Gaa’ila Islaamaa-Lakk.5.2

Offline dubbisuf

Niiti Tee Akkamitti Filattaa? -Kutaa 2ffaa
Kutaa darbee keessatti kaayyoo niiti itti fuudhaniif murteessine turre. Ammas, namni adeemsa jireenyaa keessatti milkaa’uf hiika jechoota sadanii kanniin beeku qaba. Isaaniis, kaayyoo, sababaa fi milkaa’inna. Jechoonni kunniin galmee jireenyaa keessatti hiika ol’aanaa qaban. Kaayyoo jechuun bakka gahuumsaa ykn xumura namni tokko gahuuf yaadudha. Sababa jechuun immoo wanta gahuumsa ykn kaayyoo san gahuuf nama gargaaraniidha. Milkaa’inna jechuun immoo wanta jibban irraa nagaha bahuu fi gahuumsa erga gahanii booda wanta jaallatan argachuudha.

Kutaa darbee keessatti kaayyoo niiti fuudhanif waan murteessineef amma sababoota kaayyoo san gahuuf nu gargaaran ilaalla. Sababa sirrii ta’etti yoo hin fayyadamiin kaayyoo san gahuun ni ulfaata. Yaadachisaaf kaayyoon niiti itti fuunuf, wal gargaarre Daaru Salaam (Ganda Nageenya) gahuu fi ilma gaarii nuu fi hawaasa fayyadu argachuudha. Kana gochuuf dubartii kanaaf maltu fuudhun ni barbaachisaa miti ree? Dubartiin kaayyoo kanaaf taatu, amaloonni armaan gadii irraa barbaadamu:

1-Ad-Diin (Amantii) qabaachuu

Asitti amantii tan qabduu yommuu jennu tan iimaana qabduudha. Iimaana jechuun qalbiin dhugaan amananii wanta qalbii keessa jiru hojii fi dubbiin dhugoomsudha. Fakkeenyaf, dubartiin Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanuun yoo salaata salaatte fi hijaaba uffatte, iimaana qabdii jechuudha. Ifaa fi dhoksatti Rabbiin yoo sodaatte iimaanni ishii cimaadha jechuudha. Namni kaayyoo armaan olii kaayyefate dubartii akkanaa fuudhun, dhugumatti sababa cimaa isa gargaarudha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

Hanga isaan amananiitti dubartoota mushriikaa hin fuudhinaa. Odoma isheen isin gammachiifteeyyuu gabritti mu’iminaatu mushrika caala.” Suuratu al-Baqarah 2:221

Sababni isaas, dubartiin mushrikaa gara hojii fokkuu ibiddatti nama geessutti nama waamti. Hojiin fokkuun hunda caalu Rabbitti waan qindeessu (shirkii)dha. Kanaafi, dubartiin mu’minaa gabrittiyyuu osoo taate, tan mushrikaa caalti. Sababni isaas, dubartiin iimaana qabdu tunii hojii gaarii hojjachuun Jannata akka seenaniif sababa namaaf taati.  Akkasumas, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

 “‏ تُنْكَحُ الْمَرْأَةُ لأَرْبَعٍ لِمَالِهَا وَلِحَسَبِهَا وَجَمَالِهَا وَلِدِينِهَا، فَاظْفَرْ بِذَاتِ الدِّينِ تَرِبَتْ يَدَاكَ ‏”‏‏.
Dubartiin wanta afuriif fuudhaf barbaadamti: qabeenya ishiitiif, sanyii ishiitiif, miidhaginna ishiitiif, amanti ishiitiif. Tan amanti qabdu fuudhi, [ta’uu baannan] ni kasaartaa.” Sahiih Al-Bukhaari 5090

Tan amanti (iimaana) qabdu fuudhun kaayyoo barbaadan akka gahan karaa namaaf laafifti. Hundemaa, hiriyoonni kan wal jaallataniif xiqqaate xiqqaatu kaayyoo wal fakkaatu tokko waan qabaniifi. Niiti fi dhiirsis kaayyoo wal fakkaataa guddaa tokko yoo qabaatan hariiroon isaan jidduutti uumamu hangana hin sehin. Oromoon yommuu mammaaku, “Quuncen wal gargaarte Arba hiiti.” jedhaa mitii ree? Namni kaayyoo guddaa gahuuf yaadus niiti kaayyoo kana irratti isa gargaartu barbaadachu qaba.

 Maaliif qabeenyaa, sanyii fi miidhaginna caalaa amantiin durfamee?
“Sababni isaas, qabeenyi, sanyii fi miidhaginni wantoota addunyaa keessatti badan waan ta’aniif Rabbiin biratti homaa siif hin hafan amanti dubartii tanaa malee.”

Akkuma uffanni halluu gadi lakkisu, qabeenyaa fi miidhaginnis namarraa deemu. Takkaa dhibeen, takkaa dullummaan takkaa immoo balaan namarraa fudhatamu. Sanyiinis balaadhaan duguugamuu danda’a. Wanti nama waliin hafu iimaana qalbii keessa jirudha.

Dubartiin hanga feete miidhagduu haa taatu, yoo amalli ishii badaa ta’e, akka fokkuu taatetti ilaallamti. Faallaa kanaa, dubartiin bushooftu taatee amalli ishii gaarii yoo ta’e, gaarii fi miidhagdu akka taatetti ilaallamti. Nama meeqatu dubartii miidhagdu fuudhee jireenyi isaa daaraa taate. Nama meeqatu dubarti miidhaginna hangas mara hin qabne garuu tan amanti qabdu fuudhee jireenya isaa guutuu nagahaan waliin jiraatu. Kanaafu, namni jireenya keessatti nagaha fi milkaa’inna barbaadu, dubartii iimaana qabdu haa fuudhu. Garuu yommuu akkana jennu, dhiirris iimaana qabaachu akka qabu ulaagaa kaa’aa jirra.

Yoo Faaximaa barbaadde, Aliyyiin ta’uun sirra jira
Yeroo fitnaan akkanatti baay’ate kanatti dargaggeessi akkana jechuun gaafata: “Akkamitti dubartii gaarii argadhaa?” Deebiin isaa, akkuma namoota gaggaarii duraan darban keessaa namni tokko jedheeti:

Yoo Faaximaa barbaadde, Aliyyiin ta’uun sirra jira. Kana jechuun dubartii gaarii akka intala Ergamaa Rabbii (SAW) yoo barbaadde, atis nama gaarii akka Aliyyii ta’uu qabda. Akkuma ati Rabbiif ajajamtuun Rabbiinis dubartii gaarii dhimma addunyaa fi Aakhiraa irratti si gargaartu siif fida. Kanaafu, namni dubartii iimaana qabdu barbaadu ofifiis nama iimaana qabu ta’uuf carraaqu qaba. Akkasumas, dubartiin dhiira iimaana qabu barbaaddu, ishiinis dubartii iimaana qabdu ta’uuf carraaqu qabdi.

2- Amala gaarii tan qabduu– Dubartiin amalli ishii yoo tole, waliin jiraachun ni salphata. Faallaa kanaa, amala badaa tan qabdu, arrabni ishii qara, tan nama arrabsitu yoo taate, jireenya keessatti qormaata guddaa dhandhaman. Kanaafu, dhiirri dubartii amala gaarii qabdu filachuuf haa tattaafatu.

3- Miidhaginna-Miidhaginni wanta uumama namni hundu barbaadudha. Namni tokko gubbaa yommuu ilaalu dubartoota iimaanan wal qixa ta’an garuu miidhaginnaan kanneen wal caalan yoo argate, tan irra miidhagdu haa fuudhu. Garuu yoo iimaanan wal caalan, tan iimaana qabdu haa fuudhu. Miidhaginni keessaa ni tura, miidhaginni alaa ni badaati.
Abu Hureeyraan akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW), “Dubartii tamtu gaariidha?” jechuun gaafatame. Innis akkana jechuun deebise, “Yommuu ilaalu tan isa gammachiistu, yommuu ishii ajaju tan isaaf ajajamtu, lubbuu fi qabeenya ishii keessatti wanta inni jibbuun tan isa hin faalleessine.” An-Nisaa’I 3231  

Asitti wanti dagatamuu hin qabne, miidhaginna waliin iimaana yoo qabaattedha. Iimaanaa fi miidhaginna yoo qabaatte, yommuu ilaalu isa gammachiisti, yommuu ajajuu isaaf tole jetti. Ammas, niitin dhiirsaf tan ajajamtu wanta gaaritti yoo ajaje qofa. Wanta badatti yoo ajajee, isaaf ajajamuun hin jiru. “Laa xaa’ata li makhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Khaaliqa faallessanii makluuqaaf ajajamuun hin jiru)” waan ta’eef.

Eeti, dhiirti dubartii miidhagdu isatti toltuu fuudhun wanta shari’aan dhoowwu miti. Garuu miidhaginna caalaa amanti tan qabdu akka filatu isa gorsa. Sababni isaas, amantii tan qabdu ofii fi isa eegdi. Kana jechuun, Rabbiin waan sodaattuf kabaja ofii, qabeenya fi ijoollee isaa ni tiiksiti. Dhiiruma argite waliin akkuma feete hin taatu.

4-Sanyii fi naannoo gaaritti tan guddatte filachuu– sanyiin ishii amala gaariin beekkamoo, naannoon ishii naannoo Islaamni itti barsiifamu yoo ta’e, carraan ishiin dubartii gaarii ta’uu guddaadha. Kanaafu, dubartii akkanaa argatanii fuudhun maatii gaarii akka ijaaran nama gargaara.

5-Mahriin ishii salphaa kan ta’e– mahriin dubartii hanga dhiirri danda’uun yoo ta’e, jireenya isaanii keessatti barakaatu bu’a. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“‏ خَيْرُ النِّكَاحِ أَيْسَرُهُ ‏”

Fuudhaa heerumni hundarra gaarii ta’e hundarra salphaa kan ta’eedha.” Abu Daawud 2117  

Fuudhaa heerumni osoo of hin dhiphisinii fi baasi garmalee baay’ee ta’e osoo hin baasin gaggeefame, dhugumatti gaariidha. Namoonni haala kanaan wal fuudhun gammachuun jiraatu. Namoonni na argaaf baasi baay’ee gadi dhangalaasan immoo yoosu wal lolanii addaan bahu. Sababni isaa guddaan, na argaa fi dhaadannaaf mahrii fi cidha guddaa qopheessuf jedhanii maallaqa ni liqeefatu. Yommuu liqaa kafaluu dadhaban, wal lolu. San booda addaan diigamu. Kanaafu, baasi humnaa olii irraa of eegun karaa jireenya fuudha heerumaa gaarii itti jiraataniidha.

6- Alagaa fuudhu– Dubartii firaa caalaa dubartii firummaan fagoo namarraa taate fuudhun faayda baay’ee qaba. Isaan keessaa, hariiroo hawaasummaa cimsuu, firummaa babal’isuu, dhibeewwan dhaalan daddarban irraa nagaha bahuu fi kan biroo. Akkasumas, namni fira irraa yoo fuudhe wal lolli dhiirsa fi niiti jidduutti uumamu danda’a. Sababa saniin hariiroon firummaa fiixee biraatin citu danda’a.

Guduunfaa
♥Namni kaayyoo fuudhuf erge beeke booda milkaa’inna irraa argatuu fi sababa achi isa geessu cimsee beeku qaba.
Sababa jechuun kaayyoo yaade gahuuf wanta isa gargaarudha.
♥Fuudhaa heeruma keessatti milkaa’uf sababni guddaan isa gargaaru: mataa isaatii iimaana qabaachu fi dubartii iimaana qabdu filachuudha.
♥Dubartii iimaana qabdu filatanii fuudhun faayda baay’ee qaba. Isaan keessaa:
☂Rabbiif ajajamuun nama gammachiisti.
☂Ifaa fi dhoksaatti Rabbiin sodaachuun kabaja ofii eegdi, wanta fokkuu akka zinaa irraa of tiiksiti.
☂Ijoolle gaarii nama boonsitu guddisti.
☂Tan dhiirsa ofii jaallattuu fi isaaf amanamtu (amiin) taati, isa hin gantu.
☂Gaaddisa jireenyaa jalatti boqotan namaaf taati.
☂Haqa dhiirsaa beekun itti-gaafatamummaa ishii bahuuf carraaqxi.
☂Tan of hin tuullee fi ol’aantummaa tan hin agarsiisne taati. fi kkf.
♥Tan iimaana qabdu dhiisanii miidhaginnaa fi qabeenya tan qabdu qofa irratti ija bobaasun balaa baay’eef nama saaxila.
♥Namni iimaana ulaagaa (sharxii) jalqabaa erga godhee booda dubartii iimaana qabdu sanyii gaarii irraa yoo taate, miidhaginna fi qabeenyaa yoo qabaatte, ishii fuudhun wanta filatamaadha.
♥Dubartii iimaana qabdu yoo barbaadde atis nama iimaana qabu ta’ii argami. Abshiir abdii hin kutin!

Kitaaba Wabii 
Az-zawaajul Islaamiyy Sa’iid,Mahmud Masrii, fuula 176-184

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.5.3
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.5.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply