Tawbaa-Kutaa 1ffaa

Offline dubbisuf

Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

Qulqullinnaa fi Najaasaa, Kabajaa fi Salphinna

Jireenya keessatti namoonni sababa adda addaa irraa kan ka’e rakkinnaa fi dhiphinna keessa jiraatu. Namoonni gariin sababa kana beekun furmaata barbaadatu. Gariin immoo akkasumatti haaluma keessa jiran itti fufu. Sababoota rakkinnaa fi dhiphinna namatti fidan keessaa guddaan badii hojjachuudha. Badii kana irraa qulqulla’anii jireenya gammachuu jiraachuuf furmaanni guddaan tawbaadha. In sha Allah torbiiwwan muraasaaf waa’ee tawbaa ni ilaalla. Mee har’a osoo tawbatti hin seenin, Qulqullinnaa fi najaasan, kabajaa fi salphinni maal akka ta’an haa ilaallu.

Qulqullinna (Xahaarah), najaasaa, najisa

Akkuma bishaan najaasa ijaan mul’atu qulqulleessu, tawbaanis najaasa ijaan hin mul’anne kan qulqulleessudha. Qulqulinnaa (xahaaraa) fi najaasaa maal akka ta’e beekun, salphatti akka tawbatan nama gargaara. Namni najaasaa akka qulqullinnaatti yoo ilaale tawbachuun itti ulfaata. Kanaafu, mee hiika fi maalummaa jechoota kanniin haa qo’annu.

Qulqullinna (Xahaaraa) jechuun- wanta xurii ta’ee, jibbisisaa fi nama miidhu ofirraa oofu ykn deemsisuudha. Ishiin qulqullinna eeggatti yommuu jennu xurii fi wanta jibbisisaa ofirraa kaasti jechuu keenya. Qulqullinni bakka lamatti qoodama.
1ffaa- Qulqulinna wanta ijaan mul’atu- kuni xahaaraa ifaa ijaan mul’atu fi qaamolee miiratin hubachuu danda’aniidha. Fakkeenyaf, bishaan yoo homaa itti hin makamiin qulqullinna qaba jenna.
2ffaa- Qulqullinna Keessaa- kuni keessa namaati fi qalbiin kan wal qabatuudha. Yoo namni waan badaa yaadu fi hojjachuu dhiise, “qalbiin isaa qulqulluudha” jedhama.

Najaasaa yommuu jennu immoo mataa isaatiin wanta qulqulluu hin taane, badaa fi nama miidhu danda’uudha. Najaasanis bakka lamatti qoodama. Isaaniis, najaasaa ijaan mul’atu kan qaama fi uffata namaa tuqu. Fakkeenyaf, fincaan, sagaraa fi kkf najaasadha. 2ffaa- najaasaa keessaa ijaan hin mul’anne kan qalbii fi sammuu namaa tuquudha. Fakkeenyaf, shirkii, yaada badaa, dilii (cubbuu) garagaraati.

Najisa jechuun immoo wanta najaasaadhaan faalameedha.

Mee wantoota armaan olii sadan fakkeenyaan haa ilaallu.
Bishaan uumamaan qulqulluu (xahaara)dha. Yommuu fincaaniin walitti makamu najisa ta’a. Asitti fincaan najaasadha. Bishaan erga fincaaniin walitti makame booda najisa jedhama.

Haaluma kanaan, namni yommuu dhalatu qalbii fi sammuun isaa qulqulluu ta’ee dhalata. Yommuu amantii fi yaanni badaan sammuu fi qalbii isaa keessa seenu najisa ta’a. Haalli, amallii fi adeemsi isaa kan bade ta’a. Kanaafi, kaafirri nafseen isaa kufriin waan xurooftef najisa taati. Garuu qaamni isaa yoo najaasan ijaan mul’atu isa hin tuqin qulqulluudha.

Mu’mini immoo hojii badaa yoo hojjate, mutanajjis (nama qulqullu najaasan tuqe) ta’aa malee, akka kaafiraa guutumaan guututti najisa hin ta’u. Fakkeenyaf mu’minni zinaa yoo raawwate, najaasan isa tuqee jechuudha. Kanaafu, najaasa kana tawbaa, istighfaara fi hojii gaggaariin ofirraa qulqulleessuf tattaafachu qaba. Yoo akkana godhe, gara qulqullumaatti ni deebi’a.

Jechi biraa hiika najaasatti dhiyaatu jecha “rijs” jedhuudha. Jechi Rijs jedhu Qur’aana keessatti irra deddeebi’ame ni dubbatama. Rijs jechuun wanta fokkuu, shirkii, taabota gabbaruu, adabbii, kufrii fi kkf. Yommuu namni wanta fokkuu hojjatu, rajis (gadhee) jedhama.

Namni yommuu najaasan ijaan mul’atu isa tuqu bishaan qulqulluun of dhiqa. San booda nama qulqulluu ta’a. Haaluma kanaan qalbii namaa yommuu najaasan cubbuu/badii tuqu, tawbaa, istighfaara fi hojii gaggaariin qulqulleessan. Ta’uu baannan, badiin qalbii isaa haguugun jireenya keessatti dukkanni fi adabbiin akka isatti bu’u sababa ta’a. Seenaa keessatti ummanni Luux badii guddaa hojjachuun beekkamu. Nabii Luux (AS) fi maatiin isaa namoota badii irraa of qulqulleessaniidha. Qur’aanni seenaa isaanii akkana jechuun nutti hima:

Luuxinis yommuu ummata isaatiin jedhe [yaadadhu]: “Sila isin badii fokkataa addunyaa irraa eenyullee isin hin dursin raawwattuu? Dhugumatti isin fedhii saalaatiif jecha dubartii dhiistanii dhiiratti dhuftuu! Dhugumatti isin ummata daangaa darboodha. Deebiin ummata isaas, “Magaalaa keessan keessaa isaan baasaa; dhugumatti isaan namoota of-qulqulleessaniidha.” jechuu malee homaa hin turre. Isaa fi maatii isaa [adabbii jalaa] ni baraarre. Garuu niitin isaa warra [adabbii keessatti hafan] keessaa taate.” Suuratu Al-A’raaf 7:81-83

Ummanni Luuxi badii eenyullee isaan hin dursin hojjataa waan turaniif addunyaa irraa dugugamanii badan. Niitin Nabii Luux ummatatti wanta badaa akka hojjatan waan akeeka turteef ishiinis isaan waliin badde. Garuu Luuxi fi maatiin isaa hafan, namoota badii irraa of-qulqulleessan waan turaniif adabbii cimaa jalaa ni baraaraman. Haaluma kanaan, seerri Rabbii kan hin jijjiramne waan ta’ef, Rabbiin Olta’aan namoota badii irraa of qulqulleessan addunyaa fi Aakhiratti azaaba (adabbii cimaa) irraa ni baraara ykn nagaha baasa.

10:103

Ergasii, Ergamtootaa Keenyaa fi kanneen amanan nagaha baafna (ni baraarra). Akka kanatti mu’mintoota (warroota amanan) nagaha baasun Nu irratti haqa. ” Suuratu Yuunus 10:103

Najaasan gurguddaan namni irraa fagaachu qabuu fi yoo najaasan kuni isa tuqe dafee kan ofirraa qulqulleessu qabu, kanneen armaan gadiiti. Najaasan kanniini kabaa’ira zunuub (Badii gurguddaa) jennaan.
Najaasaan kunniin sadarkaadhaan wal caalu. Najaasaan hundarra badaan shirkii, kufrii fi nifaaqa. Shirkii jechuun Rabbiin waliin waan biraa gabbaruudha. Fkn, Nabiyyoota, Malaykota fi kkf gabbaru (waaqefachuu). Kufrii jechuun haqa mormuu, itti amanuu diduu fi irratti of tooludha. Nifaaqa jechuun waan badaa ykn kufrii of keessatti dhoksuun waan gaarii ykn Islaama mul’isuudha.

Kabaa’ira Zunuub (Badii Gurguddaa)

1-Rabbitti kafaruu fi Isatti waa qindeessu-kufrii fi shirkii
2-Lubbuu namaa haqa malee ajjeesu
3-Sihrii (falfala)
4-Salaata dhiisu
5-Zakaa dhoowwachuu
6- Osoo danda’uu hajjii dhiisu
7-Uquuqul waalidayn (haadha abbaaf tola oolu diduu fi isaan miidhu)
8-Ribaa (dhala) nyaachu
9- Qabeenya yatiima haqa malee nyaachu
10-Rabbii fi Ergamaa Isaa (SAW) irratti kijiba dubbachuu
11- Ramadaana uzrii ykn hayyama tokko malee hiiku
12-Dirree waraanatti yommuu diinatti dhiyaatan waraana irraa dheessu
13-Zinaa (Sagaagalummaa) raawwachuu
14-Hogganaan namoota isa jalatti bulan gowwoomsu, cunqursuu, isaan miidhu
15-Khamrii (alkooli) dhuguu, osoo nama macheessu baateyyu. Fkn, biiraa dhuguun badii guddaadha.
16-Boonu, of-dhaadachuu, Of tuuluu fi of dinqisiifachuu
17- Ragaa sobaa bahuu
18- Saalli wal fakkaatu lama wal-qunnamti saalaa raawwachu (homosexuality). Fkn, dhiiraa fi dhiira
19-Dubartoota qulqulluu zinaan maqaa xureessu
20- Qabeenya booji’ame, Baytul Maali fi zakaa irraa dhoksaan hatu- Baytul maal-Mana qabeenyi hawaasaa itti kuufamu
21- Qabeenya namootaa kijibaan fudhachuun zulmii (miidhaa) hojjachuu
22- Hanna
23- Karaa muruu- kana jechuun shiftaa ta’uun namoota karaa deeman irraa qabeenya isaanii saamu ykn isaan ajjeesu
24- Sobaan kakachuu


25- Dubbii isaa caalaa keessatti kijiba baay’isuu
26- Nafsee ofii galaafachuu (ajjeesu)- Badii hundarra gurguddaa keessaa tokko
27- Abbaa murtii badaa
28-Haadha warraa irratti kan hin hinaafne- badii akka zinaa haati manaa yommuu raawwattu akka gaaritti ilaalun cal’isuu
29- Dubartiin dhiira of fakkeessu, dhiirri dubartii of fakkeessu
30- Muhallil wa muhallil lahu
31-Rakkoo ykn uzrii tokko malee baktii, dhiigaa fi foon booyye nyaachu
32-Fincaan irraa of qulqulleessu dhiisu
33-Gibira sassabuu
34-Ar-Riyaa (na argaa)
35- Khiyaanah (ganuu)
36- Addunyaa argachuuf qofa jedhanii beekumsa amantii barachuu fi beekumsa dhoksuu
37-Mannaan (tola namaaf oolan namatti lakkaa’un of dhaadachuu)
38- Qadara kijibsiisuu
39- Wanta namoonni dhoksaan haasawanii fi namni biraa akka beeku hin barbaanne, osoo isaan hin beekin suuta dhageefachu. Fkn, mana isaanii jala taa’un wanta isaan dubbatan gurratti guuru.
40- Abaarsa baay’isuu
41-Amiira (hogganaa) ofii ganuu
42- Raagdu fi urjii ilaalun nama wanta fagootti adeemsifamu dubbatu dhugoomsu
43- Dubartiin abbaa manaa ishii irratti finciluu (nushuuz)
44- Rahimummaa kutuu
45- Uffataa, dhaaba manaa fi kkf irratti suuraa ruuhii (lubbuu) qabu kaasu
46- Namoota wal lolchisiisuuf dubbii oli gadii oofu (namiimah)
47- Yeroo firri du’u dubartiin mardoo buusun garmalee iyyitee booyu fi boqoo ofii rukutu
48-Sanyii namaa maqaa badaan tuquu
49- Baghiy (daangaa darbuu)


50-Seeyfin bahuu fi namoota shirkii fi kufrii gaditti badii gurguddaa hojjatan kaafira jechuun labsuu-Kana jechuun Muslimootatti duulu fi kaafira isaaniin jechuu
51-Muslimoota rakkisuu fi isaan arrabsuu
52- Awliyaa’ota Rabbii rakkisuu fi isaanitti diina ta’uu- Awliyaa’ota jechuun warroota dhugaan amananii, wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisaniidha.
53-Surree lafarra harkisuu
54- Dhiirri hariira fi warqii uffachuu fi dirachuu
55-Gabrichi bulchaa isaa jalaa sokkuu, ilmii abbaa isaa jalaa sokkuu fi kkf
56- Rabbiin ala wanta biraatif qaluu
57- Mallattoo ykn daangaa lafaa jijjiruu- daangaa lafaa dhiibuu
58- Sahaabota arrabsuu
60- Gara jallinna namoota waamu ykn karaa (sunnaah) badaa namootaf baasu
61- Rifeensa mataatti rifeensa artifishaali qabsiisu, ilkaan jidduu babal’isuu fi niqisaata hojjachuu fi hojjachifachuu
62- Sibilaan obboleessa isaatti aggaamachuu
63-Abbaa isaa malee nama biraa akka abbaatti waamachuu
64-Waa alaamefachuun milkii ilaallachuu- Fkn, sinbiroon gara mirgaatin yoo dabarte, waan gaaritu na qunnama; gara bitaatiin yoo dabarte immoo waan badaatu na qunnama jedhanii yaadu.
65-Meeshaa warqii fi meetii irraa hojjatamee keessatti dhuguu
66- Mormii baay’isuu- sobaan mormuu, nama yakka hojjate “Inni kana hin hojjanne” jedhanii mormuufi, amantii keessatti beekumsa malee falmuu
67- Safaraa fi madaala keessatti hanga hir’isuu
68-Tooftaa Rabbii irraa nageenyi namatti dhagahamuu
69- Rahmata Rabbii irraa abdii kutuu fi garaa murachuu
70- Kan tola namatti oole tola isaa waakkachuu- homaa naaf hin goone jechuun tola isaa waakkachuu
71-Qumaari taphachuu
72- Al-Masjidul Haraam keessatti jallinna fi badii hojjachuu
73- Uzrii tokko malee jum’aa dhiisun adda salaatu
74- Muslimoota basaasuu fi hanqinna dhoksaa isaanii ifatti baasu

Badiwwan gurguddaan lakkoofsan hangana jedhanii murteessun ni ulfaata. Kanneen armaan olii badii gurguddaa hangafoota ta’an hayyoonni Islaamaa Qur’aanaa fi hadiisa keessaa walitti qabaniidha. Garuu hiika badii gurguddaa beekun salphatti badii gurguddaa fi xixiqaa akka addaan baafatan nama taasisa. Badii gurguddaa yommuu jennu badii addunyaa tana keessatti adabbii seera Islaamaa (haddii) nama adabsiisu, fakkeenyaf, kan akka zinaa, ajjeechaa fi kkf. Yookiin Aakhiratti adabbii fi dallansuun kan waadaa galame ykn iimaana namaa kan diigu. Yookiin nama badii san hojjatu Ergamaan Rabbii (SAW) kan abaaran. Najaasa gurguddaa kanaa gaditti badiin xixiqooleen ni jiru. Garuu badii xixiqoolee kanniin irra deddeebi’anii yoo hojjatanii fi yoo irraa tawbatu dhiisan, gara badii guddaatti nama geessa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) nama badii gurguddaa irraa fagaate, badii xixiqoolee akka araaramuuf waadaa galee jira:

4:31

Badii Gurguddaa irraa dhoowwamtan yoo irraa fagaattan, badiwwan [xixiqoo] keessan isin irraa haaqnee seensa kabajaa (Jannata) isin seensifna.” Suuratu An-Nisaa 4:31

Namni badii gurguddaa armaan olii keessatti yoo kufe, adabbii cimaaf saaxilamu danda’a. Kanaafu, karaan hundarra gaariin adabbi cimaa jalaa itti bahan tawbaadha. In sha Allah, kutaa itti aanu keessatti waa’ee tawbaa ni ilaalla.

Guduunfaa
➥Namni jireenya keessatti gammachuu barbaadu akkuma qaamaa fi uffata ofii najaasaa irraa eegu qalbii fi sammuu ofii najaasa irraa eegu qaba.
➥Najaasan bakka lamatti qoodama.Isaaniis:1ffaa-Najaasaa ijaan mul’atu.Fkn, fincaan, sagaraa fi kkf. 2ffaa-Nijaasaa keessaa (spiritual impurity) ykn najaasaa ijaan hin mul’anne. Fkn, shirkii, kufrii, nifaaqa, badii gurguddaa fi xixiqaa kanaa gadi jiran. Najaasan kunniin qalbii fi sammuu namaa faalun nafsee namaa najisa taasisu.
➥Najaasan kunniin qalbii irra yoo bu’ee fi dafanii yoo hin qulqulleessin, qalbii haguugun haqa akka hin argine nama taasisa.
Abu Hureyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Yommuu namni dhugaan amane badii hojjatu, tuqaan gurraattin qalbii isaa irratti ni mul’atti. Yoo tawbatee badii san dhiisee fi Rabbiin irraa araarama kadhate, qalbiin isaa ni qulqulloofti. Garuu badii hojjachuu yoo itti fufe, tuqaan gurraattin ni dabalti. Suni “Raana” Rabbiin Kitaaba Isaa keessatti dubbateedha: “Haa dhorgaman! Dhugumatti Wanti hojjataa turan qalbii isaanii haguuge.” Suuratu Muxafifin 83:14 (Sunan Ibn Maajah 4244)
Raana jechuun badiin badii irratti dabalamuun qalbii namaa haguugu fi gurraachessudha.
➥ Namni badii irraa yoo qulqullaa’e kabajaa argata. Yoo badii irraa of qulqulleessu dhiise immoo ni salphata. Qur’aana keessatti:

Namni ishii(nafsee ofii badii irraa) qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.
Kan ishii (nafsee ofii badiin) xureesse dhugumatti hoonga’e.” Suura Ash-Shams 91:9-10
Namni baditti erga taree booda hojii gaggaarii hojjachuu fi tawbaan of qulqulleessee nama milkaa’u fi gammadu ta’uu danda’a. In sha Allaah akkaataa itti tawbatanii fi wantoota tawbaa irratti nama gargaaran walumaan ilaalla.


Kitaabban Wabii
Ibtilaa’ul Iraadati bil Iimaani wal-Islaami wal-Ibaadati– Fuula 121-144, Abdurahman Hanbakah
Kabaa’ir– Imaamu Zahabi

Tawbah-Kutaa 2ffaa
Sharrii Ittisuu fi Gaarii Argachuuf
Offline dubbisuf

Leave a Reply