Gaa’ila Islaamaa-Lakk.9.1

Offline dubbisuf

Cidha-Kutaa 1ffaa
Namoonni lamaan erga nikaah wal hidhatanii booda gammachuu isaanii guddaa kan itti ibsatanii fi niiti fi jaarsa waliif ta’uu kan itti labsan cidhaani. Sadarka sadarkaan waa’ee fuudhaa heerumaa erga ilaalle booda kunoo Alhamdulillah cidha nama hundaafu gammachu ta’u irra geenyee jirra. Jireenya namaa keessatti karaa namoonni itti wal qunnamanii fi wal gammachiisan cidhaani. Mushurrittiin (misirroon) uffattaan faayyamu, dhiirris faayamuun, inuma faradoonni ykn konkolaataan ababoon ykn halluu bareedan faayamuun wanta namatti toluudha.

Cidha keessatti dubartoonni dibbee dhayuu fi weeddu hin dhoowwamne weeddisuun wanta hayyamameedha. Hadiisa Muhammad bin Haaxib Jumahiyy gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
‏ فَصْلُ مَا بَيْنَ الْحَرَامِ وَالْحَلاَلِ الدُّفُّ وَالصَّوْتُ ‏”‏“
Adda baasaan haraamaa fi halaala jidduu jiru dibbee fi sagaleedha
.” Jaami’a At-Tirmizii 1088

Kana jechuun sagaagalummaa haraamaa ta’ee fi nikaaha halaala ta’e kan addaan baasu dibbee dhayuu fi sagaleeni. Kuni kan agarsiisuu nikaaha ykn fuudhaa heeruma dibbee dhayuu fi weeddu hayyamamaan labsuudha.

Asitti dibbee fi weeddu yommuu jedhu xiyyeefannoon guddaan itti kennamu qaba. Weeddun asitti hayyamame weeddu jechoota gaarii of keessaa qabuu fi jechoota badaa gara baditti nama kakaasan kan of keessaa hin qabneedha. Weeddun dubartoonni jedhan miidhaginna dubartii kan ibsuu fi baditti kan nama kakaasu yoo ta’e, suni dhoowwamaadha. Fakkeenyaf, Muuziqaan yeroo ammaa miidhaginna dubartii faarsun gara baditti nama kakaasa. Hundemaa muuziqaan Islaamaa keessatti dhoowwadha. Kanaafu, yeroo cidhaa meeshaa muuziqaa fayyadamuu fi dhiiraa fi dhalaan walitti makamuun sirbuun wanta Islaamni dhoowwu fi balaalefatuudha. Aadaa nama gaddisiisu tokko hawaasa keenya keessatti ni argina. Namni tokko fuudhuu yoo barbaade, guyyaa kudha shan dursee iddoo sirbaa dhiyeessa. Ergasii dhiiraa fi dhalaan walitti dhufuun sirbaa bulu. Badii isaan achitti hojjatan Rabbumatu beeka. Kanaafu, namni aadaa akkanaa irraa fagaachu qaba.

Eeti, cidha keessa akkuma gammachuun jiru gaddis ni jira. Cidhni mataan isaa gaddaa miti. Garuu gaddaa fi haala jibbisiisaa kan godhu gochoota namootatti. Namoonni waan gaarii shari’aan itti ajajee yoo hojjatanii fi waan badaa irraa dhoowwe yoo dhiisan, cidhni isaanii kan gammachuu ta’a. Faallaa kanaa, yoo isaan waan badaa raawwatan, ciidhni cidha gaddaa ta’a. Wantoota badaa yeroo cidhaa raawwataman mee muraasa isaanii haa ilaallu:

1-Halkan Cidhaa Mushurraan gara mana Rifeensaa deemuu

Dubartiin yommuu cidhaaf qophooftu rifeensa ofii totolfachuuf ykn tokkofachuuf jettee gara mana rifeensa deemti. Achi erga geesse mataa ishiitti kan taphatu dhiiraa ajnabiyyaa (nyaaphaa) ta’uu danda’a. Kuni dhugumatti wanta badaa dubartiin Musliimaa irraa dheessu qabduudha. 1ffaa- mataa ishii akka ishiif tokkosu dhiira alagaa (ajnabiyyaah) jala taa’uun dogongora guddaa fi kabaja ishii kan jalaa hatuudha. 2ffaa- Namni kuni haala ishii yoo beeke, wanta badaa akka raawwattu ishii dirqiisisuu danda’a. Seenaan armaan gadii dhugaa kana ifatti baasa:

Gaazexaan Akbaarul Yawm jedhu seenaa armaan gadii 23/05/1992 keessa dubbistootaaf dhiyeesse ture. Seenaa kana gabaabsun haala armaan gadiitin haa ilaallu:

Shamarri umriin ishii waggaa 14 taate mana rifeensa dubartii deemun rifeensa sirreefachu barbaadde. Akka ishiif hayyamtu haadha irra deddeebite kadhatte. Dhumarratti haatis ni hayyamteef. Shamarri tuni gammachuun gara mana rifeensaa fiigde. Mana rifeensaa kana keessa horofaan dubartootaa ni jira. Kanaafu, eegu qabdi. Mana kana keessa kan hojjatu dhiira. Akkuma shamarri tuni ol seenten dhiirri kuni ija itti bobaasu jalqabe. Akkuma sa’aatin darbuun dubartoonni dhufan rifeensa isaanii tokkofatanii yaa’u jalqaban. Ergasii dhumarratti shamarri tuni hafte. Dhiirri kuni shamara tanatti wanta hojjachuuf yaadaa ture hojii irra oolchuf qophaa’e. Balbala ni cufe. Shamarri tunis, “Maal gochuu keeti?” jechuun rifannaan itti iyyite. Innis ishii waliin qabsaa’u jalqabe. Ishiinis akka taate taate balbala bantee isa jalaa ni baate. Garuu yommuu mana galtu kutaa ishii keessa seenun garmalee bootte. Sababni isaas, inni ishii dhungatee jira. Akkasumas, rifeensa ofii hin sirreefanne. Guyyaa itti aanu osoo mana barnootaati baatu, dhiira kana argite.. Konkolaataa harkaa qabaa ture. “Konkolaataa kana yaabbadhu” jedheen. Ishiinis, dallansuun, “Hin ta’u” jetteen. Innis“Yoo didde dhungachuu yeroo darbe si dhungadhe abbaa keetitti hima.” Jedheen. Ishiinis wanta gootu yommuu wallaaltu, konkolaataa keessa ni seente. Isa waliin ni deemte. Qabsoon isa waliin yeroo dheeraaf hin turre…..

Ji’oonni ni darban. Guyyaa tokko osoo mana barnootaa keessa jirtu ni gaggabde. Ergasii gara mana yaalaa geessan. Yommuu qoratanu, “Mucayyoon ulfa.” Jedhan. Ergasii, dhiirri armaan olii waan badaa ishitti hojjate ni qabame. Murtiidhaan akka isatti heerumtu taasifamte. Garuu inni ijoolle qaba. Ji’a muraasa erga isa waliin turte booda, gadi ishii fure. Ishiinis gammaduun gara mana warra ishii deemte. Yommuu gara manaatti dhiyaattu, dukkaanaa dhaabbamee fi dubartoota uffata gurraacha uffatan argite. Yommuu achi geessu tan duute haadha ishii akka taate ni beekte. Sababni itti duuteef osoo intala ishii irratti gaddituudha.[1]  
Kanaafu, gara badii deemun maatii diiga, nama ajjeesa.

2-Dubartoonni awraa dubartii heerumu hedduu ilaalu– dubartoonni alagaa dhufuun dubartii heerumu heddu cidhaaf qopheessina jechuun awraa (qaama dhoksaa) ishii ilaalu. Kuni dogongoraa fi wanta dhoowwameedha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Dhiirri tokko awraa dhiira biraa hin ilaalin, dubartiinis awraa dubartii biraa hin ilaalin.” Sahiih Muslim 338 Awraa jechuun qaama haguuggamuu qabuu fi namni biraa ilaalu hin dandeenyedha. Kan akka qaama hormaataa.

3-Cidha Hoteela dhiiraa fi dubartiin walitti makamanitti gaggeessuu fi badii achitti raawwatamu keessatti argamuu- Namoonni na argaaf jecha cidha hoteelatti gaggeessu. Kuni miidhaa fi badii baay’ee qaba. 1ffaa- qabeenya bakka hin taanetti israafa gochuu (qisaasessuu). Qabeenya qisasessuun immoo haraama. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Firaaf, harka qalleeyyii fi kara deemaafis haqa isaa kennif. Qisaasessu hin qisaasessin.
Dhugumatti warri qisaasessan obboleeyyan sheyxaanaati. Sheyxaanniis Gooftaa isaatti akkaan kafaraadha.” Suuratu Al-Isra 17:26-27

2ffaa- weellistoota fiduun ykn kaasetti isaanii banuun, muuziqa haraamaa dhageefachu. Kan kana caalee immoo dhiiraa fi dubartiin achitti walitti makamuudha. Cidhni haala kanaan gaggeefame cidha barakaa hin qabne ta’a.

4-Dubartoonni sirbuuf ka’uu- bakka dhiironni alagaa jiranatti dubartoonni sirbuuf ka’uun wanta garmalee badaa baditti nama geessudha. Sababni isaas, dhiirri dubartii achitti sirbitu ilaalun ishiin qorama. Ergasii baditti tara. Akkasumas, bakka dhiiroonni hin jirreetti sirbuun kan dhoowwamu qabuudha. Sababni isaas, dubartiin takka dubartii sirbitu yommuu argite galgala galuun abbaa warraa ishiitti himu dandeessi. Ergasii, namtichi kuni ishiin qorama. Kuni hundi badii guddaadha.
Dubartii qofaa miti, inumaa dhiiraa fi dubartiin walitti makamuun bakka tokkotti sirbu. Dhugumatti kuni badii badaa dhoowwamuu fi irraa fagaatamuu qabuudha.

5- Cidha Kaameraan waraabu fi kaasu

Yeroo cidhaa kaameraan suuraa kaasu fi sagaleen waraabun badii guddaa kan fiduudha. Sababni isaas, dubartoonni of faayan achi keessa seenu. Ergasii namni faasiqni (namni Rabbiif hin ajajamne) suuraa isaanii yeroo hundaa ilaalun itti taphata. Inuma namoota keessa facaasun kabaja isaanii irraa mulquu danda’a. Ammas, suuraa warroota wal fuudhanii waraabun badii guddaa jireenya isaanii irratti fida. Inumaa suuraa cidha isaanii waraabun fesbuuki fi soshaal miidiyaa biraa irratti fe’u. Ergasii suuraa isaanititti namnummaan arge itti taphata. Obboleeyyan kana godhan gocha akkanaa irraa osoo of qusatanii isaniif wayya. Boodarra kan miidhamu isaanuma. Namni suuraa kana ilaalu, haadha manaa isaatti waan badaa yaadun karaa isaa fi ishii addaan baasu barbaada. Kanaafi, guyyaa guyyaan lakkoofsi namoota sababa fesbuukitiin wal hiikanii dabalaa jira.

Carraan badaan Ma’asiya (Badii) kunoo akkana ta’a
Dhugaan ni beekna, Rabbiif ajajamuun amantii fi addunyaa namtichaatti keeyrii itti lolaasa. Ma’asiyaan (badiin) immoo duniyaa fi aakhiraa namtichaa jalaa balleessa. Kunoo dubartiin tuni akkamitti ma’asiyaan addaan bahiinsa dhiirsa ishitirraa sababa ta’ee nuuf himti. Obboleettin tuni akkana jetti:
Affeerraa cidhaa garmalee jaalladhaa ture. Abbaan manaa kiyya nama amantii jabeessudha. Garuu yeroo baay’ee affeerraa cidhaatti makamuu irraa na hin akeekachisu ture. Yommuu dubartoonni cidhaaf walitti qabaman hijaaba kiyya ofirraa baase sirbaaf isaan waliin hirmaadha. Ani dubartii miidhagdudha. Halkan kana akka dubartoonni ‘Tuni dubartii bareeddudha.’ jedhaniif isaan dhageessisu fedhe. Keessi kiyya of dhaadannaan guuttame. Abbaan manaa kiyya yommuu manaa bahuu hijaaba akka ofirraa hin baasne yeroo hundaa na gorsaa ture. Hadiisa Ergamaa Rabbii (SAW) kana na yaadachiisaa ture,“Dubartiin tamiyyuu uffata ishii mana dhiirsa ishiitin alatti ofirraa baaste girdoo ishii fi Gooftaa ishii jidduu jiru tarsaaste.” (Abu Daawud, Tirmizii fi Ibn Maajah gabaasan)

Guyyaa tokko abbaan manaa kiyya gara biyya tokkoo deeme. Biyya kana keessatti gareen namootaa hojiif ergaman keessaa dargaggoonni lama shamarran biyya tanaa keessaa tamtu irra bareeddu akka taate irratti wal mormuu eegalan. Isaan keessaa tokko olka’ee, waraabbi vidiyoo ganda kiyya keessaa dhoksaan bite itti agarsiise. Vidiyoo kana keessatti dubartii affeerraa cidhaa irratti sirbitutu jira. Abbaan manaa kiyya tasa anaa sirbuu arge. Namoonni hojiif ergaman kunniin bareedinna kiyya irratti lafa dhiitu (taphachuu) eegalan. Abbaan manaa kiyya of too’achuu hin dandeenye dallansuun achii bahuu malee. Diida (imala) kana irraa erga deebi’ee booda dirreen lolaa anaa fi isa jidduu wal-hiikkan kan xumurame ni hoo’e. Ani amma dubartii azzabamaa (adabamaa), gaabbaa fi gaddaa jirtuudha. Cubbuun bakka hundatti na adamsite (na ariite).”[1]

Kanaafu, iddoo cidhaatti sirbuun miidhaa baay’ee namarraan gaha. Ammas, vidiyoo fi suuraa waraabun badii guddaaf nama saaxila. Kunoo dubartiin tuni sababa kanaan abbaa manaa fi ijoollee ishii dhabde.

6-Yeroo cidhaa nyaata qisaasessuu- dubartoonni nyaata baay’ee qopheessun midhaan qisaasessu. Hiyyeessi wanta garaa ofiitti nyaatu dhaba. Warroonni kunniin immoo nyaata baay’ee qopheessun balfa (qoshaashatti) darbu. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Nyaadhaa dhugaa, daangaas hin darbinaa (hin qisaasessina). Dhugumatti, Inni (Rabbiin) daangaa darbitoota (warra qisaasessan) hin jaallatu.” Suuratu al-A’araaf 7:3
Yeroo cidhaas ta’e yeroo biraa namni nyaata warra waamamaniif gahu qofa qopheessu qaba.

7-Mushurraan salaata dhiisu- waaree booda irraa jalqabuun mushurraan cidhaaf qophoofti. Osoo of faaytu tarii salaata dhiisti. Kuni haraamaa. Salaata dhiisun gonkumaa ishii irra hin jiru.


Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 179-181, Abu Maalik 
[1] Az-zawaajul Islaamiyy Sa’iid,Mahmud Masrii, fuula 409-411, 422-423

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.9.2
Gaa'ila Islaamaa.Lakk.8.3
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply