hiiku irratti yoo wali galan, nikeenyi akkanaa faasida.

Naafi’i akka gabaasetti, Namtichi tokko gara Ibn Umar dhufuun akkana jedhee gaafate, “Namtichi niiti isaa si’a sadii hiike. Ergasii obboleessi isaa karoora isaa malee dubartii tana isaaf (nama jalqabaaf) halaala gochuuf fuudhe. Dubartiin tuni dhiirsa jalqabaatiif halaala ta’uu dandeessii?” Ibn Umaris ni jedhe, “Lakki! Nikaah fedhiin ta’e malee. Nuti gadaa Rasuula (SAW) kana akka sagaagalummaatti lakkaa’a turre.” Haakim 2/199 fi Beyhaqi 7/208 gabaasan

Faaydaa: Dubartiin si’a sadii erga hiikkamte booda dhiirsa jalqabaatti deebi’uuf nama biraatti heerumu qabdi. Dhiirri lammataa kuni ishii jaallate yoo nikaah hidhatee fi niyyaa dhiirsa jalqabaatif halaala gochuu yoo hin qabaatin, nikeenyi akkana sahiih (sirriidha). Yeroo muraasa booda yoo wal dhabanii addaan bahan, dubartiin tuni dhiirsa jalqabaatti heerumu ni dandeessi.

3-Fuudhaa Heeruma itti Fayyadamaa ykn yeroo gabaabaa (Nikaahu Mut’ah)

Kana jechuun dhiirri tokko dubartii takka qabeenya ykn wanta biraa ishiif kennuun yeroo murtaa’af ishii fuudhudha. Tarii guyyaa lamaaf, torbaan tokkoof ykn ji’aaf ishii fuudhun ergasii dhiisee biraa deema. Fuudhaa heerumni akkanaa mut’ah kan jedhameef namtichi hanga yeroo murteessetti itti fayyadama. Ergasii ishii fi inni addaan deemu. Kuni haraama (dhoowwamaa) ta’uun isaa kan irratti wali galameedha.

Islaamni gara Arabootaa dhufuun dura Araboonni fuudhaa heerumaa akkanaa ni raawwatu turan. Kayyoon isaa fedhii fooni dhiiraa qofa guutudha. Namoonni yeroo sanitti gara Islaamatti seenan haarawa waan ta’aniif jalqaba irratti Ergamaan Rabbii (SAW) fuudhaa heeruma akkanaa ni hayyaman. Ergasii hanga Guyyaa Qiyaamaa haraama godhan (ni dhoowwan).  Sabraa Al-Juhaani akkana jedha: Waggaa Banamiinsaa yommuu Makkaan seennu Ergamaan Rabbii (SAW) mut’ah nuuf hayyame. Ergasii achii hin baane mut’ah irraa kan nu dhoowwu yoo ta’e malee.” Sahiih Muslim

Dabalataan Sabraan akkana jedha:
“Ergamaan Rabbii (SAW) fuudhaa heeruma mut’ah irraa dhoowwe jira. [Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana] jedhan, “Dhagayaa! Guyyaa keessan kanarraa kaase hanga Guyyaa Qiyaamatti mut’an haraama. Namni [dubartii saniif] waa kenneef akka hin fudhanne.” Sahiih Muslim 1406

Fuudhaa heerumni akkanaa dubartii karaa adda addaatin miidha. Dhiirri fedhii ofii guuttachuuf erga ishitti fayyadame booda badhetti ishii gatuun miidhaa baay’eef ishii saaxila. Akka meeshaa gurguraatti namarraa namaatti dabarti. Sababa kanaan yoo ilma deesse, akkamitti ilma kana guddisti? Rakkoo baay’eef ishii fi daa’imni deesse ni saaxilama. Miidhaan nama dhuunfaa fi hawaasa irra akka gahuu Islaamni waan hin barbaannef fuudhaa heeruma gosa akkanaa ni dhoowwe.

4- Az-Zawaajul Urfii ( Fuudhaa Heerumaa Dhoksaa)

Fuudhaa heerumni gosa akkanaa dargaggootaa fi shamarraa yeroo ammaa keessatti kan babal’ateedha. Keessumaayyu, yuniversiti keessatti shamarri takkaa dargaggeessa tokko waliin hariiroo jaalalaa uumti. Ergasii osoo waliyyii (nama ishii guddisee) irraa hayyama hin argatin dhoksaan wal fuudhu. Ulaagaa fuudhaa heerumaa keessaa tokko hayyama warraa argachuudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Hayyama warra isaaniitiin isaan fuudhaa. Mahrii isaaniis haala gaarii ta’een isaaniif kennaa. Tiikfattu ta’anii, sagaagalummaa kan hin raawwannee fi hiriyyaa dhiiraa kan hin qabne ta’anii [fuudhaa].” Suuratu An-Nisaa 4:25

Fuudhaa Heerumni dhoksaa kuni wali galtee waliyyi (nama ishii guddisee) malee yoo raawwatame haraama. Fuudhaa heerumni kunis faasida ykn baaxila.

Hadiisa Aa’ishaan (RA) gabaaste keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Dubartiin tamiyyuu hayyama waliyyii malee heerumte, nikeenyi ishii baaxila (soba), nikeenyi ishii baaxila, nikeenyi ishii baaxila. Yoo ishitti seene, wanta inni ishirraa argateen mahriin ishiif ta’a. Yoo wal dhaban sulxaanni (namni aangoo qabu) nama waliyyi hin qabneef waliyyiidha”. Sunan Abi Dawud 2083, Jaami’a at-Tirmiizi 1102

Kanaafu, fuudhaa heerumni dhoksaan yeroo ammaa dargaggootaa fi shamarraan raawwatan salphinna hangana hin jedhamneef saaxilaa jira. Dhoksaan wal fuudhun faahishatti kufu. Shamarreen durbummaa ofi dhabuun salphinnaa fi dhiphinna hangana hin jedhamne dhandhamti. Fuudhaa heerumni akkanaa balaa baay’ee qaba. Balaa inni qabu keessaa mee muraasa seenaan haa ibsinu:

Balaa Fuudhaa heeruma dhoksaa[2]
Seenaa 1ffaa
Paayletti tokkotu keessumeessitu hoteelaa dhoksaan fuudhe. Haati manaa isaa ni beektii sodaate dhoksaan dubartii tana fuudhe. Dubartiin inni dhoksaan fuudhe tunis ni ulfoofte. Dhiirsa ofii beeksiisuun itti gammaduu barbaadde. Garuu Paaylettin kuni kana ishirratti jibbe. Haa ta’uu malee yommuu ishiin didde nan beeksisa jechuun itti fuftu, apartmantii (kutaa ciisichaa) keessatti albeen ajjeese. Ergasii reefa ishii ni gube…San booda payleettiin kuni qabamee mana hidhaatti darbame. Hojii ofiis dhabee, niiti fi ijjoollee isaas dhabee. Inuma jireenya isaa guutu dhabe.
Seenaa 2ffaa
Kunoo tunii shamara! Ishii fi hiriyyaa ishii jiddutti wal-qunnamtiin jaalalaa yuniversiti keessatti uumame. Gurbaan kuni kadhimummaaf gara abbaa ishii deeme. Garuu abbaan ishii isa ni dide.. Dargaggeessa kanaaf ishii waliin dhoksaan walfuudhu irratti waligalu malee homaa hin jiru…. 
Erga wanta hojjatan hojjatanii, ishii fi dhiirsi yakkamaan kuni dhimma fuudhaa heerumaa warra ishii beeksisuuf ka’an. Yommuu haati ishii telefoonan oduu kana beektu, gaggabde lafatti kufte. Abbaan ishiis telefoona olfuudhe. Innis yommuu oduu dhagayu ni kufe. Kunoo wiirtu wal’aansaa kutaa tokko keessatti doktorri akkana jedhaan,”Sababa laamshinna walakkaa qaamaa gadiitin abbaan sammuu keessatti dhiigni itituun miidhame jira.”

Guduunfaa:
♥Fuudhaa Heerumni seeraa fi ulaagaalee mataa isaa qaba. Namni seeraa fi uulaagaalee kanniin guutee yoo hin fuudhin ykn hin heerumin, fuudhaa heerumti isaanii faasida (kan badee) ta’a.
✪Nikaah (fuudhaa heeruma) faasidaa beekkamoon kanniini:
Fuudhaa heeruma shigaar (walgara)– kana jechuun namoonni lamaan fuudhaa heerumaan intala ykn obboleetti ofii wal jijjiruudha. Kuni dubartii irratti miidhaa waan fiduuf dhoowwamaadha.
Nikaah halaalessu– dubartiin si’a sadii erga hiikkamtee booda dhiirsa jalqabaatiif akka deebituuf dhiirri tokko ishii fuudhe hiikudha.Kuni dhoowwamaadha.
Nikaah Mut’ah- yeroo gabaabaf wal fuudhanii ergasii addaan deemudha. Kuni dubartii rakkoo guddaaf waan saaxiluuf dhoowwamaadha.
Nikaah urfii (fuudhaa heeruma dhoksaa)- osoo warri intalaa hin hayyamin dhoksaan fuudhudha. Nikeenyi akkanaa sharxii (ulaagaa) nikaah waan qabneef faasida (sirrii kan hin taane)dha. Inuma zinaa (sagaagalummaa) ta’a. Sababni isaas, osoo waliyyin (guddisaan intalaa) hin hayyamin ishiin dhoksaan wal qunnamuudha. Zinaan dhoksaan hojjatamaa mitii ree? Kanaafu, obboleeyyan keenya gocha akkanaa irraa fagaachu qabu.Balaan isaa xiqqaa miti.


Kitaabban Wabii 
[1] http://www.islamweb.net/fatwa/index.php?page=showfatwa&Option=FatwaId&Id=193523
[2] Az-zawaajul Islaamiyy Sa’iid,Mahmud Masrii, fuula 166
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 96-102, Abu Maalik
Fiqhu sunnaah 2/155, Sayyid Saabiq
Concise Presentation of the Fiqh– fuula 400
Quest for Love and MercyFuula 153-158
https://islamqa.info/en/answers/45663/mutah-marriage-and-urfi-marriage

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.5.1
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.3.3
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply