Gaa’ila Islaamaa-Lakk.10.1

Offline dubbisuf

Haqa Abbaan Warraa fi Haati Warraa Walirraa qaban
Alhamdulillah, akkaata namoonni lamaan fuudhaa heeruma seera-qabeessaan walitti dhufanii mana tokko keessa jiraatan hanga ammaatti ilaala turreera. Amma mana tokko keessa seenanii waliin jiraachu erga jalqabanii mirgaa fi dirqamni isaan bahuu qaban ni jira. Mirgaa fi dirqamni kuni isaaniif yoo hin ibsamin jireenya gammachuu hin qabne jiraachu danda’u. Mirgaa fi dirqama kanniin mata-duree “Haqa abbaan warraa fi haati warraa walirraa qaban” jalatti guduunfun ni danda’ama. Hubannaa fi hojii irra oolchuf akka salphatuuf haqa kana bakka lamatti qoonna. Tokkoffaa Haqa Abbaan Warraa Niiti isaa irraa qabu. Lamaffaa Haqa Haati warraa abbaa warraa irraa qabdu.

Haqa Abbaan Warraa Niiti Isaa Irraa Qabu-Kutaa 1ffaa

Maatii irraa kaasee hanga biyya guutuu gahuutti namoonni haqa walirraa qabu. Garuu haqni kuni namaa namaatti ni jijjirama. Haqni namni badhee (alagaa) namarraa qabuu fi haqni namni firaa namarraa qabu wal-qixaa miti. Akkasumas, firoota keessatti sadarkaan haqaa wal caala. Namoonni haqa walirraa qaban galmaan yoo gahan, jireenya jaalalaa fi badhaadhinnaa gaggeessu. Kanaafu, niitin haqa abbaan warraa ishirraa qabuu yoo bakkaan geesse, isaan lachuu bu’aa guddaa argatu. Bu’aalee kanniin keessaa: wal jaallachuu, gammachuu fi tasgabbiin jiraachu, maatii gaarii ijaaru, addunyaa fi Aakhiratti milkaa’u fi kkf dha. Mee haqa abbaan warra niiti isaatirraa qabu muraasa haa ilaallu:

1-Wanta inni ajaju keessatti isaaf ajajamuu
Yommuu abbaan warraa niiti isaa ajaju, ishiin isaaf ajajamuun haqa inni ishii irraa qabu keessaa tokko. Abu Hureeyraan akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW), “Dubartii tamtu gaariidha?” jechuun gaafatame. Innis akkana jechuun deebise, “Yommuu ilaalu tan isa gammachiistu, yommuu ishii ajaju tan isaaf ajajamtu, lubbuu fi qabeenya ishii keessatti wanta inni jibbuun tan isa hin faalleessinedha.” An-Nisaa’I 3231  

Garuu wanti inni ajaju wanta gaarii fi shari’aa hin faallessinee ta’uu qaba. Wanta badaa fi shari’aa faallessutti kan ishii ajaju yoo ta’e, isaaf ajajamu hin qabdu. Fakkeenyaf, hijaaba akka baafattu ajajuu, salaata akka dhiistu ajajuu, yeroo laguu isaan akka wal qunnamtu ajajuu. Kunniin hundi wanta badaa fi shari’aa faallessu waan ta’eef, isaaf ajajamuu hin qabdu. Rasuulli (SAW) akkana jedhan:
‏”‏ لاَ طَاعَةَ فِي مَعْصِيَةٍ، إِنَّمَا الطَّاعَةُ فِي الْمَعْرُوفِ ‏“‏‏.‏
“Badii keessatti ajajamuun hin jiru. Ajajamuun wanta gaarii ta’e qofa keessatti.” Sahih Al-Bukhaari 7257

Kana jechuun yommuu namni tokko baditti nama ajaju, isaaf ajajamuun hin jiru. Yoo nama dirqisiise lubbuu namaa kan galaafatu yoo ta’e malee badii inni ajajuu hojjachuun hin ta’u. Namni nama tokkoof kan ajajamuu wanta gaarii inni ajaju qofaafi.

2-Hayyama isaa malee manaa bahuu dhiisu
Hayyama isaa malee akkuma feete manaa tan baatu yoo taate, inni ija shakkiitin ishii ilaalu danda’a. Ergasii jibbii fi rakkoon isaan jidduutti uumama. Rabbin Jalla wa’alaa ni jedha:

“Manneen keessan keessa taa’aa. Akka mul’ifannaa bara wallaalummaa duriittis miidhaginna keessan hin mul’isinaa; salaatas sirnaan salaataa, zakaas kennaa, Rabbii fi Ergamaa Isaatiifis ajajamaa. Yaa maatii Nabiyyichaa! Rabbiin xurii [badii] isin irraa deemsisuu fi qulqullinna [sirrii] isin qulqulleessu qofa barbaada. ” Suuratu Al-Ahzaab 33:33

Ajajni kuni jalqaba haadholii manaa Ergamaa Rabbiitiif haa darbuu malee dubartoota amanan biroos kan hammatuudha. “Akka mul’ifannaa bara wallaalummaa duriittis miidhaginna keessan hin mul’isinaa;” Warri beekumsi Islaamaa isaan hin geenye, dubartoonni isaanii miidhaginna ofii mul’ifataa gara alaa bahu. Kuni immoo ibidda fitnaa (qormaata cimaa) qabsiisuudha. Kanaafu, isiniis akka isaanii miidhaginna keessan mul’ifataa fi shittoo dibataa alaa hin bahinaa. Kuni hundi baditti waan nama geessuf. Wanta badii irraa nama dhoowwanii fi qalbii namaa qulqulleessan keessaa salaata sirnaan salaatu fi zakaa kennuudha. “Dhugumatti salaanni wantoota fokkatoo fi jibbamoo ta’an irraa nama dhoowwa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:45  Kanaafi, itti aansee, “salaatas sirnaan salaataa, zakaas kennaa” jedhe. Ergasii akka walii galaatti, “Rabbii fi Ergamaa Isaatiifis ajajamaa” jechuun dhaame.

Rabbiin wanta gaariitti kan ajajuu fi wanta badaa irraa kan dhoowwuf dubartoota rakkisuu fi isaan dhiphisuuf osoo hin ta’in sharrii fi rakkoo isaan irraa oofuu fi badii irraa isaan qulqulleessufi. Dubartiin miidhaginna ishii mul’isaa gara alaa yoo baate, sharrii fi rakkoof saaxilamti. Fakkeenyaf, miidhaginna gurraa, mormaa, rifeensaa, boca qaamaa fi kan biroo. Akkasumas, xurii badii keessatti taruun kabajni ishii irraa mulqama. Kuni waan namni hunduu beekudha. Kanaafu, wanta Rabbiin ishii uumee itti ajajee wanta rakkoo fi badii ishirraa deebisuu fi ishii qulqulleessudha.

3- Abbaan manaa gara siree yommuu waamu tolee jechuu
Haqa gurguddoo abbaan manaa niiti irraa qabu keessaa tokko yommuu inni gara sireetti waamu uzrii (rakkoo) yoo hin qabaatin isaaf tole jechuudha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Rabbii harka Isaa nafseen tiyya jirtuun kakadhe! Yommuu namtichi niiti isaa gara sireetti waamee ishiin isa diddu, Kan samii keessa jiru (Rabbiin) ishitti dallana hanga inni (dhiirsi ishii) ishitti gammadutti.” (Sahiih Muslim 1436 
Sababni isaas, yommuu ishiin isa diddu, tarii haraamatti kufuu danda’a. Sababa kanaan zinatti akka kufuuf balbala bantiif. Akkasumas, wal jibbaa fi diinummaan ni uumama. Kanaafu, uzrii (rakkoo) akka laguu, dhukkubaa fi kkf yoo hin qabaatin, niitin abbaa manaatiif tole jechu qabdi. Fedhii uumama guuttachuun haqa isaa waan ta’eef.

Garuu yoo rakkoo qabaatte, inni ishii dirqiisisuu hin qabu. Fuudhaa heerumni mararfannaa irratti waan hundaa’ef ishiif mararfachuu fi rahmata gochuufi qaba. Keessumattu, yeroo ishiin gadditu, dallantuu fi dadhabdu, ishii dirqiisisuu irra ishiif mararfachuu fi rahmata gochuun amala nama garaa laafu fi namaaf yaaduti.

4-Hayyama isaa malee eenyullee mana isaa seensisuu dhiisu
Rasuulli (SAW) akkana jedhan:
“‏ لاَ تَصُمِ الْمَرْأَةُ وَبَعْلُهَا شَاهِدٌ إِلاَّ بِإِذْنِهِ وَلاَ تَأْذَنْ فِي بَيْتِهِ وَهُوَ شَاهِدٌ إِلاَّ بِإِذْنِهِ

“Osoo abbaan warraa ishii mana jiruu dubartiin hin soomin; osoo inni jiruu hayyama isaa malee mana isaa keessa akka seenu eenyufillee hin hayyamin.” Sahiih Muslim 1026
Mana ishii namni akka hin seenne kan dhoowwitu, itti gammaduu (ridaa) abbaa warraa ishii tan hin beekne yoo ta’eedha. Garuu abbaan warraa ishii kan itti gammadu ta’uu tan beektu yoo taate fi ishitti seenuf nama hayyamamu yoo ta’e, mana seensisuun homaa rakkoo hin qabu. “ishitti seenuf nama hayyamamu” yommuu jennu nama ishii fuudhu hin dandeenyedha. Kan akka obboleessa ishii, abbeeraa ishii fi kkf. Garuu dhiira badhee (alagaa) ishii fuudhu danda’u, abbaan warraa yoo hin jiraatin ofitti seensisuu hin qabdu.

Balaan baay’een kan dhalatu yommuu niitin namuma argite gara manaa hayyama isaa malee seensiftuudha. Dhiira alagaa ishii fuudhu danda’u tanaan balaan isaa xiqqaa miti. “Namtichi tokko dubartii fuudhee akka jiraattuf gara mana maatii isaatti fide. Isa waliin gammachuun jiraachu jalqabde. Ergasii obboleessi isaa xiqqaan yommuu inni mana hin jirre, niiti isaatti seenuun ishitti haasawu eegale. Haasofni jaalalaa kuni wantoota lama dhalee: tokko dubartiin tuni dhiirsa ofii garmalee jibbuu jalqabde. Lammaffaa obboleessa isaa irraa jaalalan qabamte. Garuu dhiirsa ishiis hiiku hin dandeenye, obboleessa isaa san waliinis wanta barbaaddu hojjachuu hin dandeenye. Kuni adabbii hamaadha.”[1]

Kanaafi, badiin kuni hundi akka hin uumamneef Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Dubartootatti seenu of eeggadhaa.” Ansaara irraa namtichi tokko akkana jedhe, “Al-Hamwa ilaalchisee maal jettaa?” Ergamaan Rabbis ni jedhan, “Al-Hamwu du’a.” Sahiih Al-Bukhaari 5232
Al-Hamwu jechuun fira dhiirsa ishii kan ta’eedha. Kan akka obboleessa isaa, ilma abbeeraa isaa, ilma eessuma isaa fi kannen biroo. 

5-Hayyama isaa malee qabeenya isaa baasu dhiisu– Rasuulli (SAW) akkana jedhan:
“‏ وَلاَ تُنْفِقُ الْمَرْأَةُ شَيْئًا مِنْ بَيْتِهَا إِلاَّ بِإِذْنِ زَوْجِهَا ‏”
“Dubartiin mana ishii keessaa hayyama abbaa manaa ishii malee homaa baasu hin qabdu.” Sunan Abu Daawud 3565

Gaafin akkana jedhu ka’uu danda’a: “Dhiirsi (abbaan manaa) ishii baasi ishii fi ijoollee ishitiif gahuu yoo dhoorgate maal gooti?” Deebiin isaa: “Qabeenya isaa irraa hanga ishii fi ijoolle ishii gahuu ni fudhatti. Ragaan kanaa hadiisa armaan gadiiti.

Niiti Abu Sufyaan tan taate Hind bint Utba gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufuun akkana jette, “Abu Sufyaan dhiira doy’a ta’eedha. Anaa fi wanta ijoollee tiyyaaf gahuu baasi naaf hin kennu. Garuu osoo inni hin beekin qabeenya isaa irraa hanga ta’e nan fudha. Kuni narratti badii (dilii) ni ta’aa? Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Qabeenya isaa irraa haala gaarii ta’een wanta si fi ijoollee tee gahu fudhu.Sahiih Muslim 1714
Wanti hubatamu qabu, dubartiin qabeenya abbaa warraa ishii dhoksaan fudhachuun israaf gochuu (qisaasessuu) hin qabdu. Akkana tan gootu yoo taate, rakkoon isaa fi ishii jidduutti ni uumama.

6-Isaa fi ijoollee isaa tajaajiluu- MaashaAllah akka aadaa keenyaatti dubartoonni abbaa manaa fi ijoollee isaanii haala gaariin tajaajiluuf ni carraaqu. Islaamnis kana ni jajjabeessa. Intala Rasuula tan taate Faaximaan abbaa manaa ishii tajaajila turte.

7-Kabaja ishii, ijoollee isaatii fi qabeenya isaa eegu
Rabbiin Guddaan Olta’e ni jedha:

Dubartoonni gaggaariin ajajamoodha; fagoottis waan Rabbiin isaan eegsisee tiiksitoota.” Suuratu An-Nisaa 4:34

Kana jechuun dubartoonni gaggaariin Rabbii fi dhiirsota isaanitiif ni ajajamu. Yommuu abbaan warraa isaanii irraa fagaatu fi isaan hin agarre, kabajaa ofiiti fi qabeenya isaanii ni tiiksu. Sagaagalummatti kufuu irraa of eegu.
Barruu guutuu haqaa abbaan warraa fi haati warraa walirraa qaban dubbisuuf, linkii tana tuqaa:


Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 192-196, Abu Maalik 
[1] An Advice on Establishing Islamic home-Shek Muhammad Salih munajjad-page 90

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.10.2
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.9.3
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply