Gaa’ila Islaamaa-Lakk.6.2

Offline dubbisuf

Abbaa Manaa Kee Akkamitti Filattaa? -Kutaa 2ffaa
Kutaa darbe irraa itti fufuun har’as shamarran maatii ijaaru barbaadan abbaa manaa akkamii akka filatan ni ilaalla. Barruun tuni dubartoota qofaaf osoo hin ta’in dhiirotaafis kan taatudha. Dhiirri “Amaloota barruu tana keessatti tarreefaman nan qaba moo hin qabu?” jechuun of qorata. Ergasii, dadhabinna isaa ni jabeessa. Haalumaa kanaan barruuleen “Niiti tee akkamitti filatta?” jedhaniis, dubartootaaf kan ta’uudha. Achi keessatti of ilaalun of madaalu. Yoo akkana godhan, yommuu jireenya fuudhaa heerumaa keessatti wal qunnaman haala gaariin waliin jiraachuuf karaa isaaniif laaffisa. Yeroodhaan akka of qopheessan isaan taasisa. Kanaafu, obboleeyyan keenya hin fuudhiniii fi hin heerumin, tuqaalee kanniin ilaalun of haa jajjabeessan. Eeti, amaloota barruulee kanniin keessatti tuqaman hin qabu yaanni jedhu sammuu namaa qaxxaamuru danda’a. Garuu yeroo keessaa waan fooyyessitaniif abdii hin kutinaa. Guyyaa Guyyaan hanqinna qabnu foyyeessuf yoo carraaqne, In sha Allaah guyyaa tokko nama amaloota kanniini faayamu taana. Amma gara Amaloota Abbaa manaatti deebi’uun itti haa fufnu.

3-Ba’aa fuudhaa Heerumaa kan danda’u ta’uu

Ba’aa fuudhaa heerumaa yommuu jennu wantoota lama of keessatti qabata. 1ffaa- fedhii foonii haadha manaa isaa guutuu irratti kan danda’u ta’uu. 2ffaa-bu’uuraalee jireenyaa kan akka uffataa, nyaataa fi mana jireenyaa dhiyeessu irratti danda’aa ta’uudha. Dhiirri wantoota lamaan kanniin yoo dhabe, dubartiin rakkachuu dandeessi. Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) dargaggoota ba’aa fuudhaa heerumaa irratti danda’an akka fuudhan kakaase. Kan hin dandeenye immoo akka sooman isaan jajjabeesse.

Abdullah bin Mas’uud(Radiyallahu anhu) akkana jechuun gabaase:
“Yeroo dargagummaa fi qabeenya hin qabne taane Ergamaa Rabbii (SAW) waliin turre. Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan “Yaa tuuta dargaggoota! Namni isin keessaa ba`aa fuudhaa danda’u haa fuudhu. Sababni isaas ija ofii akka gadi qabatuu fi qulqullumaa isaa akka eeguf isa gargaara (kana jechuun zinaa akka hin hojjanne isa gargaara). Namni fuudhuu hin dandeenye haa soomu. Soomun fedhii foonii hir’isaati.” Sahiih Al-Bukhaari 5066

Kanaafu, shamarri heeruma yaaddu, “Gurbaan kuni fedhii lamaan kanniin guutuu danda’aa?” jechuun itti haa yaaddu. Yoo ammatti qabeenya homaa harkaa hin qabaatin, hanga balballi rizqii isaaf banamuu obsuudha. Rabbiin (Azza wa jalla) ni jedha:

“Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin, hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti kabaja ofii haa eeggatan.” Suuratu An-Nuur 24:33 

4-Dubartootaaf garaa kan laafu ta’uu- Dubartoota irratti kan garaa jabaatu fi gogaa osoo hin ta’in isaaniif kan garaa laafu ta’uun ni filatama. Wanti hunduu madaalaa waan qabuuf dubartootaaf yommuu garaa laafu madaala kan eeggate ta’uu qaba. Garaa laafu yommuu jennu itti gaafatamummaa dubartoonni hin dandeenye itti fe’uu dhiisu, yommuu rakkatan isaaniif mararfachuu, sababa cimaa tokko malee rukutuu fi arrabsuu dhiisu, isaan gargaaru fi kkf.

Kanaafi, Faaxima bint Qays yommuu Mu’awiyaa fi Abul Jahm fuudhaaf ishitti dhufan Ergamaa Rabbii (SAW) mari’achiiste. Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana jedhaniin: “Abul-Jahm ulee ceequ irraa hin buusu (kana jechuun dubartoota haleela). Mu’awiyaan immoo hiyyeessa qabeenya hin qabu. Kanaafu, Usaama bin Zeyditti heerumi.” Faaximaan ni jetti. “Ani Usaamaa ni jibbe.” Ergamaan Rabbis (SAW) itti deebi’anii ni jedhan, “Usaamatti heerumi.” Anis isatti nan heerume. Rabbiin barakaa keessa nuuf godhe. Namoonni biroo kan na hinaafan ta’e.” Sahiih Muslim 1480

Wanti asirraa barannuu “Usaamaa bin Zeydi qabeenya baay’ee waan qabuuf isatti heerumi” jechuuni osoo hin ta’in Ergamaan Rabbii (SAW) amala gaarii Usaamaa waan beekanifi. Sababni isaas, Usaamaan Ergamaa Rabbitti garmalee dhiyoo kan tureedha. Kanaafi, amala fi amanti isaa waan beekaniif irra deddeebi’uun isatti heerumi kan jedhaniifi. Barnoonni biraa asirraa barannu, dubartiin yeroo heerumaaf yaaddu nama muxannoo qabu mari’achiisudha.

5-Yommuu isa ilaaltu kan ishii gammachisu ta’uu- erga wal fuudhanii booda akka wal hin jibbine nama yommuu ilaaltu ishitti tolu filachuun ishiif gaariidha.

6- Ishii kan madaalu ta’uu

Kana jechuun amalaan ykn qabeenyan ykn sadarkaan ishii ol kan ta’e yookiin ishiin kan wal qixa ta’e ta’uudha. Sababni isaas, dhiirsi amalaan, qabeenyaa fi sadarkaan niiti gadi yoo ta’e, wal dhabbii fi rakkoon adda addaa uumamu danda’a. Ishiin isarratti ol’aantummaa agarsiisuun mormiin ni uumama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

Dhiironni dhimma dubartootatiin dhaabbatoodha. [Kunis] waan Rabbiin garii isaanii irra garii caalchisee fi qabeenya isaanii irraas waan baasaniifi.” Suuratu An-Nisaa 4:34

Kana jechuun dhiironni dubartoota waan gaarii dirqama ta’etti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwun dubartoota bulchu. Akkasumas, dubartoota ykn niitiwwan isaanii irratti baasi baasun itti gaafatamummaa dhiiraati. Sababni dhiironni dhimma dubartootaa irratti dhaabbatoo ykn bulchitoota ta’aniif sababa lamaani:
1ffaa- Amala uumamaa Rabbiin dhiirota qofaaf kenne. Fakkeenyaf, humna cimaa qabaachu, obsuu, rakkoo cimaa danda’u. Kanaafi, Nabiyyoonni dhiirota qofa irraa ta’an.
2ffaa- Qabeenya isaanii dubartoota irratti baasu. Kanneen akka mahrii, baasi manaa fi kkf. Soorata maatii danda’un itti gaafatamummaa dhiiraati.

Maatii irratti baasi kan baasu dubartii yoo taate, bulchiinsa irraa qooda fuudhatti jechuudha. Kuni immoo mana keessatti mormiin adda addaa akka uumamuuf sababa ta’a.

Akkasumas, dubartiin sadarkaan ishii guddaa ta’e dhiira sadarkaan gadi bu’aa ta’eetti yoo heerumte rakkoon adda addaa ni burqa. Fakkeenyaf, dubartiin doktoraa hospitaala keessa hojjattu, nama hospitaala kana keessatti qulqullessitu ta’etti yoo heerumte, wal dhabbiin ni uumama. Ishiin isarratti ol’aantummaa agarsiisun wal mormiin garagaraa mana keessatti ka’a. Kanaafu, dubartiin dhiira ishii gitu ykn ishii ol ta’etti heerumuuf haa tattaafattu. Kana yommuu jennu dhiira sadarkaan ishii gadi ta’etti heerumun dhoowwadha jechuu keenya miti. Yoo jaallatte itti heerumuun mirga ishiiti. Garuu wanti tokko ni dhoowwama. Innis, nama amantiin ishii gad ta’etti heerumuun ni dhoowwama. Fakkeenyaf, kaafiratti heerumuun ishiif hin hayyamamu. Dhiirri kaafiraa hanga fedhe qabeenya haa qabaatu, dubartii Musliimaa gadi kan ta’eedha. Kanaafu, nama iimaanan ishii madaalutti heerumuuf haa tattaafattu.

 7. As-sidq wal-amaana (Dhugummaa fi Amanamummaa)

Amma seena intala qaruute takka isinitti himaa naaf obsaa! Nabii Muusaan (aleyh salaam) ummata Fira’awn jalaa dheessun gara ganda Madiyan jedhamtutti qajeele. Ganda tana keessaa fira hin qabu. Misra keessa bahee osoo gara ganda Madiyan deemu namoota beyladoota isaanii bishaan obaasanitti dhufe. Garuu shamarran lamaan beyladoota ofii obaasu irraa duubatti hafan. Nabii Muusaanis, “Dhimmi keessan maalii? (Maaliif duubatti harkifatanii?)” jedhee gaafate. Shamarranis ni jedhan: “Hanga tiiksitoonni beeladota ofii obaasanii deemanitti nuti obaasu hin dandeenyu. Abbaan keenya jaarsa dulloome.” Nabii Muusaaniis, beyladoota isaanii ni obaasef. Ergasii gara gaaddisaa deebi’uun, “Yaa Rabbii kiyya! Wanta gaarii gara kiyyatti buuste hunda garmalee itti hajama.” Jedhe. Ergasii, shamarran tannin keessaa shamarri takka saalfachaa dhufuun akkana jetteen, “Beyladoota keenya waan nuuf obaastef abbaan keenya mindaa siif kafaluuf si waama.” Innis gara abbaa ishii ni deeme. Seenaa isaa itti hime. Abbaanis, “Hin sodaatin! uummata zaalimota ta’an jalaa baatee jirta.” Jechuun isa jajjabeesse. Shamarran lamaan tannin keessaa qaruuten takka akkana jette, “Yaa Abbaa kiyya! Isa qaxari. Dhugumatti, irra caalaa namoota ati qaxartu isa jabaa fi amanamaa ta’eedha.”

Abbaanis niyyaa ishii hubatuun, “Waggaa saddeet na tajaajiluu irratti yoo wali galle, ani shamarran lamaan tiyya tanniin keessaa takka sitti heerumsiisu fedha. Wagga kudhan yoo guuttes, suni tola si biraa ta’eedha. Sirratti jabeessu hin fedhu. Gara fuunduraatti yoo Rabbiin fedhe namoota gaggaari irraa ta’uu na agarta.” jedhe. (Ilaali suuratu Al-Qasas 26:22-27)

Amma barnoonni asirraa fudhannu kana fakkaata:
Shamarran lamaan tunniin haala Nabii Muusaa sirritti hubatanii jiru. Amantii fi amala gaarii isaa sirritti argan. Kanaafi, shamarreen yommuu isa waamuuf isatti dhuftu saalfachaa itti dhufte. Namni iimaanan cimaa yoo ta’ee namoonni isa saalfatu. Ammas, saalfannan wanta dubartii irraa bareedudha. Shamarran tunniin jabeenyaa fi amanamummaa Nabii Muusaa yeroo gabaaba kana keessatti hubatanii jiru. Kanaafi, shamarreen abba ishiitin, “Nama kana qaxari. Dhugumatti inni namoota ati qaxartu hunda caalaa nama gaarii ta’eedha. Sababni isaas, jabaa fi amanamaadha.” jetteen.

Akka hayyoonni Qur’aana ibsan jedhanitti, Abbaan ishii “Akkamitti jabaa fi amanamaa ta’uu beekte?” jedhee gaafate. Ishiinis ni jette, “Dhagaa guddaa dhiirri kudhan malee baadhachu hin dandeenye adda ofii olkaase. Yommuu ani isa waliin gara manaa deebi’u, fuundura isaa deeme. Innis akkana naan jedhe, “Na duuba deemi. Yoo karaa irraa gore, karaa kamiin deemu akka qabu akka beekuuf cirracha darbadhu.” (Tafsiir ibn Kasiir-Tafsiira Suuratu Al-Qasas)

Namni jabaa fi amanamaa ta’e dhugumatti maatii fi hawaasa bulchuun isatti hin ulfaatu. Qaamaa fi sammuun jabaa yoo ta’e, dhimmoota jireenyaa ni sirreessa. Amanamaa yoo ta’e, namoota hin ganu. Kanaafi, intalli qaruuteen tuni Nabii Muusaa nama jabaa fi amanamaa akka ta’e ibsite. Abbaanis niyyaa ishii hubatuun intala isaa Nabii Muusaatti heerumsisee.

Kuni dubartoota dhiirsa barbaadaniif barnoota guddaa ta’a. Ammas, Khadiijaan (radiyallahu anhaa) Ergamaa Rabbii (SAW) itti heerumte. Sababni isaas, Ergamaan Rabbii (SAW) nama amanamummaa fi dhugummaan beekkameedha.

Dhiirri amanamummaa yoo qabaate niiti isaa hin ganu. Yeroo ammaa dhiira meeqatu dubartii bareeddu fi gaarii taate osoo of jalaa qabu karaa adda addaatin ishii gana. Kanaafu, Rabbiin olta’aan dhiira amanamaa siif haa hiru! Sihis isaaf dubartii amanamtu si haa godhu.

8-Itti gaafatamummaa nama baadhachuu danda’u ta’u– kana beekuf adeemsa jireenyaa keessatti hanga danda’een wanta hundaa ofii kan hojjatuu fi dhimma ofii galmaan kan gahuu yoo ta’e, inni itti gaafatamummaa baadhachu danda’aa jechuudha. Garuu wanta hundaaf abbaa fi haadha irratti kan hirkatu yoo ta’e, dhaabbatanii isa ilaalun ni barbaachisa. Gurbaan kuni intala teenyaf ni ta’a moo hin ta’u?
9-Galiin isaa halaala irraa ta’uu- Dubartoota gaggaarii keessaa dubartii takkatu jaarsa ishiitiin akkana jette, “Haraama fuute nuttiin hin galin. Har’a rakkoo irratti obsuu dandeenya. Garuu boruu ibidda Jahannam irratti obsuu hin dandeenyu.”
10-Aaqila ta’u, barataa beekumsaa ykn barsiisaa beekumsaa ta’uun ni filatama. Barataa ykn barsiisaa beekumsaa yommuu jennu kan beekumsa diini baratu ykn barsiisudha. ”
11-Haadha abbaa isaatiif tola kan oolu ta’uu- dhiirri abbaa haadhaf tola oolu carraa niiti isaa waliin haala gaariin jiraachu qaba.

Kitaaba Wabii 
Az-zawaajul Islaamiyy Sa’iid,Mahmud Misrii, fuula 238-242

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.7.1
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.6.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply