Hundee Iimaanaa 6ffaa

Offline dubbisuf

Qadaa fi Qadaratti amanuu -Kutaa 1ffaa
Samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran yommuu ilaallu, sirna (tartiiba) isaanii kan eeggatanniidha. Aduun, jiiyni, urjileen, samiin ol fuudhamuun, dachiin diriiruun jireenya lubbuu qabeenyitiif mijaa’un, gaarreen akka shikaali dachii keessatti suuqamu, fi kkf sirna isaanii kannen eeggataniidha. Mee aduu fi ji’a haa ilaallu. Aduu fi jiiyni sa’aati fi sakkandii isaani eeggatanii orbiiti isaanii irra naanna’u. Tokko tokkootti hin bu’u. Wal faalleessun hin jiru. Halkanii guyyaanis akkanuma. Kanaafu, wantoonni kunniin hundii hangaan, amalaan, yeroo fi bakkaan kan murteefamanii fi daangeefamanii jechuudha.

Wantoota kanniin hunda kan akkanatti murteessu, qindeessu fi too’atu Rabbii olta’aa malee hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hunda uumun dura kan beeku fi murteessudha. Wantoonni samii fi dachii keessatti adeemsifaman hundii beekumsaa fi murtii Isaatiin adeemsifamu. Wanti beekumsaa fi Murtii Isaa keessaa bahu tokkollee hin jiru. Sababni isaas, Inni Uumaa fi Mootii waa hundaati. Uumaan wantootaa hundaa kan uumudha. Mootiin immoo wantoota hundaa kan murteessudha.

Erga kana beekne booda al-qadaa wal qadaratti amanuun nu hin dhibuu jechuudha. Adeemsa keenya itti fufuun dura mee hiika Qadaa fi Qadar jedhu beekuuf haa tattaafannu.

Akka lugaatti qadaa jechuun wanta tokko xumuruu, guutu, raawwachuu fi murtii dabarsuudha. Wanti kuni fedhii, jecha, hojii ykn wanta biraa ta’uu danda’a. Inni qaadidha yommuu jennu inni nama murtii dabarsu jechuu keenya.
Qadar jechuun immoo wanta tokko safaruu, murteessu, hanga wanta tokkoo adda baasudha.

Akka shari’aatti garaagarummaa qadaa fi qadara jidduu jiru ilaalchisee hayyoonni yaada garagaraa kennanii jiru. Akka nuuf salphatuuf hiika caalaatti Aayaata (keyyattoota) Qur’aanaatti dhiyaatu haa fudhannu.

Qadar jechuun wanti hundii uumamuun ykn raawwatamuun dura amala, hamma, yeroo, bakka isaa fi kan kana fakkaatan murteessu fi katabuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanti tokko uumamuun ykn raawwatamuun dura murteesse fi katabee jira. Rabbiin biratti wanti hunduu kan murtaa’edha.
Qadaa jechuun immoo wanta duraan murtaa’e hojii irra oolchu fi xumuruudha. [1]
Qur’aana keessatti ni jedha,

Guyyaa lama keessatti samii torba godhee xumuree (qadaa)” Suuratu Fussilat 41:12
Kanaafu, qadaa fi qadar kan wal keessa seenaniidha.

Qadaa fi qadaratti amanuun hundee iimaanaa keessaa tokko. Malaaykaan Jibriil (aleyh salaam) gara Nabiyyii (SAW) dhufuun “Waa’ee iimaana natti himi.” jedheen. Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “[Imaana jechuun] Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadaratti amanuudha.” Jibrilis, “Dhugaa dubbatte.” jedhe. Sahih Muslim 8 

Qadaa fi qadaratti amanuun wantoota afur of keessaa qaba.

1ffaa– Rabbiin wantoota hundaa dimshaashaa fi takka takkaan yeroo hundaa akka beeku amanu. Rabbiin wanta darbe, gara fuunduraatti dhufuu fi wanta ammatti ta’u hunda beeka. Hojii gabroottan Isaa hunda takka takkaan beeka. Wantoonni hundi uumamuun dura takka takkaan isaan beeka. Rabbiin waa wallaalu fi dagachuu irraa qulqulluudha. Rabbiin Azza wa jalla ni jedha:

Gooftaan kee dagataa hin taane.” (Suuratu Mariyam 19:64)
Gonkumaa Rabbiin homaa hin dagatu.

Rabbiin sodaadhaa, Akka Rabbiin waan hundaa Beekaa ta’es beekaa!” Suuratu Al-Baqarah 2:231
Beekumsi Rabbii beekumsa ilma namaatiin gonkumaa wal bira hin qabamu. Beekumsi ilma namaa gabaaba, daangeefamaa fi wallaalummaan booda kan argamuudha. Beekumsi Rabbii olta’aa immoo daangaa hin qabu, wantoota hundaa kan marsee fi abadii (zalaalamii) kan ta’eedha.

2ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota raawwataman ykn uumaman hundaa Lawhal Mahfuuz keessatti akka barreesse ykn katabe amanuu. Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

22:70

Sila Rabbiin wantoota samii fi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? Dhugumatti, kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessa jira. Dhugumatti, kun Rabbi irratti laafaa dha.” (Al-hajji: 70).

Rabbiin wanta ifa bahee fi dhokataa, keessaa fi alaa, wantoota dachii fi samii keessa jiran hunda takka takkaan ni beeka. Kunniin kitaaba keessatti kan barreefamaniidha. Maqaan kitaaba kanaas, Lahwal Mahfuuz. Akka yaada keessaniitti wantoota hundaa beekun ulfaata isinitti haa fakkaatu malee Rabbiin wantoota hundaa beekumsaan marsuu fi kitaaba keessatti barreessun waan Isatti ulfaatu miti. Jalqaba irraa kaase hanga Guyyaa Qiyaamatti wanta adeemsifaman hunda katabuun Rabbiin irratti baay’ee salphaadha.  

Lahwal Mahfuuz Qur’aana keessatti maqaaleen adda addaa kennameefi jira. Isaanis: Al-Kitaab (Kitaaba), Al-Kitaabul Mubiin (Kitaaba ifa ta’e), Al-Imaamul Mubiin, Ummul Kitaab fi Al-Kitaabul Masxuur.

3ffaa- Wantoonni argaman hundi fedhii Rabbiitiin qofa akka argaman ykn uumaman amanu. Kuni hojii Isaatiin yookiin hojii uumamtootiin kan wal qabate ta’u danda’u. Fedhii Isaatiin ala wanti raawwatamu tokkollee hin jiru. Wanti Inni fedhe ni ta’a, wanti Inni hin feene hin ta’u. Rabbiin Olta’aan ni jedha:

Rabbiin kee waan fedhe uuma, ni filatas.” Suuratu Al-Qasas 28:68

Rabbiin wanta fedhe hojjata.” Suuratu Ibraahim 14:27

4ffaa- Rabbiin Uumaa waan hundaa akka ta’e amanuu- Wantoota jiran hunda kan uumee Rabbiin akka ta’e amanuudha. Rabbiin (Azza wa Jalla) ni jedha:

 “Rabbiin Uumaa waan hundaati. Inni waan hundaa irrattis tiiksadha.” Suuratu Az-Zumar 39:62
Ammas ni jedha:

15:86

Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu akkaan Uumaa, Beekaadha.” Suuratu Al-Hijr 15:86

Kana jechuun Rabbiin kee kan si kunuunsu, kennaa adda addaa kan siif kennu, samii irraa bishaan buusun biqiltoota biqilchuun kan si sooru, Uumaa waa hundaati. Khallaaq jechuun yeroo hundaa keessatti wanta hundaa kan uumudha. Namoonni fi lubbuu qabeenyin biroo dur irraa kaase dhalachuu hin dhaabbanne. Kanaafu, lubbuu qabeenya dhalatan kanniin hundaa guyyaa guyyaan, sa’aati sa’aatin kan uumu Rabbii olta’aadha jechuudha.


Ajajni Isaa yoo waan tokko fedhe, “Ta’i” jechuma qofa; yoosu ta’a.”

Suuratu Yaasin 36:82

Rabbiin Qulqullaa’an olta’e wanta tokko hojjachuu ykn uumuu yoo fedhe, ‘Ta’i’ jedha. Wanti sunis yeroma san ta’ee argama.

Rabbiin Olta’aan wantoota namoonni hojjatan kan uumudha. Garuu kan hojjatu namoota. Fakkeenyaf, dhagaa, sibiila, muka fi kkf kan uume Rabbiidha. Namoonni immoo dhagaa, sibiila fi muka walitti fiduun mana ijaaru. Kanaafu, wanta namoonni hojjatan dhugaan kan uume Rabbii Olta’aadha jechuudha. Osoo Inni sibiila, dhagaa fi kkf uumu baatee silaa namoonni mana ijaaru danda’u? Mee telefoona fi elektrooniksi harkaa qabnu haa ilaallu. Ilmi namaa meeshaa dheedhii teleefonni fi elektrooniksin biroo irraa hojjataman mataa isaatiin uumuu danda’aa? Gonkumaa uumuu hin danda’u. Wantuma Rabbiin olta’aan uumee walitti fiduun telefoona ykn kompiyutara hojjatan. Ammas tooftaa fi beekumsa ittiin hojjataniin kan kenneef Rabbiidha. Kanaafu, wanta namoonni hojjatan dhugaan kan uume Rabbii Olta’aadha jechuudha.

Haala armaan oliitti ibsine kanaan qadaratti amanuun namoonni fedhii fi dandeetti wanta tokkoo qabaachun wal hin faallessu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala fedhii fi dandeetti isaan keessatti uumee jira. Fedhii fi dandeetti kanaan wanta fedhan akka hojjatan bilisummaa isaaniif kenne jira. Fedhii fi dandeetti kanatti fayyadamuun waan Inni itti ajaje yoo hojjatan, mindaa akka isaaniif kennu waadaa galee jira. Ammas, fedhii fi dandeetti kanatti fayyadamuun wanta badaa Inni dhoowwe yoo hojjatan akka adabu waadaa galee jira. Kanaafu, namni tokko, “Badiin ani hojjadhe, wanta Rabbiin murteessedha” jechuun mormuu fi fincila agarsiisu hin qabu.

Wanta Sheekhul Islaam ibn Taymiyaan (rahimahullahu) jedhe, yaada armaan olii kanaaf furmaata ni ta’a jedheen yaada.

“Qadaratti ni amanan malee ittiin hin morman. Gabrichi yeroo musiiban (balaan) isatti bu’u, gara Qadaraa (Murtii Rabbii) akka deebi’u ajajama. Yeroo badii (zanbii) hojjate immoo araarama Rabbii akka kadhatu ajajama. Akkuma Rabbiin jedhe,

Obsi! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Dilii (cubbuu) keetifis araarama kadhu.” Suuratu Ghaafir 40:55”[2]

Kanaafu, namni yommuu musiiban isatti buutu murtii Rabbii akka ta’e beekun obsuu qaba. Yommuu badii hojjatu immoo Rabbiin irraa araarama kadhachuun isarra jira.

Guduunfaa
✍Qadaa fi Qadaratti amanuun hundee iimaanaa keessaa tokkoodha.
Qadara jechuun wanti hundi raawwatamuun ykn uumamuun dura murtii Rabbiin murteesse fi katabeedha.
Qadaa jechuun immoo wanta murtaa’e hojii irra oolchu fi xumuruudha.
✍Qadaa fi Qadaratti amanuun wantoota afur of keessaa qaba:

  • Rabbiin wanta hundaa akka beeku amanuu
  • Wantoota kanniin hundaa Lawhal Mahfuuz (Galmee Eeggamaa) keessatti Rabbiin akka katabee amanuu
  • Wantoonni hundii fedhii Isaatiin qofa akka raawwataman amanuu
  • Wantoota hundaa kan Uumee Rabbiin akka ta’e amanuudha.

Kitaabban Wabii: 
[1] Al-Qadaa wal qadar– Umar Ashqar, Fuula 21-25,
Divine Will and Predestination (Hiika kitaaba armaan olii)
 al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 625-627
Sharih Usuuli salaasa Fuula 111-112 Ibn Useymiin 
Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii
[2] Hayaatu Salaf; beyna al-qawli wa al-amali fuula 20, footnote

Qadaratti Amanuu-Kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply