Qadaratti Amanuu-Kutaa 2ffaa

Offline dubbisuf

Yeroo darbe Qadaa fi Qadarri maal akka ta’an ilaalle turre. Qadaa fi qadarri wal keessa waan seenaniif “Qadaratti amanuu” jechuun fayyadamu dandeenya. Qadara jechuun wanti hundi raawwatamuun ykn uumamuun dura murtii Rabbiin murteesse fi katabeedha. Murtiin kuni ajaja (amrii), hamma, amala, yeroo, bakkaa fi kkf of keessaa qaba. Wanti tokkoo uumamuun dura amala akkami akka qabaatu, eessa fi yoom akka adeemsifamu Rabbiin olta’aan murteesse fi katabee jira. Fakkeenyaf, Rabbiin namni tokko amalli isaa maal akka ta’u, eessatti akka dhalatu, yoom akka dhalatuu fi du’u beekee fi murteesse jira. Qadaratti amanuu jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota umama keessatti adeemsifaman hunda beekumsaa Isaa turaa fi ogummaa Isaatiin murteessee akka kaa’e amanuudha.[1]

Dhimmi Qadaraa dhimma falmii baay’een itti baay’ateedha. Namoonni sifaata (amaloota) Rabbii olta’aa amaloota ilma namaatiin wal bira qabuun qadara hubachuuf yaalan. San booda karaan harkaa bade dhama’an. Osoo gara Qur’aanaa fi sunnaah deebi’anii silaa dukkana keessatti hin taran. Kana ilaalchisee gareen lama daandii sirrii irraa dabanii jiru.

1ffaanQadariyyaa– gareen kuni akkana jedhu, “Namni wanta hojjatu hundaaf fedhii fi dandeetti mataa isaa qaba. Fedhii fi dandeettin Rabbii keessa seenun dhiibbaa isarratti hin godhu. Qadara wanti jedhamu hin jiru.”
2ffaa- Jabariyyah– gareen kuni faallaa garee jalqabaati. “Namni hojii isaa irratti dirqisiifamaadha. Fedhii fi dandeetti hin qabu. ” jedhu.

Dhama’iinsa kana furuuf gochoota ilma namaatiin wal qabatan bakka lamatti qoodun ni danda’ama. Barnoota Baaylojii yommuu barannu gochoota bakka lamatti qoonne ilaalaa turre. Isaaniis;

1ffaa- gocha filannoo namaatin ala ta’e (Involuntary action)– gocha kana keessatti namni filannoo hin qabu. Filannoo isaatiin ala gochi kuni isarratti raawwatama. Fakkeenyaf, yeroo jalqaba uumamu filannoo uumamuu ni qabaa? Hin qabu. Akkasumas, bifa akkamii irratti akka uumamu, dhiira moo dubara akka ta’u filannoon isaaf hin kennamne. Dhugaa kana Qur’aanni haala kanaan ifa godha:

28:68

Rabbiin kee waan fedhe uuma, ni filatas. Isaaniif filannoon hin jiru ture. Rabbiin waan isaan itti dabalan (shaarrakan) irraa qulqullaa’e, olta’e.” Suuratu Al-Qasas 28:68

Kana jechuun uumamtoota akka fedhettii fi ogummaa (hikmaa) Isaa irratti hundaa’un filatee kan uumu Rabbiin qofa. Fakkeenyaf, yeroo garaa haadha keessa jiran, bifni kiyya akkana haa ta’u, saalli kiyya kana haa ta’u namni jedhe jiraa? Hin jiru.

Gochoonni filannoo namaatin ala raawwatamaan baay’eedha. Fakkeenyaf, dhibee, du’a fi kkf. Gochoonni kunniin murtii Rabbiiti (qadara). Eenyullee maaliif akkana ta’e jedhee mormuu hin danda’u. Rabbiin wanta hojjatuuf hin gaafatamu waan ta’eef.

2ffaa- Gocha namni filannoo itti qabu (voluntary action)- kuni gocha namni wanta filatee fi fedhe itti hojjatuudha. Fakkeenyaf, nyaachu, dhuguu, taa’u, ka’uu, hojii gaggaarii hojjachuu, hojii badaa hojjachuu fi kkf. Gochoota akkana keessatti Rabbiin fedhii fi dandeetti wanta fedhan itti hojjatan namootaf kennee jira. Kanarraa ka’uun, kitaabban buuse, Ergamtoota erge. Nama fedhii bilisaa isaatiin waan gaarii hojjate mindaa gaarii kennaaf. Nama fedhii bilisaa isaatiin waan badaa hojjate, ni adaba.

Qadaraa fi Hojii namoota wal qabsiisu

Namoonni wanta tokko hojjachuun bu’aa wanta sanii ni argu. Yookiin immoo fedhii wanta tokko hojjachuu osoo qabanuu gufuun isaan fuunduratti bahuun wanta san akka hin hojjanne isaan taasisa. Kanaafu, asitti wantoota afur hubachuun barbaachisaadha.

1ffaa- fedhii fi dandeetti– Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa fedhii fi dandeetti namootaaf kenne jira. Fedhii fi dandeetti kana fayyadamuun wanta barbaadan hojjatu. Garuu fedhii fi dandeettin isaanii garagara.
2ffaa- sababa– kuni wanta tokko galmaan gahuuf wanta namni hojjachuuf carraaqudha. Fakkeenyaf, barataan qormaata darbuuf ni qo’ata. Qo’annaan isaa kuni sababa ta’a.
3ffaa- bu’aa- kuni firii hojii ykn galma wanta namni yaadeti. Fakkeenya armaan olii keessatti barataan qormaata qabxii gaariin darbuun bu’aadha.
4ffaagufuu- galma yaadan akka hin geenye wanta nama dhoowwu ykn nama gufachiisuudha.
Gochoota namaa keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaatiif fedhii fi dandeetti kennee jira. Akkasumas, sababa fi bu’aa uumee jira.

Akka fakkeenyatti oomisha midhaanii ilaalun ni danda’ama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala lafa qonnaa fi meeshaa ittiin qottan namootaaf laaffise jira. Kanaafu, kuni “sababa”. Namni lafa qotuuf “fedhii fi dandeetti” qabaachu qaba. Rabbiin fedhii fi dandeetti kenneefi jira. Sanyiin erga faca’ee booda xumurarratti callaan ni argama. Kuni “bu’aa”dha. Garuu yeroo tokko tokkoo callaan abdatan hin argamu. Roobni dhabamuun ykn waagin dhayuun ta’u danda’a. Asitti roobni dadhabuu fi waagin “gufuu” dha.

Fakkeenya biraa, Yommuu Shaam keessatti dhibeen namoota fixu uumamee, Umar bin al-Khaxxaab namoonni Shaam seenu irraa akka deebi’an ajaje. Ergasii Abu Ubaayda Aamir bin Jarraah akkana jedhe, “Yaa Ajajaa warra amananii! Murtii Rabbii (Qadara) irraa dheessun ni jiraa?”
Ergasii Umar akkana jedhe: “Yaa Abbaa Ubeeyda siin ala osoo namni biraa kana jedhee [maal qabaa]. Eeti, Qadara Rabbii irraa gara qadara Rabbiitti dheessina.

Dhibeen qadara (murtii) Rabbiiti. Fayyaanis murtii Rabbiiti. Kanaafu, dhibee irraa gara fayyaa dheessun, murtii Rabbii tokko irraa gara murtii biraatti dheessu jechuudha.

Namni sababa yoo hojjatee fi gufuun isa jidduu yoo hin seenin bu’aa ni argataa jechuudha. Namni fedhii isaatiin wanta badaa yoo hojjate ni adabama. Wanta gaarii yoo hojjate ni badhaafama. Garuu gufuun kanniin keessa yoo seene bu’aa hin argatu. Fakkeenyaf, namni waan badaa yoo hojjatee ergasii dafee yoo tawbatee fi Rabbiin irraa araarama kadhate, hin adabamu. Ammas, hojii gaarii yommuu hojjatu na argaaf yoo hojjate, hojii saniif Rabbiin irraa Aakhiratti mindaa hin argatu. Na argaan (riyaan) gufuu ta’ee jechuudha. Kanaafu, sababni fi bu’aan Rabbiin murteefame jira. Namni fedhii isaatiin sababa wanta tokkoo yoo hojjate gufuun yoo hin jiraatin bu’aa ni argataa jechuudha. Haala kanaan Qadaraa fi hojii namootaa wal qabsiisuun ni danda’ama. Garuu sammuun ilma namaa daangeefamaa waan ta’eef waa’ee qadaraa guutumaan guututti hubachuu hin danda’u. Kanaafu karaan nama baasu:

1-Wanta Rabbiin itti nama ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa nama dhoowwe dhiisudha. Hojii gaarii yommuu hojjatanii fi hojii badaa irraa yommuu fagaatan Rabbiin irraa gargaarsa fi qajeelcha kadhachuudha.

1:5

Iyyaaka na’abudu wa-iyyaaka nasta’iin
Si qofa gabbarra; Si qofa irraa gargaarsa barbaanna. (Al-Faatiha 1:5)

2-Hojii gaarii dhiisanii fi hojii badaa hojjataniif tawbachuu fi Rabbiin araarama kadhachuu- Namoonni gariin “Maaliif hojii gaarii hin hojjanne ykn hojii badaa hin dhiisne?” jedhamanii yommuu gaafataman, “Kuni Qadara” jechuun mormu. Qadarri murtii dhoksaa Rabbiin malee eenyullee hin beeknedha. Wanti murtaa’e suni hanga raawwatamutti, Qadara wanta sanii namni beeku hin jiru. Fakkeenyaf, namni tokko yoom akka du’u ni beekaa? Kanaafu, Wanta badaa yommuu hojjatu, “kuni qadara” akkamitti jechuu danda’aa? Lawhal Mahfuuz keessatti wanta katabamee argee jiraa? Kanaafi yommuu mushrikoonni “Osoo Rabbiin fedhee silaa Isa waliin waan biraa hin gabbarru…” yommuu jedhanii qadaraan mormaan, Rabbiin akkana jechuun deebii isaaniif deebise:

“Sila beekumsa irraa kan isin nuuf baasu (fidu) dandeessan isin bira jiraa? Shakkii malee homaa hordofaa hin jirtanu. Isinis warra soba dubbatu malee homaa hin taane.” Suuratu Al-An’aam 6:148

3-Yommuu Musiiban (balaan) namatti buutu, obsuu– wanta barbaachisu erga raawwate booda, wanti badaan yoo isa qunname, obsuu fi mindaa gaarii kajeelu qaba. Murtii Rabbiitiif harka kennuun haa obsu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala nama musiiban isatti buute akkana jechuun gorsa:

40:55

Obsi! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Dilii (cubbuu) keetifis araarama kadhu. Gooftaa keetis ganamaa fi galgala faaruun qulqulleessi” Suuratu Ghaafir 40:55
Kanaafu, namni yommuu musiiban isatti buutu murtii Rabbii akka ta’e beekun obsuu qaba. Yommuu badii hojjatu immoo Rabbiin irraa araarama kadhachuun isarra jira.

4-Rabbiif galata galchuu– Firii wanta hojjate yommuu argu, “Bu’aan Rabbiin irraa akka dhufe” beekun Rabbiif galata galchuu qaba. Osoo gufuun isa jidduu seene bu’aa san argachuu danda’aa?

Wantoota afran armaan olii of keessaa qabu Aayah takka siif dabalu? Wantoonni afran kunniinis Rabbiif galata galchuu, hojii gaarii hojjachuuf gargaarsa Isarraa barbaadu, badii hojjataniif tawbachuu fi murtii Isaatiif harka kennuu. Rabbiin haadha abbaa tola akka oolan namoota erga ajajee booda du’aayi kanaan akka Isa kadhatan isaaniif dhaama:


Gooftaa kiyya! Qananii kee kan Ati ana, haadha fi abbaa kiyya irratti oolte akka galateefadhuu fi dalagaa gaarii Ati jaallattu akka hojjadhu nan dandeesisi. Sanyii (hortee) kiyyas gaarii taasisi. Ani gara kee tawbaan deebi’eera. Ani Muslimoota irraayyi.” Suuratu Al-Ahqaaf 46:15

Tawbaa jechuun badii irraa buqqa’uun gara wanta Rabbiin jaallatutti deebi’uudha. Musliima jechuun nama Rabbiif ajajamuu, Murtii fi fedhii Isaatiif harka kennuu fi buluudha. Kanaafu namni Rabbiif ajajamu, wanta badaa hojjatuuf qadaraan hin mormuu jechuudha. Kana irra ni tawbata. Ammas fedhii isaatiin ala wanta badaa isa qunnameef ni obsa, murtii Rabbiitiif harka waan kennuuf.

Guduunfaa
➥Qadaratti amanuu jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota umama keessatti adeemsifaman hunda beekumsaa Isaa turaa fi ogummaa Isaatiin murteessee akka kaa’e amanuudha.
➥Gochoota ilma namaatiin wal qabatan bakka lamatti qoodun ni danda’ama. 1ffaa-Gochoota fedhii fi dandeetti namaatin ala ta’an. kanneen akka umamu, du’uu, dhibamuu fi kkf. 2ffaa-Gochoota fedhii fi dandeetti namaatiin wal qabatan. Kanneen akka nyaachu, dhuguu, hojii gaarii hojjachuu fi kkf.
➥Namoonni fedhii bilisaa isaaniitiin waan tokko akka hojjataniif Rabbiin fedhii fi dandeetti kenneefi jira. Fedhii bilisaatiin waan gaarii yoo hojjatan mindaa ni kennaaf. Ammas, dirqii tokko malee fedhii bilisaatiin waan badaa yoo hojjatan ni adaba. Kuni murtii fi seera Rabbiiti.
➥Rabbiin subhaanahu wa ta’aala sababa fi bu’aa uumee jira. Namoonni fedhii isaaniitin sababa wanta tokkoo yoo hojjatan, gufuun yoo hin jiraatin, bu’aa wanta sanii ni argatu. Kanaafu, sababa fi bu’aan qadara. Fakkeenyaf, Lafti qonnaa fi meeshaan ittiin qotan sababa. Callaan bu’aadha.
➥ Sammuun ilma namaa daangeefamaa waan ta’eef waa’ee qadaraa guutumaan guututti hubachuu hin danda’u. Sababni isaas, Qadarri murtii Rabbii Lawhal Mahfuuz keessatti katabeedha. Erga raawwatame booda malee namni beeku hin jiru. “Al-Qadaru sirrullah (Qadarri iccitii Rabbiiti)” jedhu namoonni darban.
➥Kanaafu, hojii gaarii dhiisaniif ykn hojii badaa hojjataniif qadaraan mormuun, shakkii hordofuu fi kijiba dubbachuu malee homaayyu miti. Kana irra wantoota armaan gadii hojjachuun nama baasa:(1)Wanta Rabbiin itti nama ajaje hojjachuu fi wanta dhoowwe dhiisu. Kana irratti gargaarsaa fi qajeelcha Isa kadhachuu. (2)Hojii badaa hojjataniif tawbachuu fi araarama kadhachuu. (3)-Bu’aa hojii gaarii yoo argan Rabbiin galateefachuu. (4)-Musiibaa nama qunnamuuf obsu.

Kitaabban Wabii: 
[1] Arkaanul Imaan 72- Amharic
 al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 631-….
Sharih Usuuli salaasa Fuula 116 Ibn Useymiin 

Firii Qadaratti Amanuu
Hundee Iimaanaa 6ffaa
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply