Gaa’ila Islaamaa-Lakk.7.3

Offline dubbisuf

Kaadhimamtu (Dubartii Kadhate) Ilaalu
Dhiirri tokko yommuu dubartii takka fuudhuf yaadu, ishii ilaalun wanta hayyamamuudha. Ishii ilaalun akka ishitti gammaduu fi gara fuunduraatti jireenya gaarii waliin akka jiraatan taasisa. Magneettin guddaan dubartiin dhiira itti buttu miidhaginna ishiitiin. Kanaafu, dhiirris dubarti takka yommuu fuudhuf yaadu fi ijjannoo qabaatu, fuulaa fi harka ishii ilaalu danda’a. Kuni jaalalli isaan jidduutti akka itti fufuu fi boodarra akka hin gaabbine isa taasisa. Ilaalun dura osoo ishii fuudhee tarii wanta inni hin barbaanne irratti arguu danda’a. Ergasii rakkoon ni uumama. Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) dhiirri tokko yommuu fuudhuf yaadu dubartii san akka ilaalu ajajan.

Abu Hureyraan akka gabaasetti,
“Gaafa tokko ani Ergamaa Rabbii (SAW) bira ture. Namtichi tokko dhufuun dubartii Ansaaraa takka fuudhuu isaa itti hime. Ergamaan Rabbii (SAW) isaan ni jedhan, “Ishii ilaaltee?” Innis ni jedhe, “Lakki”, Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan: “Deemii ishii ilaali, ija Ansaaraa keessa wanta tokkotu jiraati.” Sahiih Muslim 1424

Ansaara jechuun jiraattota magaalaa Madiinaa kan turanii fi namoota Makkaan irraa isaanitti godaanan gargaaraa kan turaniidha.

Ammas, Mughiira bin Shu’bah akkana jedhe, “Ani Gadaa Rasuulaa (SAW) dubartii takka kaadhimadhe.  Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan: “Ishii ilaaltee?” Anis ni jedhe, “Lakki.” Innis ni jedhe, “Ishii ilaali! Isin lamaan jidduutti jaalalli akka uumamuuf irra caalaa ta’aati.Sunan Ibn Majah 1938
Kana jechuun jaalalli fi hariroon isin jidduutti akka cimuu fi itti fuufuf irra gaarii ta’aati.

Ulaagaalee (sharxiwwan) Ilaalu*
Dhiirri tokko dubartii alagaa haajaa tokko malee ilaalun isarratti dhoowwadha. Garuu haajaa garmalee barbaachisaa yoo ta’e ishii ilaalu danda’a. Haajaa barbaachisaa ta’e keessaa tokko fuudhaa heerumaaf ishii ilaaludha.

Abu Humayd As-Sa’idii akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan; “Tokkoon keessan yoo dubartii takka kaadhimate (kadhate), kan inni ilaaluf ishii fuudhuu qofaaf yoo ta’e ishii ilaalu ni danda’a. Osoo ishiin beeku baatteyyu.” Ahmadi fi Xabaraani gabaasan (Sahiihah 97, Albaanii)
Hadiisa kanaa fi kan biroo irraa ulaagaalee armaan gadii baasu dandeenya:

1ffaa– Garaagarummaan tasa dubartii ilaalu fi fuudhaaf ishii ilaalu jidduu jiru, fuudhaf yoo ilaalan itti deddeebi’anii ishii ilaalun ni danda’ama.
2ffaa-Kaayyoon ilaalu fuudhaaf ta’uu qabaa malee ilaalcha ishiitirraa mi’aa argachuuf ta’uu hin qabu.
3ffaa-Ilaalun kan ta’uu osoo ishii hin tuqinii fi kophaa waliin hin ta’in ta’uu qaba. Ishii harka fuudhu fi hammachuun ilaalun hin danda’amu. Hanga nikaah hidhatutti isaaf ajnabiyyaa (nyaapha) waan taateef wal tuquu fi kophaa waliin ta’uu hin danda’an.
4ffaa- Ilaalun kutaalee qaamaa dubartiin nama alagaatti agarsiisun kan hayyamamuuf irratti daangeefamu qaba. Kana jechuun fuulaa fi harka ishii. Kanaafu, dhiirri dubartii yommuu laallatu fuula fi harka ishii ilaalu danda’a. Garuu kuni yoo isa hin quubsin, dubartii fira isaa irraa taate bakka buusun wanta inni ilaalu hin dandeenye akka isaaf ilaaltu gochuu danda’a. Fakkeenyaf, rifeensa mataa (shurrubaa ishii).

Kaadhimamtuun (Dubartiin inni kadhate) Yoo Isatti hin tolin..

Namni tokko dubartii takka fuudhaaf erga ilaallatee booda yoo isatti hin tolin, cal’isuu qaba. Wanta ishii fi maatii ishii rakkisuu ummata keessa facaasu hin qabu. Tarii wanti ishii irraa jibbe namni biraa ishii irraa jaallachuu danda’a. Kana irraa kan ka’e yommuu adeemsa kaadhimumaatti seenan, osoo dhokfame irra gaarii ta’a. Sababni isaas, tokko tokkoo yoo hin jaallatin waa’een isaanii namoota keessa faca’uun dubbii buna ittiin dhugan hin ta’u.

Suuraa Kaadhimamtuu ilaalu danda’aa?
Kaadhimataan suuraa dubartii kaadhimatuu ilaalu ni danda’a. Kuni ragaalee dubartii nikaaha hidhatan ilaalutti nama kakaasan armaan olii keessa kan seenudha. Suuraan kuni tarii kan kaamera ykn vidiyoo ta’uu danda’a. Keessumayyuu, yoo dubartiin isarraa bakka fagoo jiraatte fi qaaman wal arguu hin dandeenye ta’e. Asitti garuu tuqaaleen lama hubatamu qabu. 1ffaa– tarii fotoo (suuraa) kana keessa fakkeessun (gowwoomsun) jiraachu danda’a. Suuraan kuni dhugaadhaan kan nama san hin agarsiisne ta’uu danda’a. Dubbartii hin bareenne miidhagsee mul’isuu danda’a. Yookiin immoo dubartii biraa isatti agarsiisa. Haala kanaan dhiirri kuni ni gowwooma. 2ffaa- Suuraa dubartii tanaa namoota baay’ee harka galuun kabajni ishii fi kan maatii miidhamu danda’a. Kanaafu, yommuu suuraa wal jijjiran of eeggannoo guddaan itti kennamu qaba. Garmalee yoo itti hajaman malee osoo suuraa wal jijjiruu irraa fagaatanii kabajaa fi of eegganoof isaaniif irra gaariidha.

Kaadhimamtuun Kaadhimaa ilaalu
Akkuma dhiirti dubartii fuudhaf barbaadu ilaalu, dubartiinis dhiira fuudhaaf ishii kadhatu ilaalu ni dandeessi.

Kaadhimamtuu waliin Kophaa ta’uu

Kaadhimataan dubartii kaadhimatu waliin kophaa ta’uun isarratti haraama. Sababni isaas, nikaah waan hin hidhanneef dubartiin tuni isaaf ajnabiyyaadha (nyaapha). Ammas, kophaa ishii waliin ta’uun haraamatti kufuu irraa hin amanamu. Ergamaan Rabbii (SAW) dubartii waliin kophaa ta’uu dhoowwanii jiru. Ni jedhan: “Dhiirri tokko dubartii takka waliin kophaa hin ta’u, sheyxaanni kan sadaffaa yoo ta’e malee.” Ammas ni jedhan, “Dhiirri dubartii takka waliin kophaa hin ta’in, ishii waliin mahramni yoo jiraate malee.Sahiih Al-Bukhaari 5233
Mahram jechuun abbaa manaa ishii ykn nama gonkumaa ishii fuudhu hin dandeenye. Kan akka abbaa, obboleessaa fi kkf.

Dhimma armaan olii ilaalchise Dr. Umar Ashqar (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha:
“Namoonni amantii fi shari’aa Rabbii irraa jallatan,”Kaadhimaan kaadhimamtu isaa waliin hiriyoomun, ishii waliin kophaa ta’uu fi ishii waliin diida deemuun dhimma dhiifamu hin qabnedha. Tokkoon isaanii kan lammataa barutti (wal baruutti) waan qajeelchuf.” jedhu. Dhimma kanarratti namni adeemsa warroota Dhiyaa ilaale, karaan isaanii wal baruu fi gamtoominnatti akka hin geessine ni arga. Kaadhimaan kaadhimamtu isaa kabaja ishii erga jalaa balleesse booda wantoota baay’ee itti dhiise biraa deema. Ishii gatee biraa sokka. Garaa keessatti ulfa ishiin kophaa waliin rakkattu gatee biraa deema. Ishiinis mararfannaa tokko malee lubbuu tana garaa ishii keessaa gatti (ulfa baasti).”
Dubartii fi dhiirri wal fuudhuf qophaa’an kunniin wal barra jedhanii yommuu waliin deeman, keessi lamaan isaanii isaanitti kan mul’atu miti. Yeroo baay’ee adeemsa kana keessatti dhiira caalaa dubartitu miidhama. Yommuu inni ishii gatee biraa deemu, gaddi, dhiphinni fi salphinni itti dhagahama. Wanti kana caalu immoo manatti tan haftu taati. Hamileen ishii ni caba. Kanaafu, nikaahan dura dhiirri dubartii kadhate waliin kophaa ta’uu irraa fagaachu qaba.
Dhimma armaan olii kanaan wal qabatee barruu takkaa www.islamqa.info irraa mee haa ilaallu.

Kaadhimataa Ishii Waliin Gocha Haraamaa Raawwattee[1]

Gaafii:
Ani shamara Muslimaati. Nan salata, Rabbiin baay’ee sodaadha, garuu rakkoo tokko qaba. Nama ani beeku tokkotu dhufee na kaadhimate. Abbaan kiyyaas tole ni jedhe. Sababa maatii irraa kan ka’e akkuma dhimmicha gara fuunduraatti dabarsuun nuti obsuu hin dandeenye. Dhawaatuma yeroon darbuun nafseen tiyya garmalee tan isatti rarraatu taati. Innis yeroo baay’ee isaan akka wal qunnamu na gaafata. Yeroo tokko ol wal qunnamne fi waliin haasofnee jirra. Akka waan wal fuunetti wal dhunganna. Inuma hanga wal tuquu geenyutti. Kuni haraamaa fi dogongora akka ta’e nan beeka. Erga wal qunnamne booda isa waliin nan morma, itti aara. Rabbii kiyya araarama kadha. Namni kuni anaaf gaarii ta’uu fi ta’uu dhiisu isaa ilaalchise salaata istikhaara nan salaata. Yeroo hundaa “karaa halaalatin malee wal hin qunnamnu” isaan jedha. Garuu yeroon booda dogongoruma wal fakkaataa sanitti deebina. Furmaata barbaadaa na gargaaraa.

Deebii

Alhamdulillah (Rabbiif galannii haa galu)
Jalqaba: Gaafi kee keessatti salaata shanan akka salaattu fi Rabbiin baay’istee akka sodaattu kaaste jirta. Keeyri irra akka taatu ni abdanna. Rabbiin olta’aan iimaanaa fi hojii gaarii irratti akka gadi si dhaabuu, sharrii fi fasaada akka sirraa fageessu ni kadhanna.

Lamaffaa: Shari’aan Islaamaa qulqulluun karaa hundaa wanta fokkuutti nama geessu cufe jira. Rabbiin Jalla wa’alaa ni jedha:

“Wantoota fokkatoo ta’an kan mul’ates ta’i kan dhokate itti hin dhiyaatinaa.” Suuratu Al-An’aam 6:151

“itti dhiyaachu” jechuun gochoota badiitti nama geessan hojjachuu jechuudha. Islaamni dhiironni dubartii waliin akkuma argan walitti makamu irraa akeekachisee jira. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Dubartootatti seenu of eeggadhaa.” Ansaara irraa namtichi tokko akkana jedhe, “Al-Hamwa ilaalchisee maal jettaa?” Ergamaan Rabbis ni jedhan, “Al-Hamwu du’a.” Sahiih Al-Bukhaari 5232

Al-Hamwu jechuun fira dhiirsa ishii kan ta’eedha. Kan akka obboleessa isaa, ilma abbeeraa isaa, ilma eessuma isaa fi kannen biroo.
Kuni hundi kabajni namootaa wanta fokkuu keessatti akka hin kufne eegu fi karaa zinaatti nama geessu cufuufi.

Sadaffaa: Hanga nikaah hidhatee xumurutti kaadhimataan kaadhimamtu isaatiif ajnabiyyaa (nyaapha). Dhiira nyaaphaa kana waliin bahuun kee, isaan wal dhungachuun, isa waliin wal qunnamuu fi dhimmoota kana hordofan biroo kan ati eerte hundi haraama. Hanga nikeenya hidhamee xumuramuu Rabbiin sodaadhuu isaan wal qunnamuu dhiisi. Kana ilaalchise ifaan ifa itti himi.

Afraffaa: Namni kuni osoo ijannoo, jabeenya, gadi dhaabbannaa fi gaarummaa sirratti argee, kuni fedhii si fuudhuu isaa dabalaaf. Sababni isaas, namummaa jabaa miira keetiif harka hin kenniine waan sirratti argeef. Niitin isaa nammumaa cimaa akka qabaattu fi kabajaa ishii eegu irratti jabduu akka taatu eenyutu hin jaallannee? [Dubartiin namummaa cimaa yoo qabaatte fi jabduu taate], inni akka karaa ofii jijjiruu fi nama gaarii ta’u isa taasisa.

Shanaffaa: Rabbiin irratti hirkadhuu, du’aayi baay’isi. Keessumaayyu yeroo du’aayin qeebalamtu [du’aayi baay’isi]. Sabriin of faayi, wanta Rabbiin warroota obsaniif qopheesse yaadadhu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: “…Warri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.” Suuratu Zumar 39:10

Jahaffaa: Jechaa Rabbii olta’aa yaadadhu:

Yaa warra amantan kotteewwan (tarkaanfilee) sheyxaanaa hin hordofinaa. Namni kotteewwan (tarkaanfilee) sheyxaanaa hordofe,inni(sheyxaanni) gocha fokkataa fi jibbamaa ta’anitti ajaja.”  Suuratu an-Nuur 24:21

Sheyxaanni baaxilatti (sobaatti) suuta suutan nama waama. Muslima zinatti kuffisuun dura dubartii waliin kophaa akka ta’u, ishii waliin haasawuu fi ishii dhungachuutti isa harkisa. Ergasii karaa haraamatiin wal qunnamuudha. San booda badiin guddaan zinaan ni raawwatama. Rabbiin nu haa tiiksu.
Akkuma jedhaan jedhu: ilaalu, seeqachuu, nageenya, haasawuu, wal qaxaruu ergasii wal qunnamuu.
(Sheyxaanni sadarkaalee kanniin hordofuun baditti nama kuffisa.)

Torboffaa: Amanamummaa jaamaa dhiisu qabda. Dubartii fi shamara meeqatu, “Kaadhimaan kiyya nama kabajamaadha, akka namoonni yaadanii miti.” Jedhaa. Ergasii fayyaalummaa isaaniitiin miidhaa guddaatti kufu. Wanta akkanaa ilaalchise yaada gaariin hin ta’u. Kana irra qaruutee ta’uu fi garmalee of eeggachuu qabda.

Saddeettaffaa: Dhiirsa kana ilaalchisee sirritti itti yaadu fi waa’ee isaa ilaalchisee dabalataan qorachuun sirra jira. Sababni isaas, namni kuni siif hiriyyaa jireenyaa ta’uuf deema. Haraamaa hojjachuu fi keessa turuuf haa carraaquyyuu malee hiriyyaa jireenyaa siif ta’uu danda’aa?

Saglaffaa: Nikaah kana akka gara fuunduraatti dabarsuu wanta abbaa kee taasise qoradhu. Dhimma kana ilaalchise isatti dubbadhu. Qajeellon isatti dubbachuu yoo hin dandeenye, nama isarrati dhiibbaa fidu kan akka haadha teeti ykn obboleewwan keeti ykn nama biraa ija abbaa keeti keessatti sadarkaa qabuu isatti fidu dandeessa. Nikaah daddafsiisuu akka qabuu fi dubartiin dhiirsa malee turun miidhaa akka qabu itti haa himu. Keessumaayyu umriin ishii akkuma dabaluun miidhan kuni itti jabaachu danda’a. Sababni isaas, carraan lammata hin dhufu ta’a. Dhimma kanatti xiyyeefannoo yoo itti hin kenniin dhumti isaa badaa akka ta’e haa yaadachiisu.

Maatiin tokko tokko Rabbiin isaan haa qajeelchu, rakkoo maatii xiqqooyyu osoo taate ol guddisuun dhimmoota akka nikaaha akka itti hin fufne gufuu taasisu. Sababa kanaan namoonni biroo ni miidhamu. Garuu isaan kana haajaa hin qaban ykn itti gaafatamumma isaanitiif xiyyeefannoo hin kennan.

Dhumarratti, Rabbiin Olta’aan wanta gaarii ta’etti akka si qajeelchu fi kaadhimataa kee nama gaarii akka godhuu kadhanna. Yookiin nama amalaa fi amanti isaa jaallattu akka siif laaffisu kadhanna. Inni kana hojjachuu waan danda’uuf.
Nageenyi fi rahmanni Nabiyyi keenya Muhammad, maatii isaa fi sahaabota isaa hundarratti haa ta’u.

Guduunfaa
✉Dhiirri tokko dubartii isaaf taatu erga filatee booda, fuulaa fi harka ishii ilaalu ni danda’a.
✉Kan ishii ilaalu danda’u yoo fuudhaaf ijjannoo qabaatedha.
✉Dubartiinis dhiira fuudhaaf ishiitti dhufu ilaalu ni dandeessi.
✉Dhiirri dubartiin suni yoo isatti hin tolin cal’isu qaba. Rakkoo irratti argee facaasu hin qabu.
✉Dhiirri hanga dubartii kadhate san nikaah hidhatutti waliin kophaa ta’uu fi wanta zinaatti nama geessu raawwachuu hin danda’an. Sababni isaas, nikaah waan hin hidhanneef waliif ajnabiyyaadha (nyaapha).
✉Dhimma fuudhaa heerumaa irratti waliin mari’achuuf ishii waliin haasawu danda’a yoo sharxiwwan kanniin guute.**
1ffaa-warri ishii kan beeku fi gaa’ila irratti wali galuu qabu.
2ffaa-Kophaa (adda) ishii waliin ta’uu hin qabu. Akkasumas, wal tuquu hin qaban. Ishii waliin yoo taa’e miseensa maatii keessaa namni tokko ishii waliin jiraachu qaba. Kan akka abbaa, obboleessaa, haadhaa, obboleetti fi kan biroo kan ishii fuudhu hin dandeenye.
3ffaa-Dhimma keessaa bahuun wanta fedhii kakaasu ishii waliin haasawu hin qabu.


Maddoota Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 117-123, Abu Maalik 
*Quest for Love and MercyFuula 40-41**
[1] https://islamqa.info/en/answers/41693/she-has-committed-haraam-actions-with-her-fiance **https://islamqa.info/en/answers/13704/ruling-on-speaking-to-ones-fiancee **https://islamqa.info/en/answers/77236/meeting-ones-fiancee-to-discuss-wedding-details
Barruun armaan olii hiikkame ingiliffa qofarraa osoo hin ta’in Arabiffa irraa kan fayyadameedha.Barruu orijinaala Arabiffaan ilaalun ni danda’ama.

Gaa'ila Islaamaa-7.4
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.7.2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply