Gaa’ila Islaamaa-Lakk.12

Offline dubbisuf

Niiti Baay’ee Fuudhuu
Islaama keessatti niiti baay’ee hanga afurii fuudhun kan hayyamameedha. Kuni gocha itti saalfatan osoo hin ta’in gocha gaarii dubartoonni itti kabajamaniidha yoo haqummaan jiraate. Akkamitti akka itti kabajaman gara boodaatti ni ilaalla. Rabbiin olta’aan ni jedha:

4:3

Yoo yatiimota [fuudhuu] keessatti wal hin qixxeessinu sodaattan, dubartoota irraa isaan isinitti tolan lama, sadii yookiin afur fuudhaa. Yoo wal hin qixxeessinu sodaattan immoo tokkitti [fuudhaa], yookiin tan (gabritti) harki keessan horate [fuudhaa]. Haqa dabsuu dhabuuf kanatu irra dhiyoodha.” Suuratu An-Nisaa 4:3

Hiika Aaya tanaa ilaalchise Urwa bin Zubeeyr haadha Mu’mintoota tan taate Aa’ishaa (radiyallahu anhaa) gaafate. Ishiinis akkana jechuun deebiste, “Yaa ilma obboleetti kooti! Dubartiin yatimaa tuni eeggumsa nama ishii bulchuu jalatti isa waliin qabeenya ni horatti. Ergasii qabeenyi fi bareedinni ishii isa ajaa’ibsiisa. Namni ishii bulchu kuni mahrii haqaa namni biraa ishiif kennu danda’u osoo ishiif hin kenniin ishii fuudhu barbaada. Kanaafu, dubartoota yatimaa tanniin yoo haqaan hin kunuunsinii fi mahrii isaaniif maluu yoo hin kenniin, namoonni akkanaa dubartootaa yatiimaa fuudhuu irraa ni dhoowwaman. Kana irra, dubartoota biroo isaanitti tolan akka fuudhan ajajaman.” Sahiih Al-Bukhaari 4574

Kanaafu, namni dubartii yatiimaa fira dhiyoo isaa hin taane garuu eeggumsaa fi too’annaa isaa jala jirtu fuudhu yoo barbaade, haqaan kan ishii bulchuu fi dirqama isarra jiru kan bahu ta’uu qaba. Garuu yoo ishii fuudhe “Haqa ishii kennuufi hin danda’u” jedhee yoo sodaate, dubartoota ishiin ala jiran lama, sadii, afur fuudhu danda’a. Garuu afurii ol fuudhuu hin danda’u. Afuri ol fuudhun Rasuula (SAW) qofaaf hayyamame.

Ammas, namni dubartoota lama ykn sadii ykn afur yoo fuudhee “Haqummaan isaan bulchuu hin danda’u” jedhee yoo sodaate, niiti takkitti irratti of haa daangeessu. “Haqa dabsuu dhabuuf kanatu irra dhiyoodha.”[1] Kanaafu, namni dubartii baay’ee yoo fuudhe, “isaan wal-qixxeessu fi haqa isaanii bahuu hin danda’u” jedhee yoo sodaate, takkitti fuudhutu isaaf wayya. Sababni isaas, haqaan yoo isaan hin bulchin, isaan miidhun nafsee ofii adabbiif saaxila.

Ulaagaalee (sharxiwwan) Niiti Baay’isanii fuudhuu

Namoonni gariin hanga afuri fuudhun waan hayyamameef “Niiti biraa nan dabaladha” jechuun olka’u. Nama akkanaatin, “Obboleessoo tasgabbaa’i! niiti takka ol fuudhun sharxii qaba. Sharxiwwan kanniin mee ilaali” jennaan. Sharxiwwan kanniin yoo hin guutin addunyaa fi Aakhiratti adabbiif of saaxila. Sharxiwwan kunninis:

Sharxii 1ffaaDubartoota jidduutti haqummaan hojjachuu danda’u– Rabbiin olta’aan aayah armaan olii keessatti akkana waan jedheef, “Yoo wal hin qixxeessinu sodaattan tokkitti [fuudhaa]” 
Dhiirri dubartii takkaa ol yoo fuudhe, baasii isaan irratti baasu wal qixxeessu qaba. Sooorata, uffataa, mana jireenya fi kkf wal qixxeessu qaba. Baasii isaan irratti baasu keessatti wal qixxeessu kan hin dandeenye yoo ta’e, takkatti qofa fuudhutu isarra jira.

Sharxii 2ffaa-Isaaniin qoramuu fi sababa isaanitiin haqa Rabbii gatuu irraa of amanuu- Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

64:14

Yaa warra amantan! niitolii keessanii fi ilmaan keessan irraa isinif diinota kan ta’antu jira, kanaafu, isaan irraa of eeggadhaa. Yoo dhiifama gootan, irra darbitanii fi araaramtan, dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.” Suuratu At-Taghaabun 64:14

Kuni haala diinummaa ibsuufi. Namni tokko diina kan ta’u hojii isaatin malee namummaa isaatini miti. Namni tokko yoo nama miidhe diina namatti ta’a. Yoo miidhu dhiise hoo, diina ni ta’aa? Diina hin ta’u. Haaluma kanaan, niitolii fi ilmaan hojiin isaan hojjatan hojii diinaa yoo ta’e, diina ta’u. Hojiin hundarra badaan gabrichaa fi Rabbiif ajajamuu jidduu seenun nama san duubatti deebisudha[2].

Hayyuun Mujaahid jedhamu aayah armaan olii ilaalchisee ni jedha: “Isaan (niitolii fi ilmaan) hariiroo firummaa akka kutu ykn Gooftaa isaa akka faallessu isa taasisu danda’u. Kanaafu, namni niiti fi ijoollee isaa garmalee jaallatu isaaniif tole jechuun [Rabbii isaa faallessuu fi badii hojjachuu danda’a].[3]” “Kanaafu, isaan irraa of eeggadhaa” Of eeggannoon karaa lamaan ta’a. 1ffaa-Miidhaa qaama irra gahu irraa of eeggachuu. Kuni addunyaadhaan kan wal qabateedha. 2ffaa- miidhaa amanti irra gahuu irraa of eeggachuu. Kuni Aakhiraan kan wal qabateedha[4]. Namni sababa niiti fi ijoolletin wanta Rabbiin itti ajaje yommuu dhiisu fi wanta Inni dhoowwe yommuu hojjatu, miidhaan qaama isaatii fi amantii isaatirra gahuu danda’a. Kanaafu, sababa niiti fi ijoolletin miidhaan qaama fi amanti irra akka hin geenye Rabbiin ni akeekachiise.

Ibn Abbaas (Radiyallahu anhumaa) sababa aayan tuni itti buute ilaalchisee akkana jedha: Dhiirota Makkaan keessatti Musliima ta’antu ture. Gara Ergamaa Rabbii (SAW) deemu barbaadan. (Kana jechuun gara Madiinaa godaanu barbaadan). Garuu niitiwwanii fi ilmaan isaanii gara Ergamaa Rabbii (SAW) akka hin deemne hayyamuufi ni didan. (“Nu dhiiste eessa deemta?” dhiirsaan jedhu. Innis isaaniif mararfachuun godaansa (hijraa) irraa duubatti hafe). Yommuu dhiironni kuni gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufan namoonni hubanna amantii baay’ee akka argatan ni argan. Ergasii maatii ofii adabuu barbaadan. Rabbiinis aaya tana ni buuse:“Yaa warra amantan niitolii keessanii fi ilmaan keessan irraa isinif diinota kan ta’antu jira, kanaafu, isaan irraa of eeggadhaa. Yoo dhiifama gootan, irra darbitanii fi araaramtan, dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.” (Jaami’a at-Tirmizi 3317)

Wanta miidha namarraan gahuu keessatti niitiwwanii fi ilmaaniif ajajamu irraa yommuu dhoowwu, “kuni kan agarsiisu isaan irratti garaa jabaachuu fi adabuu akka qabuudha” jedhee namni tokko yaadu waan danda’uuf, Rabbiin isaan irraa of eeggachuu, dhiifama isaaniif gochuu fi isaaniif araaramutti ajaje[5]. Isaan irratti jabaatu fi garaa hammaatu hin qabu.

Jechi Arabiffaa, “Azwaaj” jedhu, dhiirsaa fi niiti hammata. Kanaafu, dhiirsis hojii gaarii irraa niiti isaa dhoowwun niititti diina ta’uu danda’a. Kanaafu, ishiinis isarraa of eegu qabdi.

Sharxiin 3ffaa– dubartii itti baay’isuu- Namtichi kabaja isaanii eegu irratti danda’aa ta’uu. Kana jechuun fedhii foonii uumamaa isaanii guutuun haraama irraa kan isaan eegu ta’uu qaba. Ta’uu baannan, sharrii fi balleessa isaanitti fida. Rabbiin fasaada (balleessaa) hin jaallattu. Nabiyyiin (SAW) akkana jedhanii jiru: “Yaa tuuta dargaggootaa! Namni isin keessaa ba`aa fuudhaa danda’u haa fuudhu.” Sahiih Al-Bukhaari 5066 Ba’aan fuudhaa wantoota lama qaba. Isaanis, fedhii foonii haadha manaa guutuu fi bu’uuraalee jireenyaa kanneen akka soorata, uffataa fi manaa dhiyeessudha. Kanaafu, dhiirri fedhii foonii ishii guutuu yoo hin dandeenye, dubartii dabalataa fuudhun baditti ishii harkisuu hin qabu.

Sharxii 4ffaa- Isaan irratti baasuuf qabeenya gahaa qabaachu 
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedhee jira:

“Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin, hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti kabaja ofii haa eeggatan.” (Suuratu An-Nuur 24:33) Kabaja ofii haa eeggatan jechuun haraama irraa of haa qaban.

Faaydaa Niiti Baay’isuu keessa jiru

1-Dhiironni gariin humna fedhii foonii cimaa qabu. Dhiirri kuni niiti takka qaba haa jennu. Niitin tuni heydi (laguu) fi dhiiga da’uumsaa ni agarti, ni dhibamti. Gufuwwan biroo haqa jaarsa ishii akka hin guunne dhoowwan ishii muudatu danda’a. Dhiirri kuni immoo dubartoota irraa baay’ee obsuu hin danda’u. Kanaafu, maal godha ree?

Dubarti lammataa fuudhee karaa halaalatin fedhii isaa guuttachuu wayya moo sagaagalummaa raawwachuun karaa haraamaatin guuttachuu wayyaaf? Sagaagalummaa raawwachun hangam akka nama salphisu namni hunduu ni beeka. Kanaafu, karaa seera qabeessaatin dubartii biraa fuudhun jireenya kabaja jiraachutu isaaf caalaa miti ree?

2-Sababa adda addaatin lakkoofsi dubartii lakkoofsa dhiiraa ni caala. Keessattu, yeroo waraanaa dhiironni baay’een ni ajjeefamu. Yeroo kanatti dubartoonni baay’een abbaa manaa osoo hin argatin hafu. Kuni immoo miidhaa baay’ee isaan irraan gaha. Waraanni osoo jiraachu baateyyu, dhiironni baay’een sababa adda addaa irraa kan ka’e fuudhaaf qophii hin ta’an. Dubartoonni immoo heerumuf qophiidha. Fedhii uumama guuttachuuf, nama isaaniif mararfatu argachuu fi haadha ijoollee ta’anii jiraachuf heerumaaf ni dharra’u. Kanaafu, yeroo kanatti filannoon isaan qaban kanneen armaan gadiiti:
1-Jireenya isaanii guutuu osoo abbaa manaa hin argatin manatti hafuu
2- Sagaagalummaaf balbala ofitti banuun dhiirotaaf tapha ta’uu.
3-Dhiira niiti qabuu fi baasi ishii irratti baasu danda’utti akka heerumtu ishiif hayyamamuudha.

Dhugumatti, filannoon 1ffaa fi 2ffaan jireenya ishii guutuu kan miidhu fi balleessudha. Kanaafu, filannoon sadaffaan filannoo kabaja ishii itti argattuu fi jireenya gammachuu itti jiraattudha. Kuni waan Islaamni murteessedha.

5:50

Sila murtii Jaahiliyyah barbaadu? Namoota yaqiina qabaniif Rabbiin caalaa eenyutu murtiin irra gaariidhaa?” Suuratu Al-Maa’ida 5:50

Murtiin jaahiliyyah murtii Rabbiin buuse faallessudha. Murtiin jaahiliyyah murtii wallaalummaa fi fedhii lubbuu hordofuu irratti hundaa’edha. Namoota yaqiina qabaniif murtii Rabbii caalaa murtii kamtu isaaniif irra gaariidha? Yaqiina jechuun beekumsa guutuu shakkii hin qabneedha. Kanaafu, namoota yaqiina qaban jechuun namoota beekumsa guutuu qabanii fi dhugaan amananiidha. Namoonni yaqiina qaban murtii fi seerri Rabbii murtii fi seera kamiyyuu akka caalu ni beeku. Kanaafu, itti amananii hordofu.

Gaafin akkana jedhu ka’uu danda’a: Dhiiraaf niiti baay’ee fuudhun ni hayyamama. Dubartootaaf maaliif dhiira baay’etti heerumuun hin hayyamamnee? Deebiin isaa: Dubartiin ni deessi, dhiirri hin dahu. Kanaafu, yeroo tokko keessatti osoo dubartiin dhiira baay’eetti heerumte, ilmi ishiin deessu kan eenyu ta’aa? Silaa sanyiin namaa walitti laaqamun mormii fi miidhan guddaan ni uumama. Garuu dhiirri dubartii baay’ee yoo fuudhe, ilmaan dubartoota hundaa irraa dhalatan kan isaa ta’uu ni beekkamu. Mormiin hin jiru.

Guduunfaa
☛Niiti takkaa ol fuudhun jireenya hawaasummaa fooyyessuu fi dubartoota miidhaa irraa eegufi malee isaan cunqursuufi miti.
☛Namni niiti takkaa ol fuudhu barbaadu ulaagaalee (sharxiwwan) kanniin guutu qaba:
1Dubartoota jidduutti haqummaan hojjachuu-baasii fi wantoota too’annaa isa jala jiran keessatti isaan wal-qixxeessu danda’u.
2Isaaniin qoramuu fi sababa isaanitiin haqa Rabbii gatuu irraa of amanuu– niiti takkaa ol yoo fuudhe, wanta Rabbiin itti ajaje kan dhiisu fi wanta Rabbiin irraa dhoowwe kan hojjatu yoo ta’e, yeroo san niiti takkaa ol fuudhu hin qabu.
3Fedhii foonii isaanii guutuun kabaja isaanii eegu irratti danda’aa ta’uu
4-Isaan irratti baasuuf qabeenya gahaa qabaachu

☛Namni sharxiwwan armaan olii yoo hin guutin, adabbiif of saaxilu irra niiti takkatti fuudhutu isaaf caala.


Kitaabban Wabii
[1] Tafsiir sa’diyyi fuula 175
[2] Tafsiir Qurxubii 21/18
[3] Tafsiir Ibn Kasiir 7/292
[4] Tafsiir Qurxubii 21/19
[5] Tafsiir Sa’diyy 1023
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 215-217 , Abu Maalik
al-Fiqhul Waadih -J.2,fuula 92

Gaa'ila Islaamaa-Lakk.13.1
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.11.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply