Tawbah-Kutaa 2ffaa

Offline dubbisuf

Jireenya keessatti namni dadhabaa waan ta’eef fedhii isaatiin qoramuun daandii qajeelaa irraa daba. Daandii qajeelaa irraa yommuu dabuu rakkoo baay’een isa muudata. Rakkoolee kanniin keessaa: jireenya keessatti gammachuu fi kabaja dhabuu, sooranni isaa itti dhiphachuu, sodaa fi gaddaan guuttamuudha. Namni daandii haqaa irraa erga jallatee adabbiif of saaxilee booda, karaan adabbii kana jalaa itti bahuu danda’u tawbadha.

Hiikkaa Tawbah fi istighfaara

Jechi Tawbah jedhu jecha taaba jedhu irraa kan horsifameedha. Taaba jechuun “deebi’e” jechuudha.
Akka shari’aatti “Tawbah jechuun ajaja Rabbiitti buluu diduu fi badii hojjachuu irraa gara Isaaf ajajamuu fi qajeelcha Isaa qabachuutti deebi’uudha.[1]

Jechi Istighfaar jedhu maxxantuu isti- fi xumura “ghafara” jedhu irraa kan ijaarrameedha. Maxxantuun “ist-“ jettu hiika “barbaadu, gaafachu, kadhachuu” qabdi. Ghafara jechuun “araarame” jechuudha. Kanaafu, ist- fi ghafar yommuu walitti dhufan hiika “araarama barbaadu” qaba. Kanaafu, Istighfaara jechuun araarama barbaadu ykn kadhachuudha.

Araarama jechuun Rabbiin dogongora namaaf dhoksuu, badii namarraa haaqu fi gara fuunduraatti nama adabu dhiisudha.[2]” Nama du’een “Rabbiin isaaf haa araaramu” yommuu jennu, Rabbiin badii isa irraa haa haaqu, adabbii irraa isa haa baraaru jechaa jirra. Rabbiin rahmata isaaf haa godhu yommuu jennu immoo “Rabbiin adabbii irraa isa baraarun Jannata isa haa qubsiisu” jechuu keenya. Kanaafu, namni Rabbiin irraa araarama barbaadu wantoota sadii barbaadaa jiraa jechuudha. Isaaniis:
Rabbiin badii isaaf dhoksuu, wanta badaa badii san irraa dhalatu isarraa haaqun nama qulqulluu isa taasisu fi Aakhiratti adabbii jalaa isa baraarun Jannata seensisuudha.

Gabaabumatti tawbah jechuun badii irraa buqqa’un gara Rabbii olta’aaf ajajamuutti deebi’uudha. Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha. Namni tokko “Ani tawbadhe” yommuu jedhu hojii fokkuu san dhiisun hojii gaggaarii hojjachuutti qajeele jechuu isaati. Istigfaarri immoo hojii badaa hojjataa turan san Rabbiin akka namaaf dhoksu, qalbii namaatirraa haaqu fi akka nama hin adabne itti warwaachu (garmalee kadhachuu) dha. Allaahumma-ghfirlii (Yaa Rabbii naaf araarami) yommuu jennu “Yaa Rabbii! Badii ykn hanqinna kiyya naaf dhoksi, badii san narraa haaqi, badii saniif na hin adabin” jechaa jirra. Kanaafu, tawbah fi istighfaarri badii namarraa qulqulleessu. Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

4:110

Namni hamtu hojjate yookiin lubbuu ofii miidhee ergasii Rabbiin araarama kadhate, Rabbiin araaramaa, Rahmata godhaa ta’uu arga.” Suura An-Nisaa 4:110

Namni hamtuu namoonni biroo ittiin rakkatan hojjatee yookiin wanta badaa hojjachuun lubbuu ofii miidhee ergasii gara Rabbii isaa deebi’un araarama yoo kadhate, Rabbiin isaaf araarama, rahmata isaaf godha. Kana jechuun hanqinnaa fi wanta fokku badii isaatirraa dhalate ni haaqa, isa hin adabu, gara fuunduraatti wanta gaarii akka qunnamu (milkaa’u) isa taasisa.

Wal fakeenyaa nama tawbatuu fi fakkiiwwan armaan olii jidduu jiru mee haa ilaallu. Fakkii armaan olii keessatti namni jalqabaa xuriidhaan kan faalameedha. Xurii kana ofirraa qulqulleessuf bishaanii fi saamunaa ykn hoomo fayyadamu qaba. Haaluma kanaan, namni badii hojjatus qalbiin isaa xurii badiitin ni faalamti. Kanaafu, badii qalbii isaa xureesse ofirraa qulqulleessuf tawbah fi istighfaara fayyadamu qaba. Ammas, fakkii armaan olii keessatti xuriin kuni uffataa fi qaama isaatirra yoo ture, isa miidha. Dhibeewwanii fi miidhaa garagaraatiif isa saaxila. Kanaafu, namni kuni dhibee fi miidhaaf saaxilamuun dura bishaaniin of qulqulleessu qabaa miti ree? Haaluma kanaan, badii hojjachuu yoo itti fufan, dhibeewwanii fi adabbii garagaraatiif saaxilaman. Kanaafu, dhibee fi adabbii garagaraatiif akka hin saaxilamne, tawbah fi istighfaaran of qulqulleessu qabanii miti ree? Akkasumas, nama xurii ofirraa qabu kanatti namoonni itti dhiyaachu ni jibbu. Garuu yoo of qulqulleesse fi of urgeesse namoonni itti dhiyaatani waliin deemu. Haaluma kanaan, nama badii adda addaa hojjatu namoonni itti dhiyaachu ni jibbu. Garuu yoo tawbah fi istighfaaran of qulqulleesse fi hojii gaggaariin of urgeesse, namoonni ni jaallatu.   

Fakkii armaan olii keessatti nama lammataa yommuu ilaallu, uffanni isaa qulqulluu adiidha. Haaluma kanaan, namni badii irraa yoo qulqullaa’e, qalbiin isaa ni qulqulloofti. Uffanni kuni akkanumatti adii fi qulqulluu ta’ee hin turu. Guyyaa tokko xuriin ni tuqa. Kanaafu, namni qulqullinna uffata kanaa eeguf bishaaniin miicu qabaa miti ree? Haaluma kanaan, qalbiin namaas qulqulluu taate yeroo hundaa hin turtu. Sababa adda addaa irraa kan ka’e, namni badii ni hojjata. Kanaafu, qalbii xuriin badii irra bu’e karaan itti qulqulleessan tawbah fi istighfaara. Ammas, wanti fakkii lammataa armaan olii irraa hubannu, namni kuni akkuma uffanni isaa xuraa’un irra deddeebi’e bishaaniin miica. Tarii guyyaa sadii sadiin ykn torbaan torbaaniin miicu danda’a. Haaluma kanaan, yommuu qalbiin xurii badiitiin faalamtu, irra deddeebi’anii tawbah fi istighfaaran qulqulleessan.

Ammas, wanti guddaan hubannu tokko ni jira. Uffanni yommuu oomishamu qulqulluu ta’ee oomishama. Adeemsa keessa xuriin tuquun xuraa’a. Ergasii bishaaniin miicun qulqullinnatti deebisan. Haaluma kanaan namni yommuu dhalatu “Fixrah” (uumama qulqulluu) irratti dhalata. Uumamni qulqulluun kunis Rabbitti amanuu fi Isaaf ajajamuudha. Qur’aana keessatti:

“Karaa haqaatti dabuun fuula kee amantiif sirreessi. Fixrah Rabbii kan Inni namoota hundaa irratti uume [qabadhaa]. Uumama Rabbii jijjiruun hin jiru. Santu amanti qajeeladha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Ruum 30:30

Adeemsa keessa namni badii hojjachuun qulqullummaa isaa keessaa baha. Kanaafu, gara qulqullummaa isaatti karaan itti deebi’u tawbaah fi istighfaarani. Namni akkuma gara uumama qulqulluutti deebi’uun sadarkaa fi kabajni isaa olka’aa adeema. Faallaa kanaa, akkuma inni uumama qulqulluu irraa dabaa fi fagaataa adeemun, adabbii fi sadarkaa salphinnaatti dhiyaataa adeema.

Faaydaalee Tawbah fi Istighfaara

1-Tasgabbii fi Milkaa’inna argachuu
Akkuma fakkeenya armaan olii keessatti hubachuuf yaalle tawbah fi istighfaarri faaydaa baay’ee qaba. Wanti guddaan ilmi namaa jireenya keessatti barbaadu tasgabbii fi milkaa’inna. Wanta tasgabbii fi milkaa’inna naaf fida jedhe yaadu hunda ni hojjata. Wanta isa dhiphisu irraa immoo ni dheessa. Tarii namni gammachuu yeroo gabaabaa argachuuf baditti kufuu danda’a. Ergasii sababa hojii isaatiin tasgabbii dhaba, halkan hirriba malee bula. Jireenyi isatti hadhoofti. Kanaafu, karaan adabbii kana keessaa bahuun tasgabbii fi milkaa’inna itti argatu tawbah fi istighfaara. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Yaa mu’imintoota! Akka milkooftaniif hundii keessanu gara Rabbii tawbadhaa.” Suuratu an-Nuur 24:31

Yaa warra amantan! Adabbii jalaa bahuu fi wanta gaarii argachuun akka milkooftaniif hundi keessanu tawbadhaa. Kana jechuun dhugaadhaan gara Rabbii deebi’uun araarama kadhaa. Namni hanga fedhe hojii gaarii haa hojjatu hanqinni isa keessatti ni mul’ata. Ammas hanga fedhe hojii badaa irraa haa fagaatu, xiqqaatus guddattus badii ni hojjata. Kanaafu, hojii isaa qofaan milkaa’u waan hin dandeenyef yeroo hundaa tawbah fi istighfaara isa barbaachisa. Yommuu gara Rabbii deebi’uun araarama kadhatu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta hanqate itti guutaaf, dogongora fi hanqinna isaa ni dhoksaaf, adabbii isarraa deebisa, waan gaarii kennaaf. Haala kanaan, gabrichi ni milkaa’a.
Namni gara Rabbii hin deebinee fi araarama hin kadhanne immoo kana hunda dhaba. Adabbii cimaaf of saaxila.  

2-Tawbah fi Istighfaarri karaa humna, qabeenya fi ijoollee itti dabalataniidha
Namni hunda jireenya keessatti humna, qabeenyaa fi ijoolle barbaada. Qaamaa fi sammuun cimaa ta’ee argamuu fedha. Akkasumas, qabeenya baay’ee fi ijoolle gaarii ni hawwa. Ummanni Aad ummata badii akka shirkii hojjachuun beekkamaniidha. Nabiyyiin isaanitti ergamee Huud jedhama. Nabii Huud (AS) badii isaanii kanarraa deebi’un Rabbii Olta’aa araarama akka kadhatan isaan gorse.  Yoo isaan kana godhan, humni akka isaaniif dabaluu fi roobni roobuf isaan gammachiise. Qur’aanni akkana jechuun gorsa isaa nuuf hima:

“Yaa Ummata kiyya Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbadhaa. Bokkaa walitti dhaabbataa godhee isiniif ergaa. Humna keessan irrattis humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa hin garagalinaa.” (Suuratu Huud 11:52)

Ammas, Nabii Nuuh (AS) ummata isaa akka tawbatanii fi araarama kadhatan gorse. Bu’aa kanarraa argataniis ni himeef. Barnootaa fi gorsa akka nuuf ta’uu Qur’aanni akkana jechuun seenaa isaa nuuf hima:

Gooftaa keessan araarama kadhaa; dhugumatti Inni Akkaan Araaramaadhaa” jedheen. Rooba baay’ee deddebi’aa isin irratti erga. Qabeenyaa fi ilmaanis isiniif dabala. Ashaakiltii isiniif godha; laggeenis isiniif taasisa. Maaltu isiniif jiraayyi Guddinna Rabbii hin sodaannee? Dhugumatti marsaa marsaan isin uumee jira.”  Suuratu Nuuh 71:10-14

Ummanni Nuuh ummata Rabbii Guddaa isaan uumee dhiisanii taabota gabbaraniidha. Rabbii guddaa dhiisanii dhagaa gabbaruun immoo uumama qulqulluu (fixrah) keessaa nama baasun salphattoota keessaa akka ta’an nama taasisa. Nabii Nuuh isaaniif mararfachuu fi adabbii jalaa akka bahaniif “Badii hojjattan irraa buqqa’atii gara Gooftaa keessanii deebi’uun araarama kadhaa, dhugumatti Gooftaan keessan nama gara Isaatti deebi’ee fi araarama kadhateef baay’isee fi yeroo hundaa Kan araaramuudha.” jedheen. Tawbachuu fi araarama kadhachuun adabbiin akka namarraa deebi’uu fi waan gaariin akka namaaf dhufu sababa waan ta’eef, Nabii Nuuh waan gaariin isaan gammachiise. “Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rooba baay’ee wal duraa duuban isiniif roobsa. Qabeenyaa fi ilmaanis isiniif dabala. Ashaakilti kuduraa fi muduraa qabuu isiniif godha. Laggeenis isiniif taasisa.” jedheen

Dhugumatti kuni seera Rabbii hin jijjiramneedha. Namoonni yommuu badii hojjatan karaa adda addaatin isaan adaba. Fakkeenyaaf, hoongee itti buusa. Yeroo hoonge namoonni gara Rabbii deebi’uun Isa kadhatu. Ergasii rahmata Isaatiin isaaniif ni roobsa.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Nabiyyiin namoota hundatti akkana jechuun akka labsuu ajaja:

Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa. Dhugumatti ani Isa irraa akeekachiisaa fi gammachiisaadha. Gooftaa keessanis araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbadhaa. Inni hanga beellama beekkameetti qananii bareedaa isin qananiisa. Abbootaa tolaa hundaaf tola (mindaa) isaa ni kennaaf. Yoo garagalan, ani adabbii Guyyaa Guddaa isin irratti sodaadha.” Suuratu Huud 11:2-3

Amantii guutuu Rabbiif qulqulleessaa, wanta biraa Isa waliin hin gabbarinaa. Ani (Nabii Muhammad (SAW)) Rabbiin irraa akeekachiisaadha. Kana jechuun nama badii hojjatuuf adabbii cimaa irraa isa akeekachisa. Akkasumas, ani “gammachiisaadha” Kana jechuun namoota Rabbiif ajajaman addunyaa fi aakhiratti mindaan gaariin akka isaaniif jiru nan gammachiisa. Badii hojjattaniif Rabbiin araarama kadhaa, umrii hafe keessan keessattis wanta Inni jibbuu irraa gara wanta Inni jaallatutti deebi’aa. Hanga beellama beekkamaatti (du’aatti) qananii bareedaa isin qananiisa. “Abbootaa tolaa hundaaf tola (mindaa) isaa ni kennaaf.” Kana jechuun namoota tola hojjataniif tola Isaa irraa akka mindaatti wanta isaan jaallatan ni kennaaf, wanta isaan jibban isaan irraa deebisa. Yoo wanta ani itti isin waamu fudhachuu diddanii irraa garagaltan adabbii Guyyaa Guddaa isiniif sodaadha. Guyyaan Guddaan kunis guyyaa Qiyaamaa ilmaan namaa guutuun walitti qabamaniidha. Guyyaa san adabbii jalaa kan bahuu nama Rabbiif ajajamaa fi araaramaa Isa kadhataa tureedha. Sababni isaas, tawbachuu fi araarama kadhachuun adabbii gara fuunduraatti nama qunnamu jalaa akka bahan nama taasisa. Faaydaleen tawbah fi istighfaara itti fufa

Guduunfaa
➦Tawbah jechuun badii irraa buqqa’uu fi gaabbuun gara Rabbiif ajajamuutti deebi’uudha.
➦Istighfaara jechuun Rabbiin araarama kadhachuudha.
Araarama jechuun Rabbiin dogongora namaaf dhoksuu, badii namarraa haaqu fi gara fuunduraatti nama adabu dhiisudha.
➦ Namni Rabbiin irraa araarama kadhatu, Rabbiin badii isaa akka haguuguuf, wanta badaa badii san irraa dhalatu akka isarraa haaqu fi gara fuunduraatti akka isa hin adabne Isatti warwaata.
➦ Badii hojjachuun keessa namaa jeeqa, jireenya namatti dhiphisa, salphinnii fi gaddi akka namatti dhagahamu nama taasisa. Yoo badii hojjachuu itti fufan, gara fuunduraatti adabbii cimaaf nama saaxila.
➦ Kanaafu, kana hunda ofirraa kaasu fi adabbii ofirraa deebisuuf karaan tokkichi tawbaah fi istighfaara. Kana jechuun badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’anii araarama kadhachuudha.
➦ Jireenya tana keessatti qananiin guddaan namni yeroo hundaa tawbatuu fi araarama kadhatu argatuu, qalbii isaa keessatti tasgabbii argachuu, wanta darbeef gadduu fi wanta dhufuuf sodaachun isarraa ka’uudha.


Kitaabban Wabii
[1] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a.” (Fuula 600, Abdullahi ibn AbdulHamid Al-Asariyyi,)
[2] Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi jildii 2 fuula 1312
Al-Akhlaaqu Islaamiyyat wa ususuhaa– Jiildi 1 fuula 681-… Abdurahman Hanbakah
Tafsiir Qurxubuu, Tafsiir Sa’diyy fi kanneen biroo

Tawbah-Kutaa 3ffaa
Tawbaa-Kutaa 1ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply