Isin Keessa Mallattotu Jira-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Dhalli namaa jireenya keessatti gammachuu guutuu argachuuf halkanii guyyaa battisa. Namni gammachuu barbaadu kana argachuuf gaafilee sadii of gaafachuun deebii argachuuf ni carraaqa. Takkaa gaafiwwan kanniin deebii gahaa argachuun gammachuu fi tasgabbiin jiraata, takkaa gaafiwwan kanniin guutumaan guututti sammuu keessaa darbuun haaluma jireenyi isaaf taatetti jiraata. Takkaa immoo gaafilee kanniin deddeebise of gaafachun dhiphinnaa fi dhama’iinsaan jiraata. Gaafileen kunniin:

1ffaa-Ani duraan dachii tanarra hin turre. Kanaafu, eenyutu dhabamarraa na argamsiisee ykn na uumee?
2ffaa- Kaayyoon itti uumameef maalii? (Maaliif uumamee?)
3ffaa- Erga du’ee gahuumsi kiyya eessaa?

Dhugumatti gaafiwwan sadan kanniiniif deebii gahaa fi quubsaa argachuun gammachuu fi tasgabbiin jiraachuudha. Sababni isaas, gaafiwwan sadan kunniin ka’uumsa, gahuumsaa fi adeemsa ka’uumsa fi gahuumsa jidduu jiru murteessu. “Eessarraa kaatee eessa deemaa jirtaa? Ka’uumsa fi gahuumsa kee jidduu maalii fi akkamitti jiraattaa?” jechuun gaafii namaaf dhiyeessa. Dhugumatti gaafiwwan kanniinif deebii gahaa argachuu fi ergasii deebii saniif buluun hangam dhiphinnaa fi dhama’iinsa keessaa akka nama baasu mee itti yaadaa!

Nuti ilmaan namaa hanga addunyaa tana keessa jiraannu wal gargaarun dukkanaa fi dhiphinna keessaa wal baasun dirqama nurra jiruudha. Kanaafu, madda sirriitti fayyadamuun gaafiwwan sadan kanaaf deebii gahaa argachuuf ni carraaqna. Tarkaanfi tarkaanfin hunda isaanitu ni ilaalla. Gaafi tokkoffaa irraa yommuu kaanu, “Eenyutu na argamsiisee ykn na uumee?”

Gaafi kana deebisuuf wanta irraa uumamne tokkoon tokkoo fi tarkaanfi tarkaanfin ilaalu qabna. Qur’aanni eenyu akka nu uumee jechoota muraasan akkana jechuun deebii nuuf deebisa. Ergasii wantoota irraa uumamne tokko tokkoon nuuf ibsa.

3:6

Inni Kan gadaameessa keessatti akka fedhetti isin bocuudha. Haqaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. Inni Injifataa Ogeessa.” Suuratu Aali-Imraan 3:6

Kana jechuun gadaamessa haadhaa keessatti suuraa fedhe irratti kan isin uumu Rabbiidha. Isa malee kan isin uumuu hin jiru. Ofiin of uumuu hin dandeessan ykn namoonni biroo isin uumuu hin danda’an. Rabbii olta’aa qofatu suuraa fedhe irratti nama uuma. Nama garii dheeraa godha, garii immoo gabaaba. Nama garii dhiira, garii immoo dubara godha. Bifa nama garii diimaa, kan nama garii immoo gurraacha godha. Kan kana hunda hojjatu, Rabbii olta’aa malee ni jiraa? Kanaafi itti aanse, “Haqaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. Inni Injifataa Ogeessa.” jedha. Suuraa fi boca fedhe irratti kan nama uumuu Rabbiin malee kan hin jirre yoo ta’e, kan haqaan gabbaramuu qabu Isa malee hin jiruu jechuudha. Inni Injifataa Ogeessa. Wanta hundaa kan Injifatuu fi hundaa ol kan ta’edha. Wanta hundaa yommuu hojjatu ogummaan hojjata. Mee uumama namaa haa ilaallu. Uumamni namaa uumama nama ajaa’ibu Tokkichummaa, Injifannoo fi ogummaa Rabbii olta’aa agarsiisuudha. Akkamitti copha bishaanii irra uumuun nama guutuu akka taasisu Injifannoo fi Ogummaa Isaa agarsiisa. Mee haa ilaallu akkamitti sadarkaan sadarkaa ilma namaa akka uumu:

“Dhugumatti, Nuti nama cuunfaa dhoqqee irraa ta’e irraa uumne. Sana booda iddoo tasgabbaa’aa fi eeggamaa (gadaamessa) keessatti copha bishaan saalaa isa taasifne. Sana booda bishaan saalaa alaqah (dhiiga ititaa) taasifne; ergasii dhiiga ititaa mudghah (wanta alanfame yookiin muraa foonii) taasifne; ergasii mudghah lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uwwisne. Sana booda uumama biraa [daa’ima] isa goone. Rabbii uumtota hunda caale tolti Isaa baay’atte.” Suuratu Al-Mu’iminuun 23:12-14

Kanaafu, marsaa uumama namaa bakka jahatti qoodun ni danda’ama: makaa biyyaa fi bishaanii (dhoqqee) irraa nama jalqabaa uumu, ergasii sanyii isaa copha bishaan saalaa irraa uumuu. Ergasii copha kana irraa alaqah (dhiiga ititaa) uumuu, ergasii mudghaa (wanta alanfame) uumuu, ergasii lafee uumuu fi foon uwwisuu. Dhumarratti uumama biraa haarawa taasisu.

Makaa biyyee fi bishaanii irraa nama jalqabaa Aadamiin (aleeyh salaam) uumuu yeroo darbee ilaalle turre. Kanaafu, beekkamaa waan ta’eef lamuu irra hin deebinu. Amma qorannoo fi qo’annoon keenya marsaalee namni haadhaa fi abbaa irraa itti uumamu ilaalla.

Marsaa 1ffaa-Nuxfaa

Mata duree kanatti seenun dura, seeli, Kiroomozomi, DNA, Ispermatozowwaa, ovam (ovum), zaygooti fi kkf maal akka ta’an haa ilaallu.

Seeli jechuun wanta garmalee xiqqaa qaamni lubbu-qabeenyi irraa ijaarramuudha. Kana hubachuuf mana bolookettin ijaarrame haa fudhannu. Manni tokko bolooketti baay’ee irraa ijaarrama. Qaama namaa akka manaatti ilaalu dandeenya. Seeli immoo akka bolooketitti ilaalu dandeenya. Akkuma bolookettin bishaanii fi wantoota adda addaa irraa hojjatamu, seelinis bishaanii fi wantoota adda addaa of keessaa qaba. Seelonni nama keessatti argaman lakkoofsi isaanii biliyoonitti lakkaawama. Seelonni garmalee xixiqoo waan ta’aniif maaykiroskooppiin malee ija qullaan arguun hin danda’amu. Seelonni hunduu hojii mataa isaanii danda’e fi hamma (size) gargaraa qabu. Seelonni of keessa kutaalee adda addaa qabu.

Kiroomozom (Chromosome)– jechuun wanta akka jirbii fakkaatu seeli keessatti argamuu fi odeefannoo dhaalaa (genetic information) haala DNA tin kan of keessatti qabateedha.

DNA (Deoxyribonucleic Acid) jechuun- meeshaa dhaalaa (Genetic Material) kan odeefannoo of keessaa qabuu fi kiroomozomi keessatti akka masalaalitti kan wal qabateedha. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama.

Kiroomozomi fi DNA hubachuuf sansalata ujumoo pilaastiki keessa kaa’ame fudhachuun ni danda’ama. Sansalata yommuu ujumoo keessa keennu akka meeshaa tokkotti ilaalla. Kanaafu, ujumoo fi sansalata wal keessa seenu akka Kiroomozomitti ilaalun ni danda’ama. Sansalata ujumoo keessa jiru immoo akka DNA tti ilaalun ni danda’ama.

Ilmi namaa kiroomozomi 46 qaba. 23 abbaa irraa yommuu dhufan, 23 immoo haadha irraa dhufu. Kiroomozomonni 44 amala fi boca qaamaa murteessuf gahee ol’aanaa taphatu. Sababa kanarraa kan ka’e, ilmi abbaa ykn haadha fakkaata. Kiromoozomonni kunniin odeefannoo dhaalaa (genetic information) abbaa fi haadha waan qabaniif. Kiroomozomonni lamaan hafan saala namaa murteessuf gahee taphatu.

Ispermatozowaa (Spermatozoa)– jechuun seeli wal-hormaataa dhiiraati. Dhiirri umrii saalfannaa yommuu gahuu maniyyii (dhangala’oo saalaa) ni dhangalaasa. Dhangala’oo adii san keessa seeliwwan Ispermatozowaa jedhamantu jiru. Seeliiwwan kunniin maaykiroskooppin malee ija qullaan hin mul’atan. Mataan ispermaatozowaa kiroomozomii of keessaa qaba. Dhangala’oo saalaa dhiirri dhangalaasu keessa ispermatozowaa miliyoonatti lakkaawamtu jiru. Garuu kanniin keessaa tokkicha qofatu killee dubartii bilcheessu (fartilaayzeshinii raawwachuu) danda’a. Fakkii armaan gadii ilaalun ni danda’ama.



Seeli hormaata dhiiraa (Ispermaatozowaa). Seelin kuni hanga kana guddata jechuu osoo hin ta’in akka namni hubatuuf maaykiroskoppiin kan guddifameedha. Fakkiin gara mirgaatti argamu ispermaatozowaa baay’ee agarsiisa.

Ovam (Ovum)- seeli wal hormaata dubartiiti. Afaan keenyaan puppaa (killee) jechuuni dandeenya. Dubartoonni yommuu umrii saalfannaa gahan seelii hormaataa bilchaate (ovam) lakkoofsan muraasa ta’an ni dhangalaasu.

Hanga kana waa’ee seeli erga hubanne amma gara mata duree keenyaa haa deebinu.

Hiika Nuxfaa

Akka lugaa Arabiffaatti nuxfaa jechuun bishaan baay’ee xiqqaa ta’e cophaan wal qixa ta’eedha. Bishaan yommuu birillee (birciqqoo) keessaa dhangala’u, cophni xixiqaan birciqqoo irratti ni hafa. Copha saniin nuxfaa jennaan[1].

Qur’aanni seelota wal hormaataa dhiiraa fi dubartiif nuxfaa jedhee fayyadamuun wanta nama ajaa’ibuudha. Dhangala’oon saalaa dhangala’uu hundi wal hormaataaf hin ta’u. Kana keessaa wal hormaataaf muraasatu ta’a. Fakkeenyaf, dhiirri yommuu umrii saalfannaa gahuu dhangala’oo adii fi furdaa ta’e ni dhangalaasa. Dhangala’oo kanaan maniyyii (semen) jennaan. Maniyyii kana irraa filatamuun dhangala’oon baay’ee xiqqaan (cophni) hormaataaf ta’uu nuxfaa jennaan. Qur’aanni dhugaa kana haala kanaan ifa godha.

“Sila namni akkanumatti dhiifamu yaadaa? Sila inni maniyyii dhangalaafamu irraa nuxfaa hin turree?” Suuratu Al-Qiyaamaa 75:36-37

Saayinsiin yeroo ammaa nuxfaa kanaan “gamete” jedhaan.[2] Gamete jechuun seeli wal hormaataa dhiiraa fi dubartiiti. Dhiira keessatti “sperm” yommuu jedhamu dubartii keessatti immoo “egg cell” jedhama.  
Kanaafu, nuxfaa “copha bishaan saalaa seelota wal hormaata of keessaa qabu” jechuuni dandeenya.

Dhangala’oo saalaa kana keessa seeliwwan ijaan hin mul’anne ni jiru. Dhiira keessatti isparmatozowaa, dubartii keessatti immoo ovum ykn oocyte jedhamu. Qur’aana keessatti:

32:8

“Ergasii sanyii isaa bishaan dadhabaa sulaalah irraa godhe.” Suuratu As-Sajdah 32:8

Kunis Qur’aanni Kalaama (Dubbii) Rabbii olta’a akka ta’e kan agarsiisuudha. Sulaalah jechuun wanta tokko keessaa wanta filatamee baafamee ykn luqqifameedha. Fakkeenyaf, lixii keessaa rifeensi ni baafama ykn ni luqqifama. Dhangala’oon saalaa dhiira keessaa dhangala’e hundi dhangala’oo dubartiitin walitti hin makamu. Kana irra, dhangala’aa baay’ee xiqqaatu dhangala’aa dubartiitiin walitti makamuun nama ta’a. Dhangala’oo dhiiraa kana keessa isparmatozowaa miliyoonatti lakkawamantu jira. Isparmatozowaa kanniin keessaa isparmatozowaa tokko qofatu killee uruun seena. Isparmatozowaan hafan hundi ni du’u. Killee dubartii uruun seenu hin danda’an. Kanaafu, isparmatozowaa miliyoonatti lakkaawaman keessaa isparmatozowaan tokkichi waan filatamee baafameef sulaalah jechuuni dandeenya[4].

Guduunfaa
☛Gaafiwwan ilmi namaa deebii gahaa barbaadu keessaa tokko “Eenyutu na argamsiisedha.”
☛Namni gaafi kana deebisuuf nama jalqaba uumamee fi wanta irraa uumame ilaalu qaba.
☛Namni dachii tana keessatti mataa ofiitiin argamuu hin danda’u. Kanaafu, Kan isa argamsiise jiraachu qaba.
☛Ammas, adeemsa wal hormaataa yommuu adeemsiisu, daa’imni dhalatu gonkumaa ofiin of uumu hin danda’u. Sababni isaas, dhangala’oon saalaa mataa ofiitiin qajeelun nama ta’uu hin danda’u. Kan dhangala’oo kana qajeelchu fi bakka isaaf maluu kan qubsiisu jiraachu qaba.
☛Kanaafu, Khaaliqni (Uumaan) kana hunda hojjatu jiraachu qaba.
☛Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa haala nama ajaa’ibsisuun copha irraa isaan uuma.
☛Dhangala’oon dhiira keessaa bahuu fi dubartii keessaa burqu hundii walitti makamuun nama hin ta’an. Kana irra, dhangala’oo muraasatu wal qunnama. Kanaafu, dhangala’oo kanaan copha jechuuni dandeenya
☛Copha saalaa kanaan nuxfaa jennaan.
☛Nuxfaan dhiiraa fi dubartii yommuu walitti makaman zaygooti jedhamu. Kutaa itti aanutti ni ilaalla.


Kitaabban Wabii
 al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 63
[1] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur’aanil Kariim jiildi 3faa fuula-495-496, By Zaghluul Najjaar, THE QUR’AAN AND MODERN SCIENCE Dr.Zaakir Naayik fuula 38
[2] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur’aanil Kariim jiildi 2, fuula158, jiildi 3, fuula 496
[3] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur’aanil Kariim jiildi 2 fuula 163
[4] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur’aanil Kariim Jiildi 3 fuula 57-62, THE QUR’AAN AND MODERN SCIENCE Dr.Zaakir Naayik, fuula 39
The Unchallengeable Miracles of the Quran fuula 174,185
Larsen’s Human Embryology fuula 34, fifth edition
Biology Student Textbook Grade 11 fuula 122, Federal Democratic Republic of Ethiopia Ministry of Education

Isin Keessaa Mallatootu Jira-Kutaa 3
Isin Keessa Mallattootu Jira-kutaa 1ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

Leave a Reply

  Subscribe  
Notify of