Gaa’ila Islaamaa-Lakk.5.1

Offline dubbisuf

Niiti Tee Akkamitti Filattaa?-Kutaa 1
Jireenya keessatti dhiirri kamuu dubartii isaaf maltu filachuun jireenya gammachuu jiraachu barbaada. Sababa adda addaa irraa kan ka’e dubartii tana filata. Tarii waan bareedduuf bareedamuuf ishii filata. Tarii qabeenya waan qabduuf qabeenya ishiitti fayyadamuf ishii filata. Tarii sadarkaa waan qabduu fi sanyii gaarii irraa waan taateef ishiitti boonuf ishii filata. Tarii nuura (ifa) iimaanatiin waan faayamteef “Harka wal qabannee Daaru Salaam (Ganda nageenya-Jannata) geenya” jechuun ishii filata. Eeti namni hunduu fedhii adda addaa qaba. Garuu wanti inni fedhe hundi galma waan hin geenyef akkaataa hiriyyaa jireenya isaa tan taate niiti isaa itti filatu karaa itti akeekun dirqama obbolummaa nurra jiruudha. Tarii dubartii bareeddu fi sanyii qabduu filatee boodarraa jireenyi isatti fokkatu fi bushaayu dandeessi. Ishii waliin jireenya ibiddaa jiraachu danda’a. Kanaafu, kana hunda akka hin dhandhamneef akkaata niiti itti filatu tooftaa walitti haa akeeknu.

Jalqaba gara niiti filachuutti seenun dura, namni yoo maal godhe jireenya keessatti milkaa’aa? jenne of haa gaafannu. Jireenya keessatti milkaa’uuf gaafiwwan sadan kunniin deebii gahaa argachuu akka qaban gamnoonni irratti wali galuu. 1ffaa- Maal hojjachuun qabaa? 2ffaa-Maaliif hojjadhaa? 3ffaa-Akkamitti hojjadhaa?

Amma gaafiwwan kanniin bu’uura godhachuun gara niiti ykn dhiirsa filachuutti haa dhufnu. 1ffaa- Maal hojjachuun qaba? Deebiin isaa: Dandeetti niiti itti fuudhu yoo qabaadhe, niiti filachuu ykn fuudhu. 2ffaa- Maaliif hojjadha? ykn Maaliif fuudhaa? Deebiin isaa?????

Kuni iddoo rakkisaa namni itti dhama’uu waan ta’eef xiqqoo ibsa barbaachisa. namni jireenya keessatti maaliif akka fuudhu sirriitti yoo beeke, jireenya gammachuu gaggeessa. Namoonni kaayyoo fuudhaa heeruma faayda xiqqoo irratti gabaabsun haala armaan gadiitin hubatan jiru:*

  • Fuudhaa heerumni fedhii foonii guuttachuu qofa jedhanii yaadu
  • Fuudhaa heerumni carraa too’annaa, aangoo itti argatan jedhanii yaadu
  • Fuudhaa heerumni karaa sanyii itti baay’isanii fi ittiin of dhaadatan qofa akka ta’etti ilaalu
  • Fuudhaa heerumni aadaa namoonni walirraa dhaalan akka ta’etti ilaalu.

Fi kan biroo kaayyoo namni fuudha heeruma itti barbaadudha. Kanaafu, kaayyoon guddaan itti fuudhaniif maal ree? “Ani Maaliif fuudhaa?” jenne of haa gaafannu. Mee xiqqoo itti haa yaadnu. Kaayyoolee armaan olii yommuu ilaallu, itti fufaadha moo addaan citaadha? Fkn, namni fedhii foonii guuttachuuf qofa fuudhu, fedhii foonii erga guuttatee mi’aan isaa itti fufa moo addaan citaa? Dhugumatti addaan cita. Inuma gariin namaa dubartii fuudhe dhiise dubartii biraa barbaada. Kuni kaayyoo gabaaba fi itti fufiinsa hin qabneedha. Kanaafu, “maaliif fuutaa?” “Aboo natti hin dheereessinii deebii naaf deebisi” jechuu dandeessa. Abshiir siif deebisaa godhi!

Gaafi guddaa kana deebisuuf namoonni gaggaariin akka Nabiyyoota nu dura darban maaliif niiti ykn ilma argachuu akka barbaadan haa ilaallu. Namoonni gaggaariin niiti fi ilmoo gaarii akkana jechuun Rabbiin irraa kadhatu:

“Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” Suuratu Al-Furqaan 25:74

Amma kaayyoon niiti fi sanyii gaarii itti barbaadanif, jecha “gammachuu ijaa kan ta’an” jedhu keessa jira. Mufassiroonni (warroonni Qur’aana ibsan) baay’een isaanii “gammachuu ijaa kan ta’an” jedhu, “[Yaa Rabbii] niitolii fi sanyii Siif ajajamanii ijji teenya itti gammaddu nuuf kenni.” jechuun hiikan.[1] Namoonni gaggaariin ijji isaanii tan gammaduu fi qalbiin isaanii tasgabbooftu yommuu niitii fi sanyiin isaanii Rabbiin qofa gabbaranii fi Isaaf ajajaman arganiidha. Yommuu niitin isaanii Rabbiif ajajamtu, kabaja fi qulqullummaa ofii eegdu, dubartii biraa hin kajeelan. Sababni isaas, amala guddaa niiti irraa barbaadan waan argataniif. Ammas, sanyiin isaanii yommuu Rabbiif ajajamtuu fi wanta Inni dhoowwe dhiistu, ijji isaanii isaanitti gammaddi. Ijoolle nama biraa hin hawwan. Kanaafu, kaayyoon guddaan namoonni gaggaariin niiti fi sanyii gaarii itti barbaadaniif Rabbiin qofa gabbaruun akka Jannata seenaniifi. Aaya (keeyyata) armaan olii itti fufuun xumura namoota gaggaarii ilaalchise akkana jedha:

“Isaan sun waan obsaniif jecha [Jannata keessatti] Iddoo Ol’aanaa ta’e badhaafamu. Ishee keessattis kabajaa fi nageenya qunnamu. Ishii (Jannata) keessa yeroo hundaa jiraatu. Ishiin iddoo qubannaa fi jireenyaa kan akkaan miidhagdeedha.” Suuratu Al-Furqaan 25:75-76

Hundemaa kaayyoon ilma namaa hundi itti uumameef Rabbii Olta’aa gabbaruun Daaru Salaam (Ganda Nageenyaa) gahuudha. Gamnoonnis kaayyoo guddaa kana hubachuun niiti fi ilmaan gaarii Rabbiin irraa barbaadu. Niiti fi ilmaan gaggaariin karaa dheeraa Jannatatti isaan geessu kanarratti isaan gargaaru. Yoo du’an ilmi gaariin du’aayi isaaniif godha. Yoo lubbuun jiraatan ilma waliin hojii gaggaari hojjatu. Namoonni yommuu hojii gaarii waliin hojjatan, hojichi isaaniif salphata, hifannaan itti hin dhagahamu.

Nabii Ibraahimii fi Ismaa’il wal gargaarun Kaabaa ijaaraa turan. Kana qofa miiti. Ilmi gaariin beekumsa fi amala gaarii namarraa dhaalun gara dhalootatti dabarsa, hawaasa jijjira. Kanaafi, Nabii Zakariyyaan (aleyh salaam) Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) akkana jechuun kadhate:

“Si biraa ilma naaf kenni. Kan ana dhaaluu fi sanyii Ya’aquub irraa dhaalu. Yaa Gooftaa kiyya! Jaallatamaas isa taasisi.” Suuratu Mariyam 19:5-6

Kana jechuun ilma gaarii Nabiyyummaa fi beekumsa kiyyaa fi maatii Ya’aquub dhaalu naaf kenni[2]. Nabii Zakariyyaan (aleeyh salaam) isa booda amantiin akka hin bannee fi namoonni daandii sirrii irraa akka hin jallanne, ilma gaarii karaa qajeelatti nama qajeelchu akka kennuuf Rabbiin kadhate. Ilma kanas Jaallatamaa akka taasisu itti warwaate.  

Gabaabumatti namni fuudhaa heerumaaf yommuu yaadu kaayyoo itti fuudhuuf beeku qaba. Fedhii foonii qofa guuttachuf yoo ta’e, fedhiin suni yoosu dhumata. Ergasii wal dhabbiin baay’een ni uumama. Garuu kaayyoo kana caaluf niiti yoo fuudhan, jireenya fuudhaa heerumaa keessa kaayyoo san gahuuf waliin carraaqu. Rakkoo isaan jidduutti uumamuus obsaan hiiku. Namni tokko “kaayyoon ani fuudhuf kana fakkaata” jechuu danda’a: “Ani Niiti iimaana qabdu barbaada. Sababni ani ishii barbaaduf karaa dheeraa Jannatatti nama geessu waliin deemufi. Ilma gaarii yoo arganne, Islaama irratti isa guddisuun hawaasa keenya akka jijjiru ni tattaafanna. Kuni immoo Aakhiratti mindaa guddaa nuuf argamsiisa.” Warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatanii maatii ofii waliin Jannata seenan Rabbiin (Azza wa jalla) yommuu kaasu akkana jedha:

“[Ishiin] Jannata qubsumaa kan isaan seenaniidha. Abbootii isaanii, niitiwwan isaanii fi sanyii isaanii irraas namni gaarii hojjate, ishii seena. Malaaykonnis balbala hundaan isaanitti seenu. “Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu. Gandi boodaa waa tole!” [jedhu].” Suuratu Ar-Ra’ad 13:23-24

Kanaafu, gaafii “Maaliif fuudha?” jedhuuf deebii argannee jirra. Gaafiin itti aanu, “Akkamitti niiti kaayyoo guddaa kana waliin itti geenyu fuudhu danda’aa?” Ammaan booda In sha Allah gaafi kanaaf bakka gadi furra. Jalqaba gaafi kana deebisuuf niiti ykn dhiirsa amala baay’ee barbaachisaa ta’e qabdu/qabu filachuun namarra jira.  In sha Allaah kutaa itti aanu keessatti amala gaarii dubartii irraa barbaadamu ni ilaalla.

Guduunfaa
➥Niiti ykn dhiirsa filachuun tuqaa ka’uumsaa gara jireenya gaa’ilaatti itti seenaniidha.
➥Namni jireenya keessatti milkaa’u barbaadu gaafi sadii of gaafachuun deebii itti haa barbaadu. Isaaniis: Maal hojjachuu danda’aa?, Maaliif hojjadhaa? Akkamitti hojjadhaa?
➥Gaafiwwan sadan kanniin irratti hundaa’un, namni fuudhaa heeruma barbaadus akkana jechuun of gaafachu danda’a:Fuudhu danda’aa?, Maaliif fuudhaa?, Akkamitti fuudhaa?
➥Gaafiwwan kanniin deebii gahaa yoo deebise, In sha Allah jireenya gammachuu jiraata.
➥Namoonni kaayyoo adda addaatiif fuudhu barbaadu. Isaan keessaa fedhii foonii gabaaba guuttachuu, fuudhaa heeruma akka aadaatti ilaalu fi kkf.
➥Garuu namoonni himmaa (yaada ol’aanaa) qaban kaayyoon itti fuudhaniif sanyii gaarii Rabbiif ajajamtu horuun Jaalala Rabbii argachuu fi ganda Aakhiraatti milkaa’udha.
➥Kanaafi, gammachuun guddaan isaan gammadan niiti fi ijoollee isaanii yommuu Rabbiif ajajaman yeroo arganiidha.


Kitaabban Wabii 
[1] Tafsiira Ibn Kasiir 6/132, Tafsiir Qurxubii 15/488
[2] Tafsiir ibn Kasiir- 5/213
*Az-zawaajul Islaamiyy Sa’iid,Mahmud Masrii, fuula 176

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.5.2
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.4
Offline dubbisuf

Leave a Reply