Gaa’ila Islaamaa-Lakk.7.2

Offline dubbisuf

Al-Khixbah (Kaadhimachuu) Kutaa 2ffaa
Yeroo darbe kaadhimachuun tarkaanfi jalqabaa gara addunyaa fuudhaa heerumaa itti seenan jennee jirra. Dhiirri tokko dubartii isaa taatu erga filatee booda warratti nama erguun isaaf akka dubbatu gochuu danda’a. Dubartiin rashiida (tan wantoota sirriitti hubattuu fi madaaltu) yoo taate, ishiittis nama erguun fuudhaa heerumaaf ishii gaafachuun ni danda’ama. Ragaan kanaa Ummu salamat erga abbaan warraa ishii irraa du’ee iddaa (yeroo turtii) fixxee booda Ergamaan Rabbii (SAW) nama tokko itti ergan. Ergasii ishiinis tole jechuun ni heerumte.[1] Garuu dubartii takkati yommuu nama itti ergan hayyama waliyyii malee heerumu hin dandeessu. Namni ishii guddise nikaah hidhu qaba. In sha Allah, sharxiiwwan nikaa keessatti ni ilaalla.  Ammas, abbaan ishii dhiira gaarii ta’etti intala isaa fuudhaaf itti dhiyeessu danda’a. “Yaa eebalu! intala tiyya fuudhuu dandeessaa?” jechuuni danda’a. Garuu kuni fedhii intalaatin ta’uu qaba. Yoo ishiin hin fedhiin ishii dirqiisisuu hin qabu. Har’as itti fufuun adeemsa kaadhimachuu ilaalla.

1-Istishaaraa (Mari’achiisuu)
Namni tokko nama isaaf ta’u erga filate booda nama nama sanitti dhiyaatu mari’achiisuu danda’a. “Ebaluun ilaalchisee maal jettaa?” jechuuni danda’a. Namni mari’achisan sunis dhugaa dubbachuu qaba. Faayda nama saniitiif yoo ta’ee fi nama lammataa rakkisuuf yoo hin ta’in, hanqinna nama sanii kaase dubbachuu danda’a. Akka ragaatti,

Faaxima bint Qays yommuu Mu’awiyaa fi Abul Jahm fuudhaaf ishitti dhufan Ergamaa Rabbii (SAW) mari’achiiste. Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana jedhaniin: “Abul-Jahm ulee ceequ irraa hin buusu (kana jechuun dubartoota haleela). Mu’awiyaan immoo hiyyeessa qabeenya hin qabu. Kanaafu, Usaama bin Zeyditti heerumi.” Sahiih Muslim 1480

Bakki hanqinna nama sanii itti dubbatan yoo barbaachisaa ta’eedha. Barbaachisaa yoo ta’in dubbachuu hin qabu. Yeroo nikaaha dhimma dhuunfaa mari’achiisu yoo barbaade, ifa gochuu danda’a. Fakkeenyaf akkana jechuu: Ani doy’ummaa qaba, amalli kiyya ni jabaata, fi kkf. Yoo baditti kan kufe ta’e, dafee tawbachuu fi of dhoksuu qaba. “Hojii badaa akkanaa hojjadhe” jechuun namatti himu hin qabu. Osoo hanqinna ofii ifatti hin baasin, “Ani isiniif hin ta’u” yoo jedhe, gahaadha.

2-Istikhaarah

Istikhaarah jechuun Rabbiin wanta irra gaarii ta’etti akka nama qajeelchu kadhachuudha. Salaanni Istikhaaraa salaata yeroo dhimmi lama namarratti wal makate isa gaarii ta’e Rabbiin akka nama filachiisuuf salaatamuudha. Kaadhimataa fi kaadhimamtuun Rabbii olta’aa irraa kheeyri barbaadun isaaniif jaallatamaadha. Kunis kan ta’u, raka’aa lama salaatun ergasii du’aayi gochuudha. Hadiisa Jaabir bin Abdullah gabaase keessatti waa’ee istikhaarah haala kanaan ibsa:

Ergamaan Rabbii (SAW) akkuma Qur’aana irraa suurah nu barsiisu dhimmoota keessatti istikhaara akka goonu nu barsiisaa ture. Ni jedha, “Tokkoon keessan dhimmi wayii yoo isa yaachise (dhiphise), salaata dirqama (waajiba) ta’aniin alatti raka’a lama erga salaate booda akkana haa jedhu,

اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْتَخِيرُكَ بِعِلْمِكَ وَأَسْتَقْدِرُكَ بِقُدْرَتِكَ، وَأَسْأَلُكَ مِنْ فَضْلِكَ الْعَظِيمِ، فَإِنَّكَ تَقْدِرُ وَلاَ أَقْدِرُ وَتَعْلَمُ وَلاَ أَعْلَمُ وَأَنْتَ عَلاَّمُ الْغُيُوبِ، اللَّهُمَّ إِنْ كُنْتَ تَعْلَمُ أَنَّ هَذَا الأَمْرَ خَيْرٌ لِي فِي دِينِي وَمَعَاشِي وَعَاقِبَةِ أَمْرِي ـ أَوْ قَالَ عَاجِلِ أَمْرِي وَآجِلِهِ ـ فَاقْدُرْهُ لِي وَيَسِّرْهُ لِي ثُمَّ بَارِكْ لِي فِيهِ، وَإِنْ كُنْتَ تَعْلَمُ أَنَّ هَذَا الأَمْرَ شَرٌّ لِي فِي دِينِي وَمَعَاشِي وَعَاقِبَةِ أَمْرِي ـ أَوْ قَالَ فِي عَاجِلِ أَمْرِي وَآجِلِهِ ـ فَاصْرِفْهُ عَنِّي وَاصْرِفْنِي عَنْهُ، وَاقْدُرْ لِي الْخَيْرَ حَيْثُ كَانَ ثُمَّ أَرْضِنِي بِهِ

“Allaahumma innii astakhiiruka bi’ilmika, Wa astaqdiruka bi-qudratika, Wa as’aluka min fadlikal-aziim Fa-innaka taqdiru Walaa aqdiru, Wa ta’lamu Wala a’lamu, Wa anta ‘allaamul-ghuyuub. Allaahumma, in kunta ta’lamu anna haaza-lamra Kheeyrun lii fii diinii wa ma’aashi wa’aaqibati `Amri (yookiin ‘aajili `Amri wa’aajilihi) faqdirhu lii wa yas-sirhu lii summa baarik lii Fiihi, Wa in kunta ta’lamu anna haaza-lamra sharrun lii fii diinii wa ma’aashii wa’aaqibati `Amri (yookiin fi’aajili `Amri wa ajilihi) fasrifhu annii wasrifnii anhu. Waqdur liil-kheeyra heeysu kaana Summa ardinii bihi.’

Yaa Rabbii! Ani beekumsa keetiinin si filachiifadha. Dandeettii Keetiinin dandeettii Si kadha. Tola Kee guddaa irraas Si kadha. Ati ni dandeessa ani hin danda’u. Ati ni beekta ani hin beeku. Ati Beekaa waan hin mul’anneeti. Yaa Rabbi yoo dhimmi kuni amantii kiyya keessatti, jireenyaa fi booddee (Aakhirah) kiyya keessatti gaarii naaf ta’uu beekte, isa naaf murteessii naaf laaffisi. Ergasii barakaa keessa naaf kaa’i. Yoo wanti kun amantii kiyya, jireenya kiyyaa fi booddee kiyyaaf hamaa ta’uu kan beektu ta’e, isa narraa deebisi; anas isarraa na deebisi. Bakkuma jirutti toltuu naaf murteessi. Ergasii wanta sanitti akka gammadu na taasisi.” Ergamaan Rabbii (SAW) “haajaa ofii haa dubbata” jedhan.” Sahiih Al-Bukhaari 1166

Hadiisa kanarraa istikhaaran du’aayi adda ta’e amaloota armaan gadii kan qabuudha:
1-Gocha baay’ee barbaachisaa ta’e hojjachuuf yoo yaadan, istikhaara godhan. Garuu gochi kuni gocha filannoo ta’ee malee gocha dirqama ta’e miti. Fakkeenyaf, sooma soomuf istikhaara gochuun hin barbaachisu. Ji’a Ramadaanaa soomun dirqama waan ta’eef. Dhimmoonni akka fuudhaa heerumaa, daldalaa fi kkf raawwachuuf yommuu yaadu, dhimmi lama ykn sanii ol walitti makamuun isa yoo dhiphise, istikhaara godha.
2- Yommuu istikhaara godhan Rabbiin irraa dhimmi irra gaarii ta’e akka isa/ishii filachiisu ni abdata/abdatti.
3- Istikhaara gochuuf jalqaba salaata raka’aa lama ni salaata. Ergasii du’aayi armaan oli godha. Salaam baafachun duras gochuu danda’a, salaama erga baafate boodas gochuu ni danda’a.
4-Erga istikhaara godhee booda, gara wanta yaadetti ni deema. Yoo wanti suni isaaf gaarii ta’e, Rabbiin isaaf laaffisa. Ta’uu baannan, haala wanta san gufachiisu fida.
5- Wanta sanitti gammaduun tarii takkamaan namatti hin dhagahamu. Yeroo keessa kan namatti dhagahamuudha. [2]

Kanaafu, namni fuudhaa heerumaaf deemu, osoo ishiin ykn isaan wal hin qunnamin akkana jechuun du’aayi gochuu danda’a:

“Yaa Rabbii! Ani beekumsa Keetiinin si filachiifadha. Dandeettii Keetiinin dandeettii Si kadha. Tola Kee guddaa irraas Si kadha. Ati ni dandeessa ani hin danda’u. Ati ni beekta ani hin beeku. Ati Beekaa waan hin mul’anneeti. Yaa Rabbi! yoo dubartiin tuni/dhiirri kuni amantii kiyya keessatti, jireenyaa fi booddee (Aakhirah) kiyya keessatti gaarii naaf ta’uu kan beektu ta’e, ishii/isa naaf murteessii naaf laaffisi. Ergasii barakaa keessa naaf kaa’i. Yoo ishiin/inni amantii kiyya, jireenya kiyyaa fi booddee kiyyaaf hamaa ta’uu kan beektu ta’e, ishii/isa narraa deebisi; anas ishirraa/ isarraa na deebisi. Bakkuma jirutti toltuu naaf murteessi. Ergasii ishitti/isatti akka gammadu na taasisi.”

Namni du’aayi armaan oli godhu dhiira yoo ta’e, …dubartiin tuni…jechuun hima keessatti fayyadama. Yoo dubartii taate immoo…dhiirri kuni…jechuun fayyadamti.

Namni tokko Kaadhimummaaf ykn nikaahaf jaarsummaa ta’uu danda’a
Ergamaan Rabbii (SAW) dubartiin Bariiraa jedhamtu nama Mughiis jedhamutti akka heerumtu jaarsummaa ta’e. Bariiraan ni jette, “Yaa Ergamaa Rabbii! [Akka isatti heerumu] na ajajjaa?” Ergamaan Rabbiis ni jedhe, “Lakki, ani jaarsummama ta’uufi.”  Ishiinis ni jette, “Ani isaaf haajaa hin qabu.” Sahiih Al-Bukhaari 5283

Abdullah ibn Umar (radiyallahu anhumaa) yommuu wal fuusisuutti waamamuu akkana jedhaa ture, “Namoota nurratti hin salphisinaa. Alhamdulillah wa salallaahu alaa Muhammadin, ebaluu dubartii teessan kaadhimata (kadhata). Yoo isatti heerumsiiftan, Alhamdulillah (Galanni Rabbiif haa galuu). Yoo isa deebistan, Subhaanallah (Rabbiin qulqullaa’e).” (Bayhaqii 7/181 gabaasi)

Guduunfaa
➤Namni tokko nama isaaf ta’u erga filatee booda nama gaarii fi muxannoo qabu mari’achisuu fi istikhaara gochuun adeemsa fuudhaa heerumaa keessatti wanta gaarii ta’eedha.
➤Jalqaba nama san erga filate booda, nama isatti dhiyaatu fi amanamaa ta’e ni mari’achiisa. Namni inni mari’chisu sunis osoo daangaa hin darbinii fi dhimma keessaa hin bahin dhugaa jiru itti himu qaba. Hanqinna nama sanii barbaachisaa yoo ta’e itti hima. Ta’uu baannan ni cal’isa.
➤Ergasii namni fuudhaaf niiti filatu ykn heerumaaf dhiirsa filattu, gara ofii deebi’uun istikhaara godha/gooti.
➤Istikhaara jechuun dhimma nama yaachisuu keessatti gara wanta gaariitti akka nama qajeelchu Rabbiin kadhachuudha. “Dhimma barbaachisaa kana hojjadhu moo hin hojjadhu?” jedhee yommuu shakkuu, istikhaara gochuun wanta isa fayyaduudha.
➤Istikhaara gochuuf jalqaba salaata raka’a lama ni salaata/salaatti. Ergasii, du’aayi armaan olii ni jedha/jetti. Yeroo biiftun baatu, seentu fi walakka samii taatu malee salaanni istikhaara yeroo kamu salaatamu danda’a. Garuu dhimmichi garmalee muddamsiisaa yoo ta’e, yeroo sadan kanninitiis yoo salaate rakkoo hin qabu. Salaata istikhaara irra deddeebi’e salaatu danda’a.
➤Du’aayi yommuu godhu hidda onnee jalaa haa godhu.
➤Namni Rabbiin filachiifatee fi mu’umintoota mar’achiisee dhimma isaa mirkaneeffate, hin gaabbu. Rabbiin ol ta’e ni jedha: “Dhimmicha keessatti isaan mari’achiisi. Yeroo murteeffatte Rabbirratti hirkadhu.” Suuraa Aali Imraan 3:159


Kitaabban Wabii
[1] Sahiih Muslim 918
[2] Quest for Love and MercyFuula 50-51
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 116-117, Abu Maalik
Hisnul_muslim Hiikan gara Afaan Oromoo: Gaalii Abbaaboor Abbaaguumaa, fuula 50

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.7.3
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.7.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply