Gaa’ila Islaamaa-Lakk.10.2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti haqa abbaan manaa haadha manaa isaatirraa qabu muraasa isaanii ilaalle turre. Har’as itti fufan kannen hafan ni ilaalla.
8-Isa galateefachu, tola isaa mormuu dhiisu fi isa waliin haala gaariin jiraachu

Nama firaa dhiisaa nama badheetu kan waan gaarii namaaf hojjate galateefachun wanta Islaamni jajjabeessudha. Nama firaa immoo kana caalaa galateefachuun ni barbaachisa. Hadiisa Abu Hureeyraan dabarse keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“‏ مَنْ لاَ يَشْكُرِ النَّاسَ لاَ يَشْكُرِ اللَّهَ
Namni namoota hin galateefanne, inni Rabbiin hin galateefatu.At-Tirmizi 1954, Abu Dawud 4811 gabaasan

Kanaafu, abbaan manaa niitii isaaf waan gaarii yommuu hojjatu, ishiin isa galateefachu fi dinqisifachuu qabdi. Akkuma isa galateefattu fi dinqisiifattuun wal jaalalli isaan jidduutti cimaa adeema. Faallaa kanaa, tan hin galateefannee fi wanta gaarii inni ishiif hojjatu tan busheessitu yoo taate, wal jibbi isaan jidduutti ni uumama. Ishiinis adabbiif of saaxilti. Hadiisa Abdullah ibn Umari fi Abu Sa’iid Al-Khudriyy gabaasan keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu:

Yaa tuuta dubartootaa! Sadaqaa kennaa, istighfaara (Rabbiin irraa araarama kadhachuu) baay’isaa, harki caalaan warra ibiddaa isin ta’u argee jira.” Dubartoota keessa dubartiin takka ni jette, “Yaa Rasulallah! Harki caalaan warra ibiddaa maaliif nu ta’ee?” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “Abaarsa baay’istu, abbaa warraa keessan hin galateefattan…Sahiih Muslim 79, Sahiih Al-Bukhaari 1462

Galateefachuu yommuu jennu arrabaan qofa galatoomi jechuu qofa osoo hin ta’in isatti gammachuu agarsiisuu, dhimmoota isaatii fi ijoollee isaa bakkaan gahuu fi isa tajaajiluu of keessatti hammata. Akkasumas, wanta inni hin qabne fi hojjachuu hin dandeenyef isa komachuu dhiisu.

9-Isaaf of miidhagsuu fi faayu
Akkuma hadiisa darbe keessatti jedhame, “Ergamaan Rabbii (SAW), “Dubartii tamtu gaariidha?” jechuun gaafatame. Innis akkana jechuun deebise, “Yommuu ilaalu tan isa gammachiistu, yommuu ishii ajaju tan isaaf ajajamtu, lubbuu fi qabeenya ishii keessatti wanta inni jibbuun tan isa hin faalleessinedha.” An-Nisaa’i 3231

Dubartiin abbaa manaa ishii yommuu ilaalu tan gammachiistu, yoo of miidhagsitee fi qulqullinnaa ofii eeggatteedha. Yommuu isaaf of miidhagsitu fi qulqullinna ofii eeggattu, gara dubartii biraa akka hin dharraane isa taasifti. Garuu faallaa kanaa, tan isaaf of hin miidhagsinee fi qulqullinna hin eegganne yoo taate, qalbii isaa keessatti ishii jibbuu danda’a. Sababa kanaan gara dubartii biraa dharra’a. Kanaafu, isaaf of miidhagsuu fi of qulqulleessun akka maagnetti isa harkisuu dandeessi.

10-Isaa fi ijoollee isaa irratti yommuu qabeenya ishii baastu, dhaadanna dhiisu.
Dhaadannaa jechuun tola namaaf hojjatan, “Kana siif hojjadhe, akkana siif godhe” jechuun nama san irratti of jajuudha. Dhaadannaan mindaa hojii gaarii balleessa. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe,
“Yaa warra amantan! Sadaqaa keessan dhaadannaa fi nama rakkisuudhaan hin balleessinaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:264

 11-Wanta xiqqaa fi salphaatti gammaduu fi quufu, humna isaatii ol isa dirqisiisu dhiisu
Dubartiin dubartii biraa ilaaluun akka ishiitti buluuf ni hawwiti. Hawwiin kuni yoo hin daangefamin, wanta qabanitti akka hin gammanne nama taasisa. Dubartiin mu’mina (nama dhugaan amante) yoo taate, qananii Aakhirah kajeelun addunyaa tana keessatti wanta xiqqaatti ni gammaddi. Abbaa manaa ishii wanta inni bituu ykn gochuu hin dandeenyetti hin dirqisiistu. Rabbiin olta’aan ni jedha:

65:7

Abbaan dandeetti qabu, dandeetti isaa irraa haa qallabu. Namni sooranni isaa isa irratti dhiphifame, waan Rabbiin isaaf kenne irraa haa qallabu. Rabbiin lubbuu tamiyyuu waan ishiif kenneen ala hin dirqisiisu. Rabbiin dhiphinna booda bal’inna ni godhaaf.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:7

Abbaan dandeetti qabu, dandeetti isaa irraa haa qallabu.” Kana jechuun namni qabeenya bal’aa qabu qabeenya isaa irraa niiti fi ijoolle irratti wanta isaan gahu haa baasu. “Namni sooranni isaa isa irratti dhiphifame, waan Rabbiin isaaf kenne irraa haa qallabu.” Namni hiyyeessi rizqiin isaa itti dhiphatte, wanta Rabbiin isaaf kenne irraa maatii isaa irratti haa baasu. Rabbiin humnaa ol nama tokko hin dirqisiisu. “Rabbiin dhiphinna booda bal’inna ni godhaaf.” Kuni gammachiisa Rabbii olta’aa irraa namoota rakkoo keessa jiraniif ta’eedha. Suurah (boqonnaa) biraa keessatti ni jedha:

Rakkinna waliin laafinatu jira.
Dhugumatti rakkinna waliin laafinatu jira.” Suurat Ash-Sharh 94:5-6
Kanaafu, niitin abbaan manaa ishii rakkoo keessa yoo ta’e obsuu fi waan gaarii abdachuu qabdi.

12-Wanta isa rakkisuu fi dallansuu hojjachuu dhiisu
13-Iccitii isaa eegu- Iccitiin amaanaadha. Namni iccitii eegu nama amaanaa eegudha. Amala warroota dhugaan amananii (mu’mintootaa) keessaa tokko amaanaa eegudha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

23:8

Isaan (mu’mintoonni) amaanaa isaaniitii fi waadaa isaanii kanneen eeganiidha.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:8
Iccitiin yoo eeggame, maatiin ni eeggame. Yoo labsame immoo maatiin ni diiggama.

14-Abbaa haadha isaa fi firoota isaa waliin haala gaariin waliin jiraachu
15-Isa waliin jiraachuuf fedhii cimaa qabaachu fi sababa tokko malee nikaah akka ishirraa buusu barbaadu dhiisu

16- Yoo inni du’ee, ji’aa 4 fi bultii 10 turuu- Ulfa tan hin qabne yoo taate fi dhiirsi ishii irraa yoo du’e, ji’aa afurii fi guyyaa 10 turuu qabdi. Hanga yeroon kuni dhumutti heerumu hin dandeessu. Ragaan kanaa

2:234

Isin irraas kanneen du’anii niitii of duubatti dhiisan, isaan (niitiwwan kunniin) ji’oota afurii fi guyyaa kudhan turuu qabu. Yeroo beellama isaanii guuttatan, waan isaan karaa gaariin nafsee ofii waliin hojjatan ilaalchise badiin isin irra hin jiru. Rabbiin waan isin hojjatan keessa Beekaadha.” Suuratu Al-Baqaraa 2:234

Dhiirsi niiti irraa yoo du’e, niitin ji’oota afurii fi guyyaa 10 turuu qabdi. Ji’oota afurii fi guyyaa 10 kana keessatti of hin miidhagsitu, shittoo hin dibattu. Sababni ji’a afurii fi bultii 10 akka turtu taasifameef, ulfa ta’uu ykn ta’uu dhiisu ishii akka beekkamufi. Ulfi yoo beekkame, ilmi abbaa irraa du’een waamama.

Garuu wanti murtii kanarraa adda ta’u dubartii ulfa qabduudha. Dubartiin takka osoo ulfa qabduu abbaan manaa ishii yoo irraa du’e, yeroon turtii ishii hanga deessu.(Ilaali suuratu ax-Xalaaq 65:4) Tarii ji’a afurii gaditti dahuu dandeessi, tarii ji’a afurii olitti dahuu dandeessi. Erga deessen booda nama feetetti heerumu dandeessi.

Yeroo beellama isaanii guuttatan…” Kana jechuun yeroo turtii isaanii yoo fixan. Yeroon turtii dubartii ulfa hin qabnee, ji’a afurii fi guyyaa 10. “waan isaan karaa gaariin nafsee ofii waliin hojjatan ilaalchise badiin isin irra hin jiru.” Kana jechuun erga yeroon turtii xumurame booda, dubartoonni haala shari’aan ajajuun yoo of miidhagsanii fi of urgeessan warra isaanii irra rakkoon hin jiru. Akkasumas, heerumu danda’u. Aaya tana keessatti, warri (waliyyiin) dubartii, dubartii akka too’atu, wanta hojjachuun hin hayyamamne irraa akka dhoowwu qabuu fi wanta dirqama ta’eetti ajajuu akka qabu argisiisa.

“Rabbiin waan isin hojjatan keessa Beekaadha.” Kana jechuun Rabbiin hojiwwan keessan dhoksaa fi ifaa, keessaa fi alaa hundaa beeka. [1] Wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Ergasii wanta hojjattaniif jazaa isiniif kafala. Jazaan kuni takkaa mindaa gaarii takkaa immoo adabbii ta’a.

Guduunfaa
Haqa abbaan manaa haadha manaa isaatirraa qabu muraasa isaanii haala kanaan tarreessun ni danda’ama:
1-Wanta inni ajaju keessatti isaaf ajajamuu 
2-Hayyama isaa malee manaa bahuu dhiisu 
3- Abbaan manaa gara siree yommuu ishii waamu tolee jechuu
4-Hayyama isaa malee eenyullee mana isaa seensisuu dhiisu
5-Hayyama isaa malee qabeenya isaa baasu dhiisu
6-Isaa fi ijoollee isaa tajaajiluu
7-Kabaja ishii, ijoollee isaatii fi qabeenya isaa eegu 
8-Isa galateefachu, tola isaa mormuu dhiisu fi isa waliin haala gaariin jiraachu
9-Isaaf of miidhagsuu fi faayu 
10-Isaa fi ijoollee isaa irratti yommuu qabeenya ishii baastu, dhaadanna dhiisu.
11-Wanta xiqqaa fi salphaatti gammaduu fi quufu, humna isaatii ol isa dirqisiisu dhiisu 
12-Wanta isa rakkisuu fi dallansuu hojjachuu dhiisu 
13-Iccitii isaa eegu
14-Abbaa haadha isaa fi firoota isaa waliin haala gaariin waliin jiraachu 
15-Isa waliin jiraachuuf fedhii cimaa qabaachu fi sababa tokko malee nikaah akka ishirraa buusu barbaadu dhiisu
16- Yoo inni du’ee, ji’aa 4 fi bultii 10 turuu

Barruu guutuu haqaa abbaan warraa fi haati warraa walirraa qaban dubbisuuf, linkii tana tuqaa:


Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 196-197, Abu Maalik  
[1] Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri kalaamil Mannaani- Abdurrahman Sa’diyy-fuula105

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.11.1
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.10.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply