Isin Keessa Mallattootu Jira-kutaa 1ffaa

Offline dubbisuf

Alhamdulillah. Yeroo darbe waa’ee iimaanaa ilaalaa turreerra. Marsaa kana keessatti kan ilaallu Gooftummaa (Rububiyyah) fi Tokkichummaan gabbaramuu (Uluuhiyyah) Rabbiiti. Iimaanni qalbii keessatti hidda yoo qabate namni qajeelee dachii keessa adeema. Hundee iimaanaa keessaa inni guddaa fi jalqabaa qalbii keessatti lafa qabatuu qabu, Rabbii olta’aatti amanuudha. Hojiiwwan gaggaarin namni hojjatuu fi hundeewwan iimaanaa biroo Rabbiitti amanuu irratti kan hundaa’aniidha. Namni yoo Rabbitti hin amaniin hojii gaggaarii hanga fedhe yoo hojjate, suni bu’aa homaatu isaaf hin buusu.

Rabbitti amanuuf tooftaalee lama fayyadamna: 1ffaa- Kitaaba Inni buuse qo’achuu fi qorachuu. 2ffaa- wantoota Inni uumee itti xinxalluuni. Kanniin lamaan walitti fiduun Gooftummaa fi Tokkichummaa Rabbiitti akka amanan nama taasisa. Kanaafi, Qur’aana keessatti irra deddeebi’uun uumama samii, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiru kaasa. Uumamtoota kanniin keessaa kan Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) irra deddeebi’e kaase keessaa uumama ilma namaati. Uumamni ilma namaa uumama ajaa’ibaa gara Dandeetti Rabbii akeekudha. Garuu namoonni baay’een uumama ofiitiitti hin xinxallan. Kanaafi, Rabbiin Olta’aan akkana jechuun isaan waqqasa:

Namni abaarrame! Sila maaltu isa kafarsiisee?
[Rabbiin] waan akkamii irraa isa uumee?[hin xinxalluu?] ” Suuratu Abasa 80:17-18

Kanaafu, namni uumama ofii itti xinxalluun Rabbii isa uumeetti amanuu fi adabbii badaa jalaa bahuu danda’a. Garuu uumama ofii irraa garagalee fi Rabbitti kafaree fedhima lubbuu jala yoo fiige, dhumtii isaa garmalee badaadha. Sababni isaas, wanti Rabbii Tokkichatti nama kafarsiisu tokkollee hin jiru. Mallattooleen lakkoofsa hin qabne gara Rabbii olta’aa akeekan isaa fi addunyaa guutuu keessa jiru. Rabbiin ni jedha:

Dachii keessas warroota dhugaan amananiif mallatooleetu jira. Akkasumas, lubbuu keessan keessas, sila hin argitanuu?” Suuratu az-Zaariyaat 51:20-21

Dachii fi wantoonni dachii keessa jiran Guddinnaa, Dandeetti fi Tokkichummaa Khaaliqaa agarsiisu. Wantoonni kunniin hundii sirnaa fi tartiiba ofii eeggatan tasa ykn ofiin kan argamanii miiti. Khaaliqa wantoota kanniin argamsiisetu jira. Ammas, mallatoolee baay’etu nama keessa jira. Seeli xiqqoo irraa jalqabamee hanga qaama guutuu gahuutti tartiiba kan qabanii fi hojii mataa isaanii kan hojjataniidha. Eenyutu kutaalee qaamaa kanniin tartiibaa qabsiisee? Ofiin of qabsisuu danda’uu?

Uumama keenyatti xinxalluun dura ka’uumsi ilma namaa eessarraa akka ta’e ilaalun barbaachisaadha. Kana beekuuf ragaa dhugaa nu barbaachisa. Tiyoori irratti hundaa’un ilmi namaa dachii irratti akkanatti jalqabee jechuu hin dandeenyu. Tiyoori jechuun yaada tilmaamaa namni tokko lafa kaa’udha. Yaanni tilmaamaa kuni takkaa dhugaa ta’uu danda’a takkaa immoo kijiba ta’uu danda’a. Kanaafu, wanti nama shakkisuus akka ragaatti hin dhiyeefamu. Kanaafu, ka’uumsa ilma namaa ilaalchisee akka ragaatti kan dhiyeessun yaada ilma namaa osoo hin ta’in Kitaaba Rabbiiti. Sababni isaas, namoonni wanta darbee guutumaan guututti hin beekan. Rabbiin immoo wanta hundaa kan beekudha. Ammas, namoonni wanta darbee guutuu galmeessanii harkaa hin qaban. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Kitaaba buuse keessatti uumama ilma namaa jalqabaa fi dhaloota achi booda dhufan muraasa kaase jira. Kanaafu, ragaan amansiisaa fi dhugaan Kitaaba Rabbiin buuse jechuudha. Kanaan alatti ragaa tokko malee, “Ilmi namaa dachii irratti akkanatti jalqabee. Ilmi namaa jalqabaa akkana ture.” Jedhanii odeessun sammuu namaatti taphachuu fi namoota dhamaasu malee bu’aa homaatu hin qabu.

Amantiwwan Islaamaa, Kiristaanaa fi Yahuudaa namni jalqaba uumame Aadamin akka ta’e irratti wali galuu. Kuni dhugaa hin jijjiramne kitaabban samii bu’an keessatti dhufeedha. Akkasumas, aqliidhaan (sammuudhaan) wanta ta’uu qabuudha. Akkuma beeknu, wanti tokko yeroo jalqabaatiif yommuu argamu, firee tokkichatu oomishama. Ergasii fedhi namootaa fi haala gabaaya irratti hundaa’e baay’ifamee oomishama.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa guutuu osoo fedhe altokkotti uumuu danda’a. Garuu Inni kana hin feene. Kana irra, jalqaba nama tokko uumuun ergasi niiti nama kanaa uumuun suuta suutaan isaan lamaan irraa namoota baay’ee dachii keessa facaase. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

“[Rabbiin] wanta uumee hundaa kan tolchee fi uumama namaas suphee irraa kan jalqabeedha. Ergasii sanyii isaa bishaan dadhabaa baafamee irraa godhe.” Suuratu As-Sajdah 32:7-8

Aaya tana keessatti uumamni namaa akkamitti akka jalqabamee nutti hima. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala nama jalqabaa Aadamiin (Aleeyh salaam) suphee irraa uumee. Suphee jechuun makaa biyyee fi bishaaniti. Ergasii, sanyii Nabii Aadam bishaan dadhabaa irraa uumee. Bishaan kunis maniyyi (dhangala’oo saalaa) dhiiraa fi dubartiiti. Haala kanaan namoonni Aadam irraa jalqabuun addunyaa irratti faca’uu fi wal horuu itti fufan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Yaa namootaa! Gooftaa keessan Kan lubbuu takka irraa isin uume, ishii (lubbuu takkatti san) irraa cimdii ishee uumee fi isaan lamaan irraas dhiirotaa fi dubartoota baay’ee facaase sodaadha.” Suuratu An-Nisaa 4:1

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jalqaba Nabii Aadamiin ni uume. Ergasii isarraa niiti isaa Hawwaa ni uume. Isaan lamaan irraa dhiirotaa fi dubartoota baay’ee dachii keessa facaase. Kunis galma kan gahe sababa fuudhaa heerumaatini. Kanaafu, wanta Inni itti ajaju hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwu dhiisun Rabbii kana hunda hojjate sodaadhaa!

Kanaan alaatti “jireenyi ilma namaa dachii irratti akkanatti” jalqabamte, ykn ilmi namaa tasa argame jedhanii odeessun wanta sammuun namaa fudhatu miti. Wanti kitaaba barataa Bayloojii keessatti, “Jireenyi lubbu-qabeenyi dachii irratti kan jalqabde evolushiniin, spontaneous generation fi kan birootiin” jedhanii odeessan wanta ragaa hin qabnee fi karaa Rabbii irraa nama deebisuudha. Tiyoori kanniin kan lafa kaa’e filoosofota dhama’anii fi waa’ee Uumaa isaanii homaa hin beeknedha. Fakkeenyaf, Daarwin “Ilmi namni jaldeessa irra sirna tirannaatiin (evolushiniitiin) nama ta’e” jedha. Tiyoorin kuni tiyoori kijibaa fi ragaa kan hin qabne ta’uu mirkaneefamee jira. Kanaafu, namni filoosofii jaamaa kanarraa of eegu qaba. Filoosofonnii kunniin sammuu isaanii kamiin jireenyi dachii irratti akkamitti akka jalqabamee hubachuu danda’uu?

Yaada filoosofii irraa akka fagaatan kan nama taasisu biraa, yaanni isaanii kan walitti hin dhufne fi kan wal faallessudha. Mata-duree tokko irratti walii hin galan. Yaada wal dhayaa dhiyeessu. Ammas, yaanni isaanii guyyaa guyyaan ni jijjirama. Wanti isaan har’a akka dhugaatti fudhatan, boru soba ta’a. Garuu kitaaba Rabbiin buuse keessa wal faallessu fi jijjiramni wanti jedhamu hin jiru. Yeroo hundaa haqa hin jijjiramneedha. Wanti Kitaabni kuni dhiyeesus wanta sammuu fi uumama namaa waliin deemudha. Rabbiin Olta’aan ni jedha:

41:42

Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42

Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti hin dhufu. Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan bu’eefi.
Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2

Isin Keessa Mallattotu Jira-Kutaa 2
Tawhiida
Offline dubbisuf

Leave a Reply