Gaa’ila Islaamaa-Lakk.11.2

Offline dubbisuf

Namoonni lama erga mana tokko keessa waliin jiraachu jalqabanii mirgaa fi dirqamni isaan bahuu qaban ni jira. Namni osoo mirgaa fi haqa namoota biro hin dhiibin wanta fedhe hojjachuu danda’a. Ergasii bu’aa wanta hojjatee ni argata. Akkasumas, dirqamoonni inni bahuu qabu isarra ni jiru. Dirqamoota kanniin yoo hin bahin miidhaaf of saaxila. Mirgaa fi dirqamoota haqa jalatti ramaduun haqa niiti fi dhiirsi walirraa qaban ilaalaa tureerra. Har’a kutaa dhumaa, “Haqa Niitin Abbaa warraa irraa qabdu” ni ilaalla.

6. Dhimma amantii ishii ishii barsiisuu fi Rabbiif ajajamuu irratti ishii kakaasu
Namni niitiin isaa isaaf akka qajeeltu barbaadu, Islaama ishii barsiisuu ykn akka barattu irratti ishii jabeessu qaba. Islaamni eessarraa kaate eessa deemu akka qabdu, maaliif addunyaa tana keessa akka jiraattu, akkamitti abbaa manaa waliin jiraachu akka qabdu ishii barsiisa. Iimaanni qalbii dubartii keessatti hidda yoo qabate, ifaa fi dhoksatti waan badaa irraa of qabdi, waan gaarii immoo ni hojjatti. Haala kanaan, adabbii dubartoonni iimaanaa hin qabne adabaman irraa nagaha baati. Kanaafi, Rabbiin olta’aan akkana jechuun warroota amanan ajaja:

66:6

Yaa warra amantan! Lubbuu keessanii fi maatiiwwan keessan ibidda qoraan isaa namootaa fi dhagaa heddu ta’e irraa eegaa. Isa (ibidda) irra malaaykota garaa jabeeyyi, ciccimoo ta’antu jiru. Waan Rabbiin isaan ajaje hin faallessan; waan ajajamaniis ni hojjatu.” Suuratu At-Tahriim 66:6

Yaa warra Rabbitti amantanii fi wanta Inni beeksisee dhugoomsitan! Wanta Inni itti ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun lubbuu fi maatii keessan ibidda irraa eegaa. Kanaafu, namni tokko nafsee ofiitii fi maatii isaa ibidda irraa eeguf wantoota kanniin bakkaan gahuu qaba: Mataa ofiiti waan Rabbiin itti ajaje ni hojjata, waan badaa Inni irraa dhoowwe ni dhiisa, badii hojjate irraa buqqa’uun gara Rabbii isaa deebi’ee araarama kadhata. Maatii isaa baraaruf immoo: waan gaariitti isaan ni ajaja, waan badaa irraa ni dhoowwa, waa’ee kanaa ilaalchisee beekumsa isaan barsiisa. Rabbiin jalla wa’alaa aaya biraa keessatti ni jedha:

20:132

Maatii keetis salaatatti ajaji. Isa (salaata) irrattis obsi. Nuti soorata si hin gaafannu, Nutu si soora. Xumurri gaariin warra Rabbiin sodaataniif ta’a.” Suuratu Xaahaa 20:132
Warri Rabbiin sodaatan warra waan Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi waan Inni dhoowwe dhiisun adabbii irraa of eeganiidha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warri amanan of eeggannoo cimaa akka godhaniif amala ibiddaa ibse. Boba’aan ykn qoraan ibidda kanaa namoota kafaranii fi dhagaadha. Kanarratti dabalatee, malaaykota garaa jabeenyi rahmata hin qabneetu ibidda kanarra jira. Osoo hanga fedhan itti warwaatanii nama jalaa hin dhagahan. Humni isaaniis garmalee cimaadha. Akkasumas, wanta Rabbiin isaan ajaje gonkumaa hin faalleessan. Waan ajajaman ni hojjatu.

Addunyaa tana irrattu, nama tokkoon “Yakka yoo hojjatte, mana hidhaa dukkanaa seenta. Waardiyaan gara-jabaataa rahmata hin qabneedha. Adabbii adda addaatin nama azzaba (adaba)” osoo jedhaniin, namni kuni yakka ni hojjataa? Fedhii lubbuu hordofuun tarii yakka hojjachuu danda’a. Garuu adabbii yakka isaa ni dhandhama. Ergasii osoo hojjachuu baadhe jechuun garmalee gaabba. Kanaafu, namni ofii fi maatii isaa adabbii ibiddaa cimaa ta’e kanarraa eeguuf tattaafachu qaba. Maatii isaa yommuu jennuu ijoollee, niiti fi namoota itti-gaafatamumaa isaa jala jiraniidha.

7-Shari’aa Rabbii keessatti bakka duwwaa yoo hin dhiisin, dogongora muraasa ishii irraa ija gadi qabachuu.
Namni tokko dubartii waliin yommuu jiraatu “Dhibbaan dhibbatti guutu fi akka ani fedhutti na waliin jiraachu qabdi.” yoo jedhe, mataa isaatii fi ishii ni miidha. Dogongora ishiin hojjatte hundaa ishii irratti qabuun ganamaa galgala itti nyakkisuu osoo hin ta’in, dogongora xixxiqaa ishii irra darbuu fi gorsuudha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
لاَ يَفْرَكْ مُؤْمِنٌ مُؤْمِنَةً إِنْ كَرِهَ مِنْهَا خُلُقًا رَضِيَ مِنْهَا آخَرَ ‏”‏ ‏
Dhiirri dhugaan amane (mu’iminni) tokko dubartii dhugaan amante (mu’imintitti) takka hin jibbin. Amala tokko yoo ishii irraa jibbe, amala biraa immoo irraa jaallata.” (Sahih Muslim 1469)

8-Ishii arrabsuu fi fuula ishiitirra rukutuun ishii dararuu dhiisu
Namoonni gariin aadaa godhachuun niiti isaanii ni arrabsu, ni tumu (ni rukutu). Garuu kuni adeemsa sirrii miti. Niiti ofii rukutuun kan hayyamamuu qajeelfamoota armaan gadii yoo hordofeedha:

1ffaa-Jalqaba ishii gorsuu. Yoo gorse dadhabee ciisicha irratti ishiin oodu. Yoo kuni hundi ishii sirreessu dide, osoo hin miidhinii fi mallattoo irratti hin hanbisin rukutu.
2ffaa-Rukuttaan naamusa qabsiisuuf qofa ta’uu qabaa malee mallattoo fi miidhaa kan ishii irratti hanbisu ta’uu hin qabu. Lafee cabsuu, fuula ishii irra rukutuu, dhiiga jiigsu hin qabu.
3ffaa-Yoo isaaf ajajamte, ishii rukutuu irraa of qabuudha. (Wantoonni sadan kunniin suuratu An-Nisaa 4:34 keessatti kan guduunfameedha.)

Kanaan alatti dubartoota akka beelladaa reebuu fi rukutuun wanta fudhatama hin qabneedha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
‏ لاَ يَجْلِدُ أَحَدُكُمُ امْرَأَتَهُ جَلْدَ الْعَبْدِ، ثُمَّ يُجَامِعُهَا فِي آخِرِ الْيَوْمِ ‏”‏‏.
“Tokkoon keessan niiti isaa akka gabrichaa hin reebin. Ergasi xumura guyyaa ishii waliin qunnamtii raawwata.”
Sahiih Al-Bukhaari 5204

Namni gariin akka gabrichaa ishii reebun halkan fedhii ofii guuttachuuf ishitti dhufa. Hadiisni kuni kan agarsiisu namni tokko niiti ofii akka gabrichaatti reebu ykn tumuu akka hin qabneedha. Ishii rukutuun kan danda’amu qajeelfamoota armaan olii yoo hordofeedha. Osoo barruu kana barreessu jidduun www.islamqa.info irra gore. Barruu achi keessatti arge keessaa tokko, “Namticha niiti ofii ajjeesedha.” Mataa ishii dhaaba manaatti buuse. Ergasii ishiinis gaggabdee achumaan duutee hafte. Kanaafu, namni yommuu nama rukutu of eeggachu qaba.

Aa’ishaan (Radiyallahu anhaa) akka gabaastetti, Ergamaan Rabbii (SAW) gonkumaa harka isaanitiin eenyullee rukutanii hin beekan, dubartii ta’i, tajaajilaa (kaadima) ta’i hin rukunne yoo karaa Rabbii keessatti qabsaa’an malee.” Sahiih Muslim 2328

Karaan gaariin akkuma Rasuulli dubartoota hin rukunne dubartii rukutuu irraa of qusachuudha. Kana irra ishii gorsuu fi tooftaalee ishii sirreessu biroo fayyadamuudha.

9-Kabaja ishii eegu
Akkuma dhiirri fedhii foonii uumama qabuu dubartiinis fedhii foonii uumamaa qabdi. Fedhii ofii guuttachuuf akkuma gara ishii dhufu, ishiinis yommuu fedhii ofii guuttachuu barbaaddu fedhii ishii guutufi qaba. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Isaaniifis (dubartootaafis) fakkaata akka isaan irra jiruutu haala gaariin isaaniif jira.” Suuratu Al-Baqarah 2:228
Kana jechuun akkuma dhiirsonni niitiwwan irraa haqa qaban, niitiwwanis dhiirsota irraa haqa qabu.

Fedhii foonii uumama guuttachun haqa dubartiin abbaa manaa ishii irraa qabdu keessaa tokkoodha. Kanaafu, abbaan manaa fedhii ishii guutun haraama irraa ishii eegu qaba.

10-Iccitii ishii ifaa baasu hin qabu, aybii (hanqinna dhoksaa) ishii dubbachuu dhiisu. Iccitiin bakka lamatti qoodama. 1ffaa-Iccitii sireeti. Iccitiin kuni gonkumaa namootatti himamuu hin qabu. Gola ciisichaa keessaa kan hin baanedha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Guyyaa Qiyaamaa namni Rabbiin biratti sadarkaan badaa (gadi bu’aa) ta’e nama niiti isaatti dhufee ishiillen itti dhufte (kana jechuun wal-qunnamti raawwatanii) ergasii iccitii ishii ifatti baasedha.” (Sahiih Muslim- 1437-kitaabu nikaah)

2ffaa- iccitii kanaa gadi kan ta’e iccitii mana keessaati. Iccitiin kunis eeggamu qaba. Akkuma yeroo darbe jenne iccitiin amaanadha. Amaanaa eegun amaloota warra amananii (mu’mintootaa) keessaa tokko.

11-Akkuma ishiin isaaf of miidhagsitu innillee ishiif of miidhagsuu
Ibn Abbaas (Radiyallahu anhu) akkana jedha: “Akkuma niitin anaaf jettee akka of miidhagsitu jaalladhu, anillee ishiif of miidhagsuu nan jaalladha. Sababni isaas, Rabbiin olta’aan ni jedha:

Isaaniifis (dubartootaafis) fakkaata akka isaan irra jiruutu haala gaariin isaaniif jira.” Suuratu Al-Baqarah 2:228
Kana jechuun akkuma dhiirsonni niitiwwan irraa haqa qaban, niitiwwanis dhiirsota irraa haqa qabu.

12-Zanni ishiif qabuu bareechisuu- kana jechuun waa’ee ishii ilaalchisee yaada gaarii yaadu.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Yaa warra amantan seehaa (mamii) hedduu irraa fagaadha. Gariin mamii diliidha (cubbuudha). Walis hin basaasinaa. Gariin keessanis garii hin hamatin.” Al-Hujuraat (49): 12

Dhiironni gariin wanta xiqqaa fi guddaan haadha warraa isaanii shakkuun isaan basaasu ykn garmalee hordofu. Wanti qabatamaan nama shakkisiisu yoo jiraate, eeti shakkuun wanta jiruudha. Garuu lafumaa ka’anii cal’isaniitumaan shakkii baay’isuun amala badaa baditti nama geessudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala warroonni amanan (mu’mintooni) waliif waan gaarii yaadu akka qaban haala kanaan gorsa:

24:12

“Maaliif yeroo isa dhageessan mu’mintoonni dhiiraas ta’e kanneen dubartootaa, ofii isaanitiif toltuu yaadun, “Kuni soba ifa bahaadha” jechuu dhabanii?” Suuratu An-Nuur 24:12

Yeroo munaafiqonni Aa’ishaa (radiyallahu anhaa) maqaa xureessan, rakkoon guddaan uumame ture. Mu’mintoonni gariin wanta munaafiqonni jedhan amanuun wanta hin taane dubbatan. Munaafiqonni kijibdoota waan ta’aniif dubbiin dhugaan isaan irraa hin eeggamu. Kanaafi, Rabbiin aayah armaan olii keessatti akkana jechuun mu’mintoota gorsa: “waa’ee Aa’ishaa ilaalchisee yommuu dubbii sobaa dhageessan gariin keessan gariif waan gaarii yaadun, “Kuni soba ifa bahaadha” maaliif hin jennee?”

Waan gaarii walii yaadu yommuu jennu, mu’mintoonni warra iimaana qaban waan ta’aniif waan badaa akkanaa hojjachuu irraa qulqulluudha jedhanii yaadudha. Iimaanni isaanii wanta badaa maqaa ittiin xureefaman akka hin hojjanne isaan taasisa. Osoo wanta badaa san hojjataniyyuu haqni Muslimni tokko Muslima biraa irraa qabu, badii san isaaf dhoksuu fi addatti isa gorsuudha. Wanta badaa inni hojjate namoota keessa facaasun amala gadheedha.

Nama faasiqa tokkotu nama tokkotti dhufee, “Eebalu wanta badaa akkana hojjata” jedheen. Namni inni maqaa xureessu kuni nama salaata salaatu. Innis aayah armaan olii tana yaadachuun, “Badi asi! Wanta ati jettu irraa inni qulqulluudha.” jechuun sharrii isaa jalaa fashaleesse. Kanaafu, namni niiti isaa iimaana qabduu fi obboleeyyan isaa Musliimaa ilaalchisee yaada gaarii yaadu qaba.

Guduunfaa 
Haqoota niitin abbaa manaa ishii irraa qabdu haala kanaan tarreessun ni danda’ama
1-Mahrii ishiif kennuu
2-Nafaqaa (baasii)- soorata, uffata fi mana jireenyaa ishiif qopheessu

3-Haala gaariin niiti isaa waliin jiraachuu 
4-Niiti isaatiif mararfachuu, ishii taphachiisuu fi umriin ishii xiqqaa akka ta’etti ilaalu 
5-Niiti isaa waliin haasawuu fi wanta ishiin jettu sirnaan dhageefachu
6. Dhimma amantii ishii ishii barsiisuu fi Rabbiif ajajamuu irratti ishii kakaasu 
7-Shari’aa Rabbii keessatti bakka duwwaa yoo hin dhiisin, dogongora muraasa ishii irraa ija gadi qabachuu. 
8-Ishii arrabsuu fi fuula ishiitirra rukutuun ishii dararuu dhiisu 
9-Kabaja ishii eegu
10-Iccitii ishii ifaa baasu hin qabu, aybii (hanqinna dhoksaa) ishii dubbachuu dhiisu.
11-Akkuma ishiin isaaf of miidhagsitu innillee ishiif of miidhagsuu. 
12-Waa’ee ishii ilaalchisee yaada gaarii yaadu. 
13-Yoo fitnaan hin jiraatin, gara Jama’aa deemu fi fira ishii gaafachuuf yoo hayyamsiiste ishiif hayyamuu. 
Haqa abbaan warraa fi haati warraa walirraa qaban liinki tanarraa buusu dandeessu:

Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 212-214, Abu Maalik 
Taafsiir Ibn Kasiir
Tafsiir Sa’diyyi fi tafsiira biroo

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.12
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.11.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply