Firii Guyyaa Aakhiraatti Amanuu

Offline dubbisuf

Ilmaan namaa yommuu jireenya tana keessa jiraatan gaafin akkana jedhuu yeroo hundaa sammuu isaanii quuqa. “Eessa deemaa jiraa? Xumurri ykn gahuumsi kiyya eessaa? Du’ee achumaan nan badaa?” Kuni gaafi guddaa deebii barbaadudha. Namni gaafi kanaaf deebii argate, jireenya keessatti tasgabbiin jiraata. Sababni isaas, gahuumsa itti deemu waan beekuf. Kanaafi, namoota Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanan tasgabbaa’oo fi abdii kan hin kunne ta’anii argina. Balaa ykn gadda cimaa keessa yommuu ta’an, wanta abdatan tokko qabu. Yommuu hojii gaggaarii hojjatan wanta kajeelan tokko qabu. Yommuu nafseen isaanii gara baditti isaan kakaastu, wanta tokko sodaachun of qabu. Kuni hundii jireenya keessatti aannan tasgabbii akka dhugan isaan taasisa.

Faallaa kanaa, namoota Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti hin amanne yommuu balaan isaan muudatu, wanta abdatan waan hin qabneef garmalee dhiphatu. Inumaa gara of galaafachu deemu. Ammas, yommuu hojii gaggaarii hojjatan, wanta addunya tana keessatti argan malee wanta biraa waan hin abdanneef gammachuun hojii isaanii irraa argatan baay’ee xiqqaadha. Dabalataan, yommuu nafseen isaanii gara baditti isaan kakaastu, Aakhiratti ni adabamna jedhanii waan hin yaannef nafsee ofii duuka bu’uun hallayyaa badiitti taru. Kuni jireenya isaanii keessatti hadhaa gaddaa fi dhiphinnaa akka dhandhaman isaan taasisa.

Guyyaa Aakhiraatti amanuun dhugumatti faayda hangana hin jedhamne qaba. Firii Guyyaa Aakhiraatti amanuu irraa argamu keessaa mee muraasa haa ilaallu:

1-Qajeelinnaa fi milkaa’inna argachuu

Namni akkuma bishaaniif garmalee dheebotu qajeelinnaa fi milkaa’innaafis garmalee dheebota. Jaallinnaa keessa raata’uun wanti inni argatu hin jiru. Qajeelinni guddaan namni jireenya keessatti argatu, eenyu akka isa uumee beeku; Maaliif addunyaa tana keessa akka jiraatu beeku fi eessa deemaa akka jiru itti xinxalluun iddoo gahuumsaa isaatiif galaa gahaa qopheefachuudha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala baniinsa suuratul Baqara keessatti warroota qajeelanii fi milkaa’an ni dubbata:

Alif Laam Miim. Kuni Kitaaba (Qur’aana) mamiin isa keessa hin jirreedha; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama. Isaan warra Gheeybitti amanan, kan salaata dhaabanii fi waan Nuti isaaniif arjoomne irraa kennaniidha. Ammas, isaan warra waan gara keetti buufamee fi waan si dura buufametti amananii fi Aakhiraatti [shakkii tokko malee] dhugaan amananiidha. Warri suni qajeelfama Rabbii isaanii irraa ta’e irra jiru. Ammas, warri suni isaantu milkaa’odha.” Suuratu Al-Baqara 2:1-5

Kana jechuun Qur’aanni kuni shakkiin homaatu keessa hin jiru. Wanti inni of keessaa qabu hundi haqa, Rabbiin irraa bu’uun isaas shakkii hin qabu. “Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Gooftaa aalamaa irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.” Suuratu As-Sajdah 32:2

Qur’aanni kuni qajeelfama kan ta’uuf warra Rabbiin sodaataniif. Warra Rabbiin sodaatan (muttaqiin) jechuun warra waan gaarii hojjachuu fi waan badaa dhiisun adabbii fi dallansuu Isaa irraa of eeganiidha. Qur’aanni kuni isaanif sobaa fi dhugaa, jallinnaa fi qajeelinna, wanta fokkuu fi miidhagaa, badaa fi gaarii addaan isaaniif baasa. Warri Rabbiin sodaataniis, soba, jallinnaa fi wanta fokkuu dhiisun dhugaa, qajeelinna fi wanta gaarii hordofu. Warri kuni warra gheeybitti amanuudha. Gheeybi jechuun wanta ijaan hin mul’annee fi sammuun nama bira gahuu hin dandeenyedha. Ilmi namaa addunyaa tana keessatti Rabbii olta’aa ijaan arguu hin danda’u. Garuu wantoonni uumaman hundii Uuman akka jiru ni akeeku. Akkasumas, kitaabban Isarraa bu’an sifaata (amaloota) Isaa ni himu. Kanaafu, Rabbitti ni amanu. Ammas, Jannata, Jahannam, fi wanta Aakhiratti adeemsifamu biroo odeefannoo karaa Ergamtoota Rabbiitiin isaan gahee irratti hundaa’un ni amanu.

Geeybitti amanuun wanta mu’minaa fi kaafiraa addaan baasudha. Dhimmichi wanta ijaan mul’atutti amanuu osoo hin ta’in wanta ijaan hin mul’annetti amanuudha. Ammas, warroonni Rabbiin sodaatan salaata ni dhaabu. Kana jechuun waqtii, ulaagaa fi rogoota salaataa eegun sirnaan salaatu. Yeroo salaatan qalbii guutuu salaata irra godhu. Ammas, wanta Rabbiin (Azza wa jalla) isaaniif kenne irraa ni kennu. Kanneen akka zakaa, sadaqaa, maatii ofii irratti baasi barbaachisu baasu, wanta gaariif qabeenya isaanii irraa hanga danda’an kennuudha.

Warroonni Rabbiin sodaatan wanta gara Nabii Muhammad (SAW) bu’etti ni amanu. Kana jechuun Qur’aanaa fi sunnaatti ni amanu, ni hordofu. Akkasumas, kitaabban Nabiyyi (SAW) dura bu’anittis ni amanu. Aakhiratti shakkii tokko malee dhugaan amanu. Aakhiraan akka jirtu dhugaan beekun, wanta isaan irraa eeggamu ni hojjatu. Wanta badaa ni dhiisu. Warri kuni qajeelfama Rabbiin irraa ta’e irra jiru. Jireenya keessatti hin dhama’an, dukkanni isaanitti hin bu’u. Namni kan dhama’uu fi dukkanni itti bu’uuf qajeelfama yommuu dhabuudha. Warri kuni warra milkaa’aniidha. Milkaa’inna jechuun wanta badaa jibban irraa nagaha bahuu fi wanta gaarii jaallatan argachuudha.

Amaloota jahan armaan olii warri qaban warra qajeelfamu fi milkaa’udha. Amaloonni jahan kunniinis: (1)Rabbiin sodaachu, (2) Gheeybitti amanuu, (3) salaata sirnaan salaatu, (4) qabeenya isaanii irraa baasi dirqama fi jaallatamaa ta’e baasu, (5) kitaabban Rabbiin buusetti amanuu fi (6)Aakhiratti shakkii tokko malee dhugaan amanudha.

Dhugumatti namoonni kunniin Maaliif akka jiraatan beekun waan gaarii ni hojjatan, waan badaa ni dhiisan. Eessa akka deeman beekun Aakhiratti dhugaan ni amanan. Gahuumsi nama hundaa Aakhiraa waan ta’eef. Kanaafu, isaan qajeelinna milkaa’innatti nama baasu irra jiru jechuudha.

2-Hojii gaggaarii hojjachuu

Guyyaan wanta hojjateef itti qoratamuu fi mindaa itti argatu akka jiru namni beeku, hojii gaggaarii hojjachuuf carraaqa. Jannani gara hundaan miidhagde warra amananii fi hojii gaarii hojjataniif akka qophoofte namni amanu, dhugumatti hojii gaarii irratti garmalee jabaata. Jannata samii nu olii torbaffaa keessa jirtu yommuu itti yaadu, addunyaan tuni isa biratti xiqqoo akka taatetti ilaala. Qur’aana keessatti;

76:20

“Yeroo achi (Jannata) keessa ilaaltes Qananii fi Mootummaa Guddaa ni argita.”(suuratu Al-Insaan 76:20)
Jannani gahuumsa warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjataniiti.

Dhugumatti Rabbiin isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan Jannata laggeen jala yaa’an isaan seensisa. Ishii (Jannata) keessatti gumeewwan warqee fi faaya irraa ta’aniin faayamu. Uffanni isaanii ishii keessatti hariira.” Suuratu Al-Hajj 22:23
Gumeewwan jechuun faaya akka geengoo harka irratti godhatamuudha.

Namni ganda tanaaf hawwuu jireenya ofii bakkuma argetti hin balleessu. Yeroo isaa guutuu xiqqaatus guddatus hojii badhaasa guddaa kana namaaf argamsiisu hojjata. Kuni immoo jireenya addunyaa tana keessattu tasgabbii fi gammachuu isaaf ta’a. Qalbiin namaa kan tasgabbooftu yommuu hojii badaa dhiisanii fi hojii gaarii hojjataniidha.

3- Hojii fokkuu fi badaa irraa fagaachu

Namni Aakhiratti amanuu nama hojii fokkuu fi badaa hojjateef Jahannam akka jirtu ni beeka. “Hojii fokkuu yoo hojjadhe, Jahannamii adabbiin ishii cimaa ta’e ni seena.” Jechuun sodaata. Kuni immoo hojii fokkuu irraa akka dheessu isa gargaara. Qur’aana keessatti:

Isaan kafaran uffata ibidda irraa ta’etu isaaniif kutama; mataa isaanii gubbaas bishaan danfaatu itti naqama. Isa sanaan (bishaan danfaan) wanti garaa isaanii keessa jiruu fi gogaan [isaanii] itti baqfama. Ammas, jirma sibiilaa irraa ta’etu isaaniif jira. Dhawaatuma isaan yaaddo irraa kan ka’e ishii keessaa bahuu fedhaniin ishii keessatti gadi deebifamu. “Adaba gubaa dhandhamaa!” [jedhamu].” Suuratu Al-Hajj 22:19-22

Warra Rabbitti amanuu didanii fi waan biraa Isa waliin gabbaran (waaqefatan) ibiddi isaaniif uffata ta’a. Gara hundan isaan marsa. Mataa gubbaa isaaniitii bishaan garmalee danfaan itti naqama. Sababa bishaan danfaa kanaan wanti garaa isaanii keessa jiru ni baqfama. Akkasumas, gogaan isaanii ni baqfama. Jirma sibiilaa (madooshaa) kan Malaykoonni isaan itti rukutantu isaaniif jira. Garmalee yaaddawuu fi dhiphachuu irraa kan ka’e akkuma ibidda keessaa bahuuf tattaafatanii gara ibiddaatti gadi deebifamu. “Adabbii garmalee nama gubu dhandhamaa” jedhamu. Kuni hundi sababa isaan yakka guddaa hojjataniif. Rabbii olta’a isaan soorutti kafaranii yommuu dachii keessatti badii babal’isan adabbiin isaaniis kana ta’e. Rabbiin isaan hin miine, ofumaa of miidhanii malee. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu.

Dhugumatti, namni kana beekun ifaa fi dhoksatti wanta badaa fi fokkuu hojjachuu irraa ni fagaata. Badii irraa fagaachun immoo jireenya keessatti tasgabbii fi badhaadhinna akka argatu isa taasisa. Wanta fokkuu fi badaa hojjachuu caalaa wanti jireenya namatti dhiphisu ni jiraa?

4- Wanta dhabaniif jabeenyaa fi obsa argachuu

Namni Aakhiratti amanuu addunyaa irraa yoo waa isa jala darban ykn balaan itti bu’e, Aakhiratti wanta san caalu abdata. Wanta dhabeef ykn isa jalaa badeef yoo obse, Aakhiratti mindaa guddaa argata. Akkasumas, yommuu balaa fi rakkoon isatti bu’u, rakkoon Aakhirah kana caalaa guddaa akka ta’e ilaalun rakkoo addunyaa akka salphaatti ilaala. Qur’aana keessatti namoonni gaggaarii akkana akka jedhanii fi mindaa isaanii Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni hima:

“Dhugumatti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta’e sodaanna.” Rabbiinis hamtuu gaafasii irraa isaan tiiksee ifaa fi gammachuu isaaniif kenna. Sababa isaan obsaniif Jannataa fi hariira isaaniif galata galcha.” Suuratu Al-Insaan 76:10-12

“Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta’e sodaanna” kana jechuun Guyyaa garmalee hammaataa fi cimaa fuula akka guuranii fi suntursan nama taasisu sodaanna. Rabbiinis hamtuu fi adabbii guyyaa sanii irraa isaan tiiksun fuula isaanitiif ifa, keessa isaaniitiif gammachuu kennaaf. Waan obsaa turaniif Jannata fi uffata hariiraa isaan badhaasa.

Kanaafu, namni Aakhiratti amanu Guyyaa garmalee hammaataa ta’ee fi Jannata qananiin guuttamte yommuu yaadatu, rakkoon addunyaa tanaa isaaf salphata.

Guduunfaa
☛Namni jireenya keessatti “Erga du’ee achumaan badee hafa moo addunyaa biraatu jira?” jechuun gaafi guddaa of gaafata.
☛ Guyyaan Aakhirah guyyaa xumuraa namni wanta hojjataa tureef itti qoratamuu fi itti mindeefamuudha. Kanaafu, Aakhiratti amanuun gaafi armaan olitiif deebii gahaa kenna.
☛Namni Aakhiratti amanu, gahuumsi ilma namaa eessa akka ta’e waan beekuf jireenya keessatti hin dhama’u. Eessa akka deemaa jiru sirritti beeka.
☛Hojii gaggaarii yommuu hojjattu Aakhiratti mindaa guddaa abdachuun hojii san qulqullinnaa fi si’aa’innaan hojjachuuf carraaqa.
☛Nafseen isaa hojii badatti yommuu kakaastu, adabbii cimaa Aakhiratti isa qunnamu sodaachun of qaba.
☛Yommuu musiiban (balaan) isatti bu’u, rakkoo Guyyaa Qiyaamaa kana caalaa guddaa akka ta’e yaadun obsa. Kuni hundi jireenya keessatti aannan tasgabbii akka dhugu isa taasisa.
☛Namni Aakhiratti hin amannee immoo mindaa hojii gaarii maallaqaa fi beekkamti malee wanta biraa waan hin abdanneef hawwii isaa addunyama tana qofa irratti gabaabsa. Beekkamtii fi maallaqa yoo dhabe, keessi isaa ni gubata.
☛Wanta badatti nafseen isaa yommuu isa kakaastu of qabuun itti ulfaata. Sababni isaas, adabbii Aakhiraatti waan hin amanneef.
☛Yommuu musiiban isatti bu’uu wanta Aakhiratti abdatu waan hin qabneef dhiphinnaa fi yaaddo cimaa keessa seena.
☛Dhugumatti Aakhiratti amanuun jireenya tasgabbii fi milkaa’innaa akka gaggeessan nama taasisa. Wa Aakhiru daaw’aanaa anilhamdulillahi Rabbil aalamiin

Kitaabban Wabii: 
Sharih Usuuli salaasa Fuula 105 Ibn Useymiin
Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii
Tafsiira Qurxubii
https://islamqa.info/en/answers/215011/where-is-paradise-and-where-is-hell

Hundee Iimaanaa-5ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply