Gaa’ila Islaamaa-Lakk.6.1

Offline dubbisuf

 Abbaa Manaa Kee Akkamitti Filattaa?-Kutaa 1ffaa
Kutaalee darban keessatti dhiirri tokko hiriyyaa jireenyaa tan taate niiti isaa akkamitti akka filatu ilaalle jirra. Islaamni saalaa lamaaniif mirga isaaniif maluu kennee jira. Dubartiinis mirga abbaa manaa ishii filachuu qabdi. Dubarri takka sadarka shamarrummaa irra yommuu geessu, dhiira akkamiitu naaf ta’a jechuun yaadun ishii hin oolu. Wanti guddaan shamarri dhiira irraa barbaaddu mararfannaa fi haala gaariin ishii kunuunsudha. Nama ishii bohaarsu fi dhiphinna jireenyaa irraa hir’isuu barbaaddi. Kanaafu, obboleetti koo! Nama akkanaa eessaa argatta ree? Tarii dhiirri baay’een gubbaan wanta miidhagaa sitti mul’isee si gowwoomsu danda’a. Mee koottu! Dhiira ati barbaaddu akkamitti akka filattu siif akeekati. 

1-Amantii fi Amala Gaarii kan qabu Filadhuu

Asitti amantii yommuu jennu iimaanni isaa cimaa ta’uudha. Amalli gaariin immoo firii iimaanaa waan ta’eef uumaman ykn adeemsa keessa kan argamuudha. Nama iimaana qabuu fi amalli isaa gaarii ta’e beekuf tooftaa adda addaatti fayyadamu dandeenya. Iimaana isaa madaaluf safartuun jalqabaa salaata. Dhoksaa fi ifatti salaata shanan sirnaan yoo salaate, murtii alaatin iimaana qaba jennee murteessina. Garuu obboleetti koo wanti tokko si gowwoomsu danda’a. Innis, iimaana qaba akka jedhamuuf dhiirri tokko si kadhatuuf yommuu dhufu, salaata salaatu fi ibaadaa biraa hojjachuu danda’a. Garuu kana dura salaata quba hin qabu. Namni akkanaa dhugumatti si qofa osoo hin ta’in ofillee gowwoomsaa jira. Rabbiif niyyaa isaa qulqulleessu dhiisee dubartii argachuuf yommuu ibaada hojjatu hangam nifaaqni keessa isaa seenu abbatu beeka. Dhiirota akkanaa irraa nagaha bahuuf, gara keetti dhufuun dura haala isaa hiriyyoota isaa ykn nama isa beekan gaafachuudha. “Namni kuni salaata sirnaan salaataa? Waan badaa irraa ni dheessaa?” jedhanii qorachuun ni danda’ama.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa intala ofii eenyutti heerumsiisu akka hin qabnee fi eenyutti heerumsiisuu akka qaban haala kanaan warra intalaa gorsa

Yoo amanan malee dhiira mushrikaattis [dubartii teessan] hin heerumsiisinaa. Odoma inni isin gammachiiseyyuu gabricha mu’minaatu mushrika irra caala. Warri suni gara ibiddaatti waamu; Rabbiin immoo hayyama Isaatiin gara Jannataa fi araaramaatti waama. Akka xinxallaniif jecha aayatota Isaa namootaaf ibsa.” Suuratu al-Baqarah 2:221

Dhiirri kaafirri gonkumaa dubartii mu’minaa qulqulluu taateef kan ta’uu miti. Akkamitti qalbiin shirkiin xurooftee fi qalbiin tawhidaan qulqulloofte walitti dhufti? Haalumaa kanaan, dhiirri iimaana irraa fagaate fi badii adda addaa keessatti taree jireenya dubartii iimaanan faayamte kan tolchuu miti.

Dubartiin yommuu dhiira iimaana qabutti heerumtu faaydaa baay’ee ishiif buusa. Isaan keessaa sadii eerun ni danda’ama:

1ffaa- Jireenya addunyaa keessatti yoo ishii jaallatte, ishiif ni mararfata, ni kabaja. Yoo ishii jibbe immoo Rabbiin sodaachun ishii miidhu irraa of qaba.
Namtichi tokko Hasan bin Ali(RA) akkana jedhe gaafate,”Intala takka qaba. Namoonni fuudhaf na gaafatu. Eenyutti haa heerumsiisu?”
Hasanis akkana jedheen,”Nama Rabbiin sodaatutti heerumsiisi. Yoo ishii jaallate ni kabaja. Yoo ishii jibbe immoo hin miidhu.

2ffaa– Jannatatti akka dhiyaattu fi Jaalala Rabbii (Subhaanahu wa ta’aalaa) akka argattu ishii gargaara. Dubartii meeqatu yommuu warra ishii keessa jirtu, tan sirnaan salaattu fi hijaaba uffattu turte. Yommuu dhiira waa’ee amanti quba hin qabnetti heerumtu, salaataa fi hijaaba gatte. Garuu osoo dhiira iimaana qabutti heerumte, ishii jajjabeessuun addunyaa fi Aakhiratti gammachuu akka argattu sababa ishiif ta’aa ture. Jireenya keessatti jabeenyaa fi ijjannoo horatti. Hojii gaggaarii akka hojjattuu ishii kakaasa, hojii badaa irraa immoo ishii akeekachiisa. Kuni ganda lamaanitti gammachuu akka argattu ishii taasisa.

3ffaa– Ijoollee ishiitiif abbaa gaarii ta’a- keessamaayyuu ijoolleen dhiiraa abbaa isaanii fakkeenya (role model) godhachuun guddatu. Dhiirri ati ijoollee teetiif abba akka ta’uu filatte nama isaaniif fakkeenya gaarii ta’u moo hin taanee? Abbaa ijoollee isaa caati qama’uu fi muuziqaa barsiisu ta’a moo abbaa ijoollee isaa Qur’aana barsiisuu ta’aa? Kana addaan baafachuuf hiriyyoota isaa ilaali. Hiriyyoota badaa moo gaarii waliin oolaa?

Yaa obboleetti koo! Yeroo ulfaataa kana keessatti dhiira iimaana qabuu argannaan dhugumatti ati milkoofte. Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) warra intalaa, dhiirri amala gaarii fi iimaana qabu yommuu intala isaanii fuudhuf isaanitti dhufu, ishii akka itti heerumsiisan gorsa:
“‏ إِذَا أَتَاكُمْ مَنْ تَرْضَوْنَ خُلُقَهُ وَدِينَهُ فَزَوِّجُوهُ إِلاَّ تَفْعَلُوا تَكُنْ فِتْنَةٌ فِي الأَرْضِ وَفَسَادٌ عَرِيضٌ ‏ “

Namni amala isaa fi amanti isaa jaallattan yoo isinitti dhufee, [intala teessan] itti heerumsiisaa. Yoo hin hojjatin, fitnaa fi fasaada (balleessaa) baay’etu dachii keessatti uumama.Sunan Ibn Maajah 1967

Sababni isaas, warri intala nama qabeenya qabutti malee intala teenya hin heerumsiisnu jedhanii yoo didan, intalli fi gurbaan miidhaa baay’eef saaxilamu. Intala teenya nama qabeenya baay’ee qabutti malee hin heerumsisnu osoo jedhanu, intalli manatti hafuu dandeessi. Akkasumas wanta fokkuutti kufuu dandeessi. Dhiirris dubartii isaaf maltu osoo hin fuudhin yoo hafe wanta fokkuutti kufuu danda’a. Haala kanaan zinaan dachii irra babal’ata.

Bareedinnaan hin gowwomiin!
Seenaan ni odeefama, dargaggessa tokkotu intala baadiya takka fuudhuf kadhate. Bareedinni isaa ishii ajaa’ibsiise. Akhlaaqa (amala) fi adeemsa isaa osoo itti hin yaadin intalli tuni isatti heerumuuf muddamte. Abbaan ishii mucaan kuni amala gaarii akka hin qabne ishii gorse. Ishiin gorsa abbaa kana hin jaallanne. Abbaan nikhaa ishiirratti fudhatu dide. Garuu ishiin tole hin jenne. Dhumarratti gurbaa kanatti ni heerumte. Ji’a tokkoon booda abbaan ishii mana ishiitti ishii ziyaaruf (daawwatuuf) dhufe. Qaama ishii irratti mallattoolee rukuttaa dhiirsi rukute arge. Mallattoo kana akka waan hin agarre ta’ee akkana jechuun ishii gaafate; “Haalli kee akkamii yaa intala koo?”
Akka waan gammachuu qabdu ni fakkeessite. Abbaanis ni jedheen,”Mallattoon rukuttaa kuni maalii?” Yeroo dheeraaf hiqqifatte bootte. Ergasii akkana jette: Yaa abbaa koo maal siin haa jedhu?”

Kanaafu, dubartiin dhiira miidhaginnaa fi qabeenya baay’ee qabuun gowwoomu hin qabdu. Amala fi amanti isaa ilaalu qabdi. Miidhaginnii fi qabeenyi ishii dharraasisuu yeroon booda ni deema. Seenaan kuni obboleettiwwan keenyaf barnoota guddaa ta’a jedhee yaada.

2-Hanga ta’e tokko Kitaaba Rabbii irraa kan waa haffaze filadhuu

Qur’aana irraa hanga ta’e qomatti kan qabatee fi hojii irra oolchuf kan tattaafatu yoo ta’e, haalli isaa waa tole. Ergamaan Rabbii (SAW) sahaabota isaa keessaa nama Qur’aana irraa waa haffazeen dubartii itti heerumsisee jira.

Hadiisa sahiih Al-Bukhaari fi Muslim gabaasan keessatti, Sahl bin Sa’ad akkana jedha: Gaaf tokko osoo Nabiyyii (SAW) waliin teenyu dubartiin takka dhufuun isaaf of dhiyeessite. Nabiyyiinis ija ofii gadi qabee olkaase. Deebii ishiif hin deebisne. Sahaabota isaa keessaa namtichi tokko, “Yaa Ergamaa Rabbii! Natti heerumsiisi.” Jedhe. Nabiyyinis (SAW) ni jedhe, “Waa si bira jiranii?” Innis, “Homaa na bira hin jiran.” Nabiyyinis, “Qubeellaa (amartii) sibiilaa irraa tan taates hin jirtu?” Innis ni jedhe, “Qubeellaan sibiilaa irraa tan taates hin jirtu. Garuu uffata kiyya kana bakka lamatti tarsaasun walakkaa ishiif kenna, walakkaa immoo ofii fudhadha.” Nabiyyinis ni jedhe, “Lakki hin ta’u. Qur’aana irraa wanta qomatti qabattee jiraa?” Innis ni jedhe, “Eeti.” Nabiyyinis ni jedhe, “Deemi! Qur’aana irraa wanta si bira jiruun ishii sitti heerumsiisee jira.Sahiih Al-Bukhaari 5132

Guduunfaa
✒Dubartiniis akkuma dhiiraa yommuu heerumaaf yaaddu, gaafilee kanniin of haa gaafattu: Heerumuu maaliif barbaadee? Namni itti heerumu suni nama akkamiitii? Akkamitti heerumaa?
✒Maalif akka heerumtu haala kanaan guduunfu dandeessi: “Ani dhiira iimaana qabu barbaada. Sababni ani isatti heerumuu barbaaduf karaa dheeraa Jannatatti nama geessu waliin deemufi. Ilma gaarii yoo arganne, Islaama irratti isa guddisuun hawaasa keenya akka jijjiru ni tattaafanna. Kuni immoo Aakhiratti mindaa guddaa nuuf argamsiisa.
✒Kaayyoo heerumtuuf haala kanaan erga lafa keettee booda nama kaayyoo kanarratti ishii gargaaru barbaadachuuf tattaafachu qabdi.
✒Wanti guddaan kaayyoo kanarratti ishii gargaaru: mataa ofiiti iimaana qabaachu fi abbaa manaa iimaana fi amala gaarii qabutti heerumudha.
✒ Salaata sirnaan salaatun hojii guddaa iimaanni namaa itti madaallamuudha.
✒Amala gaarii isaa madaaluf tooftaa kanatti fayyadamuun ni danda’ama: hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii fokkuu irraa fagaachu isaa ilaalu; namootaf mararfachuu fi tola oolu isaa ilaalu.
✒Nama iimaana fi amala gaarii qabutti heerumuun faaydalee armaan gadii siif buusa:
✈Addunyaa tana keessatti gammachuu fi tasgabbiin waliin jiraattu. Yoo si jaallate si kabaja. Yoo si jibbee si hin miidhu.
✈Daaru Salaam (Ganda Nageenyaa-Jannata) akka geessu si gargaara. Hojii gaaritti si kakaasa, hojii badaa irraa si dhoowwa.
✈Ijoollee teetiif fakkeenya gaarii ta’a.

Maddoota Wabii 
Az-zawaajul Islaamiyy Sa’iid,Mahmud Misrii, fuula 232-238
https://www.sammubani.com/2016/01/02/159/#more-1183
https://islamqa.info/ar/answers/222203/

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.6.2
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.5.3
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply