Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 4ffaa

Offline dubbisuf

Marsaa 2ffaa Uumama namaa: Alaqah

Maqaa Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu] barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise.” (Suuratu Al-Alaq 96:1-5)

Kutaa darbe keessatti haala uumama namaa ilaalaa turreerra. Yaadannoof, cophni dhangala’oo saalaa dhiiraa fi dubartii yommuu walitti makaman zaaygoti ta’u. zaaygotin kunis seelota baay’etti qoqqoodamun morula ta’a. Morulan kunis miciqamun blaastasist ta’a. Blaastasist kunis guyyoota 6-10 gadaameessa haadha keessatti lafa qabata. Ergasii nuxfaan (cophni) kuni gara alaqatti jijjiramu eegala. Kanaafu, marsaan alaqaa guyyaa 14ffaa ykn 15ffaa irraa jalqabuun hanga guyyaa 25ffaa itti fufa.

Hubachiisa: Miciree (Embryo) jechuun sadarka guddinna uumama namaa jalqaba irraa kaase hanga xumura ji’a 2ffaa kan itti fufuudha. Ji’a sadii irraa kaase micireen gara “Ulfaa (Fetus)”itti jijjirama[1]. Kanaafu, micireen marsaa nuxfaa, alaqah fi mudgha of keessatti qabataa jechuudha.

Mee amma Hiika Alaqah haa ilaallu:
Jechi Arabiffaa “Alaqah” jedhu hiika sadii qaba. Isaanis: (1) wanta rarra’ee, (2) dhiiga ititaa, (3) ulaan’ula.

Hiikni tokkoffaan alaqah “wanta rarra’eedha“. Gara guyyaa 14 ffaatti micireen namaa baqana lama horachun gadaamessa haadhaa keessatti rarra’a. Akkuma fakkii armaan gadii irratti mul’atu micireen “Connecting Stalk” wanta jedhamuun gadaamessa haadha keessatti akka rarra’u taasifama. Qur’aanni rarra’insa kana Alaqah jechuun ibsa. Kanaafu, kuni hiika alaqah “wanta rarra’e” jedhuun kan walitti galuudha.

Fakkii 1: suuraa maaykiroskooppin kaafame irraa yeroo marsaa alaqah gadaamessa haadhaa keessatti rarra’insa miciree ni argina. Fakkii armaan olii irratti micireen “bilaminar Embryonic disc” jedhuun bakka buufame. Micireen sadarka kanatti boca wanta akka geengoo (disc) horata. Umriin miciree armaan olitti mul’atuu gara guyyaa 14ti.

Micireen guyyoota itti aanan keessatti boca geengoo irraa gara boca loxee ykn ulaan’ulaatti jijjiramu eegala. Fakkii micireen boca geengoo irraa gara boca ulaan’ulaatti itti jijjiramu agarsiisu[2]

Hiikni 2ffaan alaqah dhiiga ititeedha. Marsaa alaqaa irratti bifni alaa miciree fi qaraxiixiin isaa dhiiga ititeen wal fakkaata. Sababni isaa, marsaa kana irratti dhiigni baay’een miciree keessatti ni argama. (Ilaali fakki armaan gadii) Akkasumas, yeroo marsaa kanaa, hanga dhuma torbaan sadaffaatti dhiigni miciree keessa hin naanna’u. Kanaaf, marsaa kana irratti micireen dhiigaa ititaa fakkaata.


Embryo in the fourth week (about 22-24 days) shows the clear rudiments of brain and backbone. Its heart pumps blood to the liver and into the aorta. (A Child is Born, Lennart Nilsson, 1990, p. 79)

Fakkii 2: Miciree torbaan 4ffaa (gara guyyaa 22-24) gahe. Micireen kuni torbaan afraffatti waan seenef bifti isaa kana fakkaata. Torbaan 2ffaa fi 3ffaa keessa kan jiru kana caalaa dhiiga ititaa akka fakkaatu itti yaadun ni danda’ama.

Hiikni sadaffaan Alaqah “ulaan’ula” ta’a. Ulaan’ula jechuun raammoo bishaan keessa jiraattu fi yommuu horiin bishaan dhugan afaaniin itti seenun dhiiga isaanii soorattudha.

Marsaa alaqah irratti ulaan’ula miciree namaa waliin yommuu wali bira qabnu, akkuma fakkii armaan gadii irraa mul’atutti isaan lamaan jidduu wal fakkeenya ni argina. Micireen dhuma torbaan sadaffaatti boca geengoo irraa gara boca ulaan’ulaatti jijjirama. Kanaafu, bocni isaanii wal fakkaata. Akkuma micireen dhiiga haadhaa sooratu, ulaan’ullis dhiiga beelladootaa sooratti.

Fakkii 3: Marsa alaqatti fakkii wal-fakkeenya ulaan’ula (leech) fi miciree ilma namaa (human embryo) jidduu jiru agarsiisu.

Kanaafu, micireen marsaa Alaqaatti guyyaa 14ffaa irraa jalqabee boca geengoo qabaachun gadaamessa haadhaa keessatti rarra’a. Ergasii bocni kuni guyyoota itti aanan keessatti gara boca ulaan’ulaatti jijjirama. Hanga xumura torbaan sadaffaatti micireen dhiiga itite fakkaata. Sababni isaas, dhiigni baay’een miciree keessatti ni argama. Akkasumas, hanga xumura torbaan 3ffaatti dhiigni isa keessa hin naanna’u. Haala kanaan, hiikni alaqah sadan miciree umriin isaa guyyoota 14-25 ta’een wal simata.

Xinxallii

Akkuma yeroo darbee xinxallii keenya bakka lamatti qoodun itti fufna.
1ffaaMarsaan alaqah kuni Tokkichummaa (Wahdaniyyah), Dandeetti (Qudrah) fi Haqaan gabbaramuu (Uluuhiyyah) Rabbii agarsiisa.

Dhugumatti, namni qalbii qulqulluun uumama ofii irratti xinxalle, wantoota baay’ee hubata. Copha dhangala’oo saalaa irraa gara wanta akka dhiiga ititee, ergasi gara boca ulaan’ulaatti kan jijjiruu fi qajeelchu Uumaan Ogeessaa fi Beekaa ta’e jiraachu qaba. Sibiilli namni hojjatu mataa ofiitiin boca mataa ofii qabachuu danda’aa? Fakkeenyaf, qottoon mataa ofiitiin boca baxxee qabachuu dandeessi? Kanaafu, ilma namaa kanas copha irraa gara boca ulaan’ula fakkaatu Kan jijjiru Khaaliqni Olta’aan jiraachu qaba. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Inni (Rabbiin) Kan biyyee irraa, ergasii copha bishaan saalaa irraa, ergasii dhiiga ititaa (alaqah) irraa isin uumee ergasii daa’ima godhee isin baasudha. Ergasii akka jabinna keessan geessan [isin jiraachisa]. Ergasii akka jaarsa taatan isin godha. Isin irraa nama san dura du’utu jira. Akka beellama beekkamaa geessanii fi akka hubattaniif [isin jiraachisa]. Inni Kan jiraachisuu fi ajjeesudha. Yeroo dhimma tokko murteesse, “Ta’i” isaan jechuu qofa, [wanti sunis] yoosu ta’a.” Suuratu Ghaafir 40:67-68

Aaya tana keessatti, marsaalee namni uumama irraa jalqabee hanga du’aatti keessa darbu dubbata.

Marsaa 1ffaa– biyyee irraa namoota uumuu- kuni hiika lama qaba. Tokkoffaa abbaa ilma namaa kan ta’e Aadam (AS) biyyee irraa uumame. Kanaafu, hundeen nama hundaatu biyyeedha jechuudha. Hiikni lamaffaan, nyaanni namni nyaatu hundeen isaa biyyee irraayyi. Nyaanni qaama keessa erga seene booda gara dhiigaatti jijjirama. Dhiigni kunis gara copha bishaan saalaatti jijjirama. Kanaafu, hundeen copha bishaan saalaa (nuxfaa) biyyeedha. Kanaafi, “biyyee irraa isin uume, ergasi nuxfaa irraa” jechuun dubbata.[4]

Marsaa 2ffaa-Nuxfaa (copha saalaa) irraa nama uumuu
Marsaa 3ffaa-Alaqah irraa uumuu- makaan copha saalaa erga bilchaate booda gara dhiiga garmalee ititee fi wal qabateetti jijjirama. Fakkiwwaan armaan olii ilaalun ni danda’ama.
Marsaa 4ffaa– Alaqah booda micireen gara mudghaa jijjiramuun yeroo murtaa’an booda daa’ima guutuu ta’ee gara alaa bahuudha.
Marsaa 5ffaa-Namni jabinna isaa gahuudha. Jabinni kunis jabinna qaamaa, bilchinna sammuu fi humnoota nama keessa jiran biroo hammata.
Marsaa 6ffaa– namni marsaa dullummaa (jaarsummaa) gahuudha. Marsaan dullummaa waggaa shantama irraa jalqaba.

Umriin namootaa murtii Rabbii irratti waan hundaa’ef garagara. Gariin yeroo gabaabaaf jiraatu, gariin immoo yeroo dheeraaf jiraatu. Kanaafi itti aanse akkana jedhe, “Isin irraa nama san dura du’utu jira. Akka beellama beekkamaa geessanii fi akka hubattaniif [isin jiraachisa]

Kana jechuun, isin keessaa erga dhalatee booda fi osoo umrii jaarsummaa hin gahin nama du’utu jira. Nama ajalli (yeroon) isaa hin xumuramne immoo Rabbiin ni tursiisa. Isin keessaa namni lubbuun turus hanga beellama beekkamaa fi murtaa’a ta’etti ni tura. Ergasii Rabbiin ni ajjeesa.[3] Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa kan hunda kan godheef, dandeetti Isaa akka hubattanii fi Inni Tokkicha hiriyyaa hin qabne akka ta’e akka amantaniif .[4]

Yommuu marsaalee kanniin ilaallu, Rabbiin Tokkicha, wanta hundaa irratti Danda’aa akka ta’ee fi haqaan gabbaramu Kan qabu Isa qofa akka ta’e ni hubanna. Rabbiin ala eenyutu wanta raammoo fakkaatu irraa luka, ija, gurra, sammuu fi qaamolee biroo baasu danda’aa? wanti raammoo fakkaatu kuni mataa ofiitiin kutaalee qaamaa baafachu danda’aa? Gonkumaa hin danda’u. Mataa ofiitiin harki kiyya lama ta’uu qaba, lukni kiyya lama ta’uu qaba, ijji kiyya lama ta’u qaba, funyaan kiyya tokko ta’uu qaba, qubbiin harkaa shan ta’uu qabu jechuun murteessu danda’aa? Kuni hundi Dandeetti Rabbii olta’aa agarsiisa. Ammas, Nabii Aadamii fi Hawwaa booda namoonni hunduu hanga ammaatti marsaalee wal fakkaatu keessa darbuun Tokkichummaa Rabbii olta’aa agarsiisa. Namoonni hunduu yommuu uumaman nuxfaa irraa eegalee hanga garaa haadhaa keessaa bahanitti marsaa wal fakkaatu qabu. Kanaafu, Kan kana hunda hojjatu Al-Waahidul Ahad (Rabbii Tokkicha fakkaataa fi hiriyyaa hin qabneedha.) Uumamtoonni lakkoofsi isaanii Rabbiin malee eenyullee hin beekne kuni hundi sirna tokko hordofuun Uumaan Tokkicha akka ta’e agarsiisa. Kanaafu, Tokkichummaa fi haqaan gabbaramu kan qabu Rabbii Guddaadha.

Namni marsa uumama isaa jalqabaa yommuu ilaalu fi itti xinxallu, Khaaliqa isa uumeef akka gadi jedhu fi harka kennu isa taasisa. “Wanta raammoo fakkaatu irraa Kan na uumee dhiisee wanta homaa na hin fayyanne maaliif gabbaraa (waaqefadhaa)?” jechuun ofitti hasaasa.

40:66

Jedhi, “Ani ragaawwan ifa ta’an Gooftaa kiyya irraa erga natti dhufanii booda wantoota isin Rabbii gaditti kadhattan (gabbartan) gabbaruu irraa dhoorgame jira. Gooftaa aalamaa hundaatiif harka akka kennu ajajamee jira.” Suuratu Ghaafir 40:66

Gooftaa aalamaa hundaa- Uumamtoota hunda Kan uume, jiraachisu, obaasu, guddisuu fi tiiksudha. Rabbiif harka kennuu jechuun qalbii guutuun Isatti amanuu fi gadi jechuufi. Wanta Inni itti ajaju hojjachuu fi wanta Inni irraa nama dhoowwe dhiisudha. Kanaafu, namni Rabbii isa uumee fi qananii garagaraan isa qananiisef harka kennuun itti ulfaataa? Yoo itti ulfaate, wanta irraa uumame fakkiiwwan armaan oli irraa irra deddeebi’e haa ilaalu.

Xinxallii 2ffaa– Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa akka ta’e amanu- saayinsin marsaalee uumama namaa irra gahuu kan danda’e jaarraa tokko ykn lama hin caalu. Garuu Qur’aanni jaarraa kudha afur dura marsaa uumama namaa ifa gochuun dubbate. Saayinsin marsaalee kana beeku kan danda’ee meeshaa hammayya maaykiroskoppii fayyadamuuni. Jaarraa kudha afur dura maaykiroskoppii wanti jedhamu hin jiru. Kanaafu, marsaalee uumama namaa akkamitti beekun danda’ama ree? Uumaan nama uumee yoo namatti hin himin eenyullee beeku hin danda’u. Kanaafu, Rabbiin dandeetti Isaa namoonni akka beekanii fi Isatti amananiif marsaalee uumama namaa Qur’aana buusun hime. Kanaafu, Qur’aanni shakkii tokko malee Rabbii wantoota hundaa uumuu irraa kan bu’eedha.

Jaarraan tokko waggaa dhibba (100) of keessaa qaba.


Kitaabban Wabii:
Embryology in the Qur’an: Description of the ‘Alaqah stage, By Elias Kareem
[1] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur’aanil Kariim jiildi 2faa fuula-228, By Zaghluul Najjaar,
[2] THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY KEITH L. MOORE, PERSAUD fuula 55, 10th Edition
[3] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 12/413-415, Abdurahman Hanbak
[4] Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabihi wa bayaanih 8/387, Muhammad Aliyy Xaahaa
https://www.sammubani.com/2018/05/19/shakkii-quraanaa-qulqullessuuf-2/

Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 5
Isin Keessaa Mallatootu Jira-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply