Gaa’ila Islaamaa-Lakk.5.3

Offline dubbisuf

Niiti Tee Akkamitti Filattaa?-Kutaa 3ffaa
Adeemsa jireenyaa keessatti namni marsaa dargaggummaa irra yommuu gahuu humni guddaan keessa isaatti dhooya. Humni kunis humna gara fuudhaa heerumaatti isa dhiibudha. Fedhii uumamaa guuttachuuf karaan sirriin fuudhaa heeruma akka ta’e ni amana. Garuu dhimmichi fedhii foonii guuttachu qofa osoo hin ta’in kaayyoo guddaa san caalu qaba. Sanyii gaarii horuun maatii gaarii ijaaru fi gandoota lamaanitti milkaa’udha. Dhimmi yoo akkana ta’e, dargaggeessi fuudhaaf yaadu, “Dubartii akkamii yoo fuudhe, galma yaade gahaa?” jechuun yaada. Torbaan darbee keessatti amaloota gaggaarii dubartii kaayyoo guddaa kana galma akka gahuuf dhiira gargaartu ilaalle jirra. Har’as itti fufuun amaloota hafan ilaalla.

7-Tan hin heerumne fi durbummaa qabdu filachuu
Uumamaan qalbiin dhiiraa fi dubartii yeroo jalqabaaf wal jaallannaan jireenya isaanii keessatti walitti rarra’u. Dubartiin heerumtee yoo dhiirsa jalqabaa irraa addaan baatee ergasii dhiira lammatatti heerumte, qalbiin ishii kan jalqabaatti rarra’a. Jaalala guutuu kan lammataatiif hin kennitu. Garuu yeroo jalqabaatif dubartiin hin heerumne (dubarrii), dhiira jalqabaatti yommuu heerumtu, jaalala guutuu kennitiif. Kuni hariiroon cimaan isaan jidduutti akka uumamu taasisa. Akkasumas, waliin taphachuu fi wal booharsuuf tan duraan heerumte caalaa tan hin heerumnetu namatti tola. Tarii tan duraan heerumte suni muxannoo baay’ee dhiirsa jalqabaa irraa waan argatteef salphatti isa waliin tan hin deemne ta’uu dandeessi. Gogiinsi ishii keessatti mul’achuu danda’a. Garuu tan heerumte hiikkamte ykn dhiirsi irraa du’e keessa faaydan guddaan yoo jiraate, ishii fuudhun gaariidha. Mee wantoota armaan olii hubachuuf hadiisa Jaabir (radiyallahu anhu) haa ilaallu:

Jaabir bin Abdullaah (RA) akkana jedha: Abbaan kiyya ijoollee durbaa torba ykn sagal dhiisee du’e. Ergasii ani dubartii duraan heerumtee hiikkamte ykn dhiirsi irraa du’e fuudhe. Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana naan jedhan, “Yaa Jaabir ni fuute sila?” Anis, “Eeti” jedhe. Ergamaan Rabbis ni jedhan, “Tan hin heerumne (durba) moo tan duraan heerumte (gursumeetti) [fuutee]?” Anis ni jedhe, “Gursumeetti” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Maaliif durba hin fuudhin, tan ati ishii taphachiistu ishiinis si taphachiistu, tan ati ishii kolfisiistu, ishiinis si kolfisiistu?” Anis ni jedheen, “[Abbaan kiyya] Abdullaan ijoollee dubaraa dhiisee du’e. Tan akka isaanii isaanitti fidu jibbe. Kanaafu, dubartii isaaniin dhaabbattuu fi isaan fooyyessitu fuudhe.” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Rabbiin barakaa siif haa godhu.Sahiih Al-Bukhaari 5367

Tarii jechi gursumeetti jedhu naannoo tokko tokkootti arraba ta’uu waan danda’uuf dhiifama isiniin jedha. “Tan heerumte fuudhe” yoo jedhe gara hiika biraatti dabuu waan danda’uuf jecha gursumeetti jedhutti fayyadamu dirqama ta’e. Gursumeetti jechuun tan duraan heerumtee dhiirsan addaan baate ykn dhiirsi irraa du’eedha.

Wanti hadiisa irraa barannu, dargaggeessi hanga danda’een shamara (dubara) duraan hin heerumne fuudhuf haa carraaqu. Garuu dubartii gursumeetti keessa faaydan guddaan yoo jiraate fuudhu danda’a. Fakkeenyaf, akkuma Jaabir ijoollen xixiqoolen yoo jiraatan, ijoolle tannin akka kunuunsituuf ishii fuudhu danda’a. Ammas, dubartiin tuni dhiirsi irraa du’uun yaatimman kan miidhaman yoo ta’e, haala gaariin isaan guddisuuf ishii fuudhu danda’a. Ammas, tarii dubartiin tuni iimaanni ishii cimaa ta’uu danda’a. Yoo akkas ta’e, shamara iimaana hin qabne fuudhu irra dubartii iimaana qabdu tan jaarsi irraa du’e ykn addaan baate fuudhutu irra caala.

8-Dubartii baay’istee deessu filachuu– Wanta Islaamni itti nama qajeelchu keessaa tokko dubartii deessu filachuudha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu:
“‏ تَزَوَّجُوا الْوَدُودَ الْوَلُودَ فَإِنِّي مُكَاثِرٌ بِكُمُ الأُمَمَ ‏”‏ ‏.‏
Dubartii jaallattu baay’istee deessu fuudhaa, isiniin ummattoota caalati.Sunan Abi Daawud 2050

Namni jireenya isaa guutu ilma malee jiraachu hin barbaadu. Yoo ilmi hin dhalatin tarii isaan lamaan jidduu jaalalli fi hariiroon laafu danda’a. Garuu yommuu ilmi dhalatu, wal jaallatu. Tarii dhiirsi sababa ilmaatin niiti jaallata. Yookiin sababa niititin ilma jaallata. Ishiinis haaluma kanaan isa jaallatti. Haala kanaan hariiroon isaan jidduutti cima. Karaan dubartiin takka tan baay’istee deessu ta’uu addaan baafatan lama:

1-Qaamni ishii dhibee da’uumsa dhoorgu irraa nagaha ta’uu. Kanas karaa talaalli fayyaatin beekun ni danda’ama.
2- Haala haadha ishiitii fi obboleettiwwan ishii heeruman ilaalu. Haawwanii fi obboleettiwwan ishii warra baay’isanii da’an irraa yoo ta’an, ishiinis carraa da’uumsaa guddaa qabdi.

Namni sanyii akka baay’attuuf barbaadu, tuqaa tokko dagachuu hin qabu. Innis, itti gaafatamummaa fi dirqamoota maatii bahuuf of qopheessudha. Ijoollee isaa haala gaariin barsiisuu fi guddisuu, wanta badaa irraa eeguf ijannoo haa fudhatu. Ta’uu baannan, gaafi guddaa Guyyaa Qiyaamaa gaafatama.

9-Tan garaa laaftu, mararfattu fi jaallattuu ta’uu
Dubartiin ijoollee ishiitiif tan mararfattu, garaa laaftuu fi jaarsa ishii tan jaallattu yoo taate, ishii fi isa jidduutti jaalala cimaatu uumama. Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan
‏صَالِحُ نِسَاءِ قُرَيْشٍ ـ أَحْنَاهُ عَلَى وَلَدٍ فِي صِغَرِهِ، وَأَرْعَاهُ عَلَى زَوْجٍ فِي ذَاتِ يَدِهِ ‏“‏‏
Dubartoota Qureeshota keessaa irra gaarii kanneen ta’an, ijoollee xiqqoolee isaanitiif mararfato (garaa laafo) kan ta’anii fi qabeenya harka abbaa manaa isaanii jiru kan sirritti eeganiidha.” Sahiih al-Bukhaari 5365 fi Sahiih Muslim 2527

Keessattu, ijoollee irraa abbaan yoo du’e, kunuunsaa fi mararfannaa guddaa barbaadu. Dubartiin ijoolle kanniiniif kan mararfattuu fi jaallattu yoo taate, dhugumatti dubartii jabduu fi garmalee gaarii taatedha.

10-Tan ajajamtu fi amanamtu ta’uu- wanti dhiirri dubartii irraa jaallatu keessaa tokko dubartii isaaf tole jettu argachuudha. Dubartii isaaf hin ajajamnee fi ol’aantumma isarratti agarsiistu yoo taate, hariiroon isaan jidduu jiru dadhabaa adeema. Wal dhabbii fi rakkoon ni baay’ata. Ammas, dubartiin ifaa dhoksatti dhiirsaf amanamtu yoo taate, dhugumatti ishiin namooma qabdi. Dubartiin namooma qabdu, wanta lama irratti amanamtu taate argamti. 1ffaa- Qaamaa saalaa ishii haraamaa irraa eegu irratti amanamtu ta’uu. Dhoksatti Rabbiin sodaachun wanta akka zinaa irraa fagaachudha. 2ffaa-qabeenya isaa irratti amanamtu ta’u. Bakkuma argiteetti qabeenya isaa tan hin bittineessine ta’uudha. Dhugumatti dubartiin wantoota lamaan kanniin irratti amanamtu taanan, jaarsi hanqinna xiqqoo ishii irraa ija gadi haa qabatu. Akkuma aadaa keenya irraa beeknu, dubartiin mana yoo miidhagsitee fi qabeenya tiiksite, “Tuni dubartii namooma qabdu” jedhama. Kan alaa caalaa keessaa fi qalbii ishii yoo bareechiste namoomni ishii hangam guddaa ta’inna ree laata!!!!

Abu Hureeyraan akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW), “Dubartii tamtu gaariidha?” jechuun gaafatame. Innis akkana jechuun deebise, “Yommuu ilaalu tan isa gammachiistu, yommuu ishii ajaju tan isaaf ajajamtu, lubbuu fi qabeenya ishii keessatti wanta inni jibbuun tan isa hin faalleessine.” An-Nisaa’I 3231  

11-Tasgabbooftu, sagaleen ishii kan ol hin kaane ta’uu- sababni guddaan wal dhabbii fi wal lolli dhiirsaa fi niiti jidduutti uumamuuf tasgabbii dhabuu fi lawwisuudha. Lawwisuu jechuun sagalee olkaaste loluudha. Amala gaarii keessaa tokko jarjaruu dhiisu, tasgabba’uu fi sagalee gadi qabuudha. Dhiirri dubartii tasgabbooftu, tan hin lawwisne argannaan, sababa ishiin tasgabbooftu fi sagalee gadi qabduuf daangaa ishii irratti darbuu hin qabu. Rabbiin haa sodaatu. Dhiirri fuudhaaf deemus hanga danda’een dubartii tasgabbooftu fi hin lawwisne filachuuf haa carraaqu.

12- Tan aaqila (qaruute) taate, dubbii tan hin baay’isne fi iccitii isaa tan ifatti hin baasne filachuu– dubartii aaqila jechuun dubartii dubbiin daddaftuu fi akkuma feete taatu osoo hin ta’in, dubartii wanta ishii miidhu fi fayyadu addaan baafattudha. Wanta ishii miidhu beekun yoo irraa fagaatte, ammas wanta ishii fayyadu beekun yoo hojjatte, dhugumatti ishiin aaqila. Ta’uu baannan, faallaa kanaa yoo taatee….Deebii isiniif dhiisa.

13- Dubartii Rabbiin gabbartuu, Isaaf tole jettu ta’uu– Dubartii salaata shanan sirnaan salaattu, keeyrii hojjachuuf dheebottu, hijaaba sirnaan uffattu ta’uu.

Guduunfaa
★Amaloota dubartii gaarii tarreessinee jira. Garuu amaloonni kunniin hundi dubartii gaarii taate irratti argamuu qaban jechuu keenya miti.
★Tarii amala garmalee jaallatamaa tokko qabaachu dandeessi. Cinaa biraatin amala badaa qabaachu dandeessi. Garuu amala badaa kana jijjiruuf carraaqu qabdi.
★Amaloota baay’ee barbaachisoo dubartii irraa barbaadamu haala kanaan guduunfun ni danda’ama:
☞Iimaana qabaachu- kana jechuun dhugaadhaan Rabbitti amanuu, Guyyaa Aakhiraatti amanuu, Malaykotatti, Ergamtootatti, Kitaabbanitti amanuu fi qadaa wal qadaritti amanuudha. Ergasii, wanta qalbii keessa jiru kana dhugoomsuf hojii gaggaarii hojjachuudha. Hojiin hundarra gaariin amantiin qalbii keessa jiru itti madaallamu salaata sirnaan salaatudha.
☞Iimaana waliin miidhagduu fi sanyii gaarii irraa yoo taate, suni waa tole!
☞Tan garaa laaftu, mararfattu ta’uu.
☞Tan ajajamtu fi amanamtu ta’uu.
☞Tan deessu, tan abbaa manaa fi ijjoollee ishii jaallattu ta’uu.
☞Qaruute (aaqila) ta’uu. Dubartii aaqila (qaruute) jechuun dubartii wanta addunyaa Aakhiratti ishii fayyadu tan hojjattuu fi wanta ishii miidhu irraa tan fagaattudha. Qarummaan kana malee warra dhiyaa qullaa deeman hordofuu miti.
Ammas, dubbiin fuudhaa heerumaa hin dhumannee tasgabbaa’i. Akkamitti akka kaadhamittu beekun barbaachisaadha.

Kitaaba Wabii 
Az-zawaajul Islaamiyy Sa’iid,Mahmud Misrii, fuula 185-193

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.6.1
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.5.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply

Leave a Reply

  Subscribe  
Notify of