Gaa’ila Islaamaa-Lakk.11.1

Offline dubbisuf

Haqa Niitin Abbaa warraa irraa Qabdu-Kutaa 1ffaa
Akkuma abbaan warraa niiti isaa irraa haqa qabuu haati warraas isa irraa haqa baay’ee qabdi. Kutaa darbe keessatti haqa abbaan warraa niiti isaa irraa qabu ilaalle turra. Amma immoo haqa niitin abbaa warraa ishii irraa qabdu ni ilaalla.

Haqa niitin abbaa warraa irraa qabdu bakka gurguddoo lamatti qoodun ni danda’ama. 1ffaa-Haqa qabeenyaa (huququ maaliyyah). Kan akka mahrii, qallaba, uffata, mana jireenyaa fi kkf. 2ffaa-Haqa qabeenyan ala ta’e. Kanneen akka ishiif mararfachuu.
Mee amma haqoota lamaan kanniin wal duraa duuban haala armaan gaditiin haa ilaallu:

1-Mahrii– yeroo darbe waa’ee mahrii ilaalle turre. Mahrii jechuun kennaa dhiirri tokko dubartii fuudhu barbaaduf kennuudha. Mahrii ishiif kennuun haqa ishiiti. Gonkumaa haqa kana jalaa saamu hin danda’u.  Rabbiin olta’aan ni jedha:

Dubartootaaf mahrii isaanii kenniinsa jaalalaa ta’e kennaaf.” Suuratu An-Nisaa 4:4 
Kana jechuun dubartoota fuudhu barbaaddaniif kennaa lubbuun teessan jaallattee fi itti gammadde kennaaf.

2-Nafaqaa (baasii)- niiti fi ijoollee isaa irratti baasi isaan barbaachisu baasun abbaa warraa irratti dirqama. Baasiin kuni qallaba, uffata, mana jireenyaa fi kkf of keessatti hammata. Dhiirsi niiti irratti baasii baasun dirqama akka ta’e Qur’aana, Sunnah, waligaltee Muslimootaa fi aqliin kan mirkanaa’edha.  

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti ni jedha:

65:7

Abbaan dandeetti qabu, dandeetti isaa irraa haa qallabu. Namni sooranni isaa isa irratti dhiphifame, waan Rabbiin isaaf kenne irraa haa qallabu. Rabbiin lubbuu tamiyyuu waan ishiif kenneen ala hin dirqisiisu. Rabbiin dhiphinna booda bal’inna ni godhaaf.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:7

Abbaan dandeetti qabu, dandeetti isaa irraa haa qallabu.” Kana jechuun namni qabeenya bal’aa qabu qabeenya isaa irraa niiti fi ijoolle irratti wanta isaan gahu haa baasu. “Namni sooranni isaa isa irratti dhiphifame, waan Rabbiin isaaf kenne irraa haa qallabu.” Namni hiyyeessi rizqiin isaa itti dhiphatte, wanta Rabbiin isaaf kenne irraa maatii isaa irratti haa baasu. 

Ammas Aayah biraa keessatti ni jedha:

Nama yeroo hoosisaa guutuu fedheef haadholiin ilmaan isaanii waggaa lama guutuu hoosisu. Soorataa fi uffata isaanii haala fudhatamaa fi beekkamaa ta’een kennuun nama ilmi isaaf dhalate irra jira.” Suuratu Al-Baqarah 2:233

Kana jechuun abbaa manaa fi haati manaa waliin mari’achuun daa’ima ofii waggaa lama guutuu hoosisu yoo barbaadan, haati waggaa lama guutuu hoosisu dandeessi. Namni ilmi isaaf dhalate (abbaan) soorataa fi uffata haadha ilma isaatiif kennuun dirqama. Jecha biraatiin niiti isaatiif qallabaa fi uffata kennu qaba. Hangi qallabaa fi uffataa kunis haala namoota keessatti beekkamaa ta’eenii fi dandeetti dhiirsaa irratti hundaa’a. Osoo hin qisaasessinii fi hin doy’oomin hanga dandeettin isaa hayyamuun ishii qallabuu fi uwwisuu qaba.

Baasin dhiirsa irratti dirqama ta’uu mirkaneessu Sunnaah irraa, hadiisa Mu’awiyaan gabaasedha.

Mu’awiyah Al-Qusheyriyy akkana jedha: Yaa Ergamaa Rabbii! Tokkoon keenya keessaa haqni niitin isarraa qabdu maaliidhaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Yommuu nyaattu nyaachisu, yommuu uffattu ishii uffisuu, fuula ishiitirra hin rukutin, ishii hin fokkisin, manatti malee ishiin hin oodin.” Sunan Abu Daawud 2142 ‘ishii hin fokkisin’ jechuun ‘Rabbiin si haa fokkisu’ hin jedhiin.

Dhiironni gariin alatti foon cicciranii ni nyaatu. Garuu niiti isaaniitii waa hin kennan. Kuni amala badaadha. Hadiisni armaan olii amala badaa kanarraa nama dhoowwun amala gaaritti nama qajeelcha. “Teeti quuftee ishii beela hin bulchin, teeti uffattee ishii hin daarsin, fuula ishii irra hin rukutin, hin arrabsin” yaada jedhu qaba.

Mana jireenyaa qopheessunis abbaa warraa irratti dirqama akka ta’e Qur’aana keessatti Rabbiin olta’aan ni dubbata:

Dandeetti keessan irraa bakka qubattan isaan qubsiisaa. Isaan irratti dhiphisuuf jecha isaan hin rakkisinaa.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:6

Dandeetti keessan irratti hundaa’e bakka ofii jiraattan niitiwwan keessanis jiraachisaa. Niitiwwan keessan irratti dhiphisuuf jecha dubbii fi hojii badaan isaan hin dararinaa ykn hin rakkisinaa.

3-Haala gaariin niiti isaa waliin jiraachuu
Wanti asitti barbaadame haala gaariin waliin gamtoomu, ishii rakkisuu irraa of qusachuu, dandeetti osoo qabanuu haqa ishii dhoowwachu dhiisuu, fuulaan ishiitti tolu fi itti seeqachuudha. Hundeen kanaa jecha Rabbii olta’aati:

Haala gaariin isaan waliin jiraadhaa. Yoo isaan jibbitan, [obsaa]; tarii isin waan tokko ni jibbitu, Rabbiin isa keessa kheeyri baay’ee gochuu danda’a.” suuratu An-Nisaa 4:19

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“‏ خَيْرُكُمْ خَيْرُكُمْ لأَهْلِهِ وَأَنَا خَيْرُكُمْ لأَهْلِي ‏”
Irra gaariin keessan haadha warraa isaatiif gaarii kan ta’eedha. Ani haadha warraa kootiif hunda keessan irra gaarii kan ta’eedha.” Sunan Ibn Maajah 1977, Jaami’a At-Tirmizii 3895

Dhugaa kana haati manaa Rasuulaa (SAW) Aa’ishaan ragaa baati. Akkana jechuun gaafatamte, “Ergamaan Rabbii (SAW) mana keessatti maal hojjataa turee?” Ishiinis ni jette, “Maatii isaa tajaajiluun of ko’oomsa. Yommuu salaanni gahu, gara salaataa deema.” Sahiih al-Bukhaari 6039

Haala gaariin waliin jiraachuun jecha walii gala haqni hundi keessa seenudha. Wantoonni armaan olitti dubbannee fi kan armaan gaditti itti dhufnu hundi haala gaariin waliin jiraachu keessa seena. Namni haadha warraa isaa irratti baasi ishii barbaachisu yoo kenneef, dubbii gaarii yoo itti dubbate, fuula gaarii yoo itti agarsiise, ishii miidhu irraa yoo of qabe fi haqoota ishii biroo yoo bakkaan gahe, haala gaariin ishii waliin jiraachaa jiraa jechuudha.

4-Niiti isaatiif mararfachuu, ishii taphachiisuu fi umriin ishii xiqqaa akka ta’etti ilaalu
Dhiirsa kanaaf Rasuula (SAW) keessa fakkeenyatu jira. Nabiyyiin (SAW) Aa’isha waliin figicha irratti wal dorgomaa ture. Akkana jedhaan, “Koottu si dorgomaa” Ishiinis isa ni dursiti. Erga furdattee foon horattee booda ishii waliin ni dorgome. Ergasii ishii ni durse. Itti kolfuun akkana jedheen, “Tuni moo’atamuu saniini” (Kana jechuun akkuma ati yeroo darbe na moo’atte anis har’a si moo’adhe).” (Musnad Ahmad 6/264, Abu Daawud 2578)

Waliif mararfachuu fi waliin taphachuun, jalqaba fuudhaa heerumaa irratti garmalee hoo’adha. Garuu akkuma yeroon darbuun ligidaa’a (qorraa) adeema. Inuma niiti ofii caalaa nama namoota badheef mararfatuu fi waliin taphatutu jira. Niiti isaatti gogogiinsaa fi jabeenya itti agarsiisa. Ishiif mararfachuu fi waliin taphachuun hin jiru. Kuni jecha, “Haala gaariin waliin jiraadhaa” jedhu faallessa. Kanaafu, namni niiti isaatiif mararfachuu qaba. Akkasumas, ishii waliin taphachuun hariiroo wal jaalalaa jabeessun ni danda’ama.

5-Niiti isaa waliin haasawuu fi wanta ishiin jettu sirnaan dhageefachu– haala jireenyaa waliin haasawunii fi wal dhageefachuun bu’aa guddaa fida. Namni yoo wal dhageefate, rakkoo walii fura. Boonaa walirraa garagaluun immoo amala badaa fi rakkoo kan hin furreedha. Rabbiin olta’aan Qur’aana keessatti ni jedha:

31:18

“[Boonun] maddii [boqoo] kee namoota irraa hin garagalchin; dachii keessa oftuulaa hin deemin. Dhugumatti Rabbiin oftuulaa, of dhaadaa hunda hin jaallatu.” Suuratu Luqmaan 31:18

Kana jechuun yommuu namoonni sitti haasawan, isaan tufachuu fi irratti of-tuuluun isaan irraa hin garagalin. Garuu isaaniif laafi, fuula kee diriirsif. [Wanta isaan jedhan dhageefadhu]. Of-tuulaa jechuun nama nafsee ofii dinqisifatuu fi of jajuudha. Of dhaadaan immoo dubbiin namoota irratti kan of dhaadatuudha. “Ani hojii guddaa akkanaa hojjadhe, ani amala gaarii akkanaa qaba, qabeenya hanganaa qaba…” jechuun namoota irratti of dhaadachuudha. Rabbiin kana hunda hin jaallatu. (Tafsiir ibn Kasiir, tafsiira suuratu Luqmaan aayah 18ffaa fi kitaabban tafsiira biroo irraa)
Kanaafu, abbaan warraa niiti waliin yommuu haasawu ishii tufachuu osoo hin ta’in ishii dhageefachu qaba.

Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 197-204, Abu Maalik
Fiqhu Maysiir fii daw’il Kitaabi wa sunnati– fuula 304

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.11.2
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.10.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply

Leave a Reply

  Subscribe  
Notify of