Firii Qadaratti Amanuu

Offline dubbisuf

Jireenya keessatti namoonni yeroo toltuu fi rakkoo garmalee yommuu cinqaman ni mul’atu. Kan rakkoo qabu dhiphachuun isaa wanta jiru. Kan toltuu keessa jiru hoo maaliif dhiphitaa? Inuma kan toltuu keessa jiruu kan rakkoo keessa jiru caalaa yeroo dhiphatu ni mul’ata. Sababni isaa maal ta’inna ree? Dhiphinna ofirraa kaasuf qabeenya barbaadan. Garuu qabeenya yommuu argatan dhiphinni kan duraa caalaa isaanitti dabalame. Kanaafu, Rabbii olta’aatti amanuu fi murtii Isaatiif harka kennuun, dhiphinna hangana hin jedhamne jalaa nama baasa. Qadaratti amanuun addunyaa irraa wanta nama jala darbeef akka hin gaddine, wanta dhufuuf immoo akka sodaannee fi hin dhiphanne nama taasisa. Kanaaf Ergamaan Rabbii (SAW) ibn Abbaasin akkana jedhan:

“Yommuu kadhattu Rabbiin kadhu. Yommuu gargaarsa barbaaddu, Rabbiin irraa gargaarsa barbaadi. Beeki! Osoo ummanni wanta tokkoon si fayyaduuf walitti qabamaniii, isaan si hin fayyadan wanta Rabbiin dursee siif katabe malee. Ammas, wanta tokkoon si miidhuf osoo walitti qabamanii, isaan si hin miidhan wanta Rabbiin dursee sirratti katabe malee. Qalamni ol fuudhame, galmeen goge.  (Jaami’a at-Tirmizi 2706)

Tirmiziin ala gabaasa biraa keessatti, “Yeroo toltuu Rabbiin beeki, yeroo rakkoo Inni si beekati. Beeki! Wanti sirra darbe sitti bu’uufi miti. Wanti sitti bu’ee kan sirra darbuu miti. Beeki! Injifannoon obsa waliin dhufa; Farajni (Rakkoon namarraa deemun) balaa guddaa waliin dhufa. Rakkoo waliin laafinnatu jira. (Hadiis Nawawii-19)
Qadaratti amanuun firii baay’ee qaba. Isaan keessaa muraasa isaanii mee haa tarreessinu:

1-Namni yommuu sababa hojjatu Rabbii Olta’aa irratti hirkachuu– Namni hanga fedhe haa carraaqu, Rabbiin yoo hin fedhiin bu’aa barbaade hin argatu. Namni Qadaratti amanu bu’aan hojii isaa Rabbiin akka murteesse ni beeka. Kanaafu, wanta hojjaturratti osoo hin ta’in Rabbiin irratti hirkata. Rabbiin irratti hirkachuu jechuun osoo homaa hin hojjatin, “Bu’aan Rabbiin irraa naaf dhufa” jedhanii taa’u miti. Kana irra, Rabbiin irratti hirkachuu jechuun qaaman wanta namarraa eeggamu hojjachaa wanta gaarii kan namaaf fidu fi wanta badaa namarraa kan deebisu Rabbiin akka ta’e qalbiin itti amanuu fi tasgabbaa’udha.

2- Sodaa fi Dhiphinni isarraa deemu– wanta mataa namootaa naannessu keessaa tokko wanta isaan qunnamuuf sodaachu fi dhiphachuudha. “Wanti akkanaa na qunnamuu danda’a” jechuun sodaatu, ni dhiphatu. Namni Qadaratti amanuu immoo addunyaa keessatti wanta akkanaa na qunnama, nan hiyyooma jechuun sodaa fi dhiphinnaan of hin haguugu. Kana irraa, wanta isarraa eeggamu ni hojjata. San booda Rabbiin irratti hirkata. Murtii Rabbiitiin malee homaa akka isa hin qunnamne ni beeka.

9:51

Jedhi, “Waan Rabbiin nuuf katabe malee homaa nu hin muudatu. Inni Tiiksaa keenya.” Warroonni amanan Rabbiin irratti haa hirkatan.” Suuratu At-Tawbah 9:51

3-Namni yommuu waan gaarii argatu ofi dinqisifachuu fi of jajuu dhiisu- Namni Qadaratti amanu yommuu waan gaariin isa geettu, of tuuluu fi of dinqiisifachuun hin guuttamu. Sababni isaas, wanti gaariin isa gahe karaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa murteessee fi laaffiseeni. Osoo Rabbiin olta’aan isaaf murteessuu fi laaffisuu baate silaa wanta gaarii san hin argatu. Of tuulu fi of dinqisiifachuun galata qananii sanii akka dagatu isa taasisa.

4- Musiibaan ykn balaan yommuu isatti bu’u qalbiin isaa tasgabbaa’u fi nageenya argachuu– namni Qadaratti amanu, “wanti isarra darbee isatti kan hin buune, wanti isatti bu’e immoo isarra kan hin darbine” akka ta’e ni beeka. Balaa isatti bu’eef ykn addunyaa irraa wanta isa jala darbeef dhiphinna cimaatti hin seenu. Sababni isaas, kuni Murtii Rabbii akka ta’e ni beeka. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

Rakkoo irraa wanti dachii fi lubbuu keessan keessatti bu’e kamillee, osoo ishii hin uumin dura kitaaba keessatti galmeessinu malee hin hafu. Dhugumatti, kuni Rabbiin irratti salphaadha. Wanta isin jala darbe irratti akka hin yaaddofnee fi wanta Inni isiniif kennettis garmalee hin gammadneef [kana godhe]. Rabbiin nama boonaa, dhaadataa hunda hin jaallatu.” Suuratu Al-Hadiid 57:22-23

Kana jechuun musiibaan (rakkoon) dachii fi isin irratti bu’e tokkollee hin jiru, umamtootaa fi nafsee uumun dura kitaaba keessatti kan galmeessine yoo ta’e malee. Samii fi dachii jidduutti musiibaan bu’e hundii wanta kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessatti barraa’edha. Wanti tokko argamuun dura Rabbiin beeku fi katabuun Isarratti baay’ee salphaadha.

Wanta isin jala darbe irratti akka hin yaaddofnee fi wanta Inni isiniif kennettis garmalee hin gammadneef [kana godhe]” Kana jechuun wanti tokko argamuun dura beekne, katabnee fi safarree jirra. Kan kana isin beeksiisnuuf wanta isin jala darbeef akka hin yaaddofnee fi hin gaddineefi. Sababni isaas, wanti isin jala darbe kuni wanta duraan murtaa’e fi katabameedha. Argamuun isaa waan hin oolledha. Ofirraa deebisuun hin jiru. Kanaafu, wanta isin jala darbeef garmalee hin gaddinaa. Ammas, wanta gaarii Nuti isiniif kennineetti garmalee gammaduun akka of hin dinqisiifannee fi namoota irratti of hin tuulle, wanti tokko argamuun dura beeku, katabuu fi safaruu Keenya isin beeksifna. Wanti isin argattan hundi humnaa fi carraaqqi keessaniin osoo hin ta’in, tolaa fi murtii Rabbiitiin. Kanaafu, qananii Rabbiin isiniif kenneen of hin tuulina, hin dhaadatinaa. Kanaaf itti aanse akkana jedhe, “Rabbiin nama boonaa, dhaadataa hunda hin jaallatu.”

Kanaafu, namni yommuu wanti tokko isa jala darbu ykn musiibaan isatti bu’uu obsuu qaba. Wanti kuni wanta duraan katabame ta’uu beekee yoo obse, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala isa qajeelcha. Qur’aana keessatti ni jedha:

64:11

Hayyama Rabbiitin malee hamtuu irraa wanti tokkollee nama hin tuqu. Nama Rabbitti amane, [Rabbiin] qalbii isaa ni qajeelcha. Rabbiin waan hundaa Beekaadha.” Suuratu At-Taghaabun 64:11

Al-A’amash akka gabaasetti Abi Zibyaan akkana jedha: [Gaafa tokko] nuti Alqamah bira turre. Aayanni (keeyyanni) armaan olii isa biratti qara’amte (dubbifamte). Waa’ee kanaa ilaalchisee ni gaafatame. Alqamaanis ni jedhe, “Inni namticha musiiban (balaan) isa tuqxee ergasii balaan tuni Rabbiin irraa akka taate beeke fi san booda itti gammade fi harka kenneedha.” Hadiisa keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Dhimmi mu’minaa (nama amanee) nama ajaa’ibsiisa. Dhugumatti dhimmi isaa guutun keeyridha (gaariidha). Kuni mu’minaaf malee eenyufillee kan ta’uu miti. Yoo toltuun isa tuqxe, Rabbiin galateefata. Kuni isaaf gaarii ta’a. Yoo rakkoon isa tuqxe immoo ni obsa. Kunis isaaf gaarii ta’a.” (Sahiih Muslim 2999)  (Tafsiir ibn Kasiir 8/137-138 ( Daaru Xaybah))

Namni yommuu musiiban isatti buutu obsu, mindaa hangana hin jedhamne argata. Addunyaa keessatti mindaan guddaan maal akka ta’e beektu? Mindaan guddaan qalbiin sakiinaa (tasgabbii), qajeelcha fi yaqiina (mirkaneefannaa) argachuudha. Fuggisoo kanaa, namni hin obsine tasgabbii fi qajeelcha dhaba. 
“Aayan tuni akka waligalaatti yoo fudhatamte, nama amane (kana jechuun nama Rabbitti, Malaykotatti, kitaabbanitti, Ergamtootatti, Guyyaa Aakhiraa fi qadaratti amane) fi hojii isarraa eeggamu hojjachuun iimaana isaa yoo dhugoomse, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala haalota, jechoota, beekumsa fi hojiwwan isaa keessatti ni qajeelcha.” (Gabaabinnaan Tafsiira Sa’diyyii -fuula 1023 irraa fudhatame.)

5-Amantii Guyyaa Qiyaamatiif qaban dabaluu– Akkuma yeroo darbe jenne qadara jechuun wanta Rabbiin dursee beeke, murteesse, safaree fi katabeedha. Wanti Inni dursee murteessee fi katabe argamuun isaa waan hin oolledha. Kutaa darbe keessatti qadaratti amanuun wantoota afur of keessa qaba jennee jirra. Isaanis: Rabbiin wantoota hundaa akka beeku amanuu, wantoota kanniin hundaa Lawhal Mahfuuz (Galmee Eeggamaa) keessatti akka katabe amanuu, wantoonni hundii fedhii Isaatiin qofa akka raawwataman amanuu fi wantoota hundaa kan Uumuu fi argamsiisu Rabbiin akka ta’e amanuudha. Yoo kana amanan Qiyaamaan akka dhuftu ni mirkaneefatan.

Sababni isaas, Rabbiin Azza wa Jalla wantoota darban, kan ammaa fi kan dhufan hunda beeka. Wantoota darbanii fi ammaa dhabama irra kan argamsiise Isa. Wantoota gara fuunduraatti dhufanis kan argamsiisu Isa. Wantoota gara fuunduraatti dhufan keessaa tokko Guyyaa Qiyaamaati. Guyyaan Qiyaamaa yoomi fi akkamitti akka dhaabbattu, Rabbiin beekee fi katabee jira. Wanti Guyyaa san adeemsifamu hundi galmee keessa jira. Wanti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa murteesse fi katabe argamuun isaa waan hin oolledha. Kanaafu, namni kana beeku, Guyyaan Qiyaamaa akka jirtu ni amana. Sababni isaas, Guyyaan Qiyaamaa ni dhufti jechuun Rabbiin beeksisee jira. Wanti Inni beeksise ni argama. Shakkii hin qabu.
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

22:7

Dhugumatti Qiyaaman dhuftuudha; ishee keessa shakkiin wayitu hin jiru. Dhugumatti Rabbiin namoota awwaalcha (qabrii) keessa jiran hundaa ni kaasa.” Suuraa Al-hajj (22):7

Guduunfaa
➻Qadaratti amanuu jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota umama keessatti adeemsifaman hunda beekumsaa Isaa turaa fi ogummaa Isaatiin murteessee akka kaa’e amanuudha.
➻Wanti Rabbiin fedhe ni ta’a, wanti Inni hin feene hin ta’u.
➻Namni kana yoo beekee fi amane,jireenya keessatti gammachuun jiraata.
➻Wanta Rabbiin dursee namaaf katabe malee ummanni guutuun osoo walitti qabamanii nama fayyadu hin danda’an.
➻Wanta Inni dursee namarratti katabe malee ilmaan namaa guutuun nama miidhu hin danda’an.
Wanti sitti bu’e kan sirra darbuu miti. Wanti sirra darbe kan si dhaqqabu miti. Kanaafu, wanta si jala darbeef hin gaddin. Wanta hin arganneef hin haafayin. Yoo Rabbiin siif murteesse ni argatta, si jala hin darbu. Garuu yoo hin murteessin hanga feete yoo haafofte hin argattu.
Namni Qadaratti amanu wanta isarra eeggamu ciminnaa fi qulqullinnaan hojjata. Kana waliinu Rabbiin irratti hirkata.
Rabbiin irratti hirkachuu jechuun qaaman wanta namarraa eeggamu hojjachaa wanta gaarii kan namaaf fidu fi wanta badaa namarraa kan deebisu Rabbiin akka ta’e qalbiin itti amanuu fi tasgabbaa’udha.
➻Qadaratti amanuun sodaa fi gadda cimaatti akka hin seenne nama taasisa. Musiibaan isa tuqxe wanta duraan murtaa’e ta’uu namni beeku, ni obsa.
➻Akkasumas, wanta gaarii argateef of hin tuulu.
➻Qadaratti amanuun dhufaati Qiyaamaa akka mirkaneefatan nama taasisa.

Kitaabban Wabii: 
Sharih Usuuli salaasa Fuula 115-116 Ibn Useymiin
Tafsiir Sa’diyyii- Tafsiira Suuratu al-Hadiid 22-23
Tafsiir ibn Kasiir-Tafsiira Suuratu al-Hadiid 22-23

Qadaratti Amanuu-Kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply