Gaa’ila Islaamaa-Lakk.8.1

Offline dubbisuf

Nikaah Hidhachuu -Kutaa 1ffaa
Dhiiraa fi dubartiin mana fuudhaa heeruumaa ijaaruuf wal filatan, karaan isaan walitti dhufanii kaayyoo fi fedhii itti guuttatan nikaah wal hidhachuuni. Kutaalee darban keessatti sadarka sadarkaan akkamitti akka haadha manaa ykn abbaa manaa filatanii fi kadhatan ilaalle turre. Tanaan dura bakka fagoodhaa nama jireenyaa gaa’ilaaf namaaf ta’u ilaala turan. Ergasii warra intalaatti siquun ykn nama itti erguun “Ani intala teessan waliin jireenya fuudhaa heerumaa ijaaru barbaada.” Jedhan. Yoo warri dide, Subhaanallah jechuun murtii Rabbii olta’aatti gammadan. Yoo warri tole jedhe immoo, Alhamdulillah jedhanii tarkaanfi itti aanutti deeman. Tarkaanfin itti aanuu maalidhaa? Tarkaanfin itti aanu hayyama warra ishiitiin nikaah hidhachuudha. Akkuma yeroo darbe jenne nikaaha jechuun walii galte fuudhaa heerumaati. Nikaahan dura waliif alagaa fi nyaapha turan. Nikaaha erga wal hidhatanii booda firaa fi jaalallee garaa ta’u.

Nikeenyi gocha barakaa qabu dhiiraa fi dubartii walitti fiduudha. Nikeenyi kuni akkanamutti lafaa olka’anii wanta raawwatamu miti. Sharxii, ruknii fi dirqama qaba. Sharxii fi ruknin yoo hin jiraatin, nikeenyi baaxila ykn sirrii miti. Osoo beekanu dirqama dhiisun badiidha (cubbuudha). Kanniin tokko tokkoon ni ilaalla.

Sharxiiwwan (Ulaagaalee) nikaah

Sharxii (ulaagaa) jechuun wanti tokko sirrii ta’uuf haal dureewwan guuttamuu qabanii jechuudha. Yoo ulaagaan hin jiraatin, wanti suni sirrii hin ta’u. Fakkeenyaf, wudu’a godhachuun sharxii salaataa keessaa tokko. Wudu’a malee yoo salaatan salaanni sirrii hin ta’u. Haaluma kanaan nikeenyis sharxiwwan qaba. Sharxiwwan nikaah kanneen armaan gadiiti:

1-Eenyummaan Cimdiwwanii Beekkamuu

Kana jechuun dubartii fi dhiirri wal fuudhan eenyummaan isaanii beekkamu qaba. Fakkeenyaf namni shamarran baay’ee qabu osoo maqaa shamaraa hin dhayin “Ani intala tiyya sitti heerumsisee” yoo jedhe, nikeenyi sirrii hin ta’u. Sababni isaas, shamarri tamiin akka taate hin beekkamtu. Akkasumas, nama ilmaan dhiiraa baay’ee qabuun, “Ani ishii ilma keetitti heerumsisee,” jechuu hin qabu. Kanaafu, eenyummaa ishii adda baasu qaba. Takkaa maqaa ishii /isaa dhayuu takkaa immoo amala ishii/isaa dubbachuudha. Fkn, “Intala tiyya Faaxumaa sitti heerumsisee” jechuu qaba. Ykn intala tiyya hangafaa ykn ishii xiqqoo sitti heerumsiisee jechuu qaba.

2-Walitti Gammaduu

Namoonni wal fuudhan lamaan walitti kan gammadan ta’uu qabu. Namni intala isaa umrii saalfannaa geesse dirqiin heerumsiisuu hin danda’u. Sababni isaas, fuudhaa heerumni jaalalaa fi rahmata irratti kan hundaa’edha. Namoonni wal hin jaallanne lama akkamitti mana tokko keessa jiraachuu fi wal jaallachuu danda’uu? Kanaafu, warri intala ofii nama tokkootti heerumsisuu yoo barbaadan, hayyama ishii gaafachu qabu. Yoo tole jette itti heerumsiisan. Yoo didde immoo ni dhiisan. Ragaan kanaa: Hadiisa Abi Hureeyraan gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

لاَ تُنْكَحُ الأَيِّمُ حَتَّى تُسْتَأْمَرَ وَلاَ تُنْكَحُ الْبِكْرُ حَتَّى تُسْتَأْذَنَ ‏”
Dubartiin duraan heerumte hanga mari’achiifamtutti malee hin heerumsifamtu, dubarrii hanga hayyama ishii gaafatanitti malee hin heerumsifamtu.Sahiih Al-Bukhaari 5136

Kana jechuun dubartii heerumtee abbaa manaatin addaan baate ykn inni irraa du’ee, nama biraatti heerumsisuu yoo barbaadan, ishii waliin mari’atan. Fuudhaa heeruma irratti walii yoo galan itti heerumsisan. Ta’uu baannan, ishii dirqisiisuun hin jiru. Ammas, shamara hin heerumne, nama tokkotti heerumsiisu yoo barbaadan, hayyama ishii gaafatan.

3-Waliyyiin dubartii mirkaneessu ykn Hayyamuu

Akka lugaatti Waliyyi (Guardian) jechuun nama waan tokko irratti itti gaafatamummaa fudhatee too’atuu fi eegudha. Asitti waliyyi dubartii yommuu jennu dubartiin suni akka heerumtuuf dhiira nikaah hidhuudha. Waliyyiin dhiira, sammuun fayyaa kan qabuu, umrii saalfannaa kan gahee fi Musliima ta’uu qaba. Waliyyi malee nikeenyi dubartii sirrii hin ta’u. Walii galtee fuudhaa heerumaa raawwachuuf waliyyiin mirkaneessu ykn hayyamu qaba. Ragaaleen kanniin armaan gadiiti. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Hayyama warra isaaniitiin isaan fuudhaa. Mahrii isaaniis haala gaarii ta’een isaaniif kennaa. Tiikfattu ta’anii, sagaagalummaa kan hin raawwannee fi hiriyyaa dhiiraa kan hin qabne ta’anii [fuudhaa].” Suuratu An-Nisaa 4:25

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:  
“‏ لاَ نِكَاحَ إِلاَّ بِوَلِيٍّ ‏”
“Waliyyi malee nikeenyi hin jiru.
Abu Daawud 2085

3.1 Waliyyiin dubartii Eenyuu?

Waliyyiin dubartii tartiibaan kana fakkaata:
(1)Abbaa ishii ➨(2)Akaakayyuu ishii ➨(3)Ilmaan ishii (yoo jiraatan)➨(4)Ilmaan ilmaan ishii (yoo jiraatan)(5)➨obboleeyyan ishii➨(6)ilmaan obboleeyyanii ➨ (7)Abbeerota ishii ➨(8)Ilmaan abbeerotaa

Hundemaa abbaan waliyyii dubartiiti. Yoo abbaan hin jiraatin ykn kaafira yoo ta’e, waliyyiin ishii firoota dhiiraa gara abbaatiin ishitti dhiyaataniidha. Tartiiba armaan olii hordofuun nama tokkorra gara nama biraatti darba.
Yoo firoonni ishii Musliima hin ta’in, qaadin waliyyii ta’aaf. Ragaan kanaa:
Hadiisa Aa’ishaan (RA) gabaaste keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: 
Dubartiin tamiyyuu hayyama waliyyii malee heerumte, nikeenyi ishii baaxila (soba), nikeenyi ishii baaxila, nikeenyi ishii baaxila. Yoo ishitti seene, wanta inni ishirraa argateen mahriin ishiif ta’a. Yoo wal dhaban sulxaanni (namni aangoo qabu) nama waliyyi hin qabneef waliyyiidha”. Sunan Abi Dawud 2083Jaami’a at-Tirmiizi 1102

3.2 Dubartiin Ofiin Nikaah of hin Hiitu, Dubartiin biraas ishii hin hiitu

Dubrtiin ofiin of nikaah hidhuu ykn dubartiin biraa ishii nikaah hidhuu hin dandeessu. Ragaan kanaa:
“‏ لاَ تُزَوِّجُ الْمَرْأَةُ الْمَرْأَةَ وَلاَ تُزَوِّجُ الْمَرْأَةُ نَفْسَهَا”
“Dubartiin dubartii biraa hin heerumsiiftu (nikaah hin hiitu), dubartiinis mataa ofii heerumsiisuu hin dandeessu.” Sunan ibn Maajah 1882

Sababni kanaa, osoo dubartiin ofiin nikaah of hiite, silaa rakkoo guddaa keessa seenti. Nama gaarii jette yommuu itti deemtu, namni suni erga haajaa ishirraa fixate booda ishii gatee bira deema. San booda rakkootti kan hafu ishiidha. Waa’ee kanaa ilaalchise, seenaadhaan yeroo darbe “Gola Gaddaa” jalatti ilaalle jirra. Islaamni mirga ishii sarbuuf osoo hin ta’in mirga ishii eegsiisuuf abbaan ykn firoonni ishii dhiiraa ykn qaadin waliyyii akka ta’an murteesse.

3.3 Waliyyiin Dubartii Heeruma irraa ishii Dhoowwu Danda’aa?

Waliyyin akkuma dubartii takka heeruma irratti ishii dirqisiisuu hin dandeenye, nama ishiin feete fi ishii madaalu irraa dhoowwu hin danda’u. Namni ishiin jaallatte suni nama ishii madaalu fi ishitti galuu yoo ta’e, abbaan ishii ykn firoonni ishii isarraa ishii dhoowwu hin danda’an. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

2:232

Yeroo dubartoota hiikatanii beellama isaanii guuttatan, yoo isaan lamaan waan gaarii irratti walii galan, dhiirsota isaanii [jalqabaatti] heerumuu irraa isaan hin dhoowwinaa. Suni isin irraa nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanutu ittiin gorfama. Suni isiniif irra gaarii fi irra qulqulluudha. Rabbiin ni beeka, isin hin beektan.” Suuratu Al-Baqarah 2:232

Sababni Aayan (keeyyanni) tuni itti buufamteef kana: Ma’qil bin Yasaar akkana jedha: Aayan tuni ana ilaalchistee buute. Ani obboleetti tiyya namticha tokkotti heerumsiisee. Innis ni hiike. Yommuu iddaan (yeroon turtii) dhumate, dhufee fuudhaaf ishii kadhate. Anis ni jedheen, “Sitti heerumsiisee, meeshaa siif dhiyeessee, si kabajee ergasii ati ishii ni hiikte. San booda dhuftee ishii kadhatta. Rabbiin kakadhee gonkuma ishiin sitti hin deebitu.” Namtichi nama rakkoo hin qabneedha. Dubartiinis (obboleettin tiyyas) isatti deebi’uu barbaadde. Ergasii Raabbiin aaya armaan olii buuse.  Anis ni jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii amma nan hojjadha (gara isaatti akka deebitu nan hayyamaaf)”. Innis yeroo lammataaf ishii fuudhe.” Sahiih Al-Bukhaari 5130

Waliyyiin dubartii inni bulchuu heeruma irraa yoo dhoowwe, waliyyummaan isarraa gara nama biraatti darba. Abbaan yoo dide, fira ishii keessaa namni ishiitti dhiyaatu ishii heerumsisa. Fakkeenyaf abbaan yoo dide, obboleessi ishii ishii heerumsiisa. Yoo obboleessi dide, ilmi obboleessaa ishii heerumsa. Tartiiba waliyyi jalqaba irratti kaasne hordofuu dandeessi. Yoo firoonni ishii guutun didan immoo gara qaadi deemti. Ragaan kanaa hadiisa armaan olitti kaasnedha.

Yoo wal dhaban sulxaanni (namni aangoo qabu) nama waliyyi hin qabneef waliyyiidha”. Sunan Abi Dawud 2083Jaami’a at-Tirmiizi 1102

Garuu kuni sharxii qaba. Abbaan ykn firri ishii heeruma irraa ishii dhoowwu kan hin dandeenye dhiirri suni ishii kan madaalu yoo ta’eedha. Ishiin hanga feete haa jaallattu, ishii kan hin madaalle yoo ta’ee, mirga dhoowwu qabu. Fakkeenyaf, dhiira kaafira ykn faasiqa (nama Rabbiif hin ajajamne) yoo jaallattee fi itti heerumu barbaadde, warri ishii dhoowwu danda’u. Sababni isaas, dubartiin Musliima kaafiratti heerumu hin dandeessu. Namni kuni ishiitti hin galu ykn hin madaalu.

Garuu dhiirri ishiin jaallatte nama gaarii fi iimaana qabu yoo ta’e, warri ishii dhoowwu hin danda’an. Aayataa fi hadiisa armaan olii irraa hubachuun ni danda’ama.

3.4 Waliyyiin dhiyoon yoo hin jiraatin waliyyiin fagoon heerumsiisuu

Hundemaa waliyyiin dhiyoon osoo jiruu waliyyiin fagoon heerumsiisuu hin danda’u. Garuu waliyyiin dhiyoon kan hin jiraanne fi osoo isa eeganuu faaydaan dubartii kan jala darbuu yoo ta’e, waliyyummaan gara waliyyii fagootti darba. Fakkeenyaf, abbaan kan hin jiraanne yoo ta’e, obboleeyyan ykn abbeeronni ishii heerumsiisu.

3.5 Waliyyiin dubartii heerumsisuuf nama biraa bakka buusu danda’aa?

Waliyyiin nama biraa dubartii takka akka heerumsisuuf bakka buusu ni danda’a. Erga bakka buusee booda wanti waliyyiif mirkanaa’u, bakka bu’aafis ni mirkanaa’a.

4-Ragaaleen argamuu

Sharxiin biraa nikeenyi itti sirrii ta’uu, xiqqaate xiqqaatu ragaaleen dhiira Musliima ta’an lama argamuudha. Ragaaleen argamuun ykn nikeenyi ifatti labsamuun fuudhaa heerumni sagaagalummaa irraa adda baha. Ragaaleen yoo hin jiraatin ykn fuudhaa heerumni yoo ifatti hin labsamin, namoonni lamaan wal fuudhun akkamitti beekkamaa?
Ergamaa Rabbii (SAW) irraa akkana jechuun gabaafame:
Waliyyii fi ragaalee amanamoo lama yoo jiraatan malee nikeenyi hin jiru.” ibn Hibbaan 4075 gabaase

Sababni ragaaleen akka sharxiitti kaa’amaniif, sanyii keessatti fi mormii of eeggachuufi. Tarii bakka ragaaleen hin jirreetti yoo nikaah hidhan, namtichi haajaa ofii erga fixate booda, ani ishii hin beeku jedhee mormuu danda’a. Garuu ragaaleen lama yoo dhiyaatan, kana mormuu hin danda’u. Seera fuunduratti dubartiin ragaalee kanniin dhiyeessun mormachuu dandeessi.

5-Dhiiraa fi dubartiin wal fuudhuf walitti dhufan wanta fuudhaa heeruma dhoowwu irraa qulqulluu ta’u- kana jechuun dhiiraa fi dubartii jidduu sababni fuudhaa heeruma dhoowwu jiraachu hin qabu. Fakkeenyaf, dubartiin inni fuudhu hedu isaaf hariiroo dhiigummaa, hoosisuu ykn soddummaa fuudhaa heeruma dhoowwu kan hin qabne ta’uu. Kana yeroo darbe “Dubartoota yeroo hundaa fuudhun dhoowwaman” jedhu jalatti ilaalle jirra. Akkasumas, dubartiin inni fuudhu hedu yeroo gabaabaf fuudhun dhoowwama taate keessaa ta’uu hin qabdu. Kanas yeroo darbe, “Dubartoota Yeroo murtaa’af Dhoowwaman” jalatti ilaalle turre. Gabatee irraa ilaalu ni dandeessu: Gabatee Dubartoota Fuudhun haraama ta’an

Guduunfaa
➤Namoonni lamaan erga wal filatanii fi wal jaallatanii booda karaan tokkichi walitti dhufanii fi fedhii ofii itti guuttatan nikaah wal hidhachuuni.
➤Nikeenyi sirrii ta’uuf ulaagaalee, ruknii fi dirqamoota qaba.
Sharxiwwan (ulaagaaleen) nikaah kanneen armaan gadiiti:
➽Dhiiraa fi dubartiin wal fuudhan eenyummaan isaanii beekkamu.
➽Isaan lamaan wal jaallachuu fi walitti gammadu- dirqii tokko malee wal fuudhu.
➽Waliyyiin jiraachuu
➽Ragaaleen jiraachuu
➽Dhiiraa fi dubartiin wantoota fuudhaa heeruma dhoowwan irraa bilisa ta’uu.

➤Waliyyiin nama dubartiitti dhiyoo ta’ee fi yeroo fuudhaa heerumaa nikaah hidhuudha. Namni dubartii takkaaf waliyyii ta’uuf ulaagaaleen kanniin guutuu qaba: (1)-Musliima ta’uu, (2)-Dhiira ta’uu, (3)-Nama sammuun fayyaa qabu ta’uu, (4) Umrii saalfannaa gahuu,(5)-Gabrummaa irraa bilisa ta’uu (hurriyyah)
➤ Dubartiin takka ofiin nikaah of hin hiitu. Waliyyiin jiraachu qaba.

Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 132-145, Abu Maalik 
Quest for Love and Mercy Fuula 55-68
Fiqhu Maysiir fii daw’il Kitaabi wa sunnati– fuula 295
Az-zawaajul Islaamiyy Sa’iid,Mahmud Masrii, fuula 331-332
https://islamqa.info/en/answers/98244/her-father-refused-to-marry-her-to-someone-so-the-judge-did-the-marriage-for-her
https://islamqa.info/en/answers/196668/her-parents-are-divorced-can-she-get-married-without-her-fathers-permission

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.8.2
Gaa'ila Islaamaa-7.4
Offline dubbisuf

Leave a Reply