Gaa’ila Islaamaa-Lakk.7.1

Offline dubbisuf

Al-Kixbah (Kaadhimachuu)-Kutaa 1ffaa
Dhiirri ykn dubartiin fuudhaa heerumaaf yaadan gaafii, “Akkamitti fuudha /heeruma?” jedhu deebisuuf ni carraaqu. Dhiirri tokko dubartii isaaf taatu erga filate booda, fuudhuu yoo barbaade, tarkaanfilee hordofuu qabutu jira. Seeraa fi tarkaanfilee kanniin yoo cabsee fi irra utaale, adabbii fi miidhaa guddaa keessatti kufuu danda’a. Akka miidhaa kana hunda hin dhandhamneef In sha Allah fuudhu yommuu barbaadu tarkaanfilee akkamii akka hordofuu qabu ni ilaalla. Namni tokko nama fuudhaa heerumaaf isaaf ta’u erga filate booda tarkaanfiin jalqabaa inni itti deemu qabu, “Al-Khixbah” dha.

Al-Khixbah (kaadhimachuu) jechuun dubartii takka fuudhaaf kadhachuudha. Kaadhimachuun fuudhaa heerumaatti akka dhiyaatan sababa ta’aa malee mataan isaa nikaah miti. Hanga nikaah hidhatutti dubartiin tuni isaaf ajnabiyyah (nyaapha) taate turti.

Dubartii Tamiin Kadhachuun (kaadhimachuun) hayyamamaa?
Dubartii takka fuudhaaf kadhachuuf sharxiin (ulaagaaleen) lama guuttamuu qabu:
1ffaa-Dubartoota shari’aan dhoowwe keessaa ta’uu hin qabdu. Kana jechuun dubartiin kaadhimatan suni dubartoota fuudhun yeroo hundaa dhoowwaman ykn yeroo muraasaf dhoowwaman keessaa ta’uu hin qabdu. Yeroo darbee ilaalle jirra.
2ffaa-Namni biraa dubartii tana kaadhimachuu hin qabu. Yoo namni biraa ishii kaadhimate (kadhate) ishii kaadhimachuun hin danda’amu hanga namni suni ishii dhiisutti ykn warri diddutti malee. Yoo inni ishii dhiise ykn warri dide, ishii kaadhimachuun ni danda’ama.

Dubartii takka fuudhaaf Eenyurraa kadhatanii (kaadhimatanii)?

Hundemaa dhiirri dubarti fuudhu barbaadu waliyyii (warra) ishii irraa kadhachuu qaba. Urwan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) Aa’ishah (RA) Abu Bakr (RA) irraa fuudhaaf kadhate. (Abu Bakr abbaa Aa’ishaati.) Ergasii Abu Bakr nabiyyiin akkana jedhe, “Garuu ani obboleessa keeti.” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Ati amantii fi Kitaaba Rabbiitiin obboleessa kiyya. Garuu ishiin (Aa’ishaan) anaaf halaala.”  Sahiih Al-Bukhaari 5081

Kana jechuun obbolummaan anaa fi si jidduu jiruu obbolummaa amantiiti malee obbolummaa dhiigaati miti. Kanaafu, intalli tee naaf halaala (fuudhu nan danda’a).
Akka aadaa keenyattis dhiirri fuudha yommuu barbaadu, warra intalaa kadhata. Kanaafu, karaan hundarra gaariin nama baasu, fuudha yommuu barbaadan warra intalaa irraa kadhachuudha.

Akkamitti ishii kaadhamichuu fi Gaa’ilaan ishitti dhiyaachu danda’aa?

Gaafii fi deebii armaan gadii www.islamqa.ifo  irraa kan fudhatameedha. Mata duree keenya kanaan waan wal qabatuuf hurrii dargaggoota baay’etti bu’u irraa saaqa jedheen yaada. Gaafataan akkana jedha:

Ani Yuniversitii Biritaaniyaa keessaa tokkotti barachaa jira. Yuniversitii keessatti shamarre na dinqisiiste takkatu jira. Gonkumaa ishii waliin haasawee hin beeku. Ani akka aadaa kiyyaatti dubartoota waliin hin haasawu. Yeroo tokko tokkoo nageenya yoo wal jijjirree malee. Amma akkamitti ishii kaadhimachuu fi fuudhaa heerumaan itti dhiyaachu danda’aa? Ani nama Islaama hordofuudha, Dubartoota waliin hin haasawu. Karaan hundarra gaariin [dubartii tana itti kaadhimadhuu] kamiidhaa?
Osoo daangaa shari’aa hin darbin jalqaba gara ishii deemun ishiitti haasawee wal baruu qaba moo takkamaan ishii kaadhimachuu qabaa?
Osoo ishiin wal hin barin takkamaan yoo ishii kaadhimadhe (kadhadhe), na diddii sodaadha. Sababni isaas, ishiin sirritti na hin barre. Akkasumas, aadaan kiyyaa fi aadaan ishii garagara. Ammas, wal baruuf yoo ishiitti haasawe, wanta Islaama faallessu nan hojjadha jedhee sodaadha. Ani haala ulfaataa keessa jira. Wanti irra gaariin ani hojjachuu qabu maaliidhaa?

Deebii
Galanni Rabbiif haa galu

Rabbiin si haa waffaquu (milkeessu) kana beeki, dhiirri tokko dubartii ajnabiyyaa (nyaaphatti) haasawu ni danda’a yoo qajeelfamootaa fi ulaagaalee shari’aa hordofe. Ulaagaaleen (sharxiwwan) kunniin fitnaa fi badii kan ittisaniidha. Ulaagaaleen sunniin kanneen armaan gadiiti:

1-Ishii waliin kophaa (adda) ta’uu hin qabu.
2- Mata duree hayyamameen ala bahuu hin qabu
3- Fitnaan (qormaanni cimaan) jiraachu hin qabu. Yommuu ishitti haasawu fedhiin isaa kan kaka’uu yoo ta’e fi dubbii ishii irraa mi’aa argachuu yoo jalqabe, yoosan ishii waliin haasawuun haraama.
4-Dubartiin dubbii ishii laaffisuu fi mi’eessun dubbachuu hin qabdu. (Kuni fedhii waan kakaasuuf).
5-Dubartiin hijaaba guutuu uffachuu fi naamusa tan eeggattu ta’uu qabdi. Yookiin balbala duubaan ishiitti dubbachuu. Yookiin telefoonaan ishiitti haasawu.
6- Haajaa (dhimma) barbaadame caalaa ishii waliin haasawu dhiisu.
Yoo sharxiwwaan kunniin guuttamanii fi fitnaa irraa nagaha ta’uu yoo amanan, dubartii waliin dubbachuun rakkoo hin qabu.

Sheeykh Saalih Fawzaan dargaggoota karaa telefoonaatiin shamarrannitti haasawan ilaalchisee gaafi gaafatamee akkana jechuun deebisee:
Shamarreen nama ishii waliin haasawuuf kaadhimamtu yoo taate fi wanti isaan haasawan faaydaa kaadhimummaa qofaaf yoo ta’e malee dargaggeessi shamarreetti haasawuun hin hayyamamuu. Kana keessa fitnaan guddaan waan jiruuf. Garuu dargaggeessi waa’ee kaadhimummaa ishii waliin haasawuu irra osoo warra ishii waliin haasawe irra gaarii fi nagaha kan ta’eedha.” (al-Muntaqa min Fataawa al-Shaykh Saalih al-Fawzaan, 3/163, 164)

Ati amma dubartii tana hin kaadhimanne. Kanaafu, of eeggannoo cimaa gochuu qabda. Osoo shamara tanatti hin dhiyaatin kaayyoo kee galmaan gahuuf karaa hunda yaalun sababoota fitnaaf nama saaxilaan irraa dheessu qabda.  
Hundeen kanaa Aayaata lama Kitaabaa Rabbii keessatti argamaniidha. Rabbiin Olta’aan ni jedha:

33:32

Yaa dubartoota Nabiyyichaa! Isin akka tokkoo dubartoota biraatii miti. Kan qalbii isaa keessa dhukkubni [nifaaqa yookiin fedhii badaa] jiru akka hin kajeellef yoo Rabbiin sodaattan dubbii keessan hin laaffisinaa; jecha bareedaas dubbadhaa.” Suuratu Al-Ahzaab 33:32

Yoo meeshaa isaan (niitiloo Nabiyyii) gaafattan haguuggi (girdoo) duuban isaan gaafadhaa. Akkas gochuun keessan qalbii keessanii fi qalbii isaaniitiif irra qulqulluudha.”  Suuratu Al-Ahzaab 33:53

(Ajajni kuni niitolii Nabiyyi fi namoota yeroo sanii qofaaf osoo hin ta’in dubartoota Musliimaa fi dhiirota hundaafi. Dubartiin takka dubbii ishii garmalee laaffiste (laslas goote) dubbachuu hin qabdu. Dhiirri qalbii isaa keessa dhukkubni shahwaa (fedhii) jiru ishii kajeelu fi waan badaa raawwachuu waan danda’uuf. Ammas, yommuu waa gaafatan girdoo (haguuggi) duubaa isaan gaafachuudha.)

Kana booda kana si yaadachiisu barbaada: safartuun Musliimiin ittiin dubartii takka itti fuudhu safartuu Ergamaan Rabbii (SAW) jecha isaa kanaan itti kakaase ta’uu kan qabuudha. “Amantii tan qabdu fuudhi. [ta’uu baannan] ni kasaartaa.” Sahiih Al-Bukhaari 5090

Wanta haraama keessatti si kuffisuu ykn itti si dhiyeessu hundarraa fagaadhu. Kan akka ishii waliin kophaa ta’uu yookiin ishii waliin ala bahuu yookiin kan biroo. Dubartii Rabbiif ajajamuu irratti si gargaartu akka siif laaffisu Rabbiin nan kadha.[1]

Kanaafu, dargageessi dubartii fuudhuu barbaadu akkamitti kaadhimataa? Gaafi kanaaf deebii sheeykni kenne haala kanaan dhiyeessun ni danda’ama:

Namni tokko fuudhaa heeruma yoo barbaade fi dubartii takka kaadhimachuu irratti ijannoo yoo qabaate, adda isaa yookiin fira isaa keessaa nama tokko kan akka abbaa ykn obboleessaa waliin gara warra ishii deemu danda’a.  Yookiin immoo akka isaaf kaadhiman (kadhatan) nama biraa bakka buusu danda’a. Kana ilaalchise dhimmi bal’aadha. Aadaa hawaasa keessatti beekkame hordofuun barbaachisaadha. Biyya tokko tokko keessatti kaadhimataan adda isaa gara warra ishii deemun akka eeybitti (naamusa hin qabneetti) ilaallama. Kanaafu, xiyyeefannoon itti kennamu qaba.[2]

Kanaan alaa ishii waliin guyyaa guyyaan wal qunnamuu fi walii bilbiluun karaa sheeyxaannii namoota itti dogongorsuu fi badii cimaa keessatti isaan dabarsuudha.[3]

Guduunfaa
➥Dubartii namaaf taatu erga filatanii booda tarkaanfin jalqabaa gara fuudhaa heerumatti seenaniin kaadhimachuu (kadhachuu)dha.
➥Al-Khixbah (kaadhimachuu) jechuun dubartii fuudhaaf warra ishii irraa kadhachuudha.
➥Ishii kaadhimachuun dura wanta lama ilaalun barbaachisaadha. 1ffaa-dubartoota shari’aan fuudhu dhoowwe keessaa ta’uu hin qabdu. 2ffaa– dhiirri biraa ishii kaadhimachuu hin qabu. Dhiirri suni hanga ishii dhiisutti ykn warri didanitti malee ishii kaadhimachuun hin ta’u.
➥Dubartii filatan kaadhimachuuf karaan hundarra gaarii fi nagaha ta’e warra ishii gaafachuudha. Akka aadaatti nama itti erguun gaarii yoo ta’e nama itti erguu. Ofii deemun kan danda’amu yoo ta’e, mataa ofiitiin ykn fira waliin deemu.
➥”Ani ishii fuudhu barbaada” jechuun dubartii waliin kophaa ta’uu fi akka fedhe waliin ta’uun wanta haraama ta’ee fi adabbii guddaatti kan nama geessudha.
➥Dhiirri tokko dubartii takka yoo kaadhimate fi fuudhaa heerumaaf walii galan hanga nikaah hidhatutti isaan lamaan walii ajnabiyyaa (nyaapha). Kanaafu, kophaa waliin ta’uu fi gochoota biroo hojjachuu hin danda’an.


Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah 3/107, Abu Maalik
Fiqhu Sunnaah 2/138-139, Sayyid Saabiq, Daaru Ibn Kasiir, 2016
[1] https://islamqa.info/en/answers/13791/he-wants-to-talk-to-a-woman-before-he-proposes-marriage-to-her
[2] https://islamqa.info/en/answers/88130/proposal-procedure-according-to-shareeah
[3] https://islamqa.info/en/answers/11618/how-should-he-tell-her-that-he-wants-to-marry-her

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.7.2
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.6.2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply