Gaa’ila Islaamaa-Lakk.13.1

Offline dubbisuf

Nushuuz (Fincila) Haadha Manaa
Dhiiraa fi dubartiin wal fuudhan waliin jiraachu erga eegalanii guyyaa tokko wal loluu fi wal mormuun hin oolu. Haati manaa abbaa manaa ishii irratti ol’aantummaa agarsiisu fi isa faallessuu dandeessi. Gocha akkanaatin nushuuz (fincila) jennaan. Kanaafu, nushuuz (fincila) jechuun isarratti ol’aantummaa agarsiisu, isaaf ajajamuu diduu fi isa faallessudha. Yeroo kanatti abbaan manaa maal gochuu danda’aa? Alhamdulillah Islaamni maal gochuu akka qabuu isaaf ibsa. Akka warroota amantii hin qabnee dallansuun bokokuun haadha warraa akka hin galaafanne, tarkaanfilee hordofuu qabu lafa kaa’a.  Fincilli dubartii qofarraa osoo hin ta’in dhiira irraayis ni mul’ata. In sha Allah kutaa itti aanutti ni ilaalla. Ammaaf fincila haadha manaa ilaalla.

Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Niitiwwan fincila isaanii sodaattan immoo isaan gorsaa, [itti aansun] ciisicha keessatti isaaniin oodaa. [Dhuma irratti yoo sirraa’u didan] isaan rukutaa. Yoo isaan isiniif ajajaman isaan irratti karaa hin barbaadinaa. Dhugumatti Rabbiin Olta’aa Guddaadha.”  Suuratu An-Nisaa 4:34

Maloota Fincila (Nushuuza) itti wal’aanan

Dubartii irraa mallatooleen fincilaa ykn fincilli ifaa yoo mul’ate, haala shari’aan ajajuun abbaan manaa fincila kana wal’aanu ni danda’a. Mallattoolee fincilaa keessaa kanniin tarreessun ni danda’ama: jibbaa fi ceem’aa gara isaa deemu, fuula diriiraa fi ifaa booda fuula tan guurtu fi isarraa garagaltu taate ishii arguu, dubbii laafa erga isatti dubbataa turtee dubbii badaa fi jabaata itti dubbachuu, yookiin yommuu gara siree ishii waamu ceem’u fi harkifachu.

Fincila ifaa keessa kanneen tarreessun ni danda’ama: yommuu gara siree ishii waamu sababa tokko malee diduu, hayyama isaa malee manaa bahuu, isa waliin imala deemu didu fi kkf.

Asitti wanti hubatamu qabu, fincila yommuu jennu wanta gaarii fi dirqama ta’etti yommuu ishii ajaju yoo isaaf ajajamu diddeedha. Garuu wanta badaatti yommuu ishii ajaju, isaaf ajajamu yoo didde, kuni fincila hin jedhamu. Wanta badaatti yommuu ishii ajaju, ishiin isaaf ajajamu hin qabdu. “Laa xaa’ata li makhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Khaaliqa faallessanii makluuqaaf ajajamuun hin jiru)” waan ta’eef.

Kanaafu, abbaan manaa niiti isaa irraa yommuu fincila arguu tarkaanfilee armaan gadii kanniin fudhachuu danda’a:

A-Ishii Gorsuu
Osoo garaa hin jabaatin laafinnaa fi jechoota gaariin ishii gorsa. Gorsuu jechuun hojii gaggaarii akka hojjattu fi bu’aa isaa yaadachisuu, hojii badaa akka dhiistu fi adabbii isaa ishiitti himuudha. Kanaafu, yommuu ishii gorsu, wanta Rabbiin ishii irratti dirqama godhee fi Isa faallessu akka hin qabne ishii yaadachisa. Rabbiif yoo ajajamtee fi dubartii gaarii abbaa manaatiif ajajamtu yoo taate, sawaabni (mindaan) guddaan Rabbiin bira akka ishiif jiru ishii gammachiisa. Akkasumas, adabbii Rabbiin olta’aan nama Isa faallesseef qopheesse ishii yaadachiisa. Kana gochuuf Aayata Qur’aanaa fi hadiisa fayyadamuun karaan akka salphatu ta’a.

Dubartoota keessaa jecha gaarii yommuu itti dubbatan fincilaa fi of tuulu ishiitirraa tan deebitutu jira. Yommuu waan gaariin ishii abdachiisanii fi waan badaan ishii sodaachisan, gorsa kana fudhatte ni deebiti. Yeroo kanatti, abbaan manaa ishiin oodu fi ishii rukutuun isaaf hin hayyamamu. “Yoo isaan isiniif ajajaman isaan irratti karaa hin barbaadinaa.”

Garuu dubartoota keessaa dubartii dubbii gaarii fi gorsaan hin deebinetu jira. Gorsi homaa ishii irratti dhiibbaa hin fidu. Yeroo kanatti gara tarkaanfi lamaffaatti darba. Innis:

B-Ciisicha keessatti ishiin oodu
Dubartiin miidhaginni, qabeenyi, sadarkaan maatii ishiitii fi ilaalchi biroo ishii keessatti boba’uun ol’aantumaa agarsiisu dandeessi. Gorsii ol’aantummaa fi of tuuluu ishii kana kan hin qabbaneessine yoo ta’e gara ishiin oodutti tarkaanfata. Aayah (Keeyyata) armaan olii keessatti, “[itti aansun] ciisicha keessatti isaaniin oodaa.”

Ciisicha keessatti ishiin oodu jechuun ishii waliin wal qunnamti saalaa raawwachuu dhiisudha. Akkasumas, hanga guyyaa sadii ishii waliin haasawa dhiisu danda’a. Fedhiin uumama yommuu hoo’u wantoota baay’ee akka dagatan nama taasisa. Dhiirri fedhii ishii yeroo muraasaaf yoo guutufi dide, carraan ishiin gara karaa qajeelatti deebi’u guddaadha.

Garuu wanti guddaan dagatamu hin qabne, ishiin oodun iddoo ciisichaa ykn bakka isaan lamaan kophaa waliin jiran qofatti ta’uu qaba. Ijoollee fuunduratti fi alatti oodun miidhaa baay’ee fidha. Yommuu ijoolle fuunduratti ishiin oodu, miirri ijoollee ni miidhama. Sababa kanaan, amalli isaanii ni bada. Akkasumas, alatti ishiin oodun, namoota fuunduratti ishii salphisuu waan ta’uuf fincila fi morkii malee homaa ishiif hin dabalu. Kaayyoon ishiin oodu ishii salphisuu fi ijoolle miidhuuf osoo hin ta’in amala ishii sirreessufi[1].

Dubartiin ciisicha irrattis ishiin oodun kan ishii hin fayyanne yoo taate, abbaan manaa gara tarkaanfi itti aanutti darbuu danda’a. Innis:

C-Rukutuu
Irra deddeebi’e erge gorse fi ciisicha irratti erga ishiin oodee booda, ishii sirreessuf jecha rukuttaa ishii hin miine fi mallattoo irratti hin hanbisne rukutuu danda’a. Rukuttaan kuni gadoo baafachuuf ishii adabuuf ykn dararaa ishitti fiduufi miti. Ammas, ishii salphisuu ykn xiqqeessufi miti. Ammas, haala jireenyaa kamiyyuu akka niitin fudhattu ishii dirqiisisuufi miti. Kana irra, naamusa qabsiisuf tarkaanfi fudhatamudha. Akkuma abbaan ilma rukutu ykn barsiisan barataa rukutu, rukuttaan niiti mararfannaa kan of keessaa qabu ta’uu qaba. Yommuu haadha warraa rukutuuf deemu qajeelfamoota armaan gadii hordofuu qaba.

1ffaa-Rukuttaan rukuttaa miidhaa geessu ta’uu hin qabu. Kan akka lafee cabsuu, dhiiga dhangalaasu fi kkf. Kaayyon rukuttaa naamusa qabsiisuufi malee ishii miidhufi miti. Barsiisaan yommuu barataa rukutu, miidhufi moo naamusa qabsiisuuf rukutaa? Dhugumatti, naamusa qabsiisuuf rukuta. Haaluma kanaan, abbaan manaas yommuu haadha manaa rukutu naamusa qabsiisuf qofa ta’uu qaba.

2ffaa-Si’a kudhan caalaa rukutuu hin qabu- Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu:
‏ “‏ لاَ يُجْلَدُ أَحَدٌ فَوْقَ عَشَرَةِ أَسْوَاطٍ إِلاَّ فِي حَدٍّ مِنْ حُدُودِ اللَّهِ ‏”‏ 
“Eenyullee reebicha kudhan caalaa hin reebamu, huduuda Rabbii keessaa haddi keessatti yoo ta’e malee.”
Sahiih Muslim 1708

Kana jechuun nama yakka adabbii seeraa Islaamaa nama adabsiisu hojjate malee eenyullee si’a kudhanii ol reebamu ykn rukutamuu hin qabu.

3ffaa- Fuula ishiitirra rukutuu hin qabu. Akkasumas, qaama ishii biroo yommuu rukutan takkamaan miidhatti ykn du’atti ishii geessu rukutuu hin qabu. Mu’awiyah Al-Qusheyriyy akkana jedha: Yaa Ergamaa Rabbii! Tokkoon keenya keessaa haqni niitin isarraa qabdu maaliidhaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Yommuu nyaattu nyaachisu, yommuu uffattu ishii uffisuu, fuula ishiitirra hin rukutin, ishii hin fokkisin, manatti malee ishiin hin oodin.” Sunan Abu Daawud 2142 ‘ishii hin fokkisin’ jechuun ‘Rabbiin si haa fokkisu’ hin jedhin.

Fuula ishiitirra rukutuun ishii salphisuu fi fokkisuu waan ta’uuf yoo wanta akkanaa hojjate inni nama yakkamaa ta’a.

4ffaa– Rukuttaan isaa kuni ishii karaa sirriitti ni deebisa jedhee yoo yaade ta’uu qaba. Kaayyoon rukutuu fooyya’iinsa fiduu fi naamusa qabsiisufi. Rukuttaan bu’aa barbaadame yoo hin fidin, bu’aan isaa maaliidha ree? Inuma yommuu ishii rukutu, fincilli fi morkiin ishii kan dabalu yoo ta’e, rakkoo ofitti dabalee jechuudha. Kanaafu, rukuttaan faayda barbaadame kan hin fiinne yoo ta’e, ishii rukutuu hin qabu.

5ffaa-Yommuu isaaf tole jettu, ishii rukutuu dhiisu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana waan jedheef, “Yoo isaan isiniif ajajaman isaan irratti karaa hin barbaadinaa.”
Niitin isaaf erga ajajamte booda wanta darbeef ishii waqqasuu, ishiin oodu, ishii rukutuu fi gochoota biroo ishii aarsu hojjachuuf karaa barbaadu hin qabu. Kana irra, ishiif irra darbuu fi araaramufi qaba. “Yoo dhiifama gootan, irra darbitanii fi araaramtan, dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.” Suuratu At-Taghaabun 64:14

Hubachiisa: Dhiirri mala naamusa itti qabsiisan kana (rukuttaa) kan Rabbiin yeroo muraasaf hayyame bartee godhachuu (amaleefachuu) hin qabu. Yeroon muraasni Rabbiin itti hayyame, gorsii fi oodun erga fashalaa’e booda. Finciltee dhiistee yeroo hundaa aadaa godhachuun ishii rukutuun wanta isaaf hin hayyamamneedha. Kuni qajeelcha Nabiyyii (SAW) wanta faallessuudha. Aa’ishaan (Radiyallahu anhaa) akka gabaastetti, Ergamaan Rabbii (SAW) gonkumaa harka isaanitiin eenyullee rukutanii hin beekan, dubartii ta’i, tajaajilaa (kaadima) ta’i hin rukunne yoo karaa Rabbii keessatti qabsaa’an malee.” Sahiih Muslim 2328

Kanaafu karaan gaariin akkuma Rasuulli dubartoota hin rukunne dubartii rukutuu irraa of qusachuudha. Kana irra, ishii gorsuu fi tooftaalee ishii sirreessu biroo fayyadamuudha.

Guduunfaa
☛ Nushuuz (fincila) jechuun ol’aantummaa agarsiisuu fi ajajatti buluu diduudha.
☛ Dubartiin yommuu abbaa manaatti fincila agarsiistu, ishii sirreessuuf tarkaanfileen fudhatamu qaban ni jiru. Isaanis
A- Ishii gorsuu– kunis kan ta’uu mindaa hojii gaarii ishii abdachiisuu fi adabbii hojii badaa ishii sodaachisuni.
B-Ciisicha irratti ishiin oodu– kunis kan ta’u wal-qunnamti ishii waliin raawwachu dhiisu fi hanga guyyaa sadii ishii waliin haasawa dhiisu danda’a. Garuu guyyaa sadii caalaa, haasawa dhiisu hin qabu. Wal-qunnamti kan dhiisu hanga ishiin sirrooftuti. Ishiin oodun ijoollee fuunduratti fi manaan alatti ta’uu hin qabu. Ijoolle fuunduratti yoo ta’e miirri ijoollee ni miidhama. Alatti yoo ta’e, ishii irratti salphinna fida.
C– Yoo tarkaanfileen armaan olii ishii deebisu didan, osoo ishii hin miidhinii fi mallattoo irratti hin hanbisin rukutu. Namni niiti ofii rukutuuf ka’uu qajeelfamoota armaan gadii hordofuu qaba:
1ffaa-Rukuttaan rukuttaa miidhaa geessu ta’uu hin qabu.
2ffaa-Si’a kudhan caalaa rukutuu hin qabu
3ffaa- Fuula ishiitirra rukutuu hin qabu. Akkasumas, qaama ishii biroo yommuu rukutan takkamaan miidhatti ykn du’atti ishii geessu rukutuu hin qabu . Fkn, kalee
4ffaa– Rukuttaan isaa kuni karaa sirriitti ishii ni deebisa jedhee erga yaade booda ta’uu qaba.
5ffaa-Yommuu isaaf tole jettu, ishii rukutuu dhiisu. Rukuttaan ishii adabuu, salphisuu fi miidhuf osoo hin ta’in karaa sirriitti akka deebituuf tooftaa itti fayyadamaniidha.
☛ Akka beelladaa ykn gabrichaa dubartii reebun wanta fudhatama hin qabneedha. Namni dubartii reebuu amala godhate kana yaadachu qaba: “Isaa ol Rabbiin olta’e fi Guddaan akka jiru beekun iqaaba (adabbii) Isaa sodaachu qaba.” Kanaafi, aayah jalqaba kaasne irratti, “Dhugumatti Rabbin Olta’aa Guddaadha.” jechuun xumure.


Kitaabban Wabii
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 223-227 , Abu Maalik 
[1] The Concise Presentation of the Fiqh of the Sunnah and the Noble Book fuula 422
al-Fiqhul Waadih -J.2,fuula 96

Gaa'ila Islaamaa-13.2 (Kutaa Dhumaa)
Gaa'ila Islaamaa-Lakk.12
Offline dubbisuf

Leave a Reply