Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Marsaa 4ffaa Uumama Namaa: Lafee fi foon Uwwisuu
Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu). Kutaa darbee keessatti marsaa uumama namaa 3ffaa ilaalle turre. Marsaan kunis mudghah jedhama. Mudghah jechuun muraa foon alanfamuu danda’udha. Mudghaan kuni wanta akka callee fakkaatu somaayit jedhamu dugda irratti baafata. Fakkii armaan gadii irraa ilaalun ni danda’ama.

Fakkii 1: Miciree umriin isaa wal duraa duubaan gara guyyaa 24, 26, 28 ta’e[1]

Soomayitin kuni uumama lafee fi maashaatiif hundee (base) dha.[2]
Soomayitiin kuni bakka lamatti hirama. Isaaniis: Iskilerotom (Sclerotome) fi dermomyotome. Iskilerotome gara lafeetti guddata. Dermomyotome immoo gara gogaa fi maashaa (foon lafee uffisuutti) guddata.

Fakkii 2: Cinaadhaan yommuu ilaallamu miciree umriin isaa wal duraa duuban gara guyyaa 32, 42 fi 48 ta’e[3

Umrii kanatti miciree namaa miciree beelladoota biroo irraa addaan baasun ni ulfaata. Sababni isaas, kutaalee qaamaa guutuu hin baafanne.

(Jecha ijoo: Kaartilej (Cartilage)-jechuun wanta akka foon adii fakkaatu garuu akka fooni salphatti kan hin alanfamne fi akka lafees kan hin jabaannedha. Jabinnaan foonii fi lafee jidduudha. Fakkeenyaf, gurri keenya kaartilejidha.)

Uumama Lafee

Adeemsi uumama lafee “Ossification” (suuta suutan jabaachu) jedhama. Dhuma torbaan afraffaatti iskelerotom irraa tishuun Mesenkaayim (Mesenchyme) jedhamu ni uumama. Ergasii lafeen, “mesenkaayim” kanarraa karaalee lamaan uumama.

1ffaa-“intramembranous ossification” Adeemsa kana keessatti mesenkaayimin osoo kaartileejitti hin jijjiramiin qajeelumaan lafeen mesenkaayim irraa uumama. Lafeen haala kanaan uumaman lafee fuulaa, buqqee mataa fi golgaadha.

2ffaa- “endochondral ossification” Adeemsa kana keessatti jalqaba mesenkaayimin gara Kondroblaast ni jijjirama. Kondroblaast kanarraa kaartileejin moodeli (fakkeenya) lafee qabachun ni uumama. Ergasii adeemsa adda addaa keessa darbuun kaartileejin kuni lafee haarawaan bakka buufama. Lafeewwan haala kanaan uumaman lafee dhedheeroo qaamatii fi lafee hundee bukkee mataa jalaati argamaniidha[4]. Uumamni lafee haala wal fakkaatun qaamaa keessatti hin jalqabu. Garuu tartiibaan kutaalee qaamaa keessatti torbaan 6ffaa irraa jalqabee uumamuu fi guddachuu itti fufa.

Lafee Foon Uwwisuu

Lafeen erga uumamee marsaan foon uwwisuu ni dhufa. Qur’aana keessatti akkana jechuun dubbata:
“Ergasii mudghah [irraa] lafee taasifne;Ergasii lafees foon itti uwwisne.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:14

Torbaan 8ffaatti lafee foon uwwisuun ni jalqabama. Ergasii adeemsa jabaachu fi wal qixxaa’u itti fufa. Yeroo foon lafee irratti uumamu micireen boca namaa qabata. Kutaaleen qaama bakka isaaniif maluu ni qabatu. Marsaan kuni marsaa micireen itti socho’uudha[5].

Xinxallii

Marsaa uumama keenyaa kanatti yommuu itti xinxallinu, ijaarsi qaamoleetii fi lafee safaraa fi yeroo ofii eeggatee kan deemudha. Wanta callee fakkaatu kanarraa lafee kan uumu, lafee kanas foon kan itti uwwise, ergasii boca namaa qabsiise kan baasu Rabbii olta’aa malee ni jiraa?

Sila isaan osoo wanti isaan uumu hin jirre uumaman moo isaanumatu uumtotaa? Moo samii fi dachii uumanii? Lakki! Isaan hin dhugoomsan.” Suuratu ax-xuur 52:35-36

Namoonni Jiraachu Khaaliqa mormanii fi Isa gabbaruu irraa of tuulan, uumamun dura isaan kan hin jirre ta’uu itti hin xinxallanii? Akkamitti uumamanii??? Wantoonni dhimmoota sadii keessaa kan hin baane ta’uu sammuu keessatti mirkanaa’e jira:

1ffaa- Osoo uumaan isaan hin uumin argamanii? Kuni gonkumaa wanta hin danda’amneedha. Fakkeenyaf, ampuulin ibsannu kuni yeroo jalqabaatiif yommuu argamu, osoo homtu isa hin hojjatin akkanumatti argamee? Kanaafu, wanti tokko kan isa uumuu ykn hojjatu osoo hin jiraatin akkanumatti gonkumaa argamuu hin danda’u.  

2ffaa- Ofumaan of uumanii? Kunis wanta hin yaaddamneedha. Wanti duraan hin jirre gonkumaa ofiin of argamsiisuu ykn uumuu hin danda’u. Kaafironni kunniin duraan kan hin jirre turan; sila ofumaan jijjiramanii ilma namaa ta’anii? Osoo mataa ofiitiin gara namaa kan jijjiraman ta’anii maaliif boca namaatin ala boca wanta biraatti hin jijjiramnee? Yookiin Maaliif qaamolee dabalataa hin horannee? Fakkeenyaf, harka tokko irratti maaliif qubbiin jaha ykn torba ykn kudha shan maaliif hin godhannee? Yookiin duubaa fuunduraan funyaanii fi ija maaliif hin uummannee? Kanaafu, gonkumaa ofiin of uumuu hin danda’an.

Dhimmoonni armaan olii lamaan erga fashalaa’e, dhimmi sadaffaan ifa ta’a. Innis, Rabbitu isaan uume. Kunis erga ifa bahee, haqaan kan gabbaramuu fi kadhatamuu qabu, Rabbii olta’aa qofaadha. Ibaadan ykn gabbarriin Isa qofaaf ta’a. Wantoonni Isaan ala gabbaraman (waaqefataman) hundi baaxila (kijiba).

Warroonni Rabbitti kafaran kunniin samii fi dachii uumanii? Samii fi dachiin isaan dura uumaman. Wanti boodarra dhufe wanta isa dura ture uumuu danda’aa? Kanaafu, mataa ofiiti of hin uumne, samii fi dachiis hin uumne. Rabbii olta’aatu isaanii fi samii dachii uumee. Garuu isaan shakkii tokko malee haqatti dhugaan hin amanan. 

Erga Kan isaan uume Rabbii Olta’aa ta’e, Isaaf ajajamuu, wanta Inni dhoowwe dhiisu fi Guyyaa Murtiitti amanuun isaan irra jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akkanumatti taphaaf isaan hin uumne. Guyyaa Qiyaamaa lamuu isaan deebisuun wanta hojjataa turaniif isaan gaafata. Warroonni Qiyaamaatti hin amanne, uumama ofii dagatanii lafee erga bututtee eenyutu deebisa jedhu. Akkuma armaan olitti ilaalle, jalqaba miciree irratti lafee wanta jedhamu qaama miciree keessa hin jiru. Qaama miciree keessatti lafee kana kan uumee Rabbii olta’aadha. Kanaafu, lafee kana jalqaba kan uumee lamuu erga bututtee deebisuun itti ulfaataa?

“Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa? Eeyyen [walitti ni qabna]. Fiixee qubbiin isaatu akka turanitti deebifnee sirreessu irratti Danda’oodha. Dhugumatti, namni fuundura isaa (Qiyaamaa) sobsiisu fedha. “Guyyaan Qiyaamaa yoomi?” jedhee gaafata. [Guyyaan suni] yeroo ijji dhamaatudha. Yeroo jiiyni ifa dhabuudha. Aduu fi jiiynis walitti qabamaniidha. Guyyaa san namni “Bakki itti baqatan eessa?” jedha. Lakki! Iddoon baqaa hin jiru. Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti. Namni Guyyaa san wanti inni hojjatee fi dhiise itti himama. Dhugumatti namni of irratti ragaa bahaadha. Odoma rakkoo adda addaa dhiyeefateyyuu.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:3-15

Aayan shanaffaan hiika kanas ni qabdi, “Namni badii hojjachuu itti fufu barbaada.” Badii fi fedhii lubbuu isaa hordofuu itti fufuuf Qiyaamaa kijibsiisa. Badii isaa irraa buqqa’uu hin barbaadu. Guyyaan Qiyaamaa yoomi jedhee gaafata. …. “Namni Guyyaa san wanti inni hojjatee fi dhiise itti himama.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa wanti gaarii fi badaan, xiqqaa fi guddaan inni hojjate hundi itti himama. Wanta isarratti dirqama ta’e osoo hin hojjatin dhiise itti himama. Fakkeenyaf, kan akka salaata, zakaa fi kkf.  

“Dhugumatti namni of irratti ragaa bahaadha.” Namni ofirratti ragaa bahaa fi wanta hojjataa ture kan beekudha. Galmeen hojii isaa akkana jedhamuun isaaf kennama:

17:14

“Kitaaba kee dubbisi. Har’a ati mataan kee of irratti herregaa ta’uuf gahaadha.” Suuratu Al-Israa 17:14

Kitaabni kuni kitaabaa hojiin inni hojjataa ture itti galmaa’edha. Gonkumaa wanta achi keessa jiru mormu hin danda’u.


[1] THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY KEITH L. MOORE, PERSAUD fuula 78-79, 10th Edition
[2] Larsen’s Human Embryology
[3] THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY KEITH L. MOORE, PERSAUD fuula 82-83, 10th Edition
[4] https://opentextbc.ca/anatomyandphysiology/chapter/6-4-bone-formation-and-development/
[5] Human development as described in the Qur’an and sunnaah
http://droualb.faculty.mjc.edu/Lecture%20Notes/Unit%202/bone_development_with%20figures.htm
Tafsiir Sa’diyy-fuula 963 fi kitaabban tafsiira biroo

Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 7
Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 5
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply