Gaa’ila Islaamaa-Lakk.9.3

Offline dubbisuf

Cidha-Kutaa 3ffaa
Kutaa darbe keessatti wantoota yeroo cidhaa raawwataman ilaalle turre. Guyyaan cidhaa guyyaa gammachuu misiroonni lamaan walitti dhufaniidha. Jireenya isaanii keessatti gammachuu guddaa guyyaa itti dabarsaniidha. Garuu guyyaa cidhaa kana sirnaa fi seera isaa yoo hin eegin gammachuun gara gaddaatti jijjiramu danda’a. Kanaafu, namni cidhaaf qophaa’u wanta gaarii hojjatamuu fi wanta badaa hojjatamu hin qabne dursee saganteessu qaba. Misiroonni (warroonni wal fuudhan) lamaan guyyaa cidharra erga oolanii booda galgala walitti dhufu. Kanaafu, yommuu walitti dhufan adeemsi hordofamu qabu ni jira. Baay’een keessan dargaggoota hin fuunee fi shamarran hin heerumneedha. Yeroo fitnaan baay’ate kanatti waa’ee wal qunnamti dhiiraa fi dubartii haala ibiddi fedhii qabsiisuun haasawanii fitnaatti nama harkisuun wanta barbaachisu miti. Garuu namni jireenya keessatti fuudhun isaa ykn heerumuun ishii waan hin oollef naamusa walitti dhufaniin beekun dirqama. Naamusa kanniin keessaa ijoo kan ta’an haa ilaallu:

Adaba (Naamusa) Wal-Qunnamtii

Dhiirri yeroo jalqabaatiif yommuu haadha manaa isaatti dabalamu of eeggannoo guddaa isa barbaachisa. Wanta ishii miidhu raawwachuu irraa of eegu qaba. Naamusota armaan gadii hordofuun rakkoo keessa akka isaan hin galchine taasisa:

1-Haadha warraatti yommuu dabalamuu ykn waliin wal qunnamtii raawwatu du’aayi armaan gadi gochuu.
بِاسْمِ اللَّهِ، اللَّهُمَّ جَنِّبْنَا الشَّيْطَانَ، وَجَنِّبِ الشَّيْطَانَ مَا رَزَقْتَنَا

Bismillah, Allahumma jannibna-sheyxaana wa jannibi-sheyxaana maa razaqtanaa
Hiika Jechootaa: Bismillah-maqaa Rabbiitiin, Allahumma-Yaa Rabbii, jannibna-nu tiiksi, jannibi-eegi, maa-wanta, razaqtanaa-nuuf kennite
Hiika himaa: “Maqaa Rabbiitiin [jalqaba], Yaa Rabbii! Sheyxaana irraa nu tiiksi. Wanta nuuf kennitu irraas sheyxaana eegi.” Sahiih Muslim 1434, Sahiih Al-Bukhaari 6388

Sababni du’aayin kuni akka godhamu ajajameef, namni dhugaan amanee du’aayi tana yoo godhe, sheyxaanni ilma isaa hin miidhu. Namni hundu ilma gaarii fi qajeelaa barbaada. Ilmi akka jallatu fi nama badaa akka ta’uu sababa taasisu keessaa tokko sheyxaana. Kanaafu, du’aayi tana gochuun ilmi sheyxaana irraa akka tiikfamu carraaqun ni danda’ama. Dhugumatti haati Mariyam akkana jechuun du’aayi akka goote Qur’aanni nuuf hima:

Ani “Mariyam” jechuun maqaa baasef. Ani sheyxaana abaarrame irraa ishii fi sanyii ishii Siinan tiiksa.” Suuratu Aali-Imraan 3:36

Kana jechuun yaa Rabbii! Mariyamii fi sanyii ishii sheyxaana abaarrame irraa tiiksi.
Rabbiinis du’aayi ishii irraa qeebalun Mariyamii fi ilma ishii Iisaa sheyxaana irraa ni tiikse. Isaan lamaan gabroota Rabbii gaggaarii turan. Kanaafu, namni sanyiin isaa sanyii gaarii akka taatuf hawwu du’aayi gochu qaba.

2-Dhiirri haadha warraa isaa waliin kan wal-qunnamu gara qaama hormaataatiin. Karaa taa’atiin qunnamuun haraamaa fi badii guddaadha.

3-Yeroo haati warraa heeydi (laguu) qabaattu, ishii waliin wal qunnamtii saalaa raawwachuun haraamaa fi badii guddaadha. Garuu wal-qunnamtii saalaatiin ala ishii waliin wanta biraa raawwachu danda’a. Qur’aana keessatti:

2:222

Dhiiga laguu (heydii) irraas si gaafatu. Jedhi,“Inni azaadha (rakkisaadha), kanaafu yeroo laguu dubartoota irraa fagaadhaa.” Hanga isaan qulqullaa’anitti isaanitti hin dhiyaatinaa. Yeroo isaan of qulqulleessan, gara Rabbiin isin ajajeen isaan bira dhaqaa. Dhugumatti, Rabbiin warra baay’isanii tawbatanii fi of-qulqulleessan ni jaallata.” Suuratu Al-Baqarah 2:222

Warri Jaahiliyyah, Yahuudaa fi majuusaan dubartiin yommuu heeydi (laguu) argitu, ishii waliin mana tokko keessa hin jiraatan, ishii waliin hin nyaatan, hin dhugan. Inuma hanga ammaattu, biyya Nepaal jedhamtu keessatti, warroonni amanti Hindu hordofan dubartii yommuu heeydi argitu manaa baasun waxxee xiqqoo keessa akka jiraattu taasisu. Kuni cunqursaadha. Faallaa kanaa, namoonni yeroo laguu dubartii waliin wal qunnamti raawwatan ni jiru. Kuni immoo dubartii miidhudha. Kanaafu, Islaamni karaa madaallamaa hordofuun yeroo heeydi walitti dhufeenya dubartii waliin qaban naamusa lafa kaa’e.

Heydiin azaadha (rakkisaadha), kanaafu yeroo laguu dubartoota irraa fagaadhaa.” Yeroo heydii dubartoota irraa fagaadha” yommuu jedhu “mana keessatti waliin hin jiraatina, waliin hin nyaatinaa, hin dhuginaa” jechuu miti. Kana irra, iddoo dhiigni heeydi dhangala’u irraa fagaadhaa. Sunis qaama wal-hormaatati. Wal-qunnamti saalaa hin raawwatinii malee ishii waliin wanta biraa raawwachun ni danda’ama. (Ilaali Sunan ibn Maajah 644) Yeroo heeydi wal-qunnamti saalaa irraa kan fagaatan hanga dhiigni addaan cituu fi dubartiin nafa dhiqachuun of qulqulleessituudha. Dhiigni laguu erga addaan citee qaama dhiqachuun yoo ishiin of qulqulleessite, ishii waliin abbaan manaa fedhii fooni raawwachuu ni danda’a.

Gaafin akkana jedhu ka’uu danda’a: “Osoo halkan cidhaa dhiigni heeydi (laguu) dhufee akkam godhan?” Deebiin isaa, yeroo kanatti wal qunnamuun haraama waan ta’eef abbaan manaa filannoo kanniin qaba. 1ffaa- obsuu kan danda’u yoo ta’ee ishii waliin jiraachu danda’a. 2ffaa- Obsuu kan hin dandeenye yoo ta’e, ishii gara mana warraatti deebisuun hanga heeydi irraa qulqullooftu eegu qaba. Ishiinis yoo heeydin itti dhufe, “Uzrii qaba” jechuun dubbachuu qabdi. Boodarra kan miidhamu ishii fi abbaa warraa ishii waan ta’eef. Yeroo heeydi dubartii waliin wal-qunnamti saalaa raawwachuun dhibee fi rakkoo adda addaa akka fidu ogeeyyin fayyaa ni mirkaneessu. Kanaafu, akkuma Qur’aanni itti ajaje, wal qunnamti saalaa raawwachu irraa fagaachu barbaachisa.

4-Namni wal-qunnamti haadha warraa waliin yoo raawwate, isaa fi ishiin Junuba ta’u. Namni junuba yoo ta’e immoo nafa (qaama) guutuu dhiqachuun isarratti dirqama. Namni karaa lamaan junuba ta’a. 1ffaa-osoo taphatanuu ykn waa’ee fedhii yaadanu ykn osoo rafuu dhangala’oo saalaa (maniyyii) dhangalaasu. Yoo maniyyi arge nafa dhiqachuun isarra jira. Garuu yoo maniyyi hin argin nafa dhiqachuun isarratti dirqamaa miti.  2ffaa-wal-qunnamti saalaa raawwachu. Wal-qunnamti yommuu raawwatu, maniyyii dhangalaase dhiise, nafa guutuu dhiqachuun isarratti/ishii irratti dirqama.
Yoo bishaan hin jiraatin maal godhanii? Deebiin isaa: Taymuuma gochuudha. Taymuuma gochuuf jalqaba akkuma nafa dhiqachuuf niyyatan ni niyyatu. Ergasii Bismillah jechuun ganaa harka lamaanii biyyee qulqulluu irratti gadi qaban. Ergasii fuula fi harka isaa lamaan hanga hidhannaa sa’aati (wrist) ni haaxawa. San booda ni salaata. Garuu yommuu bishaan argamuu nafa guutuu dhiqachuun barbaachisaadha.

5-Yeroo fedhii foonii raawwatan abbaa warraa fi haati warraa iccitii isaanii baasun garmalee kan dhoowwameedha. Abbaa warraa fi haati warraa iccitii fuudhaa heeruma eegu qabu. Iccitin kuni gola ciisichaati akka hin baane hanga ta’utti. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Guyyaa Qiyaamaa namni Rabbiin biratti sadarkaan badaa (gadi bu’aa) ta’e nama niiti isaatti dhufee ishiillen itti dhufte (kana jechuun wal-qunnamti raawwatanii) ergasii iccitii ishii ifatti baasedha.” (Sahiih Muslim- 1437-kitaabu nikaah)

Barii Cidhaa

Wantoonni armaan olii wantoota halkan cidhaa raawwatamaniidha. Halkan kuni darbee bariin (ganamni) yoo dhufe, namoonni akka aadaatti wanta garagaraa hojjatu. Aadaa tokko tokko biratti “Dhofsiisaa” jechuun maallaqa walitti qabu. Kuni kennaa namni barbaade namoota wal fuudhaniif kennu malee akka dirqamaatti ilaallamu hin qabu. “Yeroo cidha kiyyaa namni suni kennaa naaf hin kennine” jechuun walitti mufachuun hin barbaachisu.
Barii cidhaa namoonni wal fuudhan firoota ziyaarun (daawwachuun) gammachuu ofii ibsachuu ni danda’u. Garuu gara wantoota fokkuu deemun jireenya ofii balleessu hin qaban.

Ji’a Dammaa (Honeymoon)

Akkuma yeroon darbuun dhaloonni wanta badaa fidaa fi Muslimoonni kuffaara akkeessaa adeemu. Cidhni erga xumuramee booda barii san abbaan manaa fi haati manaa haarawa wal fuudhan, ni bashannana jechuun iddoo badiin adda addaa itti raawwatamu deemu. Fakkeenyaf, iddoo dhiiraa fi dubartiin walitti makaman, maddii galaanaa namoonni qullaa itti yaa’an, mana nyaataa alkooli fi wanti badaan adda addaa itti raawwatamu fi kkf deemu. Kunniin hundi kuffaara akkeessu waan ta’eef irraa fagaachun barbaachisadha. Bashannanaaf bakka badii deemu irra bakka gaarii deemun isaaniif wayya. Fakkeenyaf, firoota ziyaaru, yoo danda’an umraa gochuu.

Ammas wanta badaa yeroo cidhaa raawwatamu keessaa tokko salaata dhiisudha. Inni/ishiin misirroota ofiin jechuun salaata dhiisu. Yeroo gammachuu fi gaddaa salaata dhiisun wanta Musliima irraa eeggamu miti. Guyyaan cidhaa guyyaa Gooftaa ofii itti galateefatan ta’uu qabaa malee guyyaa Isarraa itti fagaatan ta’uu qabaa?

Guduunfaa
☞Jireenya keessatti carraa gammachuu itti argatan keessaa tokko guyyaa cidhaati. Gammachuun kunis guyyaa cidhaa kan argamuu wanta gaarii yoo hojjatanii fi wanta badaa irraa yoo dheessaniidha.
☞Guyyaa cidhaa malee guyyaa biraa jireenya keessatti gammachuun hin jiru jechuun qabeenya qisaasessun wanta aaqila (nama sammuu qabu) irraa eeggamu miti.
☞Sababni isaas, guyyaa fi gammachuun kuni ni darba. Garuu qabeenya yommuu qisaasessu rakkoo waliin hafa. Namoonni isarraa nyaataa fi jajaa turan rakkoo isaa quba hin qaban. Kanaafu yeroo cidhaa madaala eeggachu barbaachisa.
☞Osoo hin qisaasessinii fi hin doy’oomin hanga humni namaa danda’een cidha qopheessun adeemsa nama qoruuteti.
☞Halkan cidhaa namoonni wal fuudhan haarofti naamusa hordofuu qabantu jira. Isaan keessaa:
☞Yommuu abbaan warraa gara haadha warraa haarawaatti dhufu suuta jechuu fi du’aayi gochuu.
☞Wal-qunnamti kan raawwatan karaa qaama hormaatatiin qofa ta’uu.
☞Yoo ishiin heeydi (laguu) qabaatte, wal-qunnamti saalaa raawwachuu irraa fagaachu.
☞Wal-qunnamti kan raawwatan yoo ta’an, isaan lamaanu nafa guutuu dhiqachuu. Yoo bishaan dhabame taymuuma gochuu danda’u. Garuu yeroo bishaan dhufu nafa guutuu dhiqatu. (Ilaali Sahiih Al-Bukhaari 348, sahiih Al-Bukhaari 344)
☞ Yeroo wal qunnamtii raawwatan, iccitii yeroo ciisichaa ifa baasu fi namatti odeessu hin qaban.

Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 187-189, Abu Maalik  
Quest for Love and Mercy Fuula 137-138

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.10.1
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.9.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply