Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 7

Offline dubbisuf

Marsaa Uumama Namaa 5ffaa: Nasha’ah-The Fetal Period
Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu). Haala uumama keenya osoo ilaallu kunoo marsaa dhumaa irra geenye jirra. Uumamni namaa uumama nama ajaa’ibsiisuu fi mallatooleen baay’een keessa jiraniidha. Namni uumama ofii sirriitti yoo itti xinxalle, sababni inni Khaaliqa isa uumee itti faallessuu fi ajajamuufi didu hin qabu. Marsaa kana hunda keessa darbuun nama guutuu kan ta’e mataa ofiitiini miti.

Marsaan miciree torbaan 8 haguuga. Torbaan saddeet booda marsaan jiru marsaa ulfaa (fetus) ta’a. marsaa kana keessatti qaamoleen marsaa miciree keessatti biqiluu jalqaban uumama isaanii guuttachuun ulfi boca nama qabata. Garuu torbaan saddeet dura miciree namaatii fi miciree beelladota biro addaan baasun ni ulfaata. Bocaan waan wal fakkaataniif. Torbaan 9ffaa irraa eegalee marsaan jiru marsaa nasha’ah ti. Nasha’ah jechuun guddachuu, dagaaguu. Ansha’a jechuun immoo argamsiisu, uumuu, guddisuu ykn wanta tokko godhuu/hojjachuudha. Nasha’ah fi ansha’a jechoota hundee tokkorraa horsifamaniidha. Marsaan Nasha’ah Qur’aana keessatti akkana jechuun dubbatame,

Sana booda uumama biraa isa goone (ansha’anaahu). Rabbii uumtota hunda caale tolti Isaa baay’atte.” Suuratu Al-Mu’iminuun 23:12-14

Warroonni Qur’aana ibsan keeyyata armaan olii irraa kana hubatan:
a-Ulfi uumama dubbachuu, dhagahuu fi arguu danda’utti guddachuu
b- Ulfatti ruuhii afuufu[1].

Kanaafu, marsaa nasha’atti ulfatti ruuhiin ni afuufama. Kutaaleen qaamaa ni dagaagu;hojii isaaniif maluu hojjachuu ni jalqabu, bakka isaanii qabachuun ni sirreefamu (ta’adiil). Mataan guddaa ture ni xiqqaata, gurri bakka isaa qabata, qaamni ni diriira.

Wanti marsaa kanarraa hubannu, micireen namaa kuni ruuhin itti afuufamuun dura akka biqiltuu ruuhii kan hin qabne ture. Fakkii armaan gadii irraa marsaa mudghaatti yommuu ilaallu wanta akka muraa foonii malee homaa hin arginu. Kutaalee qaamaa guddisuun ruuhii itti afufuun mallattoo guddaa Dandeettii fi Tokkichummaa Rabbii olta’aa agarsiisuudha. Waa’ee ruuhi Rabbiin malee namni kamiyyuu hin beeku:

17:85

Waa’ee ruuhi si gaafatu; jedhi, “Ruuhin dhimma (amrii) Gooftaa kiyyaati. Beekumsa irraa waan xiqqoo malee isiniif hin kennamne.” Suuratu Al-Israa 17:85

Mee amma marsaalee uumama keenyaa nuxfaa (copha) irraa jalqabuun hanga nasha’ah fakkiin haa ilaallu, ergasii itti haa xinxallinu:

Marsaa 3ffaa:Mudghah

Marsaa 4ffaa: Lafee uumuu fi foon uwwisuu


Marsaa 5ffaa: gara uumama namaatti guddisuu fi sirreessun daa’ima godhee baasu (Nasha’ah)

Rabbii uumtota hunda caale tolti Isaa baay’atte

Rabbiin Keenya akkana jedha:

Yaa ilma namaa! Gooftaa kee Kan Arjaa ta’e ilaalchisee maaltu si gowwoomse? Kan si uumee, ergasii si guutee si sirreesse. Boca fedhe keessatti walitti si qabe [sanarraa maaltu si gowwoomse]? Dhorgamaa! Dhugumatti Guyyaa Murtii ni sobsiiftu. Dhugumatti, isin irra eegdotatu jira. Kabajamoo barreessitoota ta’an. Wanta isin hojjattan hunda ni beeku. Dhugumatti warri toltu hojjatan qananii keessa jiraatu. Warrii hamtuu hojjatan immoo Ibidda Jahannam keessa jiraatu. Guyyaa murtii ishii ni seenu. Isaan ishii irraa hin fagaatan.” Suuratu Al-Infixaar 82:6-16

“Yaa ilma namaa! Gooftaa kee Kan Arjaa ta’e ilaalchisee maaltu si gowwoomse?” Kana jechuun yaa ilma namaa hanga Gooftaa kee Arjaa ta’etti kafartu geessutti maaltu si gowwoomsee soba (baaxila) siif miidhagsee?[2] Maaltu si gowwoomsee haqa dhiiftee baaxila akka dharraatu si taasisee? Baaxilli kunis, Gooftaa keetitti kafaruu, karaa Ergamtootaatin wanta Isa biraa dhufeetti kafaruu fi Guyyaa Murtii kijibsiisuudha[3]. Wanta dirqama sirratti taasise akka dhiistu fi Gooftaa arjaa kee faallessun maaltu badii akka hojjattu si gowwoomsee?

Yommuu namni tokko sitti arjoomu, isa galateefatta moo amala badaa isatti agarsiistaa? Yaa ilma namaa Gooftaan kee kennaa lakkaawame hin dhumne siif kenne. Kanaafu, kennaan kuni hundi akka isaaf ajajamtuu fi Isa faallessu irraa akka qaanoftu kan si taasisuu ta’uu hin qabuu?.  “Kan si uumee, ergasii si guutee si sirreesse.” Yaa nama! Gooftaa si uumee fi dhabama irraa si argamsiseetti akka kafartuu fi Isa faallessitu kan si gowwoomse maaliidhaa?  Kutaalee qaamaa kee Kan siif guutee fi sirreesse Gooftaa keeti. Kanaafu, wanta Inni itti si ajajee akka hin hojjanne fi wanta Inni irraa si dhoowwe akka hojjattu kan si taasisee maaliidhaa? “Boca fedhe keessatti walitti si qabe” Gooftaan kee osoo fedhe boca beelladaa ykn bineensaa irratti si uumuu danda’a. Garuu rahmata Isaatin boca bareedaa namaa kanarratti si uumee. Rabbiin olta’aan ni jedha:

95:4

Dhugumatti nama dhaabbi irra gaarii ta’ee keessatti isa uumnee jirra.” Suuratu At-Tiin 95:4

Dhaabbanni fi bocni qaama nama dhaabbataa fi boca beelladootaa fi bineensota biro irraa adda kan ta’eedha. Kanaafu, Gooftaa bocaa fi dhaabbata kee akkanatti miidhagsee irraa akka garagaltu kan si taasise maaliidhaa?

“Dhorgamaa! Dhugumatti Guyyaa Murtii ni sobsiiftu” Wanta hojjataa turaniif Guyyaa Qiyaamaa qoratamuu fi gaafatamuu soba akka ta’etti yaaddu. Kuni sababa guddaa badii akka hojjattanii fi dirqama keessan akka dagattan kan isin taasisedha. Guyyaa Murtii gara fuunduraatti kan qunnamtan ta’ee osoo jiru kijiba akka ta’etti yaaddu. Wanti jireenya tana keessatti isin hojjatan hundii ni galmaa’a. Wanti baduu fi dagatamu tokkollee hin jiru: “Dhugumatti, isin irra eegdotatu jira. Kabajamoo barreessitoota ta’an. Wanta isin hojjattan hunda ni beeku.” Barreessitoonni ykn galmeessitoonni kunniin Malaykoota namoota waliin deemun isaan ilaalan, wanta isaan hojjatanii fi jedhan hunda kanneen galmeessaniidha[4]. Akkamitti akka barreessan, maal fayyadamanii hojii fi dubbii keenya akka galmeessanii fi galmeen isaan fayyadaman maal akka ta’e beekuuf hin qorannu. Sababni isaas, kuni dhimma geeybi (miiran bira hin gahamne) waan ta’eef akkaataa malaykoonni kana hojjatan nuti beeku hin dandeenyu.

Asitti Malaykoota kanniin Kabajamoo jechuun ibse. Kuni kan agarsiisuu Malaykonni kabajamoon waan nu waliin jiraniif wanta badaa hojjachuu irraa akka qaanofnuu fi naamusa qabaannufi. Namni yommuu nama kabajamaa waliin ta’u of eeggannoo ni taasisa, wanta badaa hojjachuu irraa ni saalfata.

“Dhugumatti warri toltu hojjatan qananii keessa jiraatu.” Warri toltu hojjatan (abraar) warra dhugaan amanan, hojii dirqamaa erga hojjatanii booda hojii gaggaarii dabalataa kanneen hojjatanii fi hojii badaa irraa dhoowwaman erga irraa fagaatanii booda wanta jibbama (makruuh) kanneen dhiisaniidha. Fakkeenyaf, salaata dirqamaa (waajibaa) ni salaatu. Ergasii salaata sunnaah itti aansu. Zakaa ni kennu, ergasii sadaqaa dabalataa ni kennu. Sooma ji’a Ramadaanaa ni soomu. Ergasii sooma dabalataa ni soomu. Haqa haadha abbaa, firaa fi namoota biroo ni eegu. Kanarratti dabalatee, tola dabalataa isaaniif oolu. Warroonni kunniin addunyaa tana keessatti qalbiin isaanii tasgabbaa’un qananii keessa jiraatu. Aakhiratti Jannata qananiin guuttamte keessa seenun qananiin marfamu.

“Warrii hamtuu hojjatan immoo ibidda Jahannam keessa jiraatu.” Warri hamtuu hojjatan (fujjaar) warra badii gurguddaa akka kufrii, shirkii fi kan biro keessatti taraniidha. Akkasumas, warra Khaaliqa isaan uumeef hin ajajamneedha. Warri kuni adabbiin isaanii addunyaa tana keessatti qalbiin isaanii adabbii cimaa keessa jiraachudha. Guyyaa Murtii immoo ibidda Jahannam keessatti gubatu. Gonkuma Jahannam keessaa bahuu fi irraa fagaachu hin danda’an.

Aaya lamaan armaan ilaalchise imaamu ibn Al-Qayyim wanta jedhu qaba: aayan lamaan kunniin qananii fi adabbii cimaa Aakhirah qofarratti waan daangeefaman sitti hin fakkaatin. Kana irra, ganda addunyaa, qabrii keessatti fi ganda yeroo hundaa keessa turan (Aakhirah) kan ofi keessatti qabataniidha. Warri kunniin qananii keessa, warrii biroo immoo adabbii cimaa keessa jiraatu. Qananiin qananii qalbii caalu ni jiraa? Azaabni azaaba qalbii caalu ni jiraa? Azaaba (adabbii) kamtu sodaa, yaaddo, gadda, qomni dhiphachuu, Rabbii fi ganda Aakhirah irraa garagaluu, Rabbiin ala wanta biraatti rarra’u caalu jiraa?[5]

Qananii jechuun wanta nama gammachiisu, mirqaansu fi mi’aa irraa argataniidha. Adabbii (azaaba) jechuun immoo wanta nama dararu, gaddisisuu, miidhaa namarraan gahuu fi nama gubuudha. Kanaafu, namni qananii argachuu fi adabbii irraa baraaramu barbaadu, dhugaan amanuun toltu haa hojjatu, wanta badaa irraa haa fagaatu. wa billahi tawfiiq


Kitaabban wabii:
[1] Human development as described in the Qur’an and sunnaah fuula 94-95
THE DEVELOPING HUMAN CLINICALLY ORIENTED EMBRYOLOGY KEITH L. MOORE, PERSAUD
Tafsiirul Aayaatil Kawniyati Fiil Qur’aanil Kariim jiildi 2ffaa fuula-231, By Zaghluul Najjaar,
[2] Tafsiir Qurxubii 22/122
[3] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 15/79, Abdurahman Hanbak
[4] Sayyid Quxb, Fii Zilaalil Qur’aan, English Translation 18/82
[5] Bidaa’u Tafsiir 3/267, Ibn Al-Qayyiim fi Kitaabban Tafsiira biroo

Uumama namaatti Xinxalluu-Kutaa 1
Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 6
Offline dubbisuf

Leave a Reply