Gaa’ila Islaamaa-7.4

Offline dubbisuf

Dublatul Khixbati (Qubee Kaadhimannaa)
Yeroo ammaa namoonni yommuu gaa’ilaaf ka’an, qubee meetaa ykn warqee harkatti diratan bituuf yaadu. Kaadhimataan qubee quba irratti diratan bituun gara kaadhimamtuu isaa deema. Ergasii osoo inni ishiif ajnabiyyaa ta’ee jiruu harka ishii qabuun qubee tana quba ishiitti dira. Ishiinis qubee biraa itti dirti. Kunis kan adeemsifamuu affeerraa dhiirooni fi dubartoonni walitti makaman keessatti. Gochi kuni Islaama keessaa ta’uu dhiisiti, gocha fokkuu wantoonni badaan baay’een itti raawwatamaniidha.

Akkuma yeroo darbee jenne, kaadhimataa fi kaadhimamtuun ajnabiyyaa (nyaapha) waan waliif ta’aniif harkaan wal tuquu fi kophaa waliin ta’uu hin danda’an. Kanaafu, dhiiraa fi dubartiin ajnabiyyaah ta’an yommuu harkaan wal tuttuqan wanta badaa baditti isaan geessu raawwachaa jiru. Nikahan dura qubatti qubee wal diruun aadaa ummata biraa irraa dhaalameedha. Islaama keessa wanti akkanaa hin jiru. Gochi akkanaa Kiristaanota akkeessudha jedhama.  Waa hundaafu, kaadhimamtoonni lamaan qubatti qubee wal diruun jaamaa akkeessu fi kuffaaran wal fakkaachudha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhaa: “Namni namootaan wal fakkaate, inni isaan irraayyi.” (Abu Daawud 4031)

Kaadhimannaa irraa deebi’uu

Dubartii kadhachuun (kaadhimannaan) mataan isaa nikaah hidhachuu miti. Garuu nikaha hidhachuuf waadaa galuudha. Warri intala isaaniitiif waan gaarii yoo argan, heerumaaf ishii kennuu irraa deebi’u danda’u. Akkasumas, intalli gurbaa san yoo jibbite diduu dandeessi. Sababni isaas, nikeenyi walii galtee umrii guutuu waan ta’eef yoo wal hin jaallatin dararaan kan itti fufu ta’a. Ishiin of eeggachuu fi hiree ofii ilaalu dandeessi. Gurbaanis yoo rakkoo irratti argee, nikaah irraa deebi’u danda’a.

Garuu rakkoo fi sababa tokko malee waadaa kaadhimannaa diigun, amalaa badaa fi mallattoo nifaaqati. Abu Hureeyran(RA) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
آيَةُ الْمُنَافِقِ ثَلاَثٌ إِذَا حَدَّثَ كَذَبَ، وَإِذَا وَعَدَ أَخْلَفَ، وَإِذَا اؤْتُمِنَ خَانَ
Mallattooleen munaafiqaa sadii: Yommuu dubbatuu ni kijiba, yommuu waadaa seenu, ni diiga, yommuu amanamuu ni gana.Sahih Al-Bukhaari 6095

Dhiirri tokko dubartii takka erga kadhatee fi isaaf tolee jette booda, rakkoo tokko malee ishii dhiisun miidhaa baay’ee ishirraan geessu danda’a. Inumaa dhiironni gariin “Si fuudha” jechuun waadaa galuuf. Ergasii dubartiin fayyaaleettin, “Nikaaha dura isaan kophatti wal qunnamuun haraama ta’uu” hin beekne, isaan wal qunnamti. San booda, dhiirri Rabbiin hin sodaanne kuni kabaja ishii irraa mulqee fi ulfa garaatti gatee biraa deema. Ergasii kan waliin rakkatu dubartii miskiina tana. Dhugaa kana hubachuuf seenaa gaddisisaa tokko osoo waliin ilaalle hoo maal isinitti fakkataa?

Gola Gaddaa[1]

Namni seenaa kana himu akkana jedha:
Hiriyyaa gaarii tokko qabaa ture. Isa waliin taa’uu fi isa arguun na gammachiisaa ture. Isa waliin yeroo dheeraa wal jibbi keessa hin jirre dabarse. Ergasii ani Kaayiroo irraa godaanoon yeroo dheeraaf ture. Urga sanii xalayaa waliif ergaa turre. Garuu xalayaa walii erguun kuni yeroo dheeraaf itti hin fufne. Addaan cite. Haalli isaa kuni na shakkisiise. Ergasii gara Kaayiroo deebi’uun isa barbaadu jalqabe. Garuu hin arganne. Gara mana isaa deemun ollaa gaafadhe. Ollaanis, urga asii godaane turee jira nan jedhan. Eessa akka deemes hin beekan. Anis abdi kutuun ammaan booda isa hin argu jechuun taa’e.

Garuu gaafa tokko osoo halkaniin gara mana kiyyaa deebi’uu, karaa wallaalee xurree (karaa dhiphoo) tokkotti nan seene. Dukkanaa’u irraa kan ka’e waan galaana keessatti lixe fi iddoon kuni iddoo jireenya jinnii natti fakkaate. Osoo dukkana kana keessa raata’u, mana namni irraa dheesse takkatti dhufe.  Obboleettin takka keessaa aaddi. Obboleettiwwan biroos itti fufuun aaduu jalqaban. Sagaleen isaanii kuni dhiibbaa narratti fiduu jalqabe. Ergasii xurree barbaadun karaa mana kanaatti qajeele. Balbala manaa nan rukute. Mucayyoon umriin ishii waggaa kudhan hin caalle natti gadi baate. Anis ishiin nan jedhe, “Isin bira namni dhukkubsataan ni jiraa?” Hiddi onnee ishii hanga cituu dhiyaaatutti booyu jalqabde. Ni jette, “Yaa Namticha! Abbaa kiyya dhaqqabi machii du’aa waliin qabsaa’aa jiraati.” Ergasii na fuundura ni fiigde. Anis hanga gola xiqqoo balbala loxee qabdutti dhufutti ishii duuka deeme. Yommuu isa bira gahu, afuura baafataa fi deeffataa jira. Harka kiyya kallacha isaa irraa kaa’e. Innis ija isaa banun fuula kiyya yeroo dheeraaf ilaale. Ergasii suutuma suuta hidhii isaa ni bane. Sagalee gadi bu’aan akkana jedhe, “Rabbiin galateefadha hiriyyaa kiyya argadhe.”… Anis haala isaa nan gaafadhe. Maaltu haala kanarra isa geessee? Ani isa waliin taa’uun waan gammade fakkaata. Ol na qabaa jechuun ni akeeke. Harka kiyya gara isaa diriirsuun ol qabee teechise. Seenaa armaan gadii naaf himuu jalqabe:

Waggaa kudhaniin dura anii fi haati tiyya mana tokko keessa jiraachaa turre. Cinaa mana kanaa ollaa qabeenyaa fi badhaadhinna baay’ee qabantu jiraa ture. Gamoon isaanii shamara garmalee bareeddu takka of keessaa qaba. Nafseen tiyya ishii qunnamuuf garmalee dhibamu jalqabde. Shamara tana sossoobuu (abaabbalu) eegale. Ishiinis ni didde. Wanta hundaan qalbii ishii argachuuf nan carraaqe. Garuu hin dandeenye. Ergasii waadaa ishii fuudhuu seenef. Ishiinis diddaan ishii ni qabbanaa’e, naaf tole jette. Guyyaa takkaan qalbii fi kabaja ishii jala saame. Garuu guyyoota muraasa malee homaa hin turre, ulfi garaa ishii keessa akka jiru nan beeke. Anis itti yaadu jalqabe. Waadaa ishii nan guutaaf moo funyoo jaalalaa ishii addaan kutaa? Kan jalqabaa irra kan lammataa filadhe. Mana ishiin natti dhufaa turte godaanee biraa deeme. Achi booda dhimma ishii homaa hin beeku.

Taatee kanarratti waggoonni baay’een ni darban. Gaafa tokko xalayaan kuni karaa postaatiin ishii irraa natti dhufe. (Abbaan seenaa himu ni jedha) :Harka isaa hiixachuun booraatii jalaa xalayaa daalachaa’e ni baase. Anis wanta armaan gadi xalayicha keessatti nan dubbise:

“Osoo waadaa bade ykn jaalala darbee si waliin haaromsuuf kan siif barreessu ta’e, silaa sarara tokko siif hin barreessu ture. Qubee takkas hin barreessu. Waadaa akka keeti diigamaa kana, jaalala akka keeti jaalala kijibaa kana nan yaadadha yookiin waan gaabbef nan haaromsa jedhee gonkumaa hin amanu.

