Isin Keessaa Mallatootu Jira-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan Rabbiiti. Gabroottan Isaa Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu). Uumamni namaa uumama nama ajaa’ibu Tokkichummaa fi Dandeetti Rabbii olta’aa agarsiisuudha. Kanaafu, Alhamdulillahi kan ilma namaa copha bishaanii irraa argamsiise. Osoo ilmaan namaa guutuun walitti qabamanii copha kanarraa homaa uumuu hin danda’an. Kutaa darbe irraa itti fufuun marsaa uumama namaa ni ilaalla.

Kutaa darbe keessatti nuxfaan maal akka ta’e ilaalle jirra. Nuxfaan copha maniyyii seeli wal hormaataa of keessaa qabuudha. Maniyyi (semen) jechuun dhangala’oo ykn bishaan saalaati. Dhangala’oon saalaa dhiira keessaa dhangala’uu fi dubartii keessa burqu hundi wal qunnamuun nama hin ta’an. Kana irra, copha xiqqootu walitti makamuun gara namaatti guddata. Copha xiqqaa kanaan nuxfaa jennaan. Nuxfaan dhiiraa fi nuxfaan dubartii yommuu walitti makamuu zaaygoti jedhama. Qur’aana keessatti zaaygoti kana “nuxfatun Amshaaj” jechuun ibsa. “Amshaaj” jechuun wantoota wal makan jechuudha. Kanaafu, nuxfatun amshaaj jechuun “copha bishaan saalaa walitti makamanii”[1] jechuudha. Rabbiin jalla wa’alaa ni jedha:

76:2

“Dhugumatti, Nuti isa qoruuf jecha nama copha bishaan saalaa walitti makamaa ta’e irraa uumne. Dhaga’aa fi argaas isa goone.” Suuratu Al-Insaan 76:2

Suuraa (boqonnaa) tana uumamaan dura haala ilma namaa dubbachuun jalqaba. Ilmi namaa uumamuun dura homaa kan hin turree fi kan hin yaadatamne ture. Uumamuun dura nama kamtu isa beekaa? Inumaa abbaa fi haatuyyuu isa hin beekan. Kanaafu, dhabamaa fi kan homaa hin turre irraa kan isa argamsiise eenyuu? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama uumuu yommuu barbaadu, Nabii Aadamiin jalqaba biyyee irraa ni uume. Ergasii sanyii isaa copha bishaan saalaa (nuxfaa) irraa uume. Kaayyoon ilmi namaa itti uumames Rabbii isa uumee gabbaruun ghaayah (gahuumsa) tokko akka gahuufi. Kaayyoo guddaa kana gahuuf qormaata isa barbaachisa. Wanti ilmi namaa itti qoramu, “wanta tokkotti ajajuu, wanta tokko irraa dhoowwu, wanta gaggaarii, wanta badaa fi kkf” dha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmi namaa qormaata kana akka darbuuf keessaa alaan wanta isa barbaachisu kenneef. Wantoota isa barbaachisan keessaa dhageetti, argituu fi sammuu isaaf uumuudha. Wanta isa fayyadu fi isa miidhu dhageetti, argituu fi sammuun addaan baafata. Rabbiin kana qofatti isa hin dhiisne. Ergamtoota ergu fi kitaabban buusun karaan qajeelaan kamiin akka ta’e, karaan jallataan baditti nama geessu kamiin akka ta’e ni ibseef. Kanaafi, itti aanse akkana jedha:

76:3

Galateefataa ta’i mormaa ta’i karaa isaaf ibsine.” Suuratu Al-Insaan 76:3

Karaa qajeelaa fi mindaa nama karaa kana hordofee, Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun isaaf ibsine. Ammas, karaa jallataa fi adabbii nama karaa kana hordofee ni ibsine. Kana booda namoonni bakka lamatti qoodaman. Gosti tokko qananii Rabbiin isaaf kenne irratti galata galchuun warra karaa qajeelaa hordofeedha. Gosti lamaffaan immoo warra qananii Rabbii mormee fi hin galateefannedha. Kanaafu, karaa Rabbii keessaa bahuun karaa jallataa baditti isaan geessu hordofan. Warri kuni kaafirota jedhamu. Gahuumsa garee lamaan kanaa itti aansun ni dubbata:

Nuti kaafirotaaf sansalata, sakaallawwanii fi ibidda bobo’aa qopheessinee jirra. Warri gaggaariin (abraar) khamrii (dhugaati) makaan isaa kaafuur ta’e irraa dhugu.” Suuratu Al-Insaan 76:4-5

Amma gara marsaa uumama keenyaatti deebi’uun qorannoo fi xinxallii keenya itti haa fufnu. Akkuma haalli uumama keenya ifa nuuf ta’uun iimaanni fi xinxalliin keenya dabalaa adeemaa miti ree?

Fartilayzeshin (Fertilization)

Fartilayzeshin jechuun adeemsa seelin wal hormaataa dhiiraa fi dubartii walitti makamaniidha. Akkuma irranatti jenne cophni bishaan saalaa dhiiraa fi dubartii yommuu walitti makaman zaaygoti ta’u. Zaaygotin kuni sa’aati muraasa keessatti addaan qoqqoodamu jalqaba. Zaaygotin kuni guyyaa afur keessatti seelota 16-32 tti ni hirama (ni qoqqodama). Seelonni qoqqodaman kunniin walitti qabaan isaanii Morula jedhamu. Fakkii armaan gadii irraa ilaalun ni danda’ama.[2]

Morula hubachuuf hayenan (anjoorrin) wal bira qabuun ni danda’ama. Anjoorrin tokkichi firii xixxiqoo baay’ee ofirraa qaba. Fakkii armaan gadii irraa ilaalu dandeessu:

Guyyoota itti aanan keessatti morulan kuni garmalee wal qabatuu fi walitti miciqamuun akka wanta tokko ta’a. Nuxfaan marsaa kanatti “Blaastasist (Blastocyst)” jedhama. (Fakkii armaan olii irraa ilaalun ni danda’ama). Ergasii guyyaa jahaffatti Blaastasistiin kuni gadaamessa haadhaa keessatti lafa qabachuu jalqaba. Adeemsi kuni “Implantation (Gadi Dhaabu)” jedhama. Nuxfaan (cophni bishaan saalaa) kuni guyyaa 6-10 keessatti guutumaan guututti gadaamessa haadha keessatti lafa ni qabata. Ergasii kutaaleen keessaa fi alaa uumamuu fi guddachuu jalqabu. Fakkii guddinna nuxfaa

Akkuma kutaa darbe keessatti jenne nuxfaan copha dhangala’oo saalaati. Cophni kuni fartilaayzeshinii irraa jalqabe hanga guyyaa kudha afurii boca isaa jijjirachuun ni tura. Kana booda marsaa Alaqaatu itti fufa. In sha Allah torbaan itti fufna.

Xinxallii

Namni marsaa uumama ofii beekee cal’isee kan bira darbu osoo hin ta’in itti xinxalluu qaba. Qur’aannis kana kan nuuf ibsuuf itti xinxalline jireenya keenya akka fooyyessinuuf malee qorannoo adda addaa keessatti lixuun akka of dadhabsiisnufi miti. Xinxalli uumama namaa kana bakka muraasatti qoodun irratti xinxalluu dandeenya.

1ffaa- Uumamni namaa kuni Tokkichummaa (Wahdaniyyah), Dandeetti (Qudrah) fi Haqaan gabbaramuu (Uluhiyyah) Rabbii agarsiisa. Namni yommuu marsaa uumama isaati fi wanta irraa uumame yommuu itti xinxallu, Khaaliqni Guddaan isaa ol jiru akka isa argamsiise ni hubata. Cophni bishaan saalaa kuni humna fi sammuu hin qabu. Wanti humnaa fi sammuu hin qabne immoo Kan isa too’atu fi qajeelchu jiraachu qaba. Kanaafi, Rabbiin olta’aan akkana jedha:

Sila Nuti bishaan dadhabaa irraa isin hin uumnee? Bakka mijaa’a keessas isa goone. Hanga yeroo beekkamaatti. Ni safarres, Nuti safartoota [hunda caalaa] akkaan tolle.  Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.” Suuratu Al-Mursalaat 77:20-24

Yaa ilmaan namaa bishaan dadhabaa, xiqqaa fi faaydaa hin qabne irraa isin hin uumnee? Ergasii copha bishaanii kana hanga yeroo murtaa’atti bakka mijaa’aa fi eeggamaa hin keenye? Bakki kunis gadaamessa haadhati. Mee haa ilaallu sibila guyyaa guyyaan itti fayyadamnu. Oomishni sibiilaa marsaa keessa darbu qaba. Daakun ykn cirrachi sibiilaa lafa keessaa ni baafama. Ergasii marsaa adda addaa keessa ni darba. Daaku sibiilaa kana hanga dhumaatti kan isa qajeelchu fi too’atu osoo hin jiraatin sibiila barbaadamu ta’ee bahuu danda’aa?

Haaluma kanaan, bishaan dadhabaa fi xiqqaan kuni Kan isa qajeelchu malee ofiin deemee gadaamessa haadhaa keessa qubachuu danda’aa? Akkuma irranatti ilaalle, erga gadaamessa keessa qubate booda yeroo isaa eeggatee marsaa tokko irraa gara marsaa itti aanutti darbuu danda’aa? Eenyutu guyyoota fi ji’oota murteessaf? Yeroo kana keessatti eenyutu hamma isaa safaraa? Kanaafu, Khaaliqa Guddaatu yeroo isaa murteessa, hamma isaa safara.

Kanaafi, Rabbiin Guddinna Ofii agarsiisuuf maq-dhaala, “Nuti” jedhu fayyadama. Rabbii Guddaa malee eenyutu copha bishaanii kanarraa nama uumu danda’aa? Kanaafu, Rabbii akkanatti safaree fi murteesse ilmi namaa faarsu fi gadi jechuufi qabu. Namni osoo kana arguu Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti kafaree, dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa badee jira. “Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.” Uumama ofii ilaalun salphatti Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti amanuu danda’a. Copha bishaan saalaa yommuu ilaalu Rabbii olta’aa malee eenyullee isa uumuu akka hin dandeenye ni amana. Copha kanarraa yeroo jalqabaa kan isa uumee lamu Guyyaa Qiyaamaa akka isa deebisu ni mirkaneessa. Ergasii, wanta Jannata isa seensisuu ni hojjata, wanta Azaaba (adabbii) cimaatti nama geessu irraa ni fagaata. Haala kanaan jireenya gammachuu gaggeessa.

Ammas, Rabbiin olta’aan waliin haasawa nama amanee fi kafaree akkana jechuun nutti hima:

“Hiriyyaan isaa osoo isatti haasawu ni jedhe, “Sila ati Kan biyyee irraa, ergasii copha bishaan saalaa irraa si uume, ergasii nama guutuu si godhetti kafartaa? Garuu, Inni Allaah Gooftaa kiyya. Ani Gooftaa kiyyatti eenyullee hin dabalu (isa waliin wanta biraa hin gabbaru).” Suuratu Al-Kahf 18:37-38

Abbaa ilma namaa kan ta’e Aadamiin biyyee irraa uume, ergasii sanyii isaa copha bishaan saalaa irraa uume. Ati sanyii Aadami. Kanaafu, abbaa kee jalqabaa biyyee irra, sihi immoo copha bishaanii irraa si uumuun nama guutuu Kan si taasisetti akkamitti kafartaa? Kafaruu jechuun haqatti amanuu diduu fi mormuudha. Ani garuu Gooftaa dhabamaa irraa na argamsiisee fi qananii adda addaan na qananiisetti amane. Ibaadaa kiyya keessatti eenyullee Gooftaa kiyyatti hin qindeessu.

2ffaa- Kaafama Guyyaa Qiyaamaa– namni copha bishaan saalaa kanatti xinxallu Guyyaa Qiyaamaa lamuu akka kaafamu jala muree ni amana. Sababni isaas, Kan jalqaba copha kanarraa isa uume lamu isa deebisuu hin dadhabu. Rabbiin Guddaan Olta’aan namni copha bishaan saalaa kanatti akka xinxallu akkana jechuun affeera:

Sila namni akka Nuti copha bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroma san inni mormaa ifa bahaa ta’ee argama. Fakkeenya Nuuf godhee fi uumama isaa dagatee, “Lafee erga bututtee [booda] eenyutu jiraachisa?” jedha. “Kan yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu jiraachisa.” Jedhiin. Inni uumama hundaa Beekaadha.” Suuratu Yaasin 36:77-79

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama Qiyaamaa mormuu fi shakkuun akkana jechuun gaafata: “Sila namni copha bishaan saalaa irraa akka isa uumne hin arginee?”Kana jechuun namni lamuu kaafamu mormu jalqaba maalirraa Rabbiin akka isa uume hin ilaalu? Bishaan saalaa dadhabaa qaama keessa faca’e bakka tokkotti walitti fiduun isa uume. Bishaan kanarraa, lafee, foon, harka, ija, gurra fi qaamolee biroo akka uumee sila ilaalun lamuu deebifamutti hin amanuu? Bishaan dadhabaa qaama keessa faca’e walitti fiduun kan isa uume, lafee bututtee dachii keessa facaates lamuu akka deebisu haa beeku.

Fakkeenya Nuuf godhee”  Kana jechuun akka uumamtootaa dandeetti kan hin qabnee fi dadhabaatti Nu ilaala. Akkuma namni du’aa deebisuu hin dandeenye, “Rabbiinis nama du’e hin deebisu” jedhee yaada. “uumama isaa dagatee, “Lafee erga bututtee [booda] eenyutu jiraachisa?” jedha.” Kana jechuun jalqaba copha bishaan saalaa irraa isa uumuu Keenya dagatee “lafee bututte eenyutu kaasa?” jedha.“Kan yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu jiraachisa.” Jedhiin.

Ilmi namaa akkuma jalqaba copha bishaan saalaa irraa nama uumuu hin dandeenye, lamuus nama kaasu hin danda’u. Rabbiin Guddaan Olta’e immoo akkuma jalqaba nama copha bishaan saalaa irraa uume, lamuus ni deebisa. Kanaafu, dandeettin Rabbii fi dandeettin namaa gonkumaa wal hin fakkaatan. Rabbiin wanta hundaa irratti Danda’aadha. Ilmi namaa immoo dadhabaadha. Rabbiin wanta hundaa beekaadha.

Guduunfaa
➤Cophni bishaan saalaa dhiiraa fi dubartii yommuu walitti makamu Nuxfatun Amshaaj (zaaygoti) ta’a.
➤Zaaygotin kuni qoqqodamuun morula ta’a.
➤Ergasii Morulan kuni walitti miciqamuun akka wanta tokko ta’a. Wanti kuni Blaastasist jedhama. Blaastasistin guyyoota 6-10 gadaameessa keessatti lafa qabatuun ni xumurama.
➤Ergasii Rabbiin olta’aan kutaalee adda addaa marsaa marsaanii fi yeroo murtaa’e keessatti uuma.
➤Namni yommuu wanta irraa uumame kanatti xinxallu wantoota sadii ni hubata.
1ffaa-Tokkichummaa, Dandeetti fi haqaan gabbaramaan Rabbiin qofa akka ta’e ni amana. Kanaafu, Isaaf harka kenna. Khaaliqa (Rabbii) copha bishaanii kanarraa isa uumeef ajajamuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisu malee filannoo biraa hin qabu. Yoo inni Khaaliqa isa uumeef ajajame, Rabbiin olta’aan mindaa gaarii kennaaf. Yoo dide immoo adabbii isaaf malu adabama.
2ffaa-Copha kanarraa kan isa argamsiise lamuu akka isa deebisu ni mirkaneessa. Kanaafu, hojii gaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachun Guyyaa Qiyaamaatif of qopheessa.
3ffaa-Yommuu copha irraa uumame ilaalu, of tuulu fi afuufamu irra nagaha baha. Namni copha irra uumame of tuuluu fi afuufamuun isaaf hin malu.


Kitaabban Wabii
[1] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur’aanil Kariim jiildi 2faa fuula-159, By Zaghluul Najjaar, THE QUR’AAN AND MODERN SCIENCE Dr.Zaakir Naayik fuula 38
[2] Larsen’s Human Embryology fuula 15, 35, fifth edition
Tafsiira garagaraa

Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 4ffaa
Isin Keessa Mallattotu Jira-Kutaa 2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply