Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 5

Offline dubbisuf

Marsaa Uumama Ilma Namaa 3ffaa- Mudghah
Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu). Uumama namaa biyyee irraa kan jalqabee, ergasii sanyii Aadam copha bishaanii irraa Kan uumee galanni fi faarun hundi Isaaf haa ta’u. Copha irraa dhiiga ititaa kan taasisuu, dhiiga ititaa gara wanta alanfamu ykn muraa foonitti kan jijjiruu Rabbii olta’aa malee ni jiraa? Foon kanarraa lafee kan uumuu Isa malee jiraa? Lafee kanas foon kan itti uwwisu isaa malee jiraa?

Hiika Mudghah
Arabiffaan mudghah jechuun “wanta alanfame” jechuudha. Mufasiroonni (hayyoonni Qur’aana ibsan) jecha Mudghah jedhu “muraa fooni afaan keessatti alanfamu danda’u” jechuun hiiku. Muraan foonii wantoota alanfamu danda’an irraa waan ta’eef “wanta alanfamuudha” jechuudha. Dhugumatti yommuu muraa fooni alanshan, bocni isaatii fi bocni miciree wal fakkaata.

Osoo namni tokko muraa foonii ykn maastikaa afaan keessa kaa’ate alanshee, ergasii marsaa mudghah irratti muraa foonii ykn maastikaa alanshe san miciree namaatin wal bira qabee, micireen wanta alanfame saniin wal fakkaata jenne goloobu (guduunfu) dandeenya. Sababni kanaa, somaayitiin dugda miciree irratti argamu “wanta alanfame san bakka ilkaan cinineen” wal fakkaata. (Ilaali fakkii 1) Dabalataan, wanti alanfamu akkuma afaan keessatti boca jijjiratu, micireenis marsaa mudghaatti boca jijjirata. Gara tokkoon dhoqa, gara biraatin dhiita qaba. Wanti alanfamus dhoqaa fi dhiita kan qabuudha.

Comparing the appearance of an embryo at the mudghah stage with a piece of gum that has been chewed. A, an embryo at around 26 days showing several pairs of bead-like somites. (The Developing Human, Moore and Persaud, 5th ed., p. 79.) B, photograph of a piece of gum that has been shaped like an embryo and then chewed. Note how the teeth marks on the chewed substance resemble somites of the embryo.

Fakkii 1 :Marsaa mudghah irratti gubbaan ijaarsa miciree maastikaa alanfameen yommuu wal-bira qabamu, isaan lamaan jidduu wal fakkeenya argina. A) Fakkii miciree (Embryo) kaafame agarsiisa. B) Suuraa maastikaa (gum) alanfamee agarsiisa.

Iddoo gadi baqaqaa dugda miciree A irratti argamu mee ilaalaa. Akka waan ilkaan cininee fakkaata. Haala kanaan maastikaa alanfame bakka ilkaan cinineen wal fakkaata. Ammas guutuu miciree kanaa yommuu ilaallu muraa foonitiin kan wal-fakkaatudha. Sababni isaas, harka, luka fi qaamole biroo guutuu hin baafanne. Akka hubatamuuf maaykiroskoppiin akkanatti guddisee malee hammi isaa baay’ee xiqqaadha. Dheerinni isaa seentimeetira tokko (1cm) hin caalu. Kanaafu, asitti mudghah jechuun “muraa foonii alanfamu danda’uudha[1] jechuudha. Marsaa kanatti micireen foon malee lafee hin qabu. Mudghah irraa lafeen ni uumama.

Alaqah irraa gara Mudghah Ce’u

Torbaan darbe waa’ee alaqah ilaalle turre. Alaqaan hiika sadii akka qabuu fi hiikni sadanuu guddinna miciree ilma namaatiin akka walitti galu hubanne jirra. Hiikni alaqah sadan: wanta rarra’e, dhiiga ititaa fi ul’aanula. Micireen marsaa copha (nuxfaa) irraa jalqabee gadaamessaa haadha keessatti lafa qabachuu eegala. Ergasii akkuma yeroon darbuun dhiiga ititaa ta’uun gadaamessa irraa ni rarra’a. Guddinni isaa itti fufuun boca ul’aanula qabachuun soorata isaa dhiiga haadhaa irraa argata. Dhuma marsaa alaqah keessatti wanti akka callee fakkaatu dugda miciree irratti bahuu jalqaba. Wanti callee fakkaatu kunis somaayit (Somite) jedhama. Somaayitin kuni marsaan alaqah gara mudghatti jijjiramu kan agarsiisudha. Somaayiti kanarraa lafee fi maashaaleen dugdaa ni uumamu [2]. Fakkii armaan gadii irraa ‘somites’ ilaalun ni danda’ama.

Fakkii 2: Suuraa miciree Maaykiroskoppin kaafame kan marsaa dhuma alaqah (guyyaa 24-25) agarsiisu. Bitaa mirgaa somaayiti 13, 13 qaba[2].

Guyyaa 24-26 Alaqaan kuni gara Mudghah jijjiramu jalqaba. Micireen armaan olitti qajeelaa fakkaatu kuni gubbaa jalaan jallachuu fi dacha’u eegala. Fakkii armaan gadii irraa ilaalun ni danda’ama

Fakkii 3: A.Miciree dhuma marsaa alaqah, B fi C jalqaba marsaa mudghah agarsiisuu[3]

Fakkiiwwan armaan olii maaykiroskoppiin waan guddifamaniif guddaa fakkaatu. Garuu hammi jalqabaa (orijinaali) isaanii baay’ee xiqqaadha. Barattoonni Baayloji baratan waa’ee maaykiroskoppii ilaalchisee, jechoota “Magnification fi Resolution” jedhan osoo hin baratin bira hin darban. Magnification (Maagnifikeshin) wanti tokko dachaa meeqan guddifamu akka qabu agarsiisa. Resolution (risolushin) immoo fakkii san ifa godhu fi kutaalee isaa tokko tokkoon mul’isuudha.

Kunoo marsaa mudghatti ilmi namaa kana fakkaata. Kuni fakkii dhugaa maaykiroskoppin hin guddifamneedha (Actual image)*

Xinxallii

Namni marsaa mudghaatti maal akka ture yommuu ilaaluu fi itti xinxallu, iimaanni isaa ni dabala. Wanta xiqqoo muraa fooni kanarraa kan isa uumee nama guutuu isa taasise eenyuu? Muraa foonii kanarraa luka, gurra, harka, kutaalee qaamaa keessaa fi alaa kan akkanatti isaaf tolche eenyu? Deebiin isaa Rabbii olta’aa, Ogeessaa fi Beekaa ta’eedha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Yaa ilmaan namaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, dhugumatti Nuti biyyee irraa isin uumne; ergasii copha bishaan saalaa irraa, ergasii dhiiga ititaa irraa, ergasii muraa foonii alanfatamu kan uumama guuttatee fi hin guuttatin irraa isin uumne; [humnaa fi dandeetti Keenya] isiniif ibsuuf [kana goone]. Hanga yeroo murtaa’etti wanta feene gadaamessa keessa teessifna. Ergasii daa’ima goonee isin baafna. Ergasii akka umrii jabinnaa keessan irra geessaniif [isin jiraachifna]. Isin irraas nama du’utu jira. Erga duraan waa beekee akka homaa hin beekneef isin irraas nama gara umrii gadi aanaa deebi’utu jira. Dachiis gogduu taatee agarta. Yeroo Nuti bishaan [bokkaa] ishii irratti buufne, ni sochooti, ni iitoftis, akaaku biqiltootaa bareedinna qaban hunda irraas ni biqilchiti.” Suuratu Al-Hajj 22:5

Yaa ilmaan namaa erga duutanii booda qorannoo fi jazaaf lamuu kaafamu yoo shakkitan, kunoo ragaalee lama isin ilaaltantu jira. Ragaalee lamaan wanta shakkitan kan agarsiisanii fi qalbii keessan irraa shakkii kanneen oofaniidha.

1ffaan– ragaa uumama keessanii. Kan nama uumuu jalqabe yeroo lammataas ni deebisa. Akkana jedha, “Dhugumatti, Nuti biyyee irraa isin uumne” kuni hiika lama qaba. 1ffaa-Nabii Aadamiin (aleyh salaam) biyyee irraa uumudha. Ilmi abbaa irraa karaa kiroomozomitiin wanta dhaalu qaba. Kanaafu, hundeen wanti inni dhaalu kuni biyyeedha. Hiikni lamaffaan, nyaanni nuti nyaannu hundeen isaa biyyee irraa dhufe. Osoo biyyeen jiraachu baate midhaan biqiluu danda’aa? Midhaan biyyee irraa dhufe kana yommuu alanshinee qaama keenya keessa seenu gara dhiigaatti jijjirama. Dhiiga kanarraas dhangala’oon saalaa (maniyyiin) ni uumama. Ergasii copha (nuxfaa) kanarraa dhiiga ititaa uumee. Ergasii dhiiga ititaa kanarraa muraa foonii alanfamu danda’u uume. Aayah (keeyyata) Qur’aana armaan olii keessatti “ergasii muraa foonii alanfatamu kan uumama guuttatee fi hin guuttatin” jedhu hiika kana qaba: Muraa foonii alanfamuu (mudghah) kanarraa kutaalee qaamaa uumuun boca namaa qabsiisa. Kuni kan “uumama guuttate” ta’a. Garuu yeroo garii boca namaa osoo hin qabatin gadaameessi haadhaa ulfa of keessa darba. Kuni kan “uumama hin guuttanne” ta’a. Kana malee hayyoonni hiika biraas itti kennani jiru.

Isiniif ibsuuf kana goonee” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa takkaan ilma namaa hunda uumuu ni danda’a. Garuu Ogummaa (hikmaa) Isaa, guddinnaa dandeetti Isaatii fi bal’inna rahmata Isaa nuuf ibsuuf marsaa marsaan nu uumee. Yeroo jalqabaatiif nama biyyee irraa uumuu Kan danda’e, ergasii copha maniyyii dhiiga ititaa taasise, ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasise, muraa foonii irraa lafee uumuu Kan danda’e, wanta jalqaba uume deebisu irratti danda’aadha. Biyyee irraa kan uume, biyyee erga ta’anii booda isaan deebisuun Isatti ni ulfaataa? Namni yommuu marsaalee uumama ofii itti xinxalluu lamuu akka kaafamu jala muree ni amana.

“Hanga yeroo murtaa’etti wanta feene gadaamessa keessa teessifna.” Kana jechuun ulfa gadaamessi of keessaa hin darbine hanga yeroo murtaa’etti ni tursiifna. Yeroon murtaa’e kunis dheerinna yeroo ulfaati. Ergasii garaa haadhaa keessaa ‘daa’ima goonee isin baafna.’ Daa’ima dadhabaa homaa hin beekne, sammuun isaa, ijji fi gurraa isaa dadhabaa kan ta’eedha. Ergasii Rabbiin suutuma suutan humna fi jabeenya kennaaf. Halkanii guyyaa abbaa fi haati hanga sadarkaa jabinnaa gahuu ni mararfatuufi, ni kunuunsu. San booda umrii jabinnaa gaha. Umriin kunis umrii qaamni itti jabaatu fi sammuun itti bilchaatudha.

Isin keessaa umrii jabinnaa erga gahe ykn san dura kan du’utu jira. Isin keessaa nama umrii jabinnaa darbuun umrii gadi aanatti kan deebi’utu jira. Umriin kunis umrii dullummaa qaamni fi sammuun itti dadhabuudha. Wanta duraan beekaa ture ni wallaala. Kanaafi namni dadhabinna lamaan marfame. Isaaniis: Dadhabinna daa’imumma fi dadhabinnaa dullumaati.

Ragaan lamaffaa qorannoo fi jazaaf ilmi namaa lamuu kaafamu agarsiisu, dachii erga duute ykn godgee jiraachisuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha: “Dachiis gogduu taatee agarta.” Kana jechuun biqiltoota homaatu kan ofirraa hin qabnee fi awwaara taate argita. Yommuu rooba itti roobsu, biqiltootaan ni sochooti. Ni iitofti. Erga gogdee walitti sunturtee booda yommuu roobni itti roobu fi biqiltoonni biqilan olkaati. Dachiin tuni gosoota garagaraa irraa biqiltoota babbeeradanii fi nama hawwatan biqilchiti. Kan kana hunda hojjatu fi sirna qabsiisuu eenyuu?

22:6

“Suni Rabbiin Haqa waan ta’eefi, Inni kanneen du’aan waan jiraachisuufi, Inni wanta hundaa irratti Danda’aa waan ta’eefi.” Suuratu Al-Hajj 22:6

Suni” marsaalee uumama namaa isiniif ibsee fi dachii gogdee bishaan itti roobsun jiraachifamte. “Rabbiin Haqa waan ta’eefi” Haqa jechuun jiraataa fi yeroo hundaa turaa, gonkumaa kan hin jijjiramne fi hin banneedha[4]. Kanaafu, hiikni “Suni Rabbiin Haqa waan ta’eefi” jedhu kana ta’a: uumamni keessanii fi dachii gogde jiraachisuun kan raawwatame sababa Rabbiin jiraataa fi yeroo hundaa turaa gonkumaa hin jijjiramne fi hin banne ta’eefi. Wantoonni Rabbiin ala jiran hundi ni jijjiramu, ni badu. Rabbiin Guddaan Olta’aan gonkumaa hin jijjiramu. Kanaafu, yeroo hundaa wanta fedhe hojjata, wanta fedhe uuma. “Inni kanneen du’aan waan jiraachisuufi” akkuma uumama keessan jalqabee fi dachii duute ykn gogde jiraachise namoota du’anis ni jiraachisa. “Inni wanta hundaa irratti Danda’aa waan ta’eefi.”

22:7

Dhugumatti Qiyaaman dhuftuudha; ishee keessa shakkiin wayitu hin jiru. Dhugumatti Rabbiin namoota awwaalcha (qabrii) keessa jiran hundaa ni kaasa.” Suuraa Al-hajj (22):7

Ragaaleen armaan olii isiniif kan ibsameef Qiyaamaan akka dhuftu beekumsa dhugaa akka beektaniifi. Qiyaaman dhugaa shakkii wayitu hin qabneedha. Warroonni du’an qabrii keessaa yaa’un wanta gara fuunduraatti raawwatamuudha. Sababni isaas, Rabbiin kana waadaa galee jira. Rabbiin waadaa Isaa hin diigu.[5]

Guduunfaa
➦Marsaan alaqah guyyoota 24-26 keessatti gara mudghaatti jijjiramu eegala. Marsaan mudghah kan itti beekkamu wanti callee fakkaatu “somaayit” jedhamu dugda miciree irratti bahuu jalqaba.
Mudghah jechuun muraa foonii alanfamu danda’uudha.
➦ Namni marsaa mudghaatti uumama ofii yommuu ilaalu waa baay’ee hubata. Isaan keessaa:
✏Dhiiga ititaa muraa foonitti kan jijjiruu Rabbii olta’aa malee hin jiru. Ergasii muraa foonii kanarraa harka, luka, gurra fi qaamolee biroo kan uume Rabbiin malee jiraa? Kanaafu, Tokkichummaa Rabbitti amanuun Isa qofa gabbaruu akka qabu ni hubata.
✏Namni hanga fedhe “ani of danda’aadha, humna qaba” haa jedhu. Inni dadhabinna lamaan kan marfameedha. 1ffaa- uumama isaa irraa jalqabee hanga ijoollummaatti. 2ffaa-Yeroo dullummaa. Kanaafu, akkamitti Rabbii isa uumee fi kunuunsu irraa dheessaa?
✏Rabbiin Guddaan Olta’e wanta xiqqaa kanarraa isa uume Guyyaa Murtii lamu isa deebisuun waan hojjateef akka isa qoratu fi jazaa isaaf kafalu ni hubata. Sababni isaas, Rabbiin haqa, namoota du’an ni kaasa, wantoota hundaa irratti danda’aadha.
Haqa jechuun jiraataa fi yeroo hundaa turaa, gonkumaa kan hin jijjiramne fi hin banneedha. 


Kitaabbilee Wabii
[1] Tafsiir ibn kasiir 5/384, Daaru ibn Jawzi, Tafsiir Sa’diy 623, Daaru salaam, Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 14/427, Abdurahman Hanbak
Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabuhi wa bayaanih 6/122, Muhammad Aliyy Xaahaa
[2] THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY KEITH L. MOORE, PERSAUD fuula 78, 10th Edition
[3] https://islampapers.com/2013/06/12/the-mudghah-stage/
THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY KEITH L. MOORE, PERSAUD fuula 78-79, 10th Edition
[4] Tafsiir Qurxubii 13/326
[5] Tafsiir ibn kasiir 5/384, Daaru ibn Jawzi, Tafsiir Sa’diy 623, Daaru salaam, Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabuhi wa bayaanih 6/122-126, Muhammad Aliyy Xaahaa
https://www.sammubani.com/2018/05/19/shakkii-quraanaa-qulqullessuuf-2/
*Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur’aanil Kariim jiildi 2faa fuula-166, By Zaghluul Najjaar,

Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 6
Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 4ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply