Gaa’ila (Fuudhaa Heeruma) Islaamaa

Waa’ee Gaa’ilaa ilaalchisee barruuleen addaan ciccituun ji’a lamaaf dhiyaataa turan kunoo haala kitaabatin walitti qabamanii jiru.
Jireenya tana keessatti lubbuu qabeenyin yommuu cimdiin walitti dhufan wal horu. Osoo cimdiin kuni jiraachu baate silaa wal hormaanni hin adeemsifamu ture. Dhalli namaa uumamtoota biroo irraa adda ta’uun karaa kabajamaa fi jaallatamaa ta’een akka wal horan Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) seera ka’e. Kuni kan agarsiisu kabaja Rabbiin ilma namaatiif kenneedha. Akka horii walitti dhufuun akkuma argan hin ta’an. Karaan seera-qabeessa isaan walitti dhufan karaa gaa’ilaatin ykn fuudhaa heerumatin. Jechoonni gaa’ila, fuudhaa heeruma, nikaah fi kkf yommuu gurra irra bu’an, dargaggoonni fi shamarran ni mirqaanu. Sababni isaas, fedhii uumamaa keessa isaanii jiru karaa ittiin guuttataniidha. Gaa’illi seera mataa ofii qaba. Akkanumatti lafa olka’anii kan itti deemanii miti. Kitaaba kana keessatti, waa’een gaa’ila (fuudhaa heeruma) Qur’aanaa fi hadiisa wabii godhachuun haala salphaan ibsame jira. Linkii kana tuquun buusu dandeessu: https://sammubani.files.wordpress.com/2019/03/gaaila-islaamaa.pdf

Print Friendly, PDF & Email
Gaa'ila Islaamaa-13.2 (Kutaa Dhumaa)

Leave a Reply