Ulfa rakkataa fi ibidda qabsifamaa jiru cinaatti yeroo na dhiistee deemtuu beekte jirta. Kuni wanta darbee irratti gadduudha. Yeroo sanitti immoo wanta dhufuuf sodaachudha. Dararaa ati narraan geessite achi hin mil’anne, imimmaan gadi jiigsite harki kee akka xuruuru hin taasisne. Kana hunda haajaa tokko malee narratti gattee deemte. Kana booda ati dhiira kabaja qabu jedhee yaadu nan danda’aa? lakkii…. Inuma ati nama jedhee yaadu hin danda’u…

“Si jaalladha” jechuun kijibdee jirta. Lubbuu tee malee homaa hin jaallattu. Lubbuu tee gammachisuuf karaa natti argatte. Karaa kee keessatti na biraan dabarte. Osoo akkas ta’uu baate, silaa balbala natti hin dhadhooftu turte. Fuulas hin argitu turte.

Yommuu fuudhaa heerumaaf waadaa naaf galte naa gante. Nafsee teetin deemte, waadaa kee diigde. Dubartii mujrimaa sadarkaa hin qabne fuute. Yakki ykn salphinni kuni homaayyu miti badii harki kee hojjatee malee. (Kana jechuun sababa badii narratti dalagdeen atis deemun dubartii badii hojjattuu fi salphattu fuute. Al-jazaa’u min jiinsil amali (Gosa hojiitiin jazaa argatan)). Osoo ati jiraachu baatte, silaa dubartii badii hojjattu fi salphattu hin ta’uu ture. Dhimmi kee sirritti ilaaluf garmalee carraaqe ture. Akka daa’imni xiqqaan abbaa irree guddaa fuunduratti kufu anis si fuunduratti kufee jira. Durbummaa (qulqullumma) kiyya hatte. Nafseedhaan salphattu, qalbiidhaan gadditu ta’ee jira. Jireenya ofirratti ulfeesse. Dubartii dhiiraaf niiti ta’uu hin dandeenye, daa’imaaf haadha ta’uu hin dandeenye jireenya keessatti mi’aa maaltu jiraa? Inuma mataa ishii yoo gadi qabattee, nyaara ishii gadi buustee fi ganaa ishii boqoo irra keesse malee hawaasa ilma namaa kana keessa jiraachu hin dandeessu. Warra qoosanii fi baacan sodaachu irraa kan ka’e, kutaaleen qaama ishii ni hollata, mar’imaan ishii ni baqa (gubata).

Jireenya toltuu tiyya na saamte. Sababni isaas, erga wanti kuni uumamee booda jireenya haadha fi abbaa kiyya waliin gamoo keessaa jiraachaa ture dhiisee dheesse. Qananii san hunda of duubatti dhiisee mana gadi bu’aa, iddoo jireenyaa namni irraa baqate, eenyullee hin beeknee fi balbala hin dhoofnetti gale. Jireenya kiyya irraa wanta hafe asitti dabarsuuf dhufe.

Haadhaa fi abbaa kiyya ajjeeste. Akka isaan du’an beekee jira. Waan na dhabanii fi na qunnamuu irraa waan abdi kutaniif malee waan biraatiif waan du’an natti hin fakkaatu.

Na ajjeestee jira. Jireenya haadhawaa kana kubbaayyaa kee keessaa dhuge. Yaaddon dheeraan qaamaa fi nafsee kiyya hunda gahee kan ani wal’aane sababa keetini. Firaasha du’aa irratti akka jibrii shaamaa ofiin of gubduu ta’ee jira. Rabbiin akka naaf dhagayee fi du’aayi kiyya naaf qeebale; ganda du’aa fi dararaa irraa gara ganda jireenyaa fi gammachuu na dabarsuu akka fedhe nan yaada. Ati nama kijibaa fi gantuudha. Hattuu nama ajjeesudha. Rabbiin hanga haqa kiyya sirraa naaf fuudhutti waan si dhiisu natti hin fakkaatu.

Xalayaa kana kan siif barreessu, si waliin waadaa haaromsuuf ykn jaalala kadhachuuf miti. Ati kana irra na biratti garmalee salphataadha. Ani afaan qabrii fi jireenya irraa addaan bahuu irra jira. Anaaf jaalala hin hawwiin, waadaafis bakka hin kenniin. Kan ani xalayaa kana siif barreessef amaanaa na bira keessetu jira. Ishiinis intala teeti. Kan qalbii kee keessa rahmata fuudhe, rahmata abbummaa yoo siif dhiise, gara ishii deebi’i. Dararaan haadha ishii irra gahee ishiirras akka hin geenye gara keetti ishii fudhu.”

Abbaan seeenaa himu itti fufuun akkana jedha: Xalayaa dubbisuu hin fixne. Yommuu isa ilaalu imimmaan boqoo isaa irra gadi jiga. Akkana jechuun isa gaafadhe; “Kana booda maaltu raawwatamee?” Innis ni jedhe: Xalayaa kana hin dubbisne hanga hollannaan qaama kiyya keessa deemu natti dhagahamutti malee. Gaddaa fi yaaddo irraa kan ka’e, qomni kiyyaa qalbii koo irraa akka waan tarsa’uu heduutti yaadi. Gara mana ishiitti nan fiige. Manni ishii kunoo mana ati amma keessatti na argaa jirtu kana. Gola kana keessatti reefa gogde hin sochoone siree kanarratti ishii arge. Intala ishii ishii cinaatti booyinsa hadhaawa boottu arge. Ulfaatinna argeen nan gaggabe. Yakka ishii gowwoomsu kiyya akka waan bineensa nama miidhuu fi wanta gurraacha walitti qabamee natti fakkaate. Gola ani, “Gola Gaddaa” jedhee moggaase tana akka gadi hin dhiisne, jireenya ishii akka jiraadhu fi du’a ishii akka du’u Rabbiif waadaa gale…”

Dubbii isaa kana caalaa itti hin fufne. Arrabni isaa ni hidhame. Fuulli isaa ni dukkanaa’e. Firaasha isaa irratti kufe. Osoo akkana jedhu ruuhi isaa ni kenne: “Intala tiyya yaa hiriyyaa koo!” Sa’aati tokkoof achi turee wanta hiriyyaan hiriyyaaf raawwachuu qabu nan raawwadhe. Ergasii janaazaa isaa akka gaggeessan hiriyyootaa fi namoota isaa beekanatti nan barreesse.  

Rabbiin ni beekaa yommuu seenaa isaa barreessu booy’insa kiyya too’achuu hin dandeenye. Yeroo addunyaa gadi furuu wanta jedhee fi jecha kana hin dagadhu: “Intala tiyya yaa hiriyyaa koo!”

Yaa dhiirota qalbiin jabaate hoo! Dubartoota nafseen isaanii dadhaboo ta’aniif garaa laafaa. Kabaja fi qulqullummaa isaanii irraa yommuu isaan gowwoomsitan, isin hin beektan. Qalbii tamiin darartuu, dhiiga kamiin jiigsituu!”

Barnoota Irraa Baratamuu
➦Namni jireenya keessatti amanamaa ta’uu qabaa malee fedhii lubbuu gabaabdu guutuuf kijibaa fi gantuu ta’uu hin qabu.
➦Dubartii yommuu kaadhimatu, nikaahan dura ishii salphisee biraa deemuf osoo hin ta’in dhugaadhaan niiti godhachuuf kaadhimatu qaba.
➦Dubartiinis nikaahan dura isatti dhiyaachu hin qabdu. Seenan armaan oli barnoota guddaa ta’a. Osoo ishiin nikaahan dura isa waliin kophaa ta’uu baatte, silaa balaan kuni hundi ni uumamaa?
➦Kanaafi Islaamni dubartii nikaahan dura dhiira waliin kophaa akka hin taane dhoowwa.
➦Yommuu dubartiin dhiiran gowwoofamtee kabaja ishii dhabdu, mee gadda ishii ilaali: “Durbummaa (qulqullumma) kiyya hatte. Nafseedhaan salphattu, qalbiidhaan gadditu ta’ee jira. Jireenya ofirratti ulfeessa. Dubartii dhiiraaf niiti ta’uu hin dandeenye, daa’imaaf haadha ta’uu hin dandeenye jireenya keessatti mi’aa maaltu jiraa?
➦Dhiirri dubartii takka gowwoomsun wanta badaa yoo itti hojjate, adabbiin badaan akka isa eeggatu dagachuu hin qabu. Abaarsi nama zullomame (miidhame) waan isarratti bu’uuf.
➦Sababa zinaatin daa’immaan yoo dhalatan, jireenya keessatti garmalee miidhamu.


Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 124-125, Abu Maalik 
[1] 100 Qissatu min nihaayati zaalimiina Fuula 251-255

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.8.1
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.7.3
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply