Gaa’ila Islaamaa-Lakk.9.2

Offline dubbisuf

Cidha-Kutaa 2ffaa
Kutaa darbe keessatti cidhni karaa gammachuu fi fuudhaa heeruma itti labsan akka ta’e ilaalle turre. Yeroo cidhaa namoonni bakka adda addaatti walitti qabamuun dallaa cidhaa bareechisu. Warroonni wal fuudhanis gammachuu guddaatu guyyaa cidhaa kana itti dhagahama. Kutaa darbe keessatti badii fi dogongora yeroo cidhaa raawwataman ilaalle jira. Har’a immoo wantoota gaggaarii yeroo cidhaa raawwataman ilaalla.

1.Waliimah (Affeerraa Cidhaa-Diggisii)

Waliimah jechuun nyaata yeroo cidhaa qophaa’udha. Yeroo cidhaa hanga humni ofii danda’een nyaata gaarii qopheessun wanta shari’aa fi aadaan itti kakaasudha. Ergamaan Rabbii (SAW) yeroo fuudhu waliimah gochaa ture. Sahaabota isaas itti kakaasaa ture.

Anas bin Maalik akkana jedha: Abdurahmaan bin Awf mallattoo sufrah (shittoo boora) kan ofirraa qabu ta’ee gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufe. Ergamaan Rabbiis (SAW) waa’ee mallattoo kanaa isa gaafatan. Abdurahmaanis Ansaara irraa dubartii takka akka fuudhe itti hime. Ergamaan Rabbis (SAW) ni jedhan, “Mahrii hangam ishiif kennitee?” Innis ni jedhe, “Warqii hanga firii timiraa geessu kenneef.” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Osoo hoolaa takkallee taate affeerraa cidhaa (diggisii) godhi.” Sahiih Al-Bukhaari 5153

Akka aadaatti affeerran cidhaa yeroo baay’ee kan gaggeefamu nikaah booda. Shari’aanis affeerraan cidhaa nikaah booda akka ta’u ni mirkaneessa. Gosti nyaataa qophaa’u dandeetti abbaa irratti hundaa’a. Hoola yoo danda’e hoola qaluu, horii qaluu kan danda’u yoo ta’e horii qaluu danda’a. Wanti haraama ta’e keessatti hin argaminii malee wanta halaala ta’e kamiyyuu yeroo cidhaa qopheessun ni danda’ama. Garuu akkuma yeroo darbe jenne nyaata baay’ee qopheessun qisaasessuun namarra hin jiru.

1.1 Namoota Cidhatti affeeru (waamu)
Hiyeeyyi ta’i dureeyyi namoota gaggaarii gara cidhaa affeerun ni jaallatama. Firoota, hiriyyoota isaa fi namoota gaggaarii beeku affeeru danda’a. Namoota hiyeeyyi dhiisanii dureeyyi qofa waamun adeemsa sirrii miti. Kana irra, hiyeeyyis itti makuun isaaf jaallatamaadha. Abu Hureyraan akkana jedha:
Nyaanni badaan nyaata waliimati. Kan dureeyyin itti waamamanii hiyyeeyyin itti dhiifaman. Namni waamicha dide, Rabbii fi Ergama Isaa (SAW) faallesse.”  Sahiih Al-Bukhaari 5177

1.2 Affeerraa Cidhaatiif Awwaachuu
Namni tokko yommuu cidhaaf waamamu, waamicha kanaaf deebii kennuun isa irratti dirqama yoo uzrii (rakkoo) qabaate malee. Abdullah ibn Umar akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
إِذَا دُعِيَ أَحَدُكُمْ إِلَى الْوَلِيمَةِ فَلْيَأْتِهَا
Tokkoon keessan yeroo gara affeerraa cidhaa waamame, haa dhufu.Sahiih Al-Bukhaari 5173
Haaluma kanaan dubartiinis yommuu gara affeerraa cidhaa waamamtu dhufu qabdi, wanti badaan achitti kan raawwatamu yoo ta’e malee. Kan akka dhiiraa fi dubartiin walitti makamuu, kophaa waliin ta’uu fi kkf. Yoo wantoonni akkana raawwataman dhaquu hin qabdu.

Faaydaa: Namni osoo soomu gara affeerraa cidhaatti waamame, affeerra ni dhufa. Erga achi gahee filannoo lama qaba. Tokkoffaa, soomni sooma waajiba (dirqama) yoo hin ta’in sooma hiikun isaan waliin nyaachu danda’a. Lammaffaa “Lakki sooma hiiku hin barbaadu” yoo jedhe, sooma itti fufuun isaaniif du’aayi gochuu danda’a.

1.3 Affeerraa Cidhaa irratti argamuu yeroo kam dhiisanii?
Akkuma irranatti jenne namni cidhaaf waamame cidha irratti argamuun dirqama. Garuu kuni dirqama kan ta’uu uzriin (sababni) cidharratti argamu irraa nama dhoowwu yoo hin jiraannedha. Uzrii (sababoota) cidharratti akka hin argamne nama taasisan keessaa:

1-Wanti jibbamaa fi dhoowwamaan bakka cidhaatti kan raawwatamu yoo ta’e– bakka cidhaa sanitti wanti dhoowwamaan akka khamrii (alkooli), muuziqaa fi kkf kan argamu yoo ta’e, namni achi dhaquun isaaf hin hayyamamu. Haa ta’uu malee wantoota kanniin balaalefachuu fi deemsisuuf yoo ta’e, argamuu danda’a. Garuu kana gochuu kan hin dandeenye yoo ta’e, deebi’u qaba. Ragaan kanaa hadiisa Aliyyiiti. Aliyy akkana jedha: “Ani nyaata qopheessee Ergamaa Rabbii (SAW) nan waame. Innis ni dhufe. Mana keessatti suuraa arge. Ergasii duubatti deebi’e. [Anis ni jedhe, Yaa Ergamaa Rabbii! Maaltu duubatti si deebisee? Innis ni jedhe, “Mana keessa haguuggi suuraa ofirraa qabutu jira. Dhugumatti Malaaykonni mana suuraan keessa jiru hin seenan.”” Sunan ibn Maajah 3359 fi Abu Ya’alaa 436

2- Namni cidhatti nama waamu hiyyeeyyi dhiisee dureeyyi qofa kan waamu yoo ta’e– namtichi cidhatti nama waamu hiyyeeyi dhiisun dureeyyi qofa kan waamu yoo ta’e, cidha irratti argamuun hin barbaachisu.
3-namni nama affeeru nama haraama nyaachu irraa of hin qabnee fi wantoota shakkisiisatti kan taru yoo ta’e, affeerraa isaa irratti argamuun hin barbaachisu.

Haaluma kanaan namni uzrii shari’aa qabu, affeera cidhaa irratti argamuun dirqamaa miti. Fakeenyaf, roobni cimaan roobu, diina sodaachu fi kkf.

2. Mushurrootaa Eebbisuu fi Du’aayi gochuufi

Dhiira fi dubartiin jireenya haarawa waliin jalqabaa jiran kunniin eebbaa fi du’aayi isaan barbaachisa. Jechoota gaggaarin isaan gammachiisuun wanta baratameedha. Tarii jechoonni namoonni jedhan hundi nama hundaaf gaarii miti. Kanaafu, jecha wali gala fi bareedaa ta’e sunnaah irraa ni fudhanna. Abu Hureeyraan akkana jechuun gabaase: namni tokko yommuu fuudhu Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jechuun gammachisu (eebbisu):
بَارَكَ اللَّهُ لَكُمْ وَبَارَكَ عَلَيْكُمْ وَجَمَعَ بَيْنَكُمَا فِي خَيْرٍ

Baarakallahu lakum wa baaraka aleykum wajama’a beynakumaa fii kheyr.
Rabbiin barakaa isiniif haa godhu, isin irratti barakaa haa buusu. Kheeyri keessatti isin lamaan walitti haa qabu.Sunan Ibn Maajah 1905

Aa’ishaan akkana jechuun gabaaste: Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) na fuudhan, haati tiyya dhufuun mana na seensifte. Yommuu seenu dubartoonni Ansaaraa mana keessa jiru. Dubartoonni kunniinis akkana jedhan, “Keeyrii fi barakaa irratti ta’i, milkii gaarii qabaadhu.” Sahiih Al-Bukhaari 5156

3. Mushurrootaaf Kennaa Kennuu

Namoota haarawaa wal fuudhan kanniiniif kennaa kennuun wanta jaallatamuudha. Yommuu kennaa kennan qajeelfamoota armaan gadi hordofuun gaariidha.
A-Garmalee baay’essuun (qisaasessuu) fi na argaaf kennamu hin qabu. Kana irra madaala isaa kan eeggatee fi jaalalaaf kennamu qaba.
B-Akka dirqama ta’etti ilaallamu hin qabu. Kutaa tokko qopheessun namoonni achitti argaman kennaa akka kennaan dirqisiisuun hin barbaachisu. Kennaan kuni fedhii irratti kan hundaa’e ta’uu qaba.
C-Kennaan kennamu Islaama keessatti kan hayyamame ta’uu qaba. Wantoota akka siidaa (boca xiqqaa lubbu-qabeenyi), meeshaalee muuziqaa fi wantoota dhoowwaman biroo ta’uu hin qabu.

4-Naamusa Halkan Cidhaa

Adaboonni ykn naamusoonni armaan gadii naamusa mushurronni lamaan halkan cidhaa yommuu walitti seenan hordofuu qabaniidha.
1-Abbaan manaa mushurraa isaa nageenya gaafachu (salaama ishii irratti qara’uu)– abbaan manaa yommuu haadha warraa isaa irratti seenu nageenya ishii gaafachuun wanta sodaa fi dhiphinna ishii irraa oofudha.

2-Dhugaati ykn wanta mi’aawaa ishiitti dhiyeessun ishiif mararfachuu– Asmaa’in bint Yaziid (radiyallahu anhaa) akkana jetti: Ani Aa’ishaa Ergamaa Rabbiitiif (SAW) nan faaye. Anis gara keessaa akka seenu isa nan waame. Innis dhufuun cinaa ishii taa’e. Qabeen aannanii isatti fidame. Innis irraa dhuguun gara Aa’ishaa dabarse. Ishiinis saalfachuun mataa gadi qabatte. Asmaa’a ni jetteen, “Harka Ergamaa Rabbii (SAW) irraa fudhu. Ishiinis fudhattee ni dhugde…” (Ahmadtu gabaase, 6/452)

3-Harka ofii mataa ishii irra kaa’un du’aayi ishiif gochuu. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana waan jedhaniif: Tokkoon keessan yommuu dubartii fuudhu yookiin nama isa tajaajilu bitu, akkana haa jedhu:
اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ خَيْرَهَا وَخَيْرَ مَا جَبَلْتَهَا عَلَيْهِ وَأَعُوذُ بِكَ مِنْ شَرِّهَا وَمِنْ شَرِّ مَا جَبَلْتَهَا عَلَيْهِ

Allahumma innii as’aluka kheyrahaa wa kheyra maa jabaltahaa aleyhi, wa a’uuzu bika min sharrihaa wa min sharri maa jabaltahaa aleyhi
“Yaa Rabbii! Kheeyri ishii keessa jiruu fi keeyri ishiin akka itti dabdu taasiste si kadha. Sharrii ishii keessa jiruu fi sharrii ishiin akka itti dabdu taasiste irraa siin tiikfama.” Sunan Abu Daawd 2160, Sunan Ibn Maajah 2252

4-Ishii waliin raka’aa lama salaatu-
Abu Sa’iid akkana jedha: “Ani gabra ta’ee osoo jiru nan fuudhe. Sahaabota Nabiyyii (SAW) irraa namoota garii nan waame. Isaan keessa Ibn Mas’uud, Abu Zarr fi Huzeeyfaatu ture. Yommuu salaataaf iqaamaan godhamu, Abu Zarr salaachisuuf gara fuunduraa bahe. Garuu isaan ni jedhan, “Dhaabbadhu”, Abu Zarris, “[Dubbiin] akkasii?” jedhe. Isaanis ni jedhan, “Eeyyen.” Abu Sa’iid ni jedha, “Ani gabricha haa ta’uu malee gara fuunduraatti bahuun isaan salaachise. Salaata booda isaanis akkana jechuun na barsiisan: Yommuu haati manaa tee sitti dhuftu, raka’aa lama ishii waliin salaati. Ergasii, wanta gaarii ishii Rabbiin akka siif kennuu fi wanta badaa irraa akka si tiiksu kadhadhu. San booda dhimmichi sii fi haadha manaa keetitti hafe.” (Albaanin Adaabu Zifaaf fuula 94 keessatti ibn Abi Shaybah akka gabaasetti eere jira.)

5-Gara ishii dhufuun dura rigaa rigachuun isaaf jaallatamaadha. Afaan ofii qulqulleessu fi fooli badaa deemsisuuf rigaa rigachuun wanta garmalee jaallatamaa ta’eedha. Kuni isaan lamaan jidduutti jaalalli akka itti fufu taasisa. Shurayh akkana jedha: Ani Aa’ishaa akkana jechuun gaafadhe, “Ergamaan Rabbii (SAW) yommuu mana isaa seenu, wanti jalqabaa hojjatu maaliidhaa? Ishiinis ni jette, “Rigaa rigachuuni.” Sahiih Muslim 253

Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 182-186, Abu Maalik 
Quest for Love and Mercy Fuula 94 

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.9.3
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.9.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply