Gaa’ila Islaamaa-Lakk.8.2

Offline dubbisuf

Nikaah Hidhachuu- Kutaa 2ffaa
Kutaa darbe keessatti sharxiwwan (ulaagaalee) nikaah ilaalle turre. Namni nikaah hidhachuuf gara teessumaa ykn bakka sirni nikaah itti gaggeefamu deemu, sharxiwwan kanniin guutuu ykn guutuu dhabuu isaa ilaalu qaba. Yaadachisaaf sharxiwwan kunniin; dhiiraa fi dubartin wal fuudhu hedan beekkamu, isaan lamaan walitti gammaduu, waliyyiin ykn bakka bu’aan argamuu, ragaaleen argamuu fi sababoota nikaah dhoowwan irraa qulqulluu ta’uudha. Namni wantoota kanniin erga guutee booda, gara nikaah hidhachuu deema. Bakka nikaahatti wanti haasawamuu fi irratti wali galan ni jira. Wantoota irratti haasawanii fi waligalan gurguddaa fi hafuu kan hin qabne, mahrii fi iijaab-qabuul dha. Kanniin lamaan haala armaan gadiitin ni ilaalla. Mahrii irraa haa jalqabnu. In sha Allah iijaab-qabuul (Kennuu fi fudhachuu) kutaa biraa keessatti ni ilaalla.

1-Mahrii -Kennaa Nikaah

1.1 Hiika Mahrii
Mahrii jechuun kennaa dhiirri tokko dubartii fuudhu heduuf kennuudha. Mahriin maqaalee baay’ee qaba. Isaan keessaa; sadaaq, nihla, fariidah, ajr (mindaa) fi kan biroo.

Maqaalee kanniin keessaa mahrin sadaaq kan jedhameef “Dhiirsi niiti isaa dhugaan ishii barbaadu” waan agarsiisuufi. Kanaafu, namni mahrii dubartii fuudhu hedu saniif kennu, dhugaadhaan niiti ishii godhachuu barbaadee jiraa jechuudha.

1.2 Murtii (Hukmii) Mahrii
Akka Qur’aanatti, sunnaa fi wali galtee Muslimootatti mahrii kennuun dhiira irratti dirqama (waajiba). Ragaalee kanaa Qur’aana irraa muraasa dhiyeessun ni danda’ama:

Dubartootaaf mahrii isaanii kenniinsa jaalalaa ta’e kennaaf.” Suuratu An-Nisaa 4:4
Kana jechuun dubartoota fuudhu barbaaddaniif kennaa lubbuun teessan jaallattee fi itti gammadde kennaaf.

Sunnaah irraa hadiisa Anas bin Maalik dhiyeessun ni danda’ama:
Anas bin Maalik akkana jedha: Abdurahmaan bin Awf mallattoo sufrah (shittoo boora) kan ofirraa qabu ta’ee gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufe. Ergamaan Rabbiis (SAW) waa’ee mallattoo kanaa isa gaafatan. Abdurahmaanis Ansaara irraa dubartii takka akka fuudhe itti hime. Ergamaan Rabbis (SAW) ni jedhan, “Mahrii hangam ishiif kennitee?” Innis ni jedhe, “Warqii hanga firii timiraa geessu kenneef.” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Osoo hoolaa takkallee taate affeerraa cidhaa (diggisii) godhi.” Sahiih Al-Bukhaari 5153

Kanaafu, mahriin xiqqaatus guddaatus nama fuudhuf deemu irratti dirqama (waajiba).

1.3 Wanta mahrii ta’uu fi hin taane
Mahriin qabeenya irraa wanta itti fayyadaman, gatii qabuu fi halaala ta’etu ta’a. Fakkeenyaf, qarshii, qubee, faaya gurraa, harkaa fi mormaa, uffata, horii, lafa fi kkf. Alkooli (Khamrii), foon booyyee, qabeenya hatamee fi samamee irraa mahriin hin ta’u. Sababni isaas, wantoonni kunniin haraama.

Kana irraa ka’uun mahriin qabeenya itti fayyadaman kamiyyuu, gatii kan qabuu, halaala kan ta’eedha.
Mahriin qabeenya qofa osoo hin ta’in beekumsa ykn Qur’aana barsiisunis ni ta’a.

Hadiisa sahiih Al-Bukhaari fi Muslim gabaasan keessatti, Sahl bin Sa’ad akkana jedha: Gaaf tokko osoo Nabiyyii (SAW) waliin teenyu dubartiin takka dhufuun isaaf of dhiyeessite. Nabiyyiinis ija ofii gadi qabee olkaase. Deebii ishiif hin deebisne. Sahaabota isaa keessaa namtichi tokko, “Yaa Ergamaa Rabbii! Natti heerumsiisi.” Jedhe. Nabiyyinis (SAW) ni jedhe, “Waa si bira jiranii?” Innis, “Homaa na bira hin jiran.” Nabiyyinis, “Qubeellaa (amartii) sibiilaa irraa tan taates hin jirtu?” Innis ni jedhe, “Qubeellaan sibiilaa irraa tan taates hin jirtu. Garuu uffata kiyya kana bakka lamatti tarsaasun walakkaa ishiif kenna, walakkaa immoo ofii fudhadha.” Nabiyyinis ni jedhe, “Lakki hin ta’u. Qur’aana irraa wanta qomatti qabattee jiraa?” Innis ni jedhe, “Eeti.” Nabiyyinis ni jedhe, “Deemi! Qur’aana irraa wanta si bira jiruun ishii sitti heerumsiisee jira.” Sahiih Al-Bukhaari 5132

Namni akkana jechuun gaafachu danda’a, “Dubartiin tuni Qur’aana inni qomatti qabatee irraa maal argattii?” Deebiin isaa, Qur’aana irraa wanta qomatti qabate ishii barsiisa. Seeraa achi keessa jiru hordofuun mararfannaan ishii kunuunsa. Kuni hundi qabeenya caalaa wanta ishiif gaarii ta’eedha.

Aadaa tokko tokko keessatti mahrii maallaqni isaa murtaa’e dabalatee warri intalaa wanta biraa dhiirsa irraa barbaadu. Kan akka uffataa, faayaa fi kkf. Akka seeraa Islaamatti kuni hundi mahrii irraa akka ta’etti lakkaawama. Irra gaariin mormii fi wal dhabbii gara fuunduraa hanbisuuf yeroo nikaah ifaan ifatti hanga mahrii murteessun barbaachisaadha.[1]

1.4 Daangaa Mahrii
Mahriin daangaa hin qabu. Mahriin xiqqaan hangana ta’uu qaba, mahriin guddaan hanga kana ta’uu qaba wanti jedhamu hin jiru. Hammi mahrii diinagdee ykn qabeenya dhiiraa irratti hundaa’a. Yoo qabeenya xiqqaa qabaate, hanga humni isaa danda’u kenna. Yoo qabeenya baay’ee qabatee, baay’isee kennuu ni danda’a. Yeroo baay’ee wali galtee dhiiraa fi dubartii (ykn warra ishiitiin) murtaa’a. Dhiiraa fi dubartiin ykn dhiira fi warri intalaa walii galuun mahrii murteessu danda’u.

1.5 Mahrii Waddachiisu (Qaalii Gochuu)
Islaamni daangaa ol’aanaa mahriif hin keenye. Garuu dhiirsaf salphisuu fi laaffisuu akka qaban ajaja. Mahriin guddaan yoo namatti fe’amee, fuudhaa heeruma dararuu fi rahmata kan hin qabne gochuu danda’a.

Biyyoota Musliimaa baay’ee keessatti warri intalaa mahrii baay’ee guddaa ta’ee gaafatu. Kuni dhiironni baay’een fuudha akka dhiisanii ykn gara fuunduraatti waggoota baay’eef akka dabarsan isaan taasisaa jira. Kuni gara biraatin zinaan akka babal’atu karaa bana. Kana qofaa miti, dubartiin dhiirsa malee manatti akka haftu taasisa. Warri fedhii dhuunfaa guuttachuuf intala ofii irratti carraa heerumaa cufu. Ammas, yommuu yeroo dheeraaf fedhii ofii ukkaamsanii fi dharraan isaan keessaa xuxamu, rakkoo xin-sammuutiin (psychological problem) miidhamu.

Mahrii waddachiisuun miidhaa kanaa fi kan biroo kan qabuu yoo ta’e, akka shari’aatti murtiin isaa maali ree?
Ragaa shari’aan dhufeen irratti hundaa’un murtii mahrii waddachisuu ilaalchisee akkana jedhama:

1-Shari’aan mahrii akka laaffisanii fi akka hin waddachiisne ajaja
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“‏ خَيْرُ النِّكَاحِ أَيْسَرُهُ ‏”

Fuudhaa heerumni hundarra gaarii ta’e hundarra salphaa kan ta’eedha.” Abu Daawud 2117  
Fuudhaa heerumni osoo of hin dhiphisinii fi baasi garmalee baay’ee ta’e osoo hin baasin gaggeefame, dhugumatti gaariidha. Namoonni haala kanaan wal fuudhan gammachuun jiraatu.

Umar bin Al-Khaxxaab akkana jedha:
“Dhagayaa! Mahrii dubartootaa qaalii hin godhinaa (hin waddachiisinaa). San gochuun osoo addunyaa keessatti kabajaa yookiin Rabbiin biratti taqwaa ta’ee, silaa isin dursee kan hojjatu Nabiyyii Rabbiiti (SAW).  Ergamaan Rabbii (SAW) uqiyyah kudha lama caalaan haadholii manaa isaa hin fuune yookiin ijoollee dubaraa isaa hin heerumsisnee.” Sunan Abu Daawud 2106

Haati manaa Ergamaa Rabbii (SAW) Aa’ishaan (RA) yommuu mahriin Ergamaa Rabbii (SAW) hangam akka ta’e gaafatamtu, akkana jechuun deebiste: Mahriin Ergamaan Rabbii (SAW) haadholii manaa isaatiif kennaa ture uqiyyah kudha lamaa fi nasha tokkoodha. (nashaan tokko walakkaa uqiyyati). Sunis hangi isaa dirhaama dhibba shan. Kuni mahrii Ergamaan Rabbii (SAW) haawwan manaa isaatiif kennaa tureedha.” Sahiih Muslim 1426

Uqiyyah jechuun madaalaa hangaa yeroo san ittiin madaalaa turaniidha. Dirhaama jechuun saantima meetaa yeroo san bittaa fi gurguttaaf itti fayyadamaa turaniidha. Uqiyyan tokkichi dirhaama 40. Uqiyyaan kudha lamaa dirhaama 480.[2] Nashaan walakkaa uqiyyah waan ta’eef dirhaama 20 ta’a. Kanaafu, mahriin Ergamaa Rabbii walitti qabaan gara dirhaama 500 ti.

Kanaafu, warri intalaa mahrii waddachiisuun intalaa ofiitii fi hawaasa irratti miidhaa fiduu hin qaban. Mahrii waddachisuun wanti isaan argatan hin jiru. Intalli isaanii intala Nabiyyiiti olii miti.

2-Mahrii waddachisuun abbaa manaa irratti ba’aa hin dandeenye kan ta’u yoo ta’e, suni wanta balaalefatamuu fi jibbamaa ta’eedha
Hadiisa Abu Hureyraan gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) namticha Ansaara irraa dubartii takka fuudhe akkana jechuun gaafate, “Mahrii hangamiin ishii fuute?” Namtichis ni jedhe, “Uqiyyaa afurin.” Nabiyyiin (SAW) ni jedheen, “Uqiyyaa afuriin? Akka waan gaara kana cinaa meeta qottanii baastaniiti…Sahiih Muslim 1424

Kuni kan agarsiisu Ergamaan Rabbii (SAW) namoota harka qaleeyyi (hiyeeyyi) akkanaa irratti mahrii guddisuu akka jibbeedha.

3ffaa- Namtichi dureessa yoo ta’e, mahrii niiti isaa baay’isuu danda’a
Qur’aana keessatti mahriin dubartootaa jecha qinxaar jedhuunis dhufee jira. Qinxaar jechuun qabeenya baay’eedha. Kanaafu, namni dureessa ta’ee fi haalli isaaf laafte, dubartii fuudhu hedu saniif mahrii baay’ee kennu danda’a. Garuu dhibee naqarsaa yeroo ammaa ummata rukutaa jiru osoo of eeggatee isaaf wayya. Dhibeen kunis, “Na argaa (Ar-Riyaa) fi Dhaadannaa”. Na argaaf ykn na jajaaf konkolaataa bitee warra intalaati kenna. Wanti na argaaf ykn na jajaaf hojjatame hundee waan hin qabneef, fuudhaa heerumni akkanaa yoosu jiga.

Akkuma barruu, “Niiti akkamitti filatta? Kutaa 1ffaa” keessatti kaasne, namni yommuu fuudhaaf yaadu, niyyaan isaa Jaalala Rabbii Olta’aa argachuu fi ganda Aakhiraatti milkaa’uuf ta’uu qaba. Kanaafu, mahrii irraa jalqabuun hanga xumura fuudhaa heerumaatti Jaalala Rabbii fi ganda Aakhiraatti mindaa argachuuf yoo niyyate, jireenya fuudhaa heerumaa gaarii gaggeessa. Qabeenya baay’ee kan qabu yoo ta’ee fi mahrii baay’isee yoo kenne wanti isa dhoowwu hin jiru. Garuu niyyaan isaa murteessadha. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) na argaa fi na jajaa irraa yommuu nu dhoowwu akkana jedha:

8:47

Akka warroota boonaa, namootatti of agarsiisan ta’anii, karaa Rabbii irraas [namoota] dhoorgaa manneen isaanii keessaa bahanii hin ta’inaa. Rabbiin waan isaan dalagan marsaadha.” Suuratu Al-Anfaal 8:47

Kana jechuun akka namoota of tuulaa fi namoonni nu haa argan, nu haa jajan jedhanii manaa bahanii hin ta’inaa. Ammas niyyaan namoota kanaa karaa Rabbii irraa namoota dhoorgudha. Kanaafu, akka namoota kanniin hin ta’inaa.

1.6 Mahrii Eenyutu Fudhataa?
Mahriin haqa niititi. Eenyullee ishirraa fuudhatu hin danda’u. Sababni isaas, mahriin niitin abbaa manaa ishiitiif wal-qunnamtiif waan of dhiyeessiteef bakka bu’aa (kaasaa) ishiin fudhattuudha. Kanaafu, hayyamaa ishiitiin ala eenyullee hin fudhatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

4:4

Dubartootaaf mahrii isaanii kenniinsa jaalalaa ta’e kennaafi. Yoo isaan fedhii lubbuu isaaniitiin isa (mahrii) irraa isiniif kennan, gammachuu fi haala gaariin nyaadhaa (fudhaa).” Suuratu An-Nisaa 4:4
Kanaafu mahriin qabeenya niititi. Yoo barbaadde hunda isaa fudhatti. Yoo feete, cinaa warraaf kennu dandeessi. Ammas yoo feete muraasa isaa abbaa manaa ishiitiif deebisuu dandeessi.

Guduunfaa
☛Mahrii jechuun kennaa namni fuudhu hedu dubartii fuudhu barbaadu saniif kennuudha.
☛Mahrii kennuun dhiira irratti dirqama (waajiba). Yoo kennu dhiise, badii fi adabbitti kufa.
☛Mahriin qabeenya irraa wanta itti fayyadaman, gatii qabuu fi halaala kan ta’eedha. Fakkeenyaf, qarshii, faaya, uffata, lafa, horii fi kkf ta’uu danda’a.
☛Mahrii kan fuudhatu dubartiidha. Warrii ishii ykn namni biraa hayyama ishiitin ala fuudhachuu hin danda’u.
☛Hammi mahrii qabeenya nama fuudhaf deemu irratti hundaa’a. Qabeenya xiqqaa yoo qabaate, mahrii baay’ee kennuun isarra hin jiru. Hanga humni isaa danda’een kenna. Warri intalaas, mahrii baay’ee isa gaafachu hin qaban. Yoo nama qabeenya qabu ta’e immoo hanga lubbuun isaa feetu baay’isee kennu ni danda’a.
☛Mahrii waddachiisuun miidhaa baay’ee dargaggoota fi shamarran irraan gaha.


Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 160-166, Abu Maalik 
[1] Quest for Love and Mercy Fuula 72
Fiqhu Maysiir fii daw’il Kitaabi wa sunnati– fuula 301-302
[2] Jaami’a at-Tirmizii 1114

Gaa'ila Islaamaa.Lakk.8.3
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.8.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

Leave a Reply

  Subscribe  
Notify